Qorontos Lammaffaa
6 Kana malees, isaa wajjin waan hojjennuuf+ gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa erga fudhattanii booda kaayyoo isaa irraa akka hin jalʼanne isin gorsina.+ 2 Sababiin isaas inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera, guyyaa fayyinaattis si gargaareera”+ jedha. Kunoo, yeroon fudhatama qabu amma. Kunoo, guyyaan fayyinaa amma.
3 Tajaajila keenya irratti mudaan tokko illee akka hin argamneef, nuti karaa kamiin iyyuu wanti nama gufachiisu akka jiraatu hin goonu;+ 4 kanaa mannaa, karaa hundumaan akka tajaajiltoota Waaqayyootti of dhiheessina;+ kanas kan goonu, jabaannee dhaabbachuudhaan, rakkinaan, dhabaan, haalawwan rakkisoo taʼaniin,+ 5 reebamuudhaan, hidhaadhaan,+ jeequmsaan, hojii cimaadhaan, hirriba malee buluudhaan, hagabuu taʼuudhaan,+ 6 qulqullummaadhaan, beekumsaan, obsaan,+ gaarummaadhaan,+ hafuura qulqulluudhaan, jaalala fakkeessaa hin qabneen,+ 7 dubbii dhugaatiin, humna Waaqayyootiin,+ meeshaa waraanaa qajeelinaa+ harka mirgaa* fi harka bitaatti* qabachuudhaan, 8 yeroo ulfinaa fi yeroo salphinaatti, yeroo oduu gadhee fi yeroo oduu gaariin odeeffamutti. Gowwoomsitoota akka taanetti ilaalamna, taʼus nuti dhuga qabeeyyii dha; 9 akka hin beekamnetti ilaalamna, garuu ni beekamna; akka duunetti* ilaalamna, garuu kunoo jirra;+ akka adabamnetti ilaalamna, garuu duʼaaf dabarfamnee hin kennamne;+ 10 akka gaddinetti ilaalamna, garuu yeroo hunda ni gammanna; akka hiyyeeyyiitti ilaalamna, garuu namoota hedduu sooreyyii goona; akka homaa hin qabnetti ilaalamna, garuu waan hundumaa qabna.+
11 Yaa warra Qorontos, nuti isinitti dubbachuuf afaan keenya saaqqanneerra;* garaa keenyas balʼisnee banneerra. 12 Nuti jaalala keenya isin jalaa hin daangessine,+ isin garuu jaalala keessan nu jalaa daangessitaniittu. 13 Kanaafuu, ani akkuma ijoollee kootti isinitti nan dubbadha, isinis garaa keessan balʼisaa banaa.+
14 Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa.*+ Qajeelinnii fi jalʼinni tokkummaa maalii qaba?+ Yookiin ifnii fi dukkanni maal wal irraa qaba?+ 15 Kana malees, Kiristoosii fi Beelhoor* gidduu walii galtee maaliitu jira?+ Yookiin namni amane* isa hin amannee wajjin qooda maalii qaba?+ 16 Akkasumas, manni qulqullummaa Waaqayyoo waaqolii tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba?+ Sababiin isaas, akkuma Waaqayyo, “Ani isaan gidduu nan jiraadha,+ akkasumas isaan gidduu nan deddeebiʼa, ani Waaqa isaanii nan taʼa, isaanis saba koo ni taʼu”+ jedhee dubbate, nuti mana qulqullummaa Waaqayyoo ti.+ 17 “‘Kanaafuu, isaan gidduudhaa baʼaa, adda of baasaa’ jedha Yihowaan,* ‘wanta xuraaʼaa hin tuqinaa’”;+ “‘anis isin nan simadha.’”+ 18 “‘Ani abbaa isiniif nan taʼa,+ isin immoo ilmaanii fi ijoollee durbaa naaf taatu’+ jedha Yihowaan* Inni Hundumaa Dandaʼu.”