Faarfannaa 25
Mallattoo Duuka Buutuu
1. Warri taanee Kiristiiyaanaa
Seera abboomamnuuf qabnaa.
Seerri kun hundarra ni caalaa;
Kiristos qaba jaalalaa.
Nuyis ni deemna karaasaarraa;
Lubbuusaa aarsaa godheeraa.
Fakkeenya hordofnu nuu kaa’eeraa;
Bartoota isaa taaneerraa.
2. Jaalalli hin kufu tasumaa
Warra dadhaboodhaaf dhimma.
Jaalala argisiisuu qabna,
Tajaajilatti bobbaanaa.
Jaalalli kun baay’ee addadhaa
Halagaallee tokko godhaa.
Akka wal jaallannu hin shakkinuu;
Kanumaan itti haa fufnuu.
(Dabalataan Rom. 13:8; 1 Qor. 13:8; Yaq. 2:8; 1 Yoh. 4:10, 11 ilaali.)