Leewwota
13 Yihowaan itti fufuudhaan Musee fi Aaroniin akkana jedhe: 2 “Namni tokko dhiitoon, cittoon yookiin roobbiin gogaa isaa* irratti yoo baʼee fi wanti kun akka dhukkuba nadaayii*+ yoo taʼe, inni gara Aaron lubichaatti yookiin ilmaan isaa warra luboota taʼan keessaa gara isa tokkootti haa geeffamu.+ 3 Lubichis madaa gogaa isaa irra jiru sana ni qora. Rifeensi madaa sana irra jiru yoo addaatee fi madaan sun gogaa sana darbee kan gad seene yoo taʼe, kun dhukkuba nadaayii ti. Lubichi madaa sana erga qoree booda namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. 4 Roobbiin gogaa isaa irra jiru adii fi gogaa sana darbee kan gad hin seenne yoo taʼe, akkasumas rifeensi sun yoo addaachuu baate garuu, lubichi namichi dhukkubsate guyyaa torbaaf namoota irraa akka adda baʼu godha.+ 5 Achiis lubichi guyyaa torbaffaatti isa ni qora; madaan sun bakkuma jirutti kan dhaabbatee fi gogaa isaa irratti kan hin babalʼanne yoo taʼe, lubichi namichi ammas guyyaa torbaaf namoota irraa akka adda baʼu ni godha.
6 “Lubichi guyyaa torbaffaatti ammas isa ni qora; madaan sun fayyuu yoo jalqabee fi gogaa sana irratti kan hin babalʼanne yoo taʼe, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa labsa;+ kun cittoo dha. Achiis namichi uffata isaa miiccatee qulqulluu taʼa. 7 Namichi qulqulluu taʼuu isaa mirkaneessuuf lubicha duratti erga dhihaatee booda cittoon* sun dhugumaan gogaa isaa irratti kan babalʼate yoo taʼe garuu, inni ammas* lubicha duratti dhihaata. 8 Lubichis isa ni qora; cittoon sunis gogaa isaa irratti yoo babalʼate lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti.+
9 “Namni tokko dhukkuba nadaayiitiin yoo qabame, gara lubichaatti fidamuu qaba; 10 lubichis isa ni qora.+ Gogaa isaa irrattis dhiitoo adiin yoo jiraatee fi rifeensa isaa yoo addeesse, akkasumas dhiitoo sana irratti madaan afaan bane+ yoo jiraate, 11 kun dhukkuba nadaayii cimaa gogaa isaa irratti baʼe waan taʼeef, lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Namichi xuraaʼaa waan taʼeef, lubichi deebisee isa qoruuf namoota irraa adda isa baasuun isa hin barbaachisu.+ 12 Dhukkubni nadaayii sun hamma lubichi ifatti arguu dandaʼutti guutummaa gogaa isaa irratti yoo baʼee fi dhukkubni sun mataa isaa irraa jalqabee hamma miila isaatti yoo isa uwwise, 13 lubichi erga isa qoree booda dhukkubni nadaayii guutummaa gogaa isaa akka uwwise yoo arge, namichi dhukkubsate sun qulqulluu* akka taʼe ni labsa. Guutummaan qaama isaa waan addaateef namichi qulqulluu dha. 14 Yeroo madaan afaan bane gogaa isaa irratti mulʼatu hundumaatti garuu, namichi xuraaʼaa taʼa. 15 Lubichis yeroo madaa afaan bane argutti, namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa.+ Madaan afaan bane xuraaʼaa dha. Kun dhukkuba nadaayii ti.+ 16 Madaan afaan bane yoo addaate garuu namichi gara lubichaa ni dhufa. 17 Lubichi isa ni qora;+ madaan sunis yoo addaate, lubichi namichi dhukkubsate sun qulqulluu taʼuu isaa ni labsa. Namichi qulqulluu dha.
18 “Namni tokko gogaa isaa irratti dhullaan baʼee yoo fayye, 19 garuu immoo iddoo dhullaa sanaatti dhiitoo adiin yookiin roobbii adiin gara diimaatti dhihaatu yoo baʼe, inni lubichatti of haa argisiisu. 20 Lubichis isa haa qoru;+ madaan sun gogaa sana darbee kan gad seene yoo taʼee fi rifeensi madaa sana irra jiru yoo addaate, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii dhullaa sana irratti baʼe dha. 21 Lubichi yeroo isa qorutti rifeensi adiin achi irra akka hin jirre, akkasumas gogaa sana darbee akka gad hin seennee fi bifti isaa akka jijjiirame yoo arge garuu, namichi guyyaa torbaaf namoota irraa akka adda baʼu ni godha.+ 22 Madaan sun gogaa isaa irratti babalʼachuun isaa ifatti kan mulʼatu yoo taʼe, lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Kun dhukkuba dha. 23 Roobbiin sun bakkuma tokko kan turuu fi kan hin babalʼanne yoo taʼe garuu, kun madaa dhullaan sun fide qofa waan taʼeef, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa.+
24 “Yookiin namni tokko ibiddaan gubatee godaannisa yoo qabaatee fi foon godaannisa sanaa roobbii adii gara diimaatti dhihaatu yookiin roobbii adii yoo taʼe, 25 lubichi roobbii sana ni qora. Rifeensi roobbii sana irra jiru yoo addaatee fi gogaa sana darbee kan seene yoo taʼe, kun dhukkuba nadaayii godaannisa sana irratti baʼe waan taʼeef, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti. 26 Lubichi yeroo isa qorutti rifeensi adiin roobbii sana irra akka hin jirre, akkasumas gogaa sana darbee akka hin seennee fi bifti isaa akka jijjiirame yoo arge garuu, namichi guyyaa torbaaf namoota irraa adda akka baʼu ni godha.+ 27 Achiis lubichi guyyaa torbaffaatti isa ni qora; roobbiin sun gogaa isaa irratti babalʼachuun isaa ifatti kan mulʼatu yoo taʼe, lubichi namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. Kun dhukkuba nadaayii ti. 28 Roobbiin sun bakkuma tokko kan turu, gogaa isaa irratti kan hin babalʼannee fi bifa isaa kan jijjiire yoo taʼe garuu, kun dhiitoo godaannisa sanaa qofa waan taʼeef, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa; sababiin isaas, kun madaa godaannisni sun fide dha.
29 “Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka mataa isaanii yookiin areeda isaanii irratti madaan yoo baʼe, 30 lubichi madaa sana ni qora.+ Madaan sun gogaa sana darbee kan gad seene yoo taʼe, rifeensi madaa sana irra jirus keelloo fi haphii yoo taʼe, lubichi namichi xuraaʼaa akka taʼe ni labsa; kun madaa gogaa mataa yookiin madaa areedaa ti. Kun dhukkuba nadaayii mataa yookiin areeda irratti baʼu dha. 31 Lubichi madaan sun gogaa sana darbee akka hin seennee fi rifeensi gurraachi achi irra akka hin jirre yoo arge garuu, namichi madaaʼe sun guyyaa torbaaf namoota irraa adda akka baʼu ni godha.+ 32 Lubichi guyyaa torbaffaatti madaa sana ni qora; iddoon madaaʼe sun kan hin babalʼanne, rifeensa keelloo kan hin qabnee fi madaan sun gogaa sana darbee kan hin seenne yoo taʼe, 33 namichi rifeensa isaa haa haaddatu; bakka madaaʼe sana garuu haaddachuu hin qabu. Achiis lubichi namichi madaaʼe sun guyyaa torbaaf namoota irraa adda akka baʼu ni godha.
34 “Lubichi guyyaa torbaffaatti ammas iddoo madaaʼe sana ni qora; madaan gogaa mataa fi madaan areedaa sun gogaa sana irratti kan hin babalʼanne, akkasumas gogaa sana darbee kan hin seenne yoo taʼe, lubichi namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa; namichis uffata isaa miiccatee qulqulluu taʼa. 35 Namichi qulqulluu taʼuun isaa erga beeksifamee booda madaan sun dhugumaan gogaa isaa irratti yoo babalʼate garuu, 36 lubichi isa ni qora; madaan sun gogaa isaa irratti yoo babalʼate, lubichi rifeensi keelloon jiraachuu isaa ilaaluun isa hin barbaachisu; namichi xuraaʼaa dha. 37 Haa taʼu malee, qorannaan sun madaan sun akka hin babalʼannee fi rifeensi gurraachi achi irratti akka biqile kan argisiisu yoo taʼe, madaan sun fayyeera jechuu dha. Namichi qulqulluu dha; lubichis namichi qulqulluu taʼuu isaa ni labsa.+
38 “Dhiirri tokko yookiin dubartiin takka gogaa isaanii* irratti roobbiin yoo baʼee fi roobbiin sun adii yoo taʼe, 39 lubichi isa ni qora.+ Roobbiin gogaa irratti baʼe sun bifti isaa yoo addaate, kun shifee gogaa irratti baʼee fi miidhaa hin geessisne dha. Namni sun qulqulluu dha.
40 “Namni tokko rifeensi mataa isaa irraa dhumee moluu yoo taʼe, inni qulqulluu dha. 41 Rifeensi mataa isaa inni gara fuulduraa yoo irraa dhumee fi bakki sun moluu yoo taʼe, inni qulqulluu dha. 42 Haa taʼu malee, madaa adiin gara diimaatti dhihaatu moluu mataa isaa yookiin adda isaa irratti yoo baʼe, kun dhukkuba nadaayii gogaa mataa isaa yookiin adda isaa irratti baʼe dha. 43 Lubichis isa ni qora; dhiitoon madaa sanaa inni moluu mataa isaa irra yookiin adda isaa irra jiru sun adii gara diimaatti dhihaatu yoo taʼee fi gogaa isaa irratti dhukkuba nadaayii kan fakkaatu yoo taʼe, 44 inni dhukkuba nadaayiitiin kan qabame dha. Namichi xuraaʼaa dha; lubichis dhukkuba mataa isaa irra jiruun kan kaʼe namichi xuraaʼaa taʼuu isaa ni labsa. 45 Namichi dhukkuba nadaayiitiin qabame, uffanni isaa kan tatarsaʼe haa taʼu; mataan isaas utuu hin filamin haa taaʼu; innis afaan isaa* haguuggatee, ‘Ani xuraaʼaa dha, ani xuraaʼaa dha!’ jedhee haa iyyu. 46 Bara dhukkuba sanaan qabamee jiru hundumaatti xuraaʼaa ni taʼa. Inni xuraaʼaa waan taʼeef, namoota irraa adda baʼee jiraachuu qaba. Bakki jireenyaa isaas buufatichaa ala ni taʼa.+
47 “Dhukkubni nadaayii uffata suufii yookiin uffata quncee talbaa irraa tolfame yoo faale, 48 qalʼaa yookiin boffee quncee talbaa yookiin suufii, akkasumas gogaa yookiin miʼa gogaa irraa tolfame kam iyyuu yoo faale, 49 xurii magariisni gara keellootti dhihaatu yookiin xurii diimaan dhukkuba sana irraa dhufe uffaticha, gogaa sana, qalʼaa sana, boffee sana yookiin miʼa gogaa irraa tolfame kam iyyuu yoo faale, inni dhukkuba nadaayiitiin kan faalame waan taʼeef, lubichatti argisiifamuu qaba. 50 Lubichis dhukkuba sana ni qora; innis wanti dhukkubni sun irratti argame, guyyaa torbaaf akka adda baafamu godha.+ 51 Lubichi guyyaa torbaffaatti dhukkubicha yeroo qorutti, dhukkubni sun uffata sana, qalʼaa sana, boffee sana yookiin gogaa sana (gogaan sun faayidaa maaliitiif iyyuu yoo oole) irratti akka babalʼate yoo arge, kun dhukkuba nadaayii baayʼee cimaa taʼe dha; inni xuraaʼaa dha.+ 52 Dhukkubni nadaayii kun baayʼee cimaa waan taʼeef, inni uffata yookiin qalʼaa yookiin boffee suufii yookiin quncee talbaa sanaa yookiin miʼa gogaa irraa tolfamee fi dhukkubichi faale kam iyyuu haa gubu. Wantoonni kun ibiddaan gubamuu qabu.
53 “Haa taʼu malee, lubichi yeroo isa qorutti, dhukkubni sun uffata sana yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana yookiin miʼa gogaa irraa tolfame kam irratti iyyuu hin babalʼanne taanaan, 54 lubichi wanta faalame sana akka miiccan isaan ajaja; achiis miini sun guyyaa dabalataa torbaaf akka adda baafamu godha. 55 Achiis lubichi wanti faalame sun akka gaariitti erga miiccamee booda isa ni qora. Dhukkubichi babalʼachuu baatus, bifti faalama sanaa hin jijjiiramne taanaan inni xuraaʼaa dha. Inni keessi isaa yookiin alli isaa waan nyaatameef, ibiddaan isa gubi.
56 “Haa taʼu malee, lubichi yommuu isa qoru, wanti sun akka gaariitti erga miiccamee booda, iddoon faalame sun yoo bifa jijjiirrate, uffata sana yookiin gogaa sana yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana irraa kutee isa ni baasa. 57 Dhukkubichi kutaa uffatichaa kan biraa irratti yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana yookiin miʼa gogaa akkamii irratti iyyuu yoo mulʼate garuu, babalʼachaa waan jiruuf, wanta faalame kam iyyuu ibiddaan gubi.+ 58 Haa taʼu malee, uffata sana yookiin qalʼaa sana yookiin boffee sana yookiin miʼa gogaa irraa tolfame isa miiccame kam irraa iyyuu faalamni sun badeera yoo taʼe, inni siʼa lammaffaadhaaf haa miiccamu; qulqulluus ni taʼa.
59 “Seerri dhukkuba nadaayii uffanni suufii yookiin quncee talbaa irraa tolfame yookiin qalʼaan yookiin boffeen yookiin miini gogaa irraa tolfame kam iyyuu qulqulluu yookiin xuraaʼaa taʼuu isaa labsuuf kenname kana dha.”