Seenaa Baraa Isa Tokkoffaa
27 Lakkoofsi Israaʼelotaa, jechuunis kan dura buutota manneen abbootii, kan ajajjoota kumaa fi kan ajajjoota dhibbaa,+ akkasumas kan geggeessitoota isaanii warra gareewwan waggaa guutuu jiʼa jiʼaan galanii fi baʼan hunda geggeessuudhaan mooticha tajaajilan+ sanaa kana dha; tokkoon tokkoon gareewwanii keessatti namoota 24,000 turan.
2 Jiʼa isa tokkoffaatti garee isa jalqabaa irratti Yaashobiʼaam+ ilmi Zaabdiʼel ajajaa ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 3 Yaashobiʼaam sanyii Faares+ ture. Inni dura buʼaa ajajjoota hundumaa warra tuutawwan jiʼa tokkoffaatti akka tajaajilaniif ramadamanii ture. 4 Jiʼa isa lammaffaatti garee isa lammaffaa irratti Doodaay+ Ahohichi+ ajajaa ture; Miiqlot immoo geggeessaa ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 5 Ajajaan tuuta sadaffaa jiʼa isa sadaffaatti akka tajaajiluuf ramadame sanaa Benaayaa+ ilma Yehoyaadaa+ isa dura buʼaa lubootaa taʼe sanaa ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 6 Benaayaan loltoota jajjaboo soddomman keessaa tokko yeroo taʼu, namoota soddomman sana irrattis itti gaafatamaa ture; ilmi isaa Amizaabaadis garee isaa irratti ajajaa ture. 7 Jiʼa isa arfaffaatti ajajaan inni arfaffaan Asaahel+ obboleessa Yoʼaab+ yeroo taʼu, ilmi isaa Zebaadiyaan immoo iddoo isaa ni buʼe; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 8 Jiʼa isa shanaffaatti ajajaan inni shanaffaan Shaamhut Hizraahicha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 9 Jiʼa isa jaʼaffaatti ajajaan inni jaʼaffaan Iiraa+ ilma Iqeesh Teqoohaatichaa+ ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 10 Jiʼa isa torbaffaatti ajajaan inni torbaffaan Efreemota keessaa Heleez+ Phelonicha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 11 Jiʼa isa saddeettaffaatti ajajaan inni saddeettaffaan Zeeraatota+ keessaa Sibekaay+ Hushaaticha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 12 Jiʼa isa saglaffaatti ajajaan inni saglaffaan Biiniyaamota keessaa Abiʼezer+ Anaatoticha+ ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 13 Jiʼa isa kurnaffaatti ajajaan inni kurnaffaan Zeeraatota+ keessaa Maahaaraay+ Netooficha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 14 Jiʼa isa 11ffaatti ajajaan inni 11ffaan ilmaan Efreem keessaa Benaayaa+ Phiraatonicha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan. 15 Jiʼa isa 12ffaatti ajajaan inni 12ffaan ilmaan Otniʼel keessaa Heldaay Netooficha ture; garee isaa keessattis namoota 24,000 turan.
16 Kanneen kun geggeessitoota gosoota Israaʼel turan: Ruubenota keessaa ilma Zikrii kan taʼe Eliiʼezar, Simiʼoonota keessaa ilma Maʼaakaa kan taʼe Shefaatiyaa, 17 gosa Leewwii keessaa ilma Qemuʼel kan taʼe Hashaabiyaa, sanyii Aaron keessaa Saadoq, 18 gosa Yihudaa keessaa obboloota Daawit keessaa tokko kan taʼe Eliihuu,+ gosa Yisaakor keessaa ilma Mikaaʼel kan taʼe Omrii, 19 gosa Zaabiloon keessaa ilma Obaadiyaa kan taʼe Yishmaayaa, gosa Niftaalem keessaa ilma Azriʼel kan taʼe Yerimoot, 20 gosa Efreemotaa keessaa ilma Azaaziyaa kan taʼe Hosheʼaa, walakkaa gosa Minaasee keessaa ilma Pedaayaa kan taʼe Yooʼel, 21 walakkaa gosa Minaasee Giiliyaaditti argamu keessaa ilma Zakkaariyaas kan taʼe Idoo, gosa Biiniyaam keessaa ilma Abneer+ kan taʼe Yaaʼaasiʼel, 22 gosa Daan keessaa ilma Yerohaam kan taʼe Azaariʼel. Kanneen kun bulchitoota gosoota Israaʼel turan.
23 Yihowaan Israaʼeliin akka urjiilee samiitti akka baayʼisu waadaa galee waan tureef, Daawit warra umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa gad taʼe hin lakkoofne.+ 24 Yoʼaab ilmi Zeruuyaa lakkaaʼuu jalqabee kan ture taʼus hin xumurre; Yoʼaab lakkaaʼuu isaatiin kan kaʼes dheekkamsi Waaqayyoo Israaʼel irratti ni dhufe;*+ lakkoofsi kunis galmee seenaa waaʼee bara Daawit Mootichaa dubbatu irratti hin galmeeffamne.
25 Manneen qabeenyaa mootichaa+ irratti Azmaawet ilmi Adiʼel ajajaa ture. Yonaataan ilmi Ooziyaa manneen kuusaa warra baadiyyaawwan, magaalota, gandeenii fi masaraawwan keessatti argaman irratti ajajaa ture. 26 Warra laficha misoomsuuf maasii keessa hojjetan irratti Ezriin ilmi Keluub ajajaa ture. 27 Shimeʼiin Raamaatichi maasiiwwan wayinii irratti ajajaa ture; Zaabdiin Siifmootichi oomisha maasiiwwan wayinii isa daadhii wayiniitiif oolu irratti ajajaa ture. 28 Mukeetii ejersaa* fi mukeetii harbuu+ warra Shefelaa+ keessatti argaman irratti Baʼaal Hanaan Geederichi ajajaa ture; iddoo zayitiin kuufamu irratti immoo Yoʼaas ajajaa ture. 29 Loon Shaaron+ keessa dheedan irratti Shitraay Shaaronichi ajajaa ture; Shaafaat ilmi Adlaay immoo loon dirreewwan sululichaa* keessa dheedan irratti ajajaa ture. 30 Gaalota irratti Obiil Ishmaaʼelichi ajajaa ture; harroota* irratti Yehdiyaan Meronotichi ajajaa ture. 31 Hoolotaa fi reʼoota irratti Yaaziiz Haggaarichi ajajaa ture. Kanneen kun hundi qabeenya Daawit Mootichaa irratti ajajjoota turan.
32 Yonaataan+ ilmi obboleessa Daawit gorsituu, akkasumas nama hubannaa qabuu fi barreessaa ture; Yehiʼel ilmi Hakmoonii ilmaan mootichaa kunuunsa ture.+ 33 Ahitoofel+ gorsituu mootichaa yeroo taʼu, Hushaay+ Arkichi immoo michuu mootichaa* ture. 34 Ahitoofelitti aansee Yehoyaadaan ilmi Benaayaa+ fi Abiyaataar+ gorsitoota mootichaa turan; Yoʼaab+ immoo ajajaa raayyaa waraanaa mootichaa ture.