Gaarummaa Qabaachuudhaan Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa
1 Yihowaan Waaqa uumama cufarratti Olaantummaa qabu ta’uyyuu, walitti dhufeenya ilmaan namootaa wajjin qabuun Waaqa gaariifi kan namaa yaadu ta’uusaa argisiiseera. (Uma. 13:14; 19:18-21, 29) Waaqa keenya isa gaarii fakkaachuudhaan nuyis akkaataa dhiheenyaa misiraachicha itti dubbannu fooyyessuu dandeenya. (Qol. 4:6) Kana jechuunimmoo gad of qabuufi warra kaan kabajuu caalaa waan dabalatu qaba.
2 Manaa Gara Manaatti: Namicha haasofsiisuuf yeroonsaa mijaa’aa yoo ta’uu baate ykn hojiidhaan kan qabame yoo ta’e maal goona? Haalli akkasii yommuu nu mudatu ergaa keenya gabaabsuu ykn yeroo biraa deebinee akka dhufnu itti himnee deemuu qabna. Namoonni barreeffamoota keenya hin barbaanne akka fudhatan isaan dirqisiisuu hin qabnu. Warra kaaniif kan yaannu ta’uun keenya, qabeenyasaanii fakkeenyaaf manasaanii akka hin xureessine of eeggachuu, balbalasaanii yommuu rurrukunnuufi cufnu kabajaan gochuu, ijoolleen keenyas akkasuma akka godhan leenjisuuf nu kakaasa. Namoota manaa dhabneef barreeffama keenyee yommuu deemnu, bakka namoonni biraan argan kaa’uu hin qabnu. Gaarummaan, wanta namoonni akka nuu godhan barbaannu isaaniif gochuuf nu kakaasa.—Luq. 6:31.
3 Karaarratti: Karaarratti ennaa tajaajillu, daandii namoonni irra darbanirra dhaabannee karaa cufuu dhiisuudhaan, akkasumas mana daldalaa dura dhaabannee dawoo ta’uu dhiisuudhaan gaarummaa argisiisuu dandeenya. Namoota jarjaran dhiisnee warra yeroo muraasa qabaniif dhugaa ba’uudhaan haala namootaa kan hubannu ta’uu keenya argisiisna. Yeroo tokko tokko karaarra wacni yoo jiraate sagaleen keenya akka dhaga’amu ol fuunee dubbachuu qabna ta’a. Haata’u malee, kana kan goonu xiyyeeffannaa namootaa gara keenyatti harkisuudhaan utuu hin ta’in karaa ulfina qabuun ta’uu qaba.—Mat. 12:19.
4 Bilbilaan: Warra kaaniif kan yaannu yoo taane, naannoo wacni hin jirrerraa bilbiluudhaan dhugaa isaaniif ba’uuf kakaana. Afaan keenya bilbilichatti dhiheessinee akkaataa haasawaa gaarii ta’een dubbachuudhaan, namoonni nuu wajjin maree gaarii Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e akka godhan isaan gargaarra. (1 Qor. 14:8, 9) Karaawwan kanaan namoota gaariifi kan namaa yaannu ta’uudhaan Waaqa keenya isa gaarii ta’e Yihowaa fakkaachuu dandeenya.