-
2 Mootota 17:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Yihowaanis karaa raajota isaa hundumaa fi karaa warra mulʼata argan+ hundumaatiin, “Daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa!+ Akka seera ani abbootii keessan ajaje hundattii fi akka seera karaa tajaajiltoota koo warra raajota taʼanii isiniif erge sanaatti ajajawwan koo fi dambiiwwan koo eegaa” jedhee Israaʼelii fi Yihudaa ni akeekkachiisa ture.
-
-
Ermiyaas 35:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Ani irra deddeebiʼee* raajota warra tajaajiltoota koo taʼan hundumaa akkana jedhee gara keessanitti ergeera:+ ‘Maaloo, tokkoon tokkoon keessan daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa,+ wanta sirrii taʼes raawwadhaa! Waaqolii kan biroo duukaa hin buʼinaa, isaan hin tajaajilinaas. Akkana yoo gootan biyyan isiniifis taʼe abbootii keessaniif kenne keessa jiraachuu keessan itti fuftu.’+ Isin garuu gurra keessan natti hin qabne yookiin na hin dhageenye.
-
-
Hisqiʼel 18:30Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
30 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, yaa mana Israaʼel, ani akka daandii keessaniitti tokkoon tokkoon keessan irratti nan murteessa.+ Isaan gufuu yakkamtoota isin godhu akka isinitti hin taaneef, deebiʼaa, eeyyee, balleessaa keessan hundumaa irraa guutummaatti deebiʼaa.
-
-
Hisqiʼel 33:11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Akkana isaaniin jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Lubbuu koo isa jiraataa taʼeen nan kakadha, ani duʼa nama hamaatti hin gammadu;+ kanaa mannaa, namni hamaan daandii isaa jijjiiree+ lubbuudhaan akka jiraatun barbaada.+ Yaa mana Israaʼel, deebiʼaa, daandii keessan isa hamaa irraa deebiʼaa;+ maaliif duutu?”’+
-