BOQONNAA 21
Yeroo Kootti Ogummaadhaan Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Guyyaatti saʼaatii dabalataa hammamii utuu qabaattee sitti tola?
Saʼaatii dabalataa kanatti maal gochuu barbaadda?
□ Hiriyoota koo wajjin yeroo dabarsuu
□ Rafuu
□ Qoʼachuu
□ Kan biraa ․․․․․
YEROON akkuma farda humna guddaa qabuuti; akka gaariitti itti fayyadamuu yoo barbaadde akkamitti akka toʼattu barachuu qabda. Yeroo kee toʼachuudhaan dhiphina kee hirʼisuu, qabxii kee fooyyessuu fi warri kee caalaatti akka si amanan gochuu dandeessa. “Yaanni isaa gaariidha, hojiirra oolchuun garuu akka dubbachuu salphaa miti” jetta taʼa. Haalli rakkisaan akka si mudatu beekamaadha. Taʼus, moʼuu dandeessa. Mee fakkeenya muraasa haa ilaallu.
Haala Rakkisaa 1ffaa: Sagantaa Baafachuu
Wanta gufuu sitti taʼuu dandaʼu. Yaanni sagantaa baafachuu jedhuyyuu si dhiphisa. Wanta sitti tolu gochuutu si gammachiisa; sagantaan akka si toʼatu hin barbaaddu.
Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Solomoon Mootichi, “Karoorri nama dhimmee hojjetuu gara milkaaʼinaatti geessa” jedhee barreesseera. (Fakkeenya 21:5) Solomoon nama hojiin itti baayʼatu ture. Abbaa manaa, abbaa fi mootii ture. Umuriin isaa dabalaa yeroo deemu caalaatti hojiidhaan qabamaa akka deeme beekamaadha; atis hojiin sitti baayʼata taʼa. Yeroo guddachaa deemtummoo caalaatti hojiin sitti baayʼachuun isaa hin oolu. Kanaafuu, ammumaa kaastee sagantaadhaan kan geggeeffamtu yoo taʼe, gara fuulduraatti kana gochuun sitti hin ulfaatu.
Hiriyoonni kee maal jedhu? “Sagantaa dhaabbataadhaan geggeeffamuu ergan jalqabee jiʼa jaʼa taʼeera. Akkan hin dhiphanneef wantoota hunda salphisuuf yaalaan ture; sagantaa qabaachuun koommoo kana gochuuf na gargaareera.”—Jooyi.
“Wantootan hojjedhu barreeffachuun koo sagantaadhaan geggeeffamuuf na gargaareera. Wantoota dabalataa hojjechuun yeroo na barbaachisutti anii fi haati koo galma keenyarra gaʼuuf akkamitti wal gargaaruu akka dandeenyu beekuuf wanta hundumaa galmeessina.”—Maalorii.
Wanta si gargaaru. Fakkeenyaaf, karaa deemuuf yaaddaniittu haa jennu. Achiis hundi keessaniyyuu boorsaa keessan konkolaataa keessatti daddarbattan. Taʼus, konkolaataan sun wanta hunda isiniif qabachuu hin dandeenye. Maarree, maal gochuu dandeessu? Tarii waan hundumaa erga baastanii booda jalqaba boorsaa guguddaa iddoo qabsiistu, achiis boorsaa xixinnaa iddoo hafe keessu.
Jireenya kee geggeeffachuufis maluma kanatti fayyadamuu dandeessa. Yeroon kee wantoota xixinnaadhaan yoo qabame wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif yeroo dhabuu dandeessa. Jalqaba wantoota guguddaadhaaf yeroo ramadi, achiis wantoota hafaniif yeroon hammamii akka si hafu yeroo argitu baayʼee si ajaaʼiba.—Filiphisiyus 1:10.
Wantoonni caalaatti barbaachisoo taʼanii fi hojjechuun si barbaachisu maalfaʼi?
․․․․․
Ammammoo wantoota olitti barreessiteef isa caalaatti barbaachisaa taʼerraa jalqabiitii lakkoofsa kenniif. Jalqaba wantoota guguddaa taʼan yoo hojjette wantoota xixinnoo taʼan raawwachuuf yeroon hammamii akka sirraa hafe yeroo beektu baayʼee si ajaaʼiba.
Wanta gochuu dandeessu. Kaalaandarii kiisiitti baachuu dandeessu qopheeffadhuutii wantoota hojjechuun si barbaachisu duraa duubaan barreessi. Tariimmoo wantoota armaan gadiitti fayyadamuu dandeessa.
□ Kaalaandarii moobaayiliirra jiru
□ Yaadannoo xinnoo
□ Kaalaandarii kompiitararra jiru
□ Kaalaandarii minjaalarra kaaʼamu
Haala Rakkisaa 2ffaa: Sagantaa Baafatte Hordofuu
Wanta gufuu sitti taʼuu dandaʼu. Mana barumsaatii gara manaatti erga deebitee booda xinnoo boqochuu fi televizyinii ilaaluu barbaadda taʼa. Yookiinimmoo qormaataaf qoʼachuu utuma yaaddee jirtuu hiriyoonni kee ergaa gabaabaa sii barreessanii fiilmii akka ilaaltu si affeeru taʼa. ‘Fiilmicha yoon amma ilaaluu baadhe na darba; barumsa koo garuu fiilmicha booda qoʼachuu nan dandaʼa.’ Yookiinimmoo ‘Qormaatarratti qabxii gaarii kanan argadhu saʼaatii dhumaatti yeroon qoʼadhudha’ jettee yaadda taʼa.
Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Qabxii gaarii kan argattu yeroo sammuun kee dammaqutti yoo qoʼattedha. Kanaan dura sagantaa baafatte hordofuu dhiisuun kee akka dhiphattu godheera mitii? Maarree, ariitiidhaan halkan guutuu qoʼachuudhaan maaliif dhiphina ofitti dabalta? Ganama miira akkamii qabaatta? Ganama hirribaa kaʼuu waan rakkattuuf dhiphinni sitti dhagaʼamuu fi fiigichaan manaa baʼuu dandeessa; tariimmoo saʼaatiin barumsaa sitti barfachuu dandaʼa.—Fakkeenya 6:10, 11.
Hiriyoonni kee maal jedhu? “Televizyinii ilaaluu, gitaara taphachuu fi hiriyoota koo wajjin yeroo dabarsuun natti tola. Wantoonni kun dogoggora miti; taʼus, wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif yeroo waan na dhabsiisaniif ariitiidhaan waa hojjechuufan dirqama.”—Juuliyaan.
Wanta si gargaaru. Wantoota dirqama hojjechuu qabdu qofa utuu hin taʼin, wantoota si gammachiisanis sagantaa keetti dabali. Juuliyaan, “Boodarra wantoota na gammachiisan akkan raawwadhu waanan beekuuf wantan hojjechuu qabu hojjechuun naaf salphata” jedheera. Yaada kan biraa: Jalqaba galma guddaa tokko baafadhu; achiis galmawwan xixiqqaa galma kee sana bira gaʼuuf si gargaaran baafadhu.
Wanta gochuu dandeessu. Galma jiʼa jaʼa keessatti bira gaʼuu dandeessu tokko ykn lama barreessi.
․․․․․
Galma waggaa lama keessatti bira gaʼuu dandeessu tokkoo fi galma sanarra gaʼuuf amma maal gochuu akka dandeessu barreessi.a
․․․․․
Haala Rakkisaa 3ffaa: Qulqulluu fi Seera Qabeessa Taʼuu
Wanta gufuu sitti taʼuu dandaʼu. Qulqulluu fi seera qabeessa taʼuun yeroo keetti ogummaadhaan fayyadamuu wajjin akkamitti akka walqabatu beekuu dhiisuu dandeessa. Kana malees, seera qabeessa taʼuu dhiisuun baayʼee salphaa fakkaachuu dandaʼa. Kutaa kee boru qulqulleessuu dandeessa ykn immoo qulqulleessuu dhiisuuyyuu dandeessa. Kutaan kee xuraaʼuun isaa baayʼee waan si hin yaaddessineef qulqulleessuun barbaachisaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamu. Garuu kun sirriidhaa?
Barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Kutaan kee qulqulluu fi seera qabeessa yoo taʼe waa barbaaduurratti yeroo baayʼee hin gubdu. Kana malees, nagaa sammuu qabaachuuf si gargaara.—1 Qorontos 14:40.
Hiriyoonni kee maal jedhu? “Yeroo tokko tokko uffata koo seeraan kaaʼuuf yeroon dhaba; sana booda garuu wantan barbaadu argachuu hin dandaʼu.”—Maandii.
“Torban tokkoof boorsaa maallaqaa koo barbaadeen dhabe. Baayʼee na dhiphisee ture. Boodas yeroon kutaa koo qulqulleessu nan argadhe.”—Firaanki.
Wanta si gargaaru. Hamma siif dandaʼame miʼa hunda yeruma sana iddoo isaa kaaʼuuf yaali. Hamma walirra tuulamutti eeguu mannaa yeroo hundumaa akkas godhi.
Wanta gochuu dandeessu. Qulqullina barsiifata godhachuuf yaali. Wanti hundi seera qabeessa akka taʼu godhi; achiis kana gochuun kee jireenya kee akkamitti akka siif salphisu yaadi.
Yeroon atis taate hiriyoonni kee, akkasumas warri kee qabdan wal qixadha. Yeroo kana qisaasessuun kee rakkinaaf si saaxila. Ogummaadhaan yoo itti fayyadamtemmoo badhaasa argatta. Filannaan isaa kan keeti.
Warri kee baqattootaa? Mana barumsaattis taʼe mana keessatti warra kaan wajjin walii galuun akka sitti ulfaatu sitti dhagaʼamaa? Taanaan, haala isaa dandamachuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu.
[Miiljalee]
a Odeeffannoo dabalataa argachuuf, Boqonnaa 39ffaa kitaaba kanaa ilaali.
CAQASA IJOO
‘Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan adda baafadhaa.’—Filiphisiyus 1:10.
GORSA GAARII
Yaadawwan boqonnaa kana keessatti kennaman hunda takkaatti hojiirra oolchuuf hin yaalin. Kanaa mannaa, jiʼa tokkotti yaada tokko hojiirra oolchi. Yaada isa tokkorratti akka gaariitti erga hojjettee booda kan biraatti ceʼi.
KANA BEEKTAA?
Guyyaa tokkotti wanta baayʼee hojjechuuf karoorfachuun si dhiphisuu dandaʼa. Wantoota dursa kennituuf adda yoo baafatte wanta hojjechuu qabduu fi wanta hojjechuun si hin barbaachisne beekuu dandeessa.
WANTAN GOCHUU YAADE
Sochiin saʼaatii muraasa irratti dabarsuu dandaʼu ․․․․․
Saʼaatii narraa hafutti akkanan godha ․․․․․
Dhimma kana ilaalchisee wantan warra koo gaafachuu barbaadu ․․․․․
MAAL SITTI FAKKAATA?
● Amma yeroo keetti ogummaadhaan fayyadamuu barachuun kee gara fuulduraatti yeroo of dandeessee jiraattu itti gaafatamummaa kee raawwachuuf kan si gargaaru akkamitti?
● Itti fayyadama yeroo ilaalchisee warra keerraa maal baratta?
● Sagantaadhaan geggeeffamaa jirta taanaan caalaatti buʼa qabeessa taʼuuf sirreeffama akkamii gochuu dandeessa?
[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 154rra jiru]
“Namni tokko waaʼee koo ‘Saʼaatii kudhanitti akka dhufu yoo barbaadde saʼaatii sagalitti isa beellami’ jedhee yeroo qoosun dhagaʼe. Itti fayyadama yeroo koo sirreessuu akkan qabu kanan hubadhe yeroo kanatti ture.”—Riikii
[Saanduqa fuula 155rra jiru]
Yeroo Kootti Kanan Fayyadamu Akkamitti?
Ijoolleen umurii waggaa 8 hanga 18 gidduu jiran torbanitti giddu galeessaan saʼaatii
17
warra isaanii wajjin dabarsu
30
mana barumsaatti dabarsu
44
televizyinii ilaaluu, geemii taphachuu, ergaa barreessuu fi muuziqaa dhaggeeffachuudhaan dabarsu
Torban torbaniin saʼaatii hammamii akka dabarsitu barreessi
televizyinii ilaaluudhaan ․․․․․
geemii taphachuudhaan ․․․․․
intarneetii fayyadamuudhaan ․․․․․
muuziqaa dhaggeeffachuudhaan ․․․․․
Idaʼama ․․․․․
Saʼaatiin wantoota caalaatti barbaachisoo taʼaniif itti fayyadamuu dandaʼu ․․․․․
[Fakkii fuula 153rra jiru]
Yeroon akkuma farda humna guddaa qabuuti; akka gaariitti itti fayyadamuu yoo barbaadde akkamitti akka toʼattu barachuu qabda