MATA DUREE QOʼANNAA 27
Jabaatanii Dhaabbachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
“Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu.”—LUQ. 21:19.
FAARFANNAA 114 “Obsaa”
QABIYYEEa
1-2. Dubbiin Yihowaa Isaayyaas 65:16, 17 irratti galmeeffame abdii akka hin kutanne kan nu jajjabeessu akkamitti?
MATA DUREEN walgaʼii naannoo bara 2017 baayʼee kan nama gammachiisuu fi “Abdii hin Kutatinaa!” kan jedhu ture. Walgaʼii kana irratti rakkoowwan yeroo nu mudatanitti jabaannee dhaabbachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranneerra. Walgaʼicha erga godhannee waggaan afur darbus, ammas addunyaa hamaa taʼe kana keessatti jabaannee dhaabbachaa jirra.
2 Rakkinni yeroo ammaatti sirra gaʼaa jiru maali dha? Miseensota maatii kee keessaa nama tokko ykn michuu kee jaallattu duʼaan dhabdeettaa? Dhibee duʼaaf nama saaxiluun qabamteettaa? Sababa dullumaatiin rakkoowwan tokko tokko sirra gaʼaa jiruu? Balaan uumamaa, miidhaan ykn ariʼatamni sirra gaʼeeraa? Yookiin dhukkuba kan akka dhibee daddarbaa Kooviid 19tiin kan kaʼe miidhamteettaa? Yeroo rakkoowwan kun hundi itti darbanii fi irraanfataman, akkasumas matumaa deebiʼanii itti hin uumamne hawwiidhaan eegganna.—Isaayyaas 65:16, 17 dubbisi.
3. Amma maal gochuu qabna? Maaliif?
3 Jireenyi sirna kanaa baayʼee ulfaataa dha; wantoonni gara fuulduraatti nu mudatan immoo isa ammaa caalaa ulfaatoo taʼuu dandaʼu. (Mat. 24:21) Kanaafuu, amala jabaatanii dhaabbachuu cimsachuu keenya itti fufuun nu barbaachisa. Kana gochuun kan nu barbaachisu maaliifi? Yesuus, “Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu” waan jedheefi. (Luq. 21:19) Waaʼee warra rakkoowwan nuu wajjin wal fakkaatan keessatti jabaatanii dhaabbatanii yaaduun keenya caalaatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaara.
4. Yihowaan jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya hunda irra caalu nuuf taʼa kan jennu maaliifi?
4 Jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya hunda irra caalu kan nuuf taʼu eenyu dha? Waaqa keenya Yihowaa dha. Deebiin kun si dinqisiiseeraa? Hamma irratti yaaddutti si dinqisiisuun isaa hin oolu. Addunyaa kana kan toʼatu Diyaabilos waan taʼeef, addunyaan kun rakkinaan guutamteetti. Yihowaan humna rakkoowwan kana yeroo kamitti iyyuu balleessuuf isa dandeessisu qaba; taʼus hamma yeroon isaa gaʼutti obsaan eegaa jira. (Rom. 9:22) Waaqni keenya jabaatee dhaabbachuudhaan hamma yeroon murteeffame gaʼutti eeguu isaa itti fufa. Mee wantoota Yihowaan dandamachaa jiru sagal haa ilaallu.
YIHOWAAN WANTOOTA AKKAMII OBSAA JIRA?
5. Maqaan Yihowaa kan arrabsame akkamitti? Atoo kun taʼuu isaatti maaltu sitti dhagaʼama?
5 Arrabsoo maqaa isaa irra gaʼaa jiru. Yihowaan maqaa isaa ni jaallata; namoonni hundis maqaa isaa kanaaf ulfina akka kennan barbaada. (Isa. 42:8) Taʼus maqaan isaa inni gaariin gara waggoota kuma jaʼaatiif arrabsamaa tureera. (Far. 74:10, 18, 23) Kunis iddoo biqiltuu Eedan keessatti yeroo Diyaabilos (hiikni isaa “Maqaa Balleessituu” jechuu dha), Waaqayyo Addaamii fi Hewaan wanta gammaduuf isaan barbaachisu isaan dhowwateera jedhee isa himatetti jalqabe. (Uma. 3:1-5) Yihowaan yeroo sanaa kaasee, ‘Wanta ilmaan namootaatiif barbaachisu isaan dhowwateera’ jedhamee sobaan himatamaa jira. Maqaan Abbaa isaa arrabsamuun isaa Yesuusiin yaaddessee ture. Barattoonni isaa, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan kan barsiises kanaafi.—Mat. 6:9.
6. Yihowaan ol aantummaa isaa mirkaneessuuf yeroo dheeraa kan kenne maaliifi?
6 Mormii ol aantummaa isaa irratti kaʼe. Yihowaan samii fi lafa irratti bulchuuf mirga guutuu qaba; bulchiinsi isaas hunda irra kan caalu dha. (Mul. 4:11) Haa taʼu malee, Diyaabilos maleekotaa fi namoota dogoggorsuudhaan Waaqayyo bulchuuf mirga akka hin qabnetti akka yaadan gochuuf yaalaa jira. Yihowaan bulchuuf mirga akka qabuu fi bulchiinsi isaas hunda irra kan caalu taʼuu isaa mirkaneessuun yeroo gaafata. Kanaafuu, Waaqayyo ilmaan namootaa ofiin akka of bulchaniif yeroo dheeraa isaaniif kenneera; kunis gargaarsa Waaqayyoo malee ofiin of bulchuu akka hin dandeenye akka hubatan isaan godha. (Er. 10:23) Waaqayyo obsuun isaa dhimmi kun guutummaatti furmaata akka argatu godha. Lafa irratti nagaa fi tasgabbii dhugaa fiduu kan dandaʼu mootummaa isaa qofa akka taʼe mirkaneessuudhaan maqaa isaa ni qulqulleessa.
7. Warri Yihowaa irratti fincilan eenyu faʼi? Innoo isaan irratti tarkaanfii akkamii fudhata?
7 Ijoolleen isaa tokko tokko yeroo isa irratti fincilan. Yihowaan uumamawwan hafuuraa fi ilmaan namootaa warra ijoollee isaa taʼan mudaa malee uume. Booda garuu, Seexanni (hiikni isaa “Mormituu” jechuu dha) inni maleekaa Waaqayyoo ture isa irratti finciluudhaan Addaamii fi Hewaan warri mudaa hin qabnes Yihowaa irratti akka fincilan godhe. Maleekonnii fi namoonni kaanis fincila isaa kana deggeraniiru. (Yih. 6) Yeroo booda, sabni Israaʼel warri Waaqayyo filate illee, isa dhiisuudhaan waaqolii tolfamoo waaqeffataniiru. (Isa. 63:8, 10) Yihowaan akka ganame itti dhagaʼameera. Taʼus, obsaa jira; hamma finciltoota kana hunda balleessuttis obsuu isaa itti fufa. Yihowaa fi tajaajiltoonni isaa amanamoon isaa wajjin obsaan eeggachaa jiran sirni hamaan kun yeroo balleeffamutti gammachuu guddaa argatu.
8-9. Waaʼee Yihowaa soba akkamiitu dubbatamaa jira? Nuti hoo maal gochuu dandeenya?
8 Soba Diyaabilos utuu wal irraa hin kutin dubbatu. Seexanni Iyyoobii fi tajaajiltoonni Yihowaa amanamoon kaan hundi Yihowaa kan waaqeffatan ofittummaadhaan kakaʼanii akka taʼe dubbateera. (Iyo. 1:8-11; 2:3-5) Diyaabilos hamma yoonaatti ilmaan namootaa himachuu isaa itti fufeera. (Mul. 12:10) Rakkinni yeroo nu irra gaʼu jabaannee dhaabbachuudhaan, akkasumas jaalala Yihowaadhaaf qabnuun kakaanee isaaf amanamoo taanee itti fufuudhaan, Seexanni sobduu taʼuu isaa mirkaneessuu dandeenya. Jabaannee yoo dhaabbanne Yihowaan akkuma Iyyoobiin eebbise nuunis ni eebbisa.—Yaq. 5:11.
9 Seexanni geggeessitoota amantaa sobaatti fayyadamee, Yihowaan hamaa akka taʼee fi rakkina ilmaan namootaa irra gaʼuuf kan itti gaafatamu isa akka taʼe dubbachaa jira. Isaan keessaa tokko tokko immoo, yeroo ijoolleen duʼanitti, Waaqayyo maleekota dabalataa waan barbaadeef gara samiitti akka isaan fudhate dubbatu. Kun maqaa Waaqayyoo balleessuu dha. Nuti garuu Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa taʼuu isaa beekna. Yeroo dhukkubni cimaan nu qabutti yookiin yeroo nama jaallannu duʼaan dhabnutti matumaa Waaqayyoon hin komannu. Kanaa mannaa, inni gara fuulduraatti namoota dhukkubsatan akka fayyisuu fi warra duʼan akka duʼaa kaasu ni amanna. Namoota nu dhagaʼan hundumaatti Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa taʼuu isaa ni himna. Kun immoo isa isa arrabsuuf deebii gaarii kennuuf isa dandeessisa.—Fak. 27:11.
10. Faarfannaa 22:23, 24 waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa?
10 Rakkoowwan tajaajiltoota isaa jaallatamoo irra gaʼaa jiran. Yihowaan Waaqa gara laafessa dha. Ariʼatamaan, dhukkubaan ykn cubbamoota taʼuu keenyaan kan kaʼe dhiphannee yeroo iyyinu baayʼee gadda. (Faarfannaa 22:23, 24 dubbisi.) Yihowaan dhiphina keenya nuuf hubata, rakkina keenya balleessuu barbaada, ni balleessas. (Baʼuu 3:7, 8; Isaayyaas 63:9 wajjin walbira qabii ilaali.) Gara fuulduraatti “inni imimmaan hundumaa ija [keenya] irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.”—Mul. 21:4.
11. Tajaajiltoota isaa amanamoo warra duʼan ilaalchisee Yihowaatti maaltu dhagaʼama?
11 Michoota isaa duʼan irraa adda baʼuu. Yihowaan dhiirotaa fi dubartoota amanamoo duʼan ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? Deebiʼee isaan arguuf ni hawwa. (Iyo. 14:15) Yihowaan michuu isaa Abrahaamiin arguuf hammam hawwaa akka jiru tilmaamuu ni dandeessaa? (Yaq. 2:23) Musee isa “fuulaa fuulatti” haasofsiisaa ture deebiʼee haasofsiisuuf hammam hawwa laata? (Bau. 33:11) Faarfannaa jajannaa Daawitii fi faarfattoonni kaan faarfatan dhaggeeffachuuf baayʼee akka hawwus hin shakkisiisu! (Far. 104:33) Michoonni isaa kun kan duʼan taʼus Yihowaan matumaa isaan hin irraanfatu. (Isa. 49:15) Namoota akkamii akka turan sirriitti ni yaadata. Karaa biraatiin “hundi isaanii akka ilaalcha isaatti jiraatoo” dha. (Luq. 20:38, milj.) Gaaf tokko gara jireenyaatti isaan deebisuudhaan kadhannaa isaanii isa garaadhaa madde dhagaʼuu fi waaqeffannaa isaanii fudhachuu barbaada. Nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe, yaanni kun si jajjabeessuu dandaʼa.
12. Keessumaa wantoonni guyyoota dhumaa hamoo taʼan kana keessatti Yihowaa gaddisiisan maal faʼi?
12 Miidhaa namoonni hamoon warra kaan irra geessisan. Yihowaan yeroo fincilli Eedan keessatti kaʼetti, haalli isaa fooyyaʼuu isaa dura, caalaatti akka hammaatu beeka ture. Yihowaan hammina, jalʼina haqaa fi jeequmsa yeroo harʼaatti addunyaa kana keessatti raawwatamaa jiru ni jibba. Inni yeroo hundumaa keessumaa namoota eegumsa hin qabne kan akka ijoollee warra hin qabnee fi dubartoota abbaan manaa irra duʼee jiraniif baayʼee gadda. (Zak. 7:9, 10) Yihowaan tajaajiltoonni isaa amanamoon yeroo ariʼatamni isaan irra gaʼuu fi yommuu hidhaman ni dhiphata. Inni warra isaa wajjin haala kana keessatti jabaattanii dhaabbachaa jirtan hunda akka jaallatu mirkanaaʼoo taʼaa.
13. Ilmaan namootaa Waaqayyo duratti gochawwan naamusaan ala taʼan akkamii raawwachaa jiru? Innoo tarkaanfii akkamii fudhata?
13 Naamusni ilmaan namootaa mancaʼaa deemuu isaa. Seexanni naamusni namoota akka bifa Waaqayyootti uumamanii yeroo mancaʼu arguun isa gammachiisa. Waaqayyo bara Nohitti “hamminni namaa lafa irratti akka baayʼate” yeroo argetti “lafa irratti nama tolchuu isaatti ni gaabbe; garaan isaas ni gadde.” (Uma. 6:5, 6, 11) Sana booda hoo addunyaan kun fooyyaʼeeraa? Matumaa. Halalummaa namoota saala walfakkaatu qaban gidduuttii fi saala faallaa qaban gidduutti raawwatamu dabalatee, gosti halalummaa hundi baramaa taʼuun isaa Seexana baayʼee gammachiisa. (Efe. 4:18, 19) Keessumaa Seexanni yeroo namoonni Yihowaa waaqeffatan cubbuu cimaa hojjetan baayʼee gammada. Yihowaan yommuu obsa isaa fixatutti gochawwan halalummaa hundumaatiif jibba cimaa akka qabu ni argisiisa.
14. Ilmaan namootaa lafaa fi uumamawwan lafa irra jiran irratti miidhaa akkamii geessisaa jiru?
14 Lafti inni uume yeroo mancaʼu. Namni “nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti”; kana qofa utuu hin taʼin, ilmaan namootaa lafaa fi bineeldota Yihowaan akka isaan kunuunsaniif imaanaadhaan isaaniif kennes miidhaa jiru. (Lal. 8:9; Uma. 1:28) Qorattoonni tokko tokko gochi ilmaan namootaa waggoota muraasa keessatti sanyiiwwanb dabalataa miliyoona tokko taʼan akka badan gochuu akka dandaʼu akeekkachiisaniiru. Namoonnis waaʼee uumamaa kan yaaddaʼan kanaafi. Kan nama gammachiisu, Yihowaan “warra lafa mancaasan [akka balleessuu]” fi lafa gara jannataatti akka jijjiiru waadaa galeera.—Mul. 11:18; Isa. 35:1.
JABAATANII DHAABBACHUU ILAALCHISEE YIHOWAA IRRAA MAAL BARANNA?
15-16. Yihowaa waliin jabaannee dhaabbachuuf wanti nu kakaasuu qabu maali dha? Fakkeenyaan ibsi.
15 Mee waaʼee rakkoowwan ciccimoo Abbaan keenya inni samii waggoota kumaan lakkaaʼamaniif obsee yaadaa. (“Saanduqa “Wantoota Yihowaan Obsaa Jiru” jedhu ilaali.) Yihowaan sirna hamaa kana yeroo kamitti iyyuu balleessuu dandaʼa. Taʼus obsi isaa eebba nuuf argamsiiseera. Mee waaʼee fakkeenya kanaa yaadi. Namni tokkoo fi haati manaa isaa mucaan isaanii inni hin dhalanne dhibee qaamaa cimaa waan qabuuf erga dhalatee booda jireenyi ulfaataa akka isatti taʼuu fi ijoollummaa isaatti akka duʼu itti himame. Warri kun mucaa isaanii kunuunsuun baayʼee ulfaataa akka taʼe kan beekan taʼus dhalachuu isaatti baayʼee gammadu. Jaalala mucaa isaatiif qabaniin kakaʼanii jireenya gaarii akka jiraatuuf rakkina isaan irra gaʼu hundumaa ni dandamatu.
16 Haaluma walfakkaatuun, namoonni sanyii Addaamii fi Hewaan taʼan hundi cubbuu dhaalaniiru. Taʼus Yihowaan isaan jaallata, akkasumas isaaniif ni yaada. (1 Yoh. 4:19) Yihowaan maatii fakkeenyicha keessatti ilaalle irraa haala adda taʼeen, rakkoowwan ijoollee isaa irra gaʼan balleessuu ni dandaʼa. Yeroo rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼan hundumaa itti balleessu murteesseera. (Mat. 24:36) Maarree, jaalalli Yihowaan nuuf qabu hamma yeroon isaa gaʼutti isa waliin jabaannee dhaabbachuuf nu kakaasuu hin qabuu?
17. Yaanni Yesuusiin ilaalchisee Ibroota 12:2, 3 irratti galmeeffame jabaannee dhaabbachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
17 Yihowaan jabaatanii dhaabbachuu irratti fakkeenya hunda irra caalu nuuf taʼa. Yesuusis fakkeenya jabaatanii dhaabbachuu Abbaa isaa hordofeera. Yesuus yeroo lafa irra turetti nuuf jecha yeroo arrabsamu, yeroo salphifamuu fi yeroo muka dhiphinaa irratti fannifamu obsaan dandaʼeera. (Ibroota 12:2, 3 dubbisi.) Yihowaan jabaatee dhaabbachuudhaan fakkeenya taʼuun isaa Yesuusiin akka gargaare hin shakkisiisu. Nutis jabaannee dhaabbachuu akka dandeenyu nu gargaara.
18. Akka 2 Pheexiros 3:9 jedhutti Yihowaan obsuun isaa kan nu fayyade akkamitti?
18 Pheexiros Lammaffaa 3:9 dubbisi. Yihowaan yeroo sirrii addunyaa hamaa kana itti balleessu beeka. Obsuun isaa tuutni uummataa guddaan miliyoonaan lakkaaʼaman akka walitti qabamanii fi isa waaqeffachuu fi isa jajachuuf carraa akka argatan godheera. Hundi isaanii iyyuu Yihowaan yeroo dheeraadhaaf obsuu isaatiin kan kaʼe, dhalatanii isaaf jaalala horachuu fi isaaf of murteessuuf carraa argachuu isaaniitti baayʼee gammadu. Yihowaan namoota miliyoonaan lakkaaʼamanii fi hamma dhumaatti jabaatanii dhaabbatan yommuu eebbisu, obsuuf murteessuun isaa sirrii taʼuun isaa ifa taʼa.
19. Maal gochuuf murteessuu qabna? Taanaan badhaasa akkamii arganna?
19 Yihowaa irraa gammachuu keenya eeggannee jabaannee dhaabbachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna. Gaddii fi rakkinni Seexanni geessisu jiraatus, Yihowaan “Waaqa gammadaa” taʼee itti fufeera. (1 Xim. 1:11) Nutis hamma Yihowaan maqaa isaa qulqulleessuu fi ol aantummaa isaa mirkaneessutti, akkasumas hamma hamminaa fi rakkoowwan nu irra gaʼan hunda balleessuutti gammachuu keenya eeggannee obsuu ni dandeenya. Abbaan keenya inni samiis jabaatee dhaabbachaa akka jiru waan beeknuuf, jabaannee dhaabbachuu fi abdii kutachuu dhiisuuf haa murteessinu. Yoo akkas goone, yaanni kun dhugaa taʼuu isaa ni mirkaneeffanna: “Namni qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufu gammadaa dha; sababiin isaas, inni yeroo fudhatama argatu gonfoo jireenyaa isa Yihowaan warra isa jaallachuu isaanii itti fufaniif waadaa gale ni argata.”—Yaq. 1:12.
FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali
a Rakkinni hunda keenya irra iyyuu ni gaʼa. Yeroo ammaatti rakkoowwan keenya hedduudhaaf furmaata argachuu hin dandeenyu; kanaafuu, jabaannee dhaabbachuun nu barbaachisa. Haa taʼu malee, jabaatanii dhaabbachuun kan barbaachisu nu qofaaf miti. Yihowaanis haalawwan hedduu keessatti jabaatee dhaabbachuun isa barbaachiseera. Mata duree kana keessatti wantoota kana keessaa saglan isaanii ilaalla. Kana malees, Yihowaan jabaatee dhaabbachuun isaa buʼaa akkamii akka argamsiisee fi fakkeenya isaa irraa fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
b Jechi “sanyiiwwan” jedhu jecha Kitaabni Qulqulluun “akaakuu” jedhuu fi gareewwan lubbu qabeeyyii hedduu of keessatti qabate kan argisiisu miti.