“Wanta Waa’ee Hin Baafne” Duukaa Hin Bu’inaa
“Namni wanta waa’ee hin baafne duukaa bu’u . . . qalbii hin qabu.”—FAK. 12:11.
1. Wantoota waa’ee baasan akkamii qabna? Karaan wantoota kanatti itti fayyadamuu dandeenyu inni hundarra caalu kami?
KIRISTIYAANOTA waan taaneef, wantoota waa’ee baasan addaddaa qabna. Wantoonni kunis, hamma ta’e fayyaafi jabina qabaachuu, dandeettii uumamaa ykn qabeenya ta’uu danda’u. Yihowaa waan jaallannuuf, wantoota kana tajaajilasaatiif itti fayyadamuudhaan gorsa geggeessaa hafuura qulqulluutiin, “qabeenya keetiin . . .Waaqayyoof ulfina kenni!” jedhu hojiirra oolchina.—Fak. 3:9.
2. Macaafni Qulqulluun wantoota waa’ee hin baafne ilaalchisee akeekkachiisa akkamii kenna? Akeekkachiisni kun jireenya fooniitiif ni hojjeta kan jennu maaliifi?
2 Karaa gara biraatiinimmoo Macaafni Qulqulluun waa’ee wantoota waa’ee hin baafnees ni dubbata. Wantoota kana hordofuutti qabeenya keenya akka hin balleessines nu akeekkachiisa. Kana ilaalchisee yaada Fakkeenya 12:11rra jiru ilaali. Akkas jedha: “Namni lafa isaa qotatu buddeena quufa, namni wanta waa’ee hin baafne duukaa bu’u garuu, qalbii hin qabu.” Caqasni kun jireenya fooniitiif kan hojjetu ta’uusaa hubachuun rakkisaa miti. Namni tokko yeroofi humnasaa maatiisaa gargaaruuf cimee hojjechuuf yoo oolche, wanta isaafis ta’e maatiisaatiif barbaachisu akka argatu beekamaadha. (1 Xim. 5:8) Haata’u malee, qabeenyasaa wantoota waa’ee hin baafne hordofuutti yoo balleesse, ‘qalbii akka hin qabaanne’ jechuunis murtoo sirrii gochuu akka hin dandeenyeefi kaka’umsa sirrii akka hin qabne argisiisa. Namni akkasii akka hiyyoomu beekamaadha.
3. Wantoota waa’ee hin baafne ilaalchisee akeekkachiisni Macaafni Qulqulluun kennu waaqeffannaa keenyaaf kan hojjetu akkamitti?
3 Seera bu’uuraa fakkeenya kanaa, waaqeffannaa keenyarratti hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Dhugumayyuu Kiristiyaanni jabinaafi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilu tasgabbii dhugaa akka qabaatu hubachuu dandeenya. Yeroo ammaa eebba Waaqayyoo argachuufi gara fuulduraatiif abdii mirkanaa’aa qabaachuu danda’a. (Mat. 6:33; 1 Xim. 4:10) Haata’u malee, Kiristiyaanni wantoota waa’ee hin baafnerratti yaannisaa hihhiramu, walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabuufi abdii jireenya barabaraa dhabuu danda’a. Haala akkasiirraa of qusachuu kan dandeenyu akkamitti? Wantoota “waa’ee hin baafne” addaan baasnee beekuufi isaanirraa fagaachuuf murtoo gochuu qabna.—Tiitoos 2:11, 12 dubbisi.
4. Walumaa galatti wantoonni waa’ee hin baafne wantoota akkamiiti?
4 Wantoonni waa’ee hin baafne maalfa’i? Walumaa galatti, wantoota garaa guutuudhaan Yihowaa akka hin waaqeffanne nu dhowwanidha. Fakkeenyaaf, wantoonni kun bashannana addaddaa kan dabalatan ta’uu danda’u. Bashannanni barbaachisaa akka ta’e beekamaadha. Ta’us sochiiwwan waaqeffannaa keenyaa wajjin wal qabatan hamma dagannutti “bashannanarratti” sa’aatii dheeraa yoo dabarsine, karaa hafuuraa miidhaa guddaan waan nurra ga’uuf, bashannanni wanta waa’ee hin baafne nutti ta’a. (Lal. 2:24; 4:6) Kiristiyaanni tokko haala akkasiirraa of eeguuf, yeroosaa isa waa’ee baasutti of eeggannoodhaan fayyadama. (Qolosaayis 4:5 dubbisi.) Haata’u malee, wantoonni bashannana caalaa waa’ee hin baafneefi balaa guddaa geessisan jiru. Waaqayyoliin sobaa kana keessaa isa tokkodha.
Waaqayyolii Waa’ee Hin Baafne Duukaa Hin Bu’inaa
5. Jecha “waa’ee hin baafne” jedhu Macaafni Qulqulluun yeroo baay’ee maal ibsuuf itti fayyadama?
5 Afaan Ibrootaa isa jalqabaatiin Macaafa Qulqulluu keessatti jechoonni “waa’ee hin baafne” jedhan baay’een waaqolii soba wajjin haala wal qabateen ibsamaniiru. Fakkeenyaaf Yihowaan Israa’elootaan akkas jedhee ture: “Ani Waaqayyo gooftaa keessan waanan ta’eef, isin waaqayyolii tolfamoo [“waaqolii waa’ee hin baafne,” NW] hin hojjetatinaa, bifa qirixame, utubaa dhagaa isa qulqullaa’aatti ilaalamus hin dhaabbatinaa! Isin dhagaa bifni itti baafameef sagaduudhaaf biyya keessan keessa hin dhaabinaa!” (Lew. 26:1) Daawit Mootichi akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo guddaa dha, guddisee jajamuun in ta’aaf; waaqayyolii hundumaa gararraattis sodaatamuun isaa in ta’a. Waaqayyoliin saba warra kaanii hundinuu, kan dhimma hin baafnee dha, Waaqayyo garuu bantiiwwan waaqaa in uume.”—1 Sen. 16:25, 26.
6. Waaqayyoliin sobaa waa’ee kan hin baafne maaliifi?
6 Akkuma Daawit jedhe, ragaawwan guddina Yihowaa argisiisaniin marfamneerra. (Far. 139:14; 148:1-10) Israa’eloonni kakuudhaan Yihowaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuunsaanii mirga guddaa ture! Isarraa goranii bifa qirixameefi utuboota dhagaatiif sagaduunsaanii gowwummaa guddaa ture! Yeroo rakkinaatti waaqayyoliinsaanii warri sobaa dhugumaan waa’ee kan hin baafneefi waaqeffattootasaanii haa hafuutii ofiyyuu oolchuuf humna kan hin qabne ta’uunsaanii mirkanaa’ee ture.—Abo. 10:14, 15; Isa. 46:5-7.
7, 8. “Horiin” akka waaqaa ta’uu kan danda’u akkamitti?
7 Yeroo har’aas biyyoota hedduutti namoonni waaqayyolii tolfamaniif kan sagadan yommuu ta’u, waaqayyoliin akkasii akkuma bara durii gatii kan hin qabnedha. (1 Yohannis 5:21) Haata’u malee, Macaafni Qulqulluun waaqayyolii tolfamoo malees wantoota akka waaqoliitti ilaalaman kan biraanis akka jiran ni ibsa. Fakkeenyaaf wanta Yesus dubbate kana hubadhu: “Eenyu illee gooftolii lamaaf hojjechuu hin danda’u, isa tokko jibbee isa kaan jaallachuu, isa tokkoof of kennee isa kaan tuffachuu dha malee; isinis akkasuma Waaqayyoo fi horiidhaaf hojjechuu hin dandeessan.”—Mat. 6:24.
8 ‘Horiin’ akka waaqaa ta’uu kan danda’u akkamitti? Fakkeenyaaf, waa’ee dhagaa biyya Israa’el durii keessa jiruu yaadi. Dhagaan akkasii mana ykn dallaa ijaaruuf fayyaduu danda’a. Karaa gara biraatiinimmoo “utubaa dhagaa isa qulqullaa’aa” ykn “dhagaa bifni itti baafame” godhamee yoo dhaabame, saba Yihowaa karaarraa jal’isuu danda’a ture. (Lew. 26:1) Qarshiinis faayidaa mataasaa qaba. Ittiin jiraachuufi tajaajila Yihowaatiif itti fayyadamuu dandeenya. (Lal. 7:12; Luq. 16:9) Haata’u malee, tajaajila Kiristiyaanummaa caalaa qarshii kan ariinu yoo ta’e, qarshiin waaqa keenya ta’eera jechuudha. (1 Ximotewos 6:9, 10 dubbisi.) Addunyaa isa namoonni qarshii hedduu argachuuf itti fiigan kana keessatti, dhimma kanaaf ilaalcha sirrii qabaachuun keenya baay’ee barbaachisaadha.—1 Xim. 6:17-19.
9, 10. (a) Kiristiyaanni tokko barumsaaf ilaalcha akkamii qabaata? (b) Barumsi sadarkaa olaanaa balaa akkamii qaba?
9 Barumsi biyya lafaas faayidaa qabaatuyyuu wanta waa’ee hin baafne ta’uu danda’a. Ijoolleen keenya wanta jireenyaaf isaan barbaachisu argachuu akka danda’aniif barumsa gaarii akka qabaatan barbaanna. Kana caalaas, Kiristiyaanni akka gaariitti barate, caalaatti hubannaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuu, rakkoowwan isa mudatanirratti yaaduudhaan haala fedha Waaqayyoo wajjin wal simuun murtoo gochuu, akkasumas karaa ifaafi amansiisaa ta’een dhugaa Macaafa Qulqulluu barsiisuu danda’a. Barumsa gaarii barachuun yeroo kan fudhatu ta’us, kan nama gaabbisiisu miti.
10 Barumsa olaanaa kolleejjii ykn yunivarsiitiitti kennamu barachuun barbaachisaadhaa? Namoonni baay’een barumsi akkasii milkaa’ina argachuuf barbaachisaa akka ta’e itti dhaga’ama. Haata’u malee, namoonni barumsa akkasii hordofan sammuunsaanii yaadawwan miidhaa isaanirra geessisaniin guutama. Barumsi akkasii bara dargaggummaa tajaajila Yihowaatiif waa’ee baasuu danda’u balleessa. (Lal. 12:1) Tarii biyyoota namoonni hedduun barumsa akkasii itti baratan keessatti namoonni Waaqayyotti amanan baay’ee xinnoo kan ta’an kanaaf ta’uu danda’a. Kiristiyaanni tokko abdiisaa barumsa olaanaarra kaa’achuu mannaa Yihowaatti amanama.—Fak. 3:5.
Fedhiin Foonii Waaqa Akka Isinitti Ta’u Hin Godhinaa
11, 12. Phaawulos namoota tokko tokko ilaalchisee, “Garaan isaanii waaqayyo isaanii ti” kan jedhe maaliifi?
11 Phaawulos xalayaa warra Filiphisiiyusiif barreesserratti, wanta waaqa namatti ta’uu danda’u kan biraa ibseera. Namoota Kiristiyaanota turan ilaalchisee akkas jedheera: “Waa’ee jara tokkoo kanaan dura akkuma ani si’a baay’ee isinitti hime, ammas boo’aa isinitti nan hima; isaan yaada fannifamuu Kristositti diina ta’anii in jiraatu. Dhumni isaanii badiisa, garaan isaanii waaqayyo isaanii ti; . . . yaada garaa isaaniis waan lafa irraatti in hidhu.” (Filp. 3:18, 19) Garaan nama tokkoo waaqa itti ta’uu kan danda’u akkamitti?
12 Namoonni bara Phaawulos turan, Isaa wajjin Yihowaa tajaajiluu caalaa fedhiiwwan foonsaaniitiif bitamuuf bakka guddaa kan kennan fakkaata. Tokko tokko hamma abbaa garaa ykn machooftuu ta’anitti garmalee nyaachaa ykn dhugaa turan ta’a. (Fak. 23:20, 21; Keessa Deebii 21:18-21 ilaali.) Warri kaanimmoo carraa addunyaan jaarraa jalqabaatti ture dhiheessu hundumaatti fayyadamuu waan filataniif, Yihowaa tajaajiluurraa duubatti jedhanii ta’uu danda’a. Fedhiin jireenya gaarii jedhamee yaadamu jiraachuuf qabnu, garaa guutuudhaan Yihowaa tajaajiluu akka nu dhowwu tasumaa gochuu hin qabnu.—Qol. 3:23, 24.
13. (a) Sassanni maalidha? Phaawulos sassata akkamitti ibse? (b) Sassatarraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
13 Phaawulos wanta waaqa sobaa nutti ta’uu danda’u kan biraas ibseera. Akkas jechuudhaan barreesse: “ Egaa yaada keessan wanta lafa irra jirutti isa hidhu, halalummaa fi xuraa’ummaa, kajeellaa fi hawwa hamaa, sassata isa waaqayyolii tolfaman waaqessuutti lakkaa’amus, of keessaa ajjeesaa.” (Qol. 3:5) Sassata jechuun, wanta kan keenya hin taane tokkoof hawwii cimaa qabaachuu jechuudha. Kunimmoo qabeenyaafi Saalqunnamtii seeraan ala ta’e hawwuu dabalata. (Bau. 20:17) Fedhiiwwan akkasii waaqa tolfamaa jechuunis waaqa sobaa waaqeffachuu wajjin qixxee ta’uusaanii beekuun keenya dhimma kanarratti akka yaannu kan nu godhu mitii? Yesus fedhii akkasii to’achuuf carraaqqii cimaa gochuun barbaachisaa ta’uusaa fakkeenyaan ibseera.—Maarqos 9:47 dubbisi; 1 Yohannis 2:16.
Dubbii Waa’ee Hin Baafnerraa Fagaadhaa
14, 15. (a) Namoota bara Ermiyaas turan hedduu, wanta “waa’ee hin baafne” akkamiitu isaan gufachiisee ture? (b) Dubbiin Musee waa’ee kan baasu kan ta’e maaliifi?
14 Wanti waa’ee hin baafne dubbiis dabalachuu danda’a. Fakkeenyaaf Yihowaan Ermiyaasiin akkas jedhee ture: “Raajonni sun maqaa kootiin raajii sobaa dubbatan malee, ani isaan hin ergine, ani isaan hin abboomne, isaanittis hin dubbanne; isaan mul’ata sobaa, hooda waa’ee hin baafne, gowwoomsaa garaa isaanii keessatti yaadanii qopheessanis isinitti raajii in dubbatu.” (Er. 14:14) Raajonni sobaa sun maqaa Yihowaatin dubbanna jedhaniyyuu, yaadaafi ogummaa mataasaanii babal’isu turan. Kanaafuu dubbiinsaanii wantoota “waa’ee hin baafne” turan. Akkasumas gatii kan hin qabneefi karaa hafuuraa balaadhaaf kan nama saaxilan turan. Namoonni wantoota waa’ee hin baafne kana hordofan, Dh.K.D. bara 607tti yeroosaanii malee loltoota Baabiloniin ajjeefamaniiru.
15 Haala kanarraa adda ta’een Museen Israa’elootaan akkas jedhee ture: “Dubbii ani har’a isinitti beeksisu kana hundumaa garaa keessan keessa kaa’adhaa! . . . Dubbichi jireenya keessan malee, dubbii isiniif waa’ee hin baafne miti; dubbichaanis biyya isa Yordaanosin ceetanii qabachuuf jirtan sana keessa bara dheeraa in jiraattu” (Kes. 32:46, 47) Eeyyee, wanti Museen dubbate Waaqayyorraa kan dhufe ture. Kanaafuu, nageenya sabichaatiif waa’ee kan baasuufi barbaachisaa ture. Warri dubbii kana hojiirra oolchan umrii dheeraafi badhaadhummaa argataniiru. Yeroo hundumaa wantoota waa’ee hin baafnerraa fagaachuudhaan dubbii dhugaa waa’ee baasutti haa maxxannu.
16. Dubbii saayintiistotaa isa Dubbii Waaqayyoo wajjin wal faallessuuf ilaalcha akkamii qabna?
16 Yeroo har’aa wantoonni waa’ee hin baafne yommuu dubbataman ni dhageenyaa? Eeyyee. Fakkeenyaaf, saayintiistonni tokko tokko barumsi jijjiirama tirannaafi qorannaan saayinsii wantoota biraarratti geggeeffame, Waaqayyotti amanuun barbaachisaa akka hin taaneefi wanta hundumaa uumamarraa ilaaluudhaan ibsuun akka danda’amu argisiisa jedhu. Jechoonni oftuulummaadhaan dubbataman kun nu yaaddessuu qabuu? Matumaa hin qaban! Ogummaan namootaa ogummaa Waaqayyorraa addadha. (1 Qor. 2:6, 7) Kanaafuu, barumsi namootaa wanta Waaqayyo jedhee wajjin yoo wal faallesse, yeroo hundumaa dogoggorri kan jiru barumsa namootaarra. (Roomaa 3:4 dubbisi.) Saayinsiin karaawwan tokko tokkoon guddina argisiisus, ogummaa namootaa ilaalchisee wanti Macaafni Qulqulluun, “Ogummaan biyya lafaa kanaa Waaqayyo biratti gowwummaa dha” jechuudhaan dubbatu yeroo hundumaa dhugaadha. Beekumsi namootaa ogummaa Waaqayyoo isa dhuma hin qabnee wajjin wal biratti yommuu ilaalamu gatii hin qabu.—1 Qor. 3:18-20.
17. Dubbii geggeessitoota Saba Kiristiyaanaafi dubbii gantootaatiif ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
17 Dubbiin waa’ee hin baafne kan biraanimmoo geggeessitoota amantii Saba Kiristiyaanaa biratti argama. Namoonni kun maqaa Waaqayyootiin dubbanna yoo jedhanis, wanta dubbatan keessaa baay’eensaa Caaffata Qulqullaa’oorratti kan hin hundoofne ta’uusaarrayyuu gatii kan hin qabnedha. Gantoonnis ‘hojjetaa amanamaafi ogeessa’ muudame caalaa ogummaa qabna jechuudhaan dubbii waa’ee hin baafne dubbatu. (Mat. 24:45-47) Haata’u malee, gantoonni ogummaa mataasaanii kan dubbatan ennaa ta’u, dubbiinsaaniis nama isaan dhaggeeffatu hundatti gufuu waan ta’uuf waa’ee kan hin baafnedha. (Luq. 17:1, 2) Isaaniin gowwoomfamuurraa of eeguu kan dandeenyu akkamitti?
Dubbii Waa’ee Hin Baafnerraa Kan Fagaannu Akkamitti?
18. Gorsa 1 Yohannis 4:1rra jiru hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Yohannis ergamaan inni maanguddichi kana ilaalchisee gorsa gaarii kenneera. (1 Yohannis 4:1 dubbisi.) Gorsa Yohannisii wajjin haala wal simuun, yeroo hundumaa namoonni tajaajilarratti argannu wanta baratan Macaafa Qulqulluu wajjin wal bira qabanii akka ilaalan isaan jajjabeessina. Nuyis ofii keenyaa akkas gochuu qabna. Wanti dhageenye tokko barumsa dhugaa wajjin kan wal hin simne yoo ta’e ykn dubbii gadhee gumiirratti, jaarsoliirratti ykn obboloota keenya keessaa tokkorratti dubbatame yoo ta’e, dhugaa ta’uusaa utuu hin mirkaneessin hin fudhannu. Kanaa mannaa akkas jennee of gaafachuu qabna: “Namni yaada kana babal’isaa jiru nama wanta Macaafni Qulqulluun jedhuu hojiirra oolchudhaa? Oduun ykn hamiin kun kaayyoon Yihowaa akka raawwatamu kan gargaarudhaa? Gumii keessatti nagaa kan babal’isudhaa?” Dubbiin obbolummaa keenya jabeessuuf utuu hin ta’in diiguuf dubbatamu hundi gatii kan hin qabnedha.—2 Qor. 13:10, 11.
19. Jaarsoliin dubbiinsaanii waa’ee kan hin baafne akka hin taane kan godhan akkamitti?
19 Gorsi dubbii waa’ee hin baafne ilaalchisee kenname jaarsoliidhaafis barumsa gaarii ta’a. Yeroo gorsa kennan, dandeettiinsaanii murtaa’aa ta’uusaa waan beekaniif, beekumsasaaniirratti qofa hundaa’uudhaan gorsa kennuuf hin yaalan. Yeroo hundumaa Macaafa Qulqulluurraa caqasuu qabu. Abboommiin Phaawulos, “Wanta caaffanni qulqullaa’aan jedhu gararraa hin darbinaa!” jechuudhaan kenne seera gaarii ta’a. (1 Qor. 4:6) Jaarsoliin wantoota Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffamanirra hin darban. Kanaan alas, gorsi jaarsoliin kennan gorsa hojjetaa amanamaafi ogeessi barreeffamootarratti baasee ala ta’uu hin qabu.
20. Wantoota waa’ee hin baafnerraa fagaachuuf kan nu gargaaran maalfa’i?
20 Wantoonni waa’ee hin baafne, jechuunis “waaqoliin,” dubbiinis ta’e wanti kan biraa hundi miidhaa guddaa geessisu. Kanaafuu, yeroo hundumaa Yihowaan qajeelfama wantoota kana addaan baasuufis ta’e isaanirraa fagaachuuf nu gargaaru akka nuu kennu ni kadhanna. Yeroo akkas goonu akkuma faarfatichaa, “Ija koo wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isi, karaa kee irrattis lubbuu anatti deebisi!” jechuu keenya argisiisna. (Far. 119:37) Mataduree ittaanu keessatti qajeelfama Yihowaa fudhachuun faayidaa akkamii akka qabu bal’inaan ilaalla.
Ibsuu Dandeessaa?
• Walumaa galatti “wantoota waa’ee hin baafne” akkamiirraa fagaachuu qabna?
• Qarshiin waaqa akka nutti hin taane gochuu kan dandeenyu akkamitti?
• Fedhiin foonii akka waaqa tolfamaa ta’uu kan danda’u akkamitti?
• Dubbii waa’ee hin baafnerraa fagaachuu kan dandeenyu akkamitti?
[Fakkii fuula 3rra jiru]
Israa’eloonni wantoota waa’ee hin baafne hordofuu mannaa ‘lafasaanii akka qotatan’ gorfamanii turan
[Fakkii fuula 5rra jiru]
Fedhiin qabeenya argachuuf qabdu, hirmaannaa tajaajila Yihowaarratti gootu akka si jalaa hir’isu hin godhin
[Fakkii fuula 6rra jiru]
Dubbiin jaarsolii gumii bu’aa gaarii argamsiisuu danda’a