Saamuʼel Tokkoffaa
15 Achiis Saamuʼel Saaʼoliin akkana jedhe: “Yihowaan saba isaa Israaʼel irratti mootii godhee akkan si dibu kan erge anaan ture;+ ammas wanta Yihowaan jedhu dhagaʼi.+ 2 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Yommuu Israaʼelonni Gibxiidhaa baʼan karaa irratti waan isaan mormaniif, wanta isaan isaan irratti raawwataniif ani Amaaleqota nan adaba.+ 3 Ammas dhaqi, Amaaleqota rukuti;+ isaaniinis taʼe wanta isaan qaban hundumaa guutummaatti balleessi.+ Isaan keessaa tokko illee hin hambisin;* dhiiras taʼe dubartii, ijoollees taʼe daaʼima, qotiyyoos taʼe hoolaa, gaalas taʼe harree, hunduma isaanii ajjeesi.’”+ 4 Saaʼolis namoota walitti qabee Xelaayimitti isaan lakkaaʼe; isaanis loltoota lafoo 200,000 fi namoota Yihudaa 10,000 turan.+
5 Saaʼol hanga magaalaa Amaaleqitti deemee sulula* tokko keessatti riphe. 6 Achiis Saaʼol Qeenotaan,+ “Ani isaanii wajjin akkan isin hin balleessinetti,+ Amaaleqota gidduudhaa baʼaa deemaa. Sababiin isaas, isin yommuu isaan Gibxiidhaa baʼanitti saba Israaʼel hundumaatti jaalala amanamaa argisiistaniittu”+ jedhe. Kanaafuu, Qeenonni Amaaleqota gidduudhaa ni baʼan. 7 Sana booda Saaʼol Hawiilaadhaa+ jalqabee hamma Shuur+ ishii Gibxiitti aantee jirtuutti Amaaleqota+ ni rukute. 8 Innis Agaag+ mootii Amaaleqotaa ni boojiʼe; namoota kaan hundumaa garuu goraadeedhaan ni fixe.+ 9 Haa taʼu malee, Saaʼolii fi namoonni sun Agaagiin, akkasumas bushaayee, loon, horii coccoomoo, korbeeyyii hoolaa warra gaggaarii taʼanii fi wanta gaarii taʼe hundumaa utuu hin balleessin dhiisan.*+ Guutummaatti isaan balleessuu hin barbaanne. Meeshaawwan gatii hin qabnee fi hin barbaadamne hundumaa garuu guutummaatti ni balleessan.
10 Achiis dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara Saamuʼel ni dhufe: 11 “Inni ana duukaa buʼuu irraa waan garagalee fi dubbii koo waan hin raawwanneef, Saaʼoliin mootii gochuu kootti gaabbeera.”*+ Yeroo kanatti Saamuʼel baayʼee waan jeeqameef halkan guutuu gara Yihowaatti iyyaa bule.+ 12 Saamuʼel Saaʼoliin argachuuf ganama bariidhaan yommuu kaʼu, “Saaʼol gara Qarmeelos+ dhaqee achitti ofii isaatiif siidaa yaadannoo dhaabbateera.+ Achiis deebiʼee gara Gilgaalitti gad buʼeera” oduu jedhu dhagaʼe. 13 Dhuma irrattis, Saamuʼel yommuu gara isaa dhufu Saaʼol, “Yihowaan si haa eebbisu. Ani dubbii Yihowaa raawwadheera” isaan jedhe. 14 Saamuʼel garuu, “Maarree, sagaleen bushaayee fi sagaleen loonii ani gurra kootiin dhagaʼu kun maali dha?” isaan jedhe.+ 15 Yeroo kanatti Saaʼol, “Isaan kun Amaaleqota irraa kan fudhatamani dha; kunis kan taʼe namoonni kun bushaayee fi loon warra gaggaarii Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa gochuuf waan hambisaniifi;* warra hafan garuu guutummaatti balleessineerra” isaan jedhe. 16 Saamuʼelis Saaʼoliin, “Si gaʼa! Mee wanta Yihowaan eda galgala naan jedhen sitti hima” jedhe.+ Saaʼolis, “Tole, natti himi!” isaan jedhe.
17 Saamuʼelis itti fufuudhaan akkana jedhe: “Ati yeroo dura buʼaa gosoota Israaʼel akka taatu muudamtettii fi yeroo Yihowaan Israaʼel irratti mootii godhee si dibetti,+ nama gad aanaa akka taatetti of ilaalta turte mitii?+ 18 Boodas Yihowaan, ‘Dhaqi, Amaaleqota cubbamoota taʼan guutummaatti balleessi.+ Haxooftee hamma isaan balleessituttis isaan waraani’ jedhee si erge.+ 19 Maarree ati dubbii Yihowaatiif maaliif ajajamuu didde? Kanaa mannaa, boojuudhaaf sassattee+ wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe gooteetta!”
20 Taʼus Saaʼol Saamuʼeliin akkana jedhe: “Garuu ani dubbii Yihowaatiif ajajameera! Bakka Yihowaan itti na erge dhaqeera; Agaag mootii Amaaleq fideera; Amaaleqotas guutummaatti balleesseera.+ 21 Haa taʼu malee, namoonni kun Gilgaalitti Waaqa kee Yihowaadhaaf aarsaa godhanii dhiheessuuf, hoolotaa fi loon boojiʼaman, jechuunis wantoota guutummaatti balleeffamuu qaban keessaa warra filataman fudhataniiru.”+
22 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan hamma dubbii Yihowaatiif ajajamuutti gammadu, aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan kan biraatti ni gammadaa?+ Ilaa, ajajamuun aarsaa irra,+ xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuunis cooma+ korbeessa hoolaa irra ni caala; 23 sababiin isaas, ajajamuu diduun+ hooda dubbachuu,+ of tuuluunis mora raawwachuu fi waaqolii tolfamoo* waaqeffachuu wajjin tokko dha. Dubbii Yihowaa waan tuffatteef,+ innis ati mootii akka hin taane si tuffateera.”+
24 Achiis Saaʼol Saamuʼeliin akkana jedhe: “Ani namoota waanan sodaadheef, wanta isaan jedhan dhagaʼee ajaja Yihowaa fi wanta ati dubbatte cabsuudhaan cubbuu hojjedheera. 25 Ammas maaloo, cubbuu koo naaf dhiisi; Yihowaadhaaf akkan sagaduuf anaa wajjin deebiʼi.”+ 26 Saamuʼel garuu Saaʼoliin, “Ati dubbii Yihowaa tuffatteetta; Yihowaanis Israaʼel irratti mootii taatee akka itti hin fufne si tuffateera; kanaafuu, ani sii wajjin hin deebiʼu” jedhe.+ 27 Yommuu Saamuʼel garagalee deemuuf jedhu, Saaʼol fiixee uffata isaa qabate; uffatichis ni tarsaʼe. 28 Yeroo kanatti Saamuʼel akkana isaan jedhe: “Yihowaan harʼa bulchiinsa mootummaa Israaʼel si irraa tarsaaseera; inni nama si irra wayyuuf dabarsee ni kenna.+ 29 Kana malees, Ulfinni Israaʼel+ hin sobu+ yookiin yaada isaa hin jijjiiru;* inni nama waan hin taaneef yaada isaa hin jijjiiru.”*+
30 Yeroo kanatti Saaʼol, “Ani cubbuu hojjedheera. Garuu maaloo, jaarsolii saba koo fi Israaʼelota duratti ulfina naaf kenni. Anaa wajjin deebiʼi; anis Waaqa kee Yihowaadhaaf nan sagada”+ isaan jedhe. 31 Kanaafuu, Saamuʼel Saaʼol duukaa ni deebiʼe; Saaʼolis Yihowaadhaaf ni sagade. 32 Saamuʼelis, “Agaag mootii Amaaleq as natti fidaa” jedhe. Achiis Agaag, ‘Dhugumaan amma sodaan duʼaa ana irra darbeera’ jedhee yaadaa waan tureef, sodaachaa fi mamaa* gara isaa dhaqe. 33 Saamuʼel garuu, “Akkuma goraadee keetiin kan kaʼe dubartoonni ijoollee malee hafan sun gaddan, haati tees ijoollee malee haftee dubartoota hundumaa caalaa ni gadditi” isaan jedhe. Sana booda Saamuʼel Gilgaalitti Yihowaa duratti Agaagiin ni kukkute.+
34 Achiis Saamuʼel gara Raamaatti deeme; Saaʼol immoo gara mana isaa isa Gibeʼaatti argamutti ol baʼe. 35 Saamuʼel Saaʼoliif gaddaa waan tureef, hamma guyyaa duʼa isaatti lammata Saaʼoliin hin argine.+ Yihowaanis Saaʼoliin Israaʼel irratti mootii gochuu isaatti ni gaabbe.+