Homtinuu Ulfina Argachuu Isin Hin Dhowwin
“Kan gad of deebisu garuu, ulfina in argata.”—FAK. 29:23.
1, 2. (a) Jechi “ulfina” jedhu afaan isa jalqabaatiin hiika akkamii qaba? (b) Mataduree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa qorra?
JECHA “ulfina” jedhu ennaa dhageessu maaltu gara sammuukeetti dhufa? Bareedina uumamaa isa dinqisiisaa taʼedhaa? (Far. 19:1) Moo galataafi ulfina ilmaan namootaa qabeenya, ogummaa ykn milkaaʼina adda taʼe qabaniif kennamudha? Caaffata Qulqullaaʼoo keessatti jechi afaan jalqabaatiin “ulfina” jedhamee hiikame, yaada ulfaatina jedhu dabarsa. Bara duriitti qarshiin sibiila gati jabeessa taʼerraa hojjetamu, hammuma saantimni sun ulfaatu gatiinsaas guddaa taʼa ture. Jechi ulfaatina argisiisuuf itti hojjetame, wanta gati jabeessa, dinqisiisaa ykn maalalchiisaa taʼe argisiisuufis kan itti hojjetame kanaafi.
2 Aangoon, iddoon ykn beekamummaan namni tokko qabu kan nu dinqisiisu taʼus, Waaqayyo maal namootaa ilaala? Caaffanni Qulqullaaʼoon, Waaqayyo namootaaf ulfina akka kennu dubbatu. Fakkeenyi 22:4, “Gad of deebisuu fi Waaqayyoon sodaachuun, qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaaf in kenna” jedha. Yaaqoob inni bartuu Yesus tures, “Goofticha duratti gad of deebisaa, inni ol isin in qaba” jechuudhaan barreesseera. (Yaq. 4:10) Ulfinni Yihowaan namootaaf kenne maalidha? Ulfina kana akka hin arganne kan nu dhowwuhoo maalidha? Namoonni kaan ulfina akkasii akka argatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
3-5. Yihowaan ulfina akkamiitti nu geessa?
3 Faarfatichi, Yihowaan harkasaa mirgaa qabee ulfinatti akka isa geessu amantii qaba ture. (Faarfannaa 73:23, 24 dubbisi.) Yihowaan akkas kan godhu akkamitti? Tajaajiltootasaa warra gad of deebisan karaa hedduudhaan kabajuudhaan ulfinatti isaan geessa. Fedhasaa akka hubatanis isaan gargaara. (1 Qor. 2:7) Namoonni dubbiisaa dhagaʼanii isaaf ajajaman, dhuunfaatti isaa wajjin akka michooman gochuudhaan ulfina isaanii kenna.—Yaq. 4:8.
4 Kana malees, Yihowaan hojii lallabaa ulfina qabeessa taʼe tajaajiltootasaatti adaraadhaan kenneera. (2 Qor. 4:1, 7) Tajaajilli kunimmoo ulfina argamsiisa. Yihowaan, “Warra ulfina anaaf kennaniif ulfina nan kenna” jechuudhaan, namoota mirga tajaajilaasaaniitti fayyadamanii isaaf ulfina kennaniifi warra kaan fayyadaniif waadaa galeera. (1 Sam. 2:30) Namoonni akkasii Yihowaa biratti maqaa gaarii qabaachuudhaan ulfina argatu; yeroo baayʼeemmoo tajaajiltoota Waaqayyoo warra kaan birattis maqaa gaarii qabaatu.—Fak. 11:16; 22:1.
5 Namoonni ‘Waaqayyoon abdiidhaan eeggataniifi karaa isaarraa akka hin jalʼanne eeggatan’ abdii akkamii qabu? Abdiin akkas jedhu isaaniif kennameera: “[Yihowaan] biyya akka qabaattuuf [“lafa akka dhaaltuuf,” hiika bara 1899] ulfina siif in kenna, lafa irraa balleeffamuu warra jalʼootaas argitee in gammadda.” (Far. 37:34) Namoonni kun, jireenya barabaraa jiraachuudhaan ulfina gita hin qabne abdiidhaan eeggatu.—Far. 37:29.
“ANI NAMA BIRAA ULFINA HIN FUDHADHU”
6, 7. Namoonni hedduun Yesusitti amanuu kan hin barbaanne maaliif ture?
6 Ulfina Yihowaan nuu kennuu barbaadu akka hin arganne kan nu godhu maalidha? Sababiin inni tokko, ilaalcha namoonni Waaqayyo duratti fudhatama hin qabne qabaniif bakka guddaa kennuudha. Yohannis ergamaan, namoota bara Yesusitti aangoorra turan ilaalchisee maal akka jedhe ilaali: “Yihudoota warra aboo qaban keessaa iyyuu baayʼeen [Yesusitti] amananiiru; garuu mana sagadaa isaanii keessaa nu baasu jedhanii warra Fariisotaa waan sodaataniif, isatti amanuu isaanii hin mulʼifne. Isaan Waaqayyo irraa ulfina argachuu caalaa nama irraa ulfina argachuu jaallatan.” (Yoh. 12:42, 43) Namoonni aboo qaban kun, ilaalcha Fariisotaatiif bakka guddaa utuu kennuu baatanii gaarii ture.
7 Yesus, namoonni hedduun kan isa hin simanneefi kan isatti hin amanne maaliif akka taʼe, tajaajilasaa gara jalqabaarratti ibsee ture. (Yohannis 5:39-44 dubbisi.) Sabni Israaʼel jaarraa hedduudhaaf dhufaatii Masiihichaa eeggachaa turan. Yesus barsiisuu ennaa jalqabu, namoonni tokko tokko yeroon Kiristos ni dhufa jedhame gaʼuusaa raajii Daaniʼelirraa hubatanii taʼuu dandaʼa. Jiʼoota muraasa dura Yohannis Cuuphaan yommuu lallabaa dhufu, namoonni hedduun, “Yohannis kun Kristos taʼinna laataa?” jechaa turan. (Luq. 3:15) Yeroo kanatti garuu, Masiihichi bara dheeraadhaaf eegamaa ture isaan gidduutti barsiisaa jira. Taʼuyyuu, warri Seera beekan utuu isa hin simatin hafaniiru. Yesus, “Isin walii walii keessan irraa ulfina fudhattu malee, ulfina isa Waaqayyo tokkicha biraa dhufu hin barbaaddan; egaa, attamitti amanuu dandeessu ree?” jedhee gaafachuudhaan sababii isa simachuu itti didan ibseera.
8, 9. Ifa akka fakkeenyaatti fayyadamuudhaan, ulfinni namootarraa argamu akkamitti ulfina Waaqayyorraa argamu dhoksuu akka dandaʼu ibsi.
8 Ulfinaafi ifa wal bira qabuudhaan, ulfinni namootaa ulfina Waaqayyoo akkamitti dhoksuu akka dandaʼu hubachuu dandeenya. Uumamni cufti ajaaʼibsiisaa taʼe kun baayʼee ulfina qabeessadha. Galgala yeroo dhumaatiif samii qulqulluu ol jettee ilaaluudhaan urjoota kumaan lakkaaʼaman itti argite ni yaadattaa? “Calaqqifni urjootaa” baayʼee nama ajaaʼibsiisa. (1 Qor. 15:40, 41) Haataʼu malee, urjoonni sun magaalaa ifti itti baayʼate keessaa yommuu ilaalaman akkuma sana calaqqisuu? Ifti magaalattii, ifa urjoota fagoo jiranirraa calaqqisu akka hin ilaalle nu gochuu dandaʼa! Kun kan taʼe, ifti daandiirraa, isteediyamiirraafi gamoowwanirraa ifu, ifa urjootaa caalaa guddaa ykn bareedaa waan taʼeefii? Lakki! Kanaa mannaa, ifti magaalattii nutti dhihoo waan taʼeefi bareedina uumama Yihowaa akka hin argine waan nu dhowwufidha. Bareedina urjootaa ilaaluuf, ifti namtolchee taʼe akka nu hin danqine gochuu qabna.
9 Haaluma wal fakkaatuun, ulfinni namootarraa argamu, ulfina Yihowaarraa argamuuf bakka guddaa akka hin kennine nu gochuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen wanti hiriyoonnisaanii ykn miseensonni maatiisaanii waaʼeesaanii dubbatan waan isaan sodaachisuuf, ergaa Mootummichaa fudhachuu didu. Haataʼu malee, namootarraa ulfina argachuu barbaaduun, tajaajiltoota Yihowaadhaaf of murteessanirratti dhiibbaa geessisuu ni dandaʼaa? Fakkeenyaaf dargaggeessi tokko, bakka namoonni akka gaariitti isa beekaniyyuu Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuusaa hin beeknetti akka lallabu ramadame haa jennu. Yeroo kanatti sodaatee duubatti jedhaa? Yookiinimmoo, namni tokko galmawwan hafuuraa qabaachuusaatiin yoo itti gaʼisamehoo? Namoonni ilaalcha hafuuraa ifa taʼe hin qabne, filannaasaarratti dhiibbaa akka geessisan ni heyyamaa? Yookiinimmoo, Kiristiyaanni tokko cubbuu guddaa hojjete haa jennu. Gumii keessatti maqaansaa akka hin badne ykn namoota isa jaallatan akka hin gaddisiisne sodaachuudhaan cubbuusaa ni dhoksaa? Wanti isa yaaddessu inni guddaan walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabu sirreessuu yoo taʼe, ‘jaarsolii waldaa kiristiyaanaa waamsifatee’ akka isa gargaaran godha.—Yaaqoob 5:14-16 dubbisi.
10. (a) Ilaalchi warri kaan nuuf qaban garmalee kan nu yaaddessu taʼuunsaa, ilaalcha keenya jalʼisuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Kan gad of deebisnu yoo taane, waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya?
10 Tarii karaa hafuuraa gaʼeessummaatti guddachaa kan jirru taʼus, namni hidhata amantii keenya taʼe tokko gorsa nuu kenna taʼa. Yeroo kanatti, kooraan, maqaan keenya akka hin badne sodaachuudhaan ykn wanta hojjenneef sababii dhiheessuuf qoramuudhaan gorsasaa fudhachuurraa yoo duubatti jechuu baanne, gorsi inni nuu kenne nu fayyaduu dandaʼa. Tariimmoo, nama hidhata amantiikee taʼee wajjin hojii tokko hojjechaa jirta haa jennu. Yaada gaarii ati fiddeef ykn hojii cimaa ati hojjetteef kan galateeffamu eenyu akka taʼe si yaaddessaa? Haalawwan akkasii keessa yoo jiraatte, ‘namni gad of deebisu ulfina akka argatu’ hin dagatin.—Fak. 29:23.
11. Yeroo galateeffamnu maaltu nutti dhagaʼamuu qaba? Maaliif?
11 Ilaaltonni olaanaafi namoonni mirga kanarra gaʼuuf ‘hojii baʼeessa hawwan’ kaanis, namootarraa ulfina akka hin barbaanne of eeggachuu qabu. (1 Xim. 3:1; 1 Tas. 2:6) Obboleessi tokko, hojii gaarii hojjeteef warri kaan garaadhaa yommuu isa galateeffatan maaltu isatti dhagaʼamuu qaba? Akka Saaʼol Mootichaa, ulfinasaatiif waan ittiin yaadatamu akka hin dhaabbanne beekamaadha. (1 Sam. 15:12) Haataʼu malee, milkaaʼina kan argate gaarummaa Yihowaatiin qofa akka taʼeefi gara fuulduraattis milkaaʼina kan argatu eebbaafi gargaarsa Yihowaatiin akka taʼe ni amanaa? (1 Phe. 4:11) Miirri yeroo galateeffamnu nutti dhagaʼamu, ulfina isa kam akka barbaannu argisiisa.—Fak. 27:21.
“KAJEELLAA HAMAA ISA KAN ABBAA KEESSANIIS GOCHUU IN FEETU”
12. Yihudoonni tokko tokko Yesusiin akka hin dhaggeeffanne kan isaan godhe maalidha?
12 Wanti ulfina Waaqayyoo akka hin arganne nu godhu inni kaanimmoo fedhii keenyadha. Fedhii gadhee qabaachuun, dhugaa akka hin dhageenye nu gochuu dandaʼa. (Yohannis 8:43-47 dubbisi.) Yesus, Yihudoonni tokko tokko ‘kajeellaa hamaa Seexana isa abbaasaanii taʼee gochuu waan fedhaniif’ ergaasaa fudhachuu akka hin barbaanne isaanitti himeera.
13, 14. (a) Namoonni qorannaa godhan, sagalee wajjin haala wal qabateen akkaataa sammuun namaa itti hojjetu ilaalchisee maal jedhu? (b) Eenyuun akka dhaggeeffannu kan murteessu maalidha?
13 Fedhiin keenya, akkaataa itti dhageenyurratti dhiibbaa geessisa. (2 Phe. 3:5) Yihowaan, sagalee dhagaʼuu hin barbaanne akka hin dhageenye godhee karaa dinqisiisaa taʼeen nu uume. Mee, takkaa callisiitii ammumallee sagaleewwan addaddaa meeqa dhagaʼuu akka dandeessu qalbeeffadhu. Daqiiqaa muraasa dura sagaleewwan kana hin qalbeeffanne taʼa. Kutaan sammuukeetii liimbiik siistam jedhamu, dandeettiin sagalee addaddaa dhagaʼuuf qabdu akka hin badne siif eegaa, wanta tokkorratti qofa akka xiyyeeffattu si gargaaraa ture. Taʼuyyuu qorattoonni, wanta namoonni dubbatan dhaggeeffachuu ilaalchisee, takkaatti sagalee hedduu addaan baafachuun baayʼee ulfaataa taʼaa akka dhufe hubataniiru. Kana jechuun, sagalee lama ergaan takkaatti ennaa dhageessu, isa kamirratti akka xiyyeeffattu filachuu qabda jechuudha. Filannaan ati gootu, sagalee dhaggeeffachuu feeturratti kan hundaaʼedha. Yihudoonni fedhii Seexana isa abbaasaanii taʼee raawwachuu barbaadan sun, Yesusiin hin dhaggeeffanne.
14 ‘Mana ogummaatiis,’ ‘mana gowwummaatiis’ waamichi nuu dhihaata. (Fak. 9:1-5, 13-17) Ogummaanis gowwummaanis waan nu waamaniif, lamaan keessaa tokko filachuu qabna. Yeroo kanatti afeerrii eenyuu fudhanna? Deebiin kanaa, ‘Fedhii eenyuu raawwachuu barbaanna?’ gaaffii jedhurratti kan hundaaʼedha. Hoolonni Yesus isa dhaggeeffatu; isa duukaas ni buʼu. (Yoh. 10:16, 27) Isaan ‘kan dhugaati.’ (Yoh. 18:37) ‘Sagalee warra ormaa hin beekan.’ (Yoh. 10:5) Namoonni gad of deebisan kun ulfina ni argatu.—Fak. 3:13, 16; 8:1, 18.
‘KUN ISINIIF ULFINADHA’
15. Rakkinni Phaawulos, warra kaaniif ‘ulfina kan taʼe’ akkamitti?
15 Ciminni fedha Yihowaa raawwachuurratti argisiisnu, warra kaaniif ulfinadha. Phaawulos, “Rakkinni koo isiniif ulfina waan taʼeef, isa ani isiniif rakkachaa jiruuf akka abdii hin kutanneef isinan kadhadha” jechuudhaan obboloota gumii Efesooniif barreesseera. (Efe. 3:13) Rakkinni Phaawulos, Kiristiyaanota Efesooniif ‘ulfina kan taʼe’ akkamitti? Phaawulos utuu rakkinni isarra gaʼuu isaan tajaajiluuf qophaaʼaa taʼuunsaa, mirgi Kiristiyaanota taʼuudhaan argatan bakka guddaa kan qabuufi gatiidhaan kan hin shallagamne taʼuusaa isaan hubachiiseera. Phaawulos yeroo rakkinni isarra gaʼu utuu abdii kutateera taʼee, walitti dhufeenyi Yihowaa wajjin qaban, tajaajillisaaniifi abdiinsaanii gatii akka hin qabne isaanitti hin dhagaʼamu turee? Phaawulos obsaan dandaʼuunsaa, Kiristiyaanummaa ol ol kan godhe taʼuusaarrayyuu, duuka buutuu Kiristos taʼuun wanta aarsaan akkamiiyyuu kaffalamuufii qabu akka taʼe argisiiseera.
16. Phaawulos, Lisxiraatti rakkina akkamiitu isarra gaʼe?
16 Mee faayidaa hinaaffaafi jabinni Phaawulos argamsiise yaadi. Hojiin Ergamootaa 14:19, 20 akkas jedha: “Yihudoonni mandaroota Anxokiyaatii fi Iqoniiyumii dhufan tokko tuuta jaraa sana sossobanii, Phaawulosin dhagaadhaan rukutan; duʼeera seʼaniis mandaricha [Lisxiraa] keessaa gad gototan. Amantoonni garuu dhufanii isatti naannaʼanii dhaabannaan, Phaawulos lafaa kaʼee mandaratti ol deebiʼe; borumtaa immoo Baarnaabaasii wajjin mandara Derbee dhaqe.” Duʼeera jedhamee erga dhiifamee booda, borumtaasaa geejjiba yeroo ammaatti utuu hin fayyadamin kiilomeetira 100 deemuunsaa nama hin ajaaʼibsiisuu?
17, 18. (a) Ximotewos rakkina Lisxiraatti Phaawulosirra gaʼe kan caqase karaa kamiini? (b) Phaawulos obsaan dandaʼuunsaa Ximotewosirratti dhiibbaa akkamii geessiseera?
17 Ximotewos ‘amantoota’ Phaawulosiif birmatan keessaa tokko turee? Seenaan Hojii Ergamootaarra jiru kun taʼuusaa ifatti dubbachuu baatus, Ximotewos amantoota sana keessaa tokko taʼuu dandaʼa. Phaawulos ergaa Ximotewosiif barreesse isa lammaffaarratti akkas jedheera: ‘Ati barsiisa koofi amala koo caqafteetta. Wanta Anxokiyaatti [magaalattiidhaa ariʼamuukoo], Iqoniiyumitti [dhagaadhaan reebamuuf akkan ture], Lisxiraatti [dhagaadhaan reebamuukoo] narra gaʼe yaadaan qabdeetta; ariʼatamuu attamii akkan dandaʼes beekta! Kana hundumaa keessaa immoo gooftaan na oolche.’—2 Xim. 3:10, 11; HoE. 13:50; 14:5, 19.
18 Ximotewos, haalawwan sana ‘caqaseera,’ jechuunis qalbeeffateera; akkasumas Phaawulos obsaan dandaʼuusaa sirriitti beeka ture. Haalli kun Ximotewosirratti dhiibbaa guddaa geessiseera. Phaawulos Lisxiraa yommuu daawwatu, Ximotewos Kiristiyaana fakkeenya taʼuufi ‘amantoota Lisxiraafi Iqoniiyum jiran biratti maqaa gaarii qabu’ ture. (HoE. 16:1, 2) Yeroo booda, Ximotewos itti gaafatamummaa gurguddaa fudhachuuf gaʼumsa kan qabu taʼuu dandaʼeera.—Filp. 2:19, 20; 1 Xim. 1:3.
19. Obsaan dandaʼuun keenya warra kaanirratti dhiibbaa akkamii geessisa?
19 Nuyis fedha Waaqayyoo raawwachuutti kan cimnu yoo taʼe, warra kaanirratti, keessumaammoo dargaggoota gara fuulduraatti tajaajiltoota Waaqayyoo taʼanirratti dhiibbaa akkasii geessisuu dandeenya. Dargaggoonni Kiristiyaana taʼan, akkaataa tajaajilarratti namoota itti haasofsiisnurraa qofa utuu hin taʼin, akkaataa haalawwan rakkisaa taʼan keessa itti darbinurraas barumsa ni argatu. Phaawulos, namoonni amanamoo taʼanii jiraatan hundi ‘fayyinaafi ulfina bara baraa’ akka argataniif jecha, ‘waan hundumaa obsaan baateera.’—2 Xim. 2:10.
20. Ulfina Waaqayyo biraa argamu barbaaduu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
20 Maarree, ‘ulfina isa Waaqayyo tokkicha biraa dhufu barbaaduu keenya’ itti fufuu hin qabnuu? (Yoh. 5:44; 7:18) Itti fufuu qabna! (Roomaa 2:6, 7 dubbisi.) Yihowaan, namoota “ulfina hin darbine . . . argachuu barbaadaniif jireenya bara baraa in kennaaf.” Kana malees, ‘obsaan waan gaarii hojjechuun’ keenya, Kiristiyaanonni kaan jabaatanii dhaabachuudhaan faayidaa barabaraa akka argatan isaan kakaasa. Kanaafuu, homtinuu ulfina Waaqayyoo argachuu akka isin dhowwu hin heyyaminaa.