Tajaajiltoota Waaqayyoo Waan Taaneef Amala Gaarii Argisiisuu
“Fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!”—EFE. 5:1.
1, 2. (a) Amalli gaariin barbaachisaa kan ta’e maaliifi? (b) Mataduree kana keessatti waa’ee maaliitu ibsama?
ABBAAN BARROO Suu Fooksi jedhaman amala ulfina qabu ilaalchisee akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Amala gaarii argisiisuurraa yeroon itti walaba taanu hin jiru. Iddoo kamiifi yeroo kamittiyyuu amala gaarii qabaachuun barbaachisaadha.” Namoonni yommuu ulfina walii kennan rakkoon gidduusaaniitti uumamu ni xiqqaata, yeroo baay’eemmoo hin jiraatu. Kun ta’uu baannaan garuu rakkootu uumama. Warra kaaniif ulfina kennuu dhiisuun walitti bu’iinsi, walitti mufachuufi gaddi akka uumamu godha.
2 Akkuma walii galaatti gumii Kiristiyaanaa isa dhugaa gidduu amalli gaariin jira. Ta’us amala gadhee baramaa ta’eefi yeroo har’aa biyya lafaarratti babal’atee jiruun akka hin mo’amne of eeggachuu qabna. Seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu ulfina argisiisuu wajjin wal qabatan hojiirra oolchuun keenya, nu eeguu kan danda’uufi namoonni gara waaqeffannaa dhugaatti akka dhufan kan godhu akkamitti akka ta’e haa ilaallu. Amala gaarii argisiisuun maal akka gaafatu hubachuuf, fakkeenya Yihowaafi Ilmasaa haa ilaallu.
Yihowaafi Ilmisaa Amala Gaarii Argisiisuudhaan Fakkeenya Ta’u
3. Yihowaan ulfina argisiisuudhaan fakkeenya akkamii ta’eera?
3 Ulfina argisiisuudhaan Yihowaan fakkeenya hunda caalu ta’a. Umama cufarratti Olaantummaa qabaatus, ilmaan namootaa gaarummaafi kabajaan qaba. Yihowaan, Abrahaamiifi Musee wajjin yommuu dubbatu, jecha “maaloo” jedhuufi Macaafa Qulqulluu afaan Ibrootaa isa jalqaba keessaatti argamuun fayyadameera. (Uma. 13:14; Bau. 4:6) Yihowaan, yommuu tajaajiltoonnisaa dogoggora raawwatan ‘oo’a-qabeessa, gaarii, aariitti suuta kan jedhu, gaarummaafi amanamummaansaa guddaa ta’uusaa’ argisiiseera. (Far. 86:15, NW) Yihowaan namoota yommuu warri kaan akka isaan barbaadan utuu hin ta’in hafan aariidhaan finiinan tokko tokkorraa baay’ee addadha.
4. Warri kaan yommuu nutti dubbatan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Amalli Waaqayyoo inni gaariin akkaataa inni itti namoota dhaggeeffaturrattis mul’ateera. Gaaffii Abrahaam namoota Sodoom ilaalchisee dhiheesse hundaaf Yihowaan obsaan deebii kenneera. (Uma. 18:23-32) Gaaffiin Abrahaam akka waan yeroosaa jalaa gubuutti hin ilaalle. Yihowaan kadhannaa tajaajiltootasaafi iyyata cubbamoota yaada garaasaanii geddaratanii ni dhaggeeffata. (Faarfannaa 51:11, 17 dubbisi.) Nutis warri kaan yommuu nutti dubbatan dhaggeeffachuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu hin qabnuu?
5. Ulfina argisiisuudhaan fakkeenya Yesus hordofuun keenya walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabnu kan fooyyessu akkamitti?
5 Wantoota hedduu Yesus Kiristos Abbaasaarraa barate keessaa tokko ulfina argisiisuudha. Yesus yeroo tokko tokko tajaajillisaa yeroofi humnasaa hedduu kan fudhatu ta’us, yeroo hundaa obsaafi gaarummaa argisiisa ture. Yesus, namoota dhukkuba lamxiitiin qabaman, qaroosaanii dhabuudhaan kadhaaf saaxilaman, akkasumas warra gargaarsi isaan barbaachisu kaan gargaaruuf qophaa’aafi fedhii kan qabu ture. Garasaa kan dhufan beellama utuu hin qabatin ta’us, isaan simachuurraa duubatti hin jenne. Yeroo baay’ee wanta hojjetu dhiisee namoota dhiphatan gargaara ture. Yesus namoota isatti amananiif baay’ee yaada ture. (Mar. 5:30-34; Luq. 18:35-41) Nutis Kiristiyaanota waan taaneef, gaarummaa argisiisuufi namoota gargaaruudhaan fakkeenya Yesus hordofna. Amalli akkasii firoottan, ollaawwaniifi namoota kaan biratti hubatamuunsaa hin oolu. Hunda caalaattimmoo, amalli akkasii Yihowaa ol ol godha, nuufis gammachuu argamsiisa.
6. Yesus miira ho’aafi ulfinaan namoota qabuudhaan fakkeenya akkamii ta’a?
6 Yesus namoota maqaasaaniitiin waamuudhaanis akka isaan kabaju argisiiseera. Geggeessitoonni amantii Yihudii warra kaan akkasitti kabaju turanii? Matumaa! Namoota Seericha hin beekne akka ‘abaaramootti’ kan ilaalan si’a ta’u, akkaataan itti isaan saba sana qabanis kun dhugaa ta’uusaa argisiisa. (Yoh. 7:49) Ilmi Waaqayyoo garuu akkas hin goone. Maartaa, Maariyaam, Zakewosiifi namoonni kan biraan hedduun yommuu inni maqaasaaniitiin isaan waamu dhaga’aniiru. (Luq. 10:41, 42; 19:5) Yeroo har’aatti akkamitti namoota akka waamnu addaafi haalawwan murteessuu danda’anis, Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu karaa ulfina akka qaban argisiisuun namoota waamuuf carraaqqii godhu.a Garaagarummaan hawaasa keessa jiru, obbolootasaaniifis ta’e namoota kaaniif ulfina akka hin kennine akka isaan dhowwu hin heyyaman.—Yaaqoob 2:1-4 dubbisi.
7. Namoota bakka hundaa jiran ulfinaan qabuu ilaalchisee, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan nu gargaaran akkamitti?
7 Waaqayyoofi Ilmisaa namoota sabaafi qomoo hundaa keessaa dhufan gaarummaadhaan simachuunsaanii, namoota akka kabajan kan argisiisu si’a ta’u, kunis namoonni garaa qajeelaa qaban gara dhugaatti akka dhufan taasisa. Dhugaadha, wanti akka amala gaariitti ilaalamu iddoo hundaatti tokko ta’uu dhiisuu danda’a. Kanaaf, amala gaarii argisiisuu ilaalchisee seera gogaa akkas ta’uu qaba jedhu hin hordofnu. Kanaa mannaa, namoota bakka hundaa jiraatan kabajuu ilaalchisee, ilaalcha sirrii qabaachuuf seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluutiin geggeeffamuu qabna. Namoota ulfinaan qabuun tajaajila keenyarratti caalaatti bu’a qabeeyyii ta’uuf akkamitti nu gargaaruu akka danda’u haa ilaallu.
Namoota Nagaa Gaafachuufi Wajjin Haasa’uu
8, 9. (a) Akka barsiifata gadheetti ilaalamuu kan danda’u amala akkamiiti? (b) Jechi Yesus Maatewos 5:47rratti dubbate hariiroo namootaa wajjin qabnurratti jijjiirama gochuuf akka nu kakaasuu heyyamuu kan qabnu maaliifi?
8 Yeroo har’aa iddoo baay’eetti jireenyi namootaa fiigichaan waan guutameef, namoonni yommuu walitti dhufan “harka fuune” ykn “akkam” utuu hin jedhin wal bira darbuunsaanii baramaa ta’aa dhufeera. Namni kamiyyuu namoota karaarra deeman hundaa naga akka gaafatu akka irraa hin eegamne beekamaadha. Haalawwan garabiraa hedduu keessatti garuu, warra kaan nagaa gaafachuun wanta sirriifi gochuu qabnudha. Namoota nagaa gaafachuu barsiifata godhatteettaa? Moo yeroo baay’ee fuula ifaa utuu argisiisin ykn utuu waan tokko hin dubbatin nama bira darbita? Namni tokko hammina utuu hin yaadin amala sirrii hin taane horachuu danda’a.
9 Yesus akkas jechuudhaan yaadachiisa nuu kenneera: “Obboloota keessan duwwaa ho’iftanii nagaa yoo gaafattan, warra kaan caalaa maalfaa gootu? Warri saba Waaqayyoo hin ta’in iyyuu akkanuma in godhu mitii ree?” (Mat. 5:47) Hayyuun gorsa kennuudhaan beekamaniifi Doonaaldi Weeyis jedhaman kana ilaalchisee akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Namoonni yommuu warri kaan cal jedhanii isaan bira darban ni mufatu. Namoota utuu nagaa hin gaafatin hafuu keetiin mufachiiste karaan itti kiisuu dandeessu nagaa gaafachuu qofadha.” Hariiroo warra kaanii wajjin qabnu akka nu jalaa hin balleessineef namootatti makamuu ykn dhihaachuuf carraaqqii gochuudhaan bu’aa gaarii argachuu dandeenya.
10. Amala gaarii argisiisuun tajaajilarratti bu’aa argachuuf nu gargaaruu kan danda’u akkamitti? (Saanduqa “Fuula Ifaa Argisiisuudhaan Jalqabi” jedhu ilaali.)
10 Abbaa manaafi haadha manaa Toomiifi Kaarol warra magaalaa guddaa Kaaba Ameerikaatti argamu tokko keessa jiraatan akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Tajaajilarratti ollaawwansaanii wajjin maree nama gammachiisu godhu turan. Kana kan godhan akkamitti? Toom Yaaqoob 3:18 caqasuudhaan akkas jedha: “Akka michuutti namootatti dhihaachuufi isaanii wajjin nagaa uumuuf yaalii goona. Namoota manasaanii ala jiraniifi warra naannoo sanaa hojjetanitti dhihaachuuf yaalla. Fuula ifaa argisiisuudhaan nagaa isaan gaafanna. Wanta isaan jaallatan, jechuunis waa’ee ijoolleesaanii, sareesaanii, manasaaniifi hojiisaanii isaanii wajjin haasofna. Yeroo booda akka michootasaaniitti nu ilaalu jalqabu.” Kaarol itti dabaluudhaan akkas jetti: “Yeroo garabiraa yommuu isaan gaafannuttimmoo maqaa keenya itti himuudhaan maqaasaanii gaafanna. Haasawaa keenya gabaabsuudhaan naannoo sanatti maal hojjechaa akka jirru isaanitti himna. Dhumarrattis isaanii lallabuu dandeenya.” Toomiifi Kaarol ollaawwansaanii hedduu biratti fudhatama argachuu danda’aniiru. Namoonni baay’een barreeffamoota Macaafa Qulqulluurratti hundaa’an kan fudhatan si’a ta’u, muraasnimmoo dhugaa barachuuf fedhii guddaa argisiisaniiru.
Haala Rakkisaa Keessatti Ulfina Argisiisuu
11, 12. Yommuu misiraachoo lallabnu namoonni deebii sirrii hin taane akka nuu deebisan eeguu kan qabnu maaliifi? Akkamitti deebii kennuu qabna?
11 Al tokko tokko yommuu misiraachoo lallabnu namoonni deebii nama aarsu nuu deebisu. Yesus Kiristos, “na ari’atanii yoo jiraatan isinis in ari’atu” jedhee bartootasaa waan akeekkachiiseef wanti akkasii akka nurra ga’u beekna. (Yoh. 15:20) Haata’u malee, namoonni yommuu tuffiidhaan nutti dubbatan nutis tuffiidhaan deebii kennuun keenya bu’aa gaarii hin argamsiisu. Akkamitti deebii kennuu qabnaree? Phexros ergamaan akkas jechuudhaan barreesseera: “Kristosiif garuu akka gooftaatti garaa keessan keessatti ulfina addaan ba’e kennaaf! Waa’ee abdii isin keessa jiruuf, nama isin gaafatee, deebii isin irraa barbaaduuf, deebii ga’u deebisuudhaaf yeroo hundumaa qophaa’oo ta’aa! Deebiin keessanis arraba laafaadhaan nama safeeffachuudhaanis haa ta’u.” (1 Phe. 3:15, 16) Karaa ulfina qabuun deebii kennuudhaan amala gaarii argisiisuun keenya ilaalcha warra nu arrabsanii jijjiiruu danda’a ta’a.—Tit. 2:7, 8.
12 Namoonni yommuu nu ceepha’an karaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuun deebii kennuuf qophaa’uu dandeenyaa? Eeyyee. Phaawulos akkas jechuudhaan gorsa kenneera: “Haasaan keessan yeroo hundumaa gurratti kan tolu, akka soogiddaas miyaa’aa haa ta’u; namaaf immoo adduma addaan deebii isaaf deebisuun ta’u beekaa!” (Qol. 4:6) Miseensota maatii keenyaatti, ijoollee wajjin barannutti, namoota wajjin hojjennutti, gumii keessatti, akkasumas namoota ollaa keenya jiraatanitti ulfinaan dubbachuu barsiifata godhannaan, qoosaafi arrabsoo nu mudatuuf karaa Kiristiyaana tokkorraa eegamuun deebii kennuuf qophaa’oo ta’uu dandeenya.—Roomaa 12:17-21 dubbisi.
13. Fakkeenya ulfina argisiisuun ilaalcha mormitootaa jijjiiruu akka danda’u argisiisu caqasi.
13 Haala rakkisaa ta’e keessatti amalawwan gaarii argisiisuun bu’aa gaarii argamsiisa. Fakkeenyaaf, Jaappaan keessatti obboleessi tokko manaa gara manaatti yommuu tajaajilu abbaan manichaafi keessummaansaa itti ga’isan. Obboleessichi garuu karaa ulfina qabuun achumatti isaan dhiisee adeeme. Obboleessi kun naannoodhuma sana keessa tajaajiluusaa yommuu itti fufu, keessummichi isa hordofaa akka jiru hubate. Obboleessi kun deebi’ee yommuu isa haasofsiisu, namichi akkas isaan jedhe: “Wanta raawwatameef dhiifaman si gaafadha. Waan hamaa sitti dubbannullee fuullikee ifaa akka ture hubadheera. Akkakee ta’uuf maal gochuun qaba?” Namni kun hojiisaarraa kan ari’ame ta’uusaarrayyuu, haatisaa dhiheenya kana jalaa duute; kanaan kan ka’es matumaa gammachuu argachuu akka hin dandeenye waan itti dhaga’ameef abdii kutatee ture. Obboleessi kun Macaafa Qulqulluu akka qayyabatu kan isa afeere si’a ta’u, innis qayyabachuuf walii galeera. Utuu hin turinis torbanitti al lama qayyabachuu jalqabe.
Amala Gaarii Horachuuf Karaa Hunda Caalu
14, 15. Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii turan akkamitti ijoolleesanii leenjisu turan?
14 Warri bara durii jiraataniifi namoota Waaqayyoo ta’an, mana keessatti ijoolleensaanii barumsawwan bu’uuraa ulfina namaa kennuu wajjin wal qabataan barsiisu turan. Mee Abrahaamiifi ilmisaa Yisihaq karaa ulfina qabuun akkamitti akka wal waaman Uumama 22:7rraa ilaalaa. Yoseefis warrasaarraa leenjii gaarii argatee akka ture ifatti hubachuun ni danda’ama. Yommuu mana hidhaa turettillee namoota isaa wajjin hidhamanitti karaa ulfina qabuun dubbata ture. (Uma. 40:8, 14) Jechi inni Fara’oonitti dubbate, nama aboo qabutti karaa sirrii ta’een akkamitti dubbatamuu akka qabu baratee akka ture argisiisa.—Uma. 41:16, 33, 34.
15 Abboommiiwwan Kurnan Israa’elootaaf kennaman keessaa tokko ajaja akkas jedhu ture: “Biyya ani Waaqayyo gooftaan kee siif kennu keessa bara dheeraa akka jiraattuuf, abbaa kee fi haadha keef ulfina kenni.” (Bau. 20:12) Karaa ijoolleen warrasaaniif ulfina itti kennan keessaa tokko mana keessatti amala gaarii qabaachuudha. Intalli Yiftaa haala rakkisaa ta’e keessatti wareega abbaashee wajjin haala wal simuun jiraachuuf walii galuudhaan ulfina guddaa akka isaaf kennitu argisiisteetti.—Abo. 11:35-40.
16-18. (a) Ijoolleen amala gaarii akka qabaatan barsiisuuf maal gochuutu danda’ama? (b) Ijoolleen amala gaarii akka qabaatan barsiisuun faayidaawwan akkamii argamsiisa?
16 Ijoolleen keenya amala gaarii akka qabaatan leenjisuun waan akka laayyootti ilaalamu miti. Ijoolleen ga’eessota amala gaarii qaban akka ta’aniif, karaa ulfina qabuun keessummoota akkamitti simachuufi bilbila kaasuu akka qaban, akkasumas namootaa wajjin akkamiitti akka nyaatan barachuun isaan barbaachisa. Namootaaf balbala banuu, maanguddootaafi namoota dhukkubsatanitti gaarummaa argisiisuu, akkasumas warra ba’aa ulfaataa baatan gargaaruu kan qaban maaliif akka ta’e akka hubatan gargaaruu qabu. Ijoolleen garaadhaa “maaloo,” “galatoomi,” “homaa miti,” “si gargaaruu?,” akkasumas “dhiifama” jechuun maaliif barbaachisaa akka ta’e hubachuu isaan barbaachisa.
17 Ijoolleen ulfina akka namaa kennan godhanii leenjisuun akka wanta ulfaataa ta’etti ilaalamuu hin qabu. Karaan hundarra caalu fakkeenya gaarii isaaniif ta’uudha. Kurti inni umriinsaa waggaa digdamii shan ta’e, inniifi obboloonnisaa sadan namaaf ulfina kennuu akkamitti akka baratan akkas jechuudhaan ibsa: “Abbayyeefi Harmeen yommuu gaarummaadhaan walitti dubbatan, akkasumas namoota kaan obsaafi karaa akka isaanii yaadan argisiisuun yeroo haasofsiisan ni ilaalla, ni dhageenyas turre. Abbayyeen Galma Mootummaatti walga’ii duraafi booda yommuu obboloota maanguddoota ta’an haasofsiisu na fudhatee deema ture. Yommuu inni nagaa isaan gaafatu nan dhaga’a, akka inni itti ulfina isaaniif kennus nan argan ture.” Kurti itti dabaluudhaan akkas jedha: “Yeroo booda utuman hin beekin akkumasaa gochuun jalqabe. Namootaaf ulfina kennuun amalakoo ta’e. Kana kanan godhu dirqama waan natti ta’eef utuu hin ta’in, waanan gochuu barbaaduufidha.”
18 Warri ijoolleesaanii amalawwan gaarii akka qabaatan barsiisuunsaanii bu’aa maalii argamsiisu danda’a? Ijoolleen michoota horachuufi warra kaanii wajjin nagaadhaan jiraachuu danda’u. Hoggantootaafi hojjetoota kaanii wajjin walii galanii hojjechuun isaan hin rakkisu. Kana malees, ijoolleen amala gaarii qabaniifi qajeelota ta’an warrasaaniif gammachuu guddaa argamsiisu.—Fakkeenya 23:24, 25 dubbisi.
Amalli Gaariin Namoota Biyya Lafaarraa Adda Nu Taasisa
19, 20. Fakkeenya Waaqa keenya isa gaariifi Ilmasaa hordofuuf murteessuu kan qabnu maaliifi?
19 Phaawulos, “Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!” jechuudhaan barreesseera. (Efe. 5:1) Fakkeenya Yihowaafi Ilmasaa hordofuun, seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu kan akka mataduree kanarratti barannee hojiirra oolchuu dabalata. Akkas gochuun keenya, namoota aboo qaban biratti jaallatamuuf ykn faayidaa argachuuf jecha amala gaarii kan qabnu fakkeessuurraa akka fagaannu nu taasisa.—Yih. 16.
20 Seexanni guyyoota gara dhumaa bulchiinsisaa inni hamaan itti badu dhihaate kanatti, ulfina argisiisuu ilaalchisee seerawwan Yihowaan baase balleessuuf kutatee ka’eera. Haata’u malee, carraaqqiin Diiyaabilos amala Kiristiyaanota dhugaa isa gaarii balleessuuf godhu hin milkaa’uuf. Hundi keenya fakkeenya Waaqa keenyaa isa gaariifi Ilmasaa hordofuuf murtoo haa goonu. Akkas goonaan, yoomiyyuu dubbiifi amalli keenya namoota amala gadhee qabanirra adda ta’a. Maqaa Waaqa keenya Yihowaa isa amala gaariif fakkeenya guddaa ta’eef galata argamsiisna; akkasumas namoonni garaa qajeelaa qaban gara waaqeffannaa dhugaatti akka dhufan goona.
[Miiljalee]
a Aadaawwan tokko tokko keessatti maqaasaaniitiin akka isaan waamnu yoo barbaadan malee, namoota hangafa keenya ta’an maqaasaaniitiin waamuun akka salphinaatti ilaalama. Kiristiyaanonni aadaawwan akkasii kabajuunsaanii barbaachisaadha.
Ni Yaadattaa?
• Amala gaarii argisiisuu ilaalchisee Yihowaafi Ilmasaarraa maal baranna?
• Ho’isnee namoota nagaa gaafachuun waa’ee keenya ilaalcha gaarii akka qabaatan gargaara kan jennu maaliifi?
• Ulfina namaa kennuun tajaajila keenya bu’a qabeessa kan taasisu akkamitti?
• Warri ijoolleensaanii amala gaarii akka qabaatan barsiisuurratti ga’ee maalii qabu?
[Saanduqa fuula 27rra jiru]
Fuula Ifaa Argisiisuudhaan Jalqabi
Namoonni baay’een nama hin beeknee wajjin haasa’uurraa of qusatu. Dhugaa Baatonni Yihowaa garuu Waaqayyoofi namoota waan jaallataniif dhugaa Macaafa Qulqulluu warra kaaniif hiruufis ta’e, akkamitti warra kaanii wajjin haasa’uu akka danda’an barachuuf carraaqqii cimaa godhu. Gama kanaan fooyya’iinsa gochuuf maaltu si gargaaruu danda’a?
Seerri bu’uuraa Filiphisiiyus 2:4rratti caqasame akkas jedha: “Isin keessaa adduma addaan waan warra kaanitti tolus immoo haa ilaalu malee, waan isatti tolu duwwaa hin ilaalin!” Mee caqasa kana karaa kanaan yaaduuf yaali: Namni tokko kanaan dura si hin beeku taanaan akka ormaatti si ilaala. Akka inni tasgabbaa’uu gochuu kan dandeessu akkamitti? Fuula ifaadhaan ho’istee nagaa gaafachuun si gargaaruu danda’a. Wanti kana caalaa irratti xiyyeeffachuu qabdu garuu jira.
Nama tokkoo wajjin haasaa jalqabuu keetiin wanta inni yaadaa jiru jalaa balleessitee ta’uu danda’a. Wanta inni yaadaa tureef utuu xiyyeeffannaa hin kennin, wanta ofiikeetii yaadde dubbachuuf yoo yaalte deebii gaarii si kennuu dhiisuu danda’a. Kanaaf, namichi waa’ee maalii yaadaa akka ture hubachuu yoo dandeesse, isarratti hundooftee haasawaa jalqabuuf maaliif yaalii hin gootu? Yesus dubartii Samaariyaa boolla bishaanii biratti argee wajjin maree kan jalqabe akkasitti ture. (Yoh. 4:7-26) Dubartittiin waa’ee bishaan waraabuu yaaddi turte. Yesusis haasaasaa kan jalqabe kana bu’uura godhachuudhaan si’a ta’u, utuu hin turinis waa’ee hafuuraa haasa’uu jalqabeera.
[Fakkii fuula 26rra jiru]
Akka michuutti namootatti dhihaachuun, akka gaariitti isaaniif dhugaa ba’uuf gargaara
[Fakkii fuula 28rra jiru]
Yoomiyyuu amala gaarii argisiisuun barbaachisaadha