Ermiyaas
17 “Cubbuun Yihudaa sibiila ittiin bocaniin barreeffameera.
Fiixee Almaaziitiin gabatee garaa isaanii irratti,
Gaanfota iddoowwan aarsaa isaanii irrattis bocameera;
2 Ilmaan isaaniis iddoowwan aarsaa isaanii fi utubaawwan waaqeffannaa* isaanii
Warra muka lalisaa biratti,+ tabbawwan ol kaʼoo irratti argaman ni yaadatu;+
3 Warra gaarota dirree keessatti argaman irra jiranis ni yaadatu.
Cubbuu naannoowwan kee hundumaa keessatti raawwatameen kan kaʼe, qabeenyi kee, badhaadhinni kee hundi,+
Eeyyee, iddoowwan kee warri ol kaʼoon akka saamaman nan godha.+
4 Ati fedhuma keetiin dhaala kee isan siif kenne ni dhabda.+
Dheekkamsa koo akkuma ibiddaatti waan qabsiisteef,*+
Biyya ati hin beekne keessatti diinota kee akka tajaajiltu nan godha.+
Dheekkamsi koos yeroo hundumaatiif ni bobaʼa.”
5 Yihowaan akkana jedha:
Garaan isaas Yihowaa irraa kan goru abaaramaa dha.
6 Inni akka muka gammoojjii keessatti kophaa isaa jiruu ni taʼa.
Wanti gaariin yommuu dhufu hin argu,
Kanaa mannaa, lafa onaa keessatti iddoowwan goggogan keessa,
Biyya soogiddaa bakka eenyu iyyuu itti jiraachuu hin dandeenye keessa ni jiraata.
8 Inni akkuma muka bishaan bira dhaabamee,
Hiddawwan isaa gara lagaatti erguu ni taʼa.
Yeroo hoʼi dhufu illee itti hin dhagaʼamu,
Kanaa mannaa, baalli isaa yeroo hunda ni lalisa.+
Bara ongeetti hin yaaddaʼu,
Firii godhachuu isaas hin dhiisu.
9 Garaan namaa wanta kam iyyuu caalaa gantuu* dha, hamaa* dhas.+
Eenyutu isa beekuu dandaʼa?
10 Ani Yihowaan tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaatti,
Akka firii hojii isaattis kennuuf,+
Garaa namaa nan ilaala,+
Yaada keessa namaa jirus* nan qora.
11 Akkuma gogorrii hanqaaquu hin hanqaaqne walitti qabduu,
Namni karaa sirrii hin taaneen* qabeenya argatus akkanuma dha.+
Qabeenyi kun walakkaa umurii isaatti isa dhiisee ni deema,
Dhuma irrattis inni nama hubannaa hin qabne taʼuun isaa ni beekama.”
12 Teessoon ulfina qabeessi inni jalqabaa kaasee ol qabame,
Bakka iddoo qulqulluu keenyaa ti.+
13 Abdii Israaʼel kan taate yaa Yihowaa,
Warri si dhiisan hundi ni qaanaʼu.
Warri si* ganan biyyoo irratti ni barreeffamu,+
Sababiin isaas, isaan Yihowaa isa madda bishaan jireenyaa taʼe dhiisaniiru.+
14 Yaa Yihowaa, na fayyisi, anis nan fayya.
Ani kanan jajadhu si waan taʼeef,
Na oolchi, anis nan oola.+
15 Kunoo, namoonni, “Dubbiin Yihowaa eessa jira?+
Maaloo haa dhufu!”
Naan jedhan jiru.
16 Ani garuu, tiksee taʼee si duukaa buʼuu irraa hin baqanne,
Guyyaan badiisaa akka dhufus hin hawwine.
Ati wanta afaan koo dubbate hundumaa akka gaariitti beekta;
Hundi isaas kan raawwatame si duratti dha!
17 Na hin naasisin.
Ati guyyaa rakkinaatti iddoon kooluu itti galu dha.
18 Warri na ariʼatan haa qaanaʼan,+
Ani akkan qaanaʼu garuu hin godhin.
Isaan haa jeeqaman,
Ani akkan jeeqamu garuu hin godhin.
19 Yihowaan akkana naan jedheera: “Dhaqiitii karra ilmaan sabichaa isa mootonni Yihudaa ittiin seenanii fi ittiin baʼan irra, akkasumas karrawwan Yerusaalem hundumaa irra dhaabbadhu.+ 20 Akkanas isaaniin jedhi: ‘Isin mootonni Yihudaa, namoonni Yihudaa hundii fi jiraattonni Yerusaalem hundi warri karrawwan kanaan seentan dubbii Yihowaa dhagaʼaa. 21 Yihowaan akkana jedha: “Of* eeggadhaa, guyyaa Sanbataatti baʼaa akkamii iyyuu hin baatinaa yookiin karaa karrawwan Yerusaalem ol hin galchinaa.+ 22 Guyyaa Sanbataatti baʼaa akkamii iyyuu mana keessanii hin baasinaa; hojii akkamii iyyuus hin hojjetinaa.+ Akkuman abbootii keessan ajajetti, guyyaa Sanbataa qulqulluu godhaa eegaa.+ 23 Isaan garuu hin dhageenye yookiin xiyyeeffannaa* hin kennine; kanaa mannaa, mata* jabeeyyii taʼuudhaan ajajamuu yookiin adaba fudhachuu ni didan.”’+
24 “‘Yihowaan akkana jedha: “Haa taʼu malee, isin guutummaatti yoo naaf ajajamtan, guyyaa Sanbataatti karaa karrawwan magaalaa kanaa baʼaa akkamii iyyuu yoo galchuu baattan, akkasumas guyyaa kanatti hojii akkamii iyyuu hojjechuu dhiisuudhaan guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii yoo eegdan,+ 25 mootonnii fi bulchitoonni teessoo Daawit irra taaʼan+ karaa karrawwan magaalaa kanaa ol ni seenu; mootonni kunii fi bulchitoonni isaanii, gaariiwwan fardaa fi fardeen irra taaʼanii namoota Yihudaa fi jiraattota Yerusaalemii wajjin ol ni seenu;+ magaalaan kunis yeroo hundumaatiif bakka namni keessa jiraatu ni taati. 26 Namoonnis magaalota Yihudaa keessaa, iddoowwan naannoo Yerusaalemitti argaman keessaa, biyya Biiniyaam+ keessaa, gammoojjii keessaa,+ naannoo gaarotaa keessaa, akkasumas Negeeb* keessaa, aarsaawwan guutummaatti gubaman,+ aarsaawwan kaan,+ aarsaawwan midhaanii,+ ixaana adii fi aarsaawwan galataa gara mana Yihowaatti fidanii dhufu.+
27 “‘“Isin guyyaa Sanbataa qulqulluu gootanii eeguu dhiisuudhaan, guyyaa Sanbataatti baʼaawwan baachuudhaan, akkasumas karaa karrawwan Yerusaalem isaan galchuudhaan naaf ajajamuu yoo diddan garuu, ani karrawwan ishii ibiddaan nan guba; ibiddichis dhugumaan masaraawwan Yerusaalem warra ciccimoo ni nyaata,+ hin dhaamus.”’”+