Hojii Ergamootaa
25 Kanaafuu, Feesxos+ gara koonyaa sanaa dhaqee aangoo isaa erga fudhatee guyyaa sadii booda, Qisaariyaadhaa gara Yerusaalemitti ol baʼe. 2 Yeroo kanatti dura buutonni lubootaa fi Yihudoonni beekamoo taʼan, Phaawulosiin ilaalchisee himata qaban isatti dhiheeffatan.+ Achiis Feesxosiin kadhachuu jalqaban; 3 Phaawulosiin gara Yerusaalemitti akka isaaniif ergu isa gaafatan. Haa taʼu malee, isaan riphanii karaa irratti isa ajjeesuuf karoorfatanii turan.+ 4 Feesxos garuu Phaawulos Qisaariyaadhuma keessatti eegamee akka turu, innis yeroo muraasa gidduutti achitti akka deebiʼu isaanitti hime. 5 “Kanaafuu, isin gidduudhaa namoonni aangoo qaban anaa wajjin gad buʼanii inni dhuguma balleessaa yoo qabaate isa haa himatan” jedhe.+
6 Kanaafuu, Feesxos gara guyyaa saddeetii yookiin kudhanii erga isaanii wajjin dabarsee booda, Qisaariyaatti gad buʼe; guyyaa itti aanuttis barcuma murtii irra taaʼee Phaawulos isa duratti akka dhiheeffamu ajaje. 7 Yommuu inni ol seenus, Yihudoonni Yerusaalemii gad buʼan isatti marsanii himata ciccimaa ragaadhaan mirkaneessuu hin dandeenye hedduu isa irratti dhiheessan.+
8 Phaawulos garuu, “Ani Seera Yihudootaa irrattis taʼe mana qulqullummaa irratti yookiin Qeesaar irratti yakka tokko illee hin hojjenne” jedhee falmate.+ 9 Feesxos Yihudoota biratti jaallatamuu waan barbaadeef,+ “Gara Yerusaalemitti ol baatee waaʼee wantoota kanaa achitti na duratti murtii argachuu barbaaddaa?” jedhee Phaawulosiin gaafate. 10 Phaawulos garuu akkana jedhe: “Ani barcuma murtii Qeesaar isan itti murtii argachuu qabu dura dhaabbadheera. Atis akka gaariitti akkuma beektu, ani Yihudoota irratti balleessaa hin hojjenne. 11 Ani dhuguma balleessaa yoon qabaadhee fi wanta na ajjeesisu akkamii iyyuu yoon hojjedheera taʼe,+ duʼuu hin qabu jedhee hin kadhadhu; himanni namoonni kun na irratti dhiheessan ragaa qabatamaa hin qabu taanaan garuu, namni tokko illee isaaniin gammachiisuuf jedhee dabarsee isaanitti na kennuuf mirga hin qabu. Ani Qeesaaritti ol iyyadheera!”+ 12 Achiis Feesxos gorsitoota isaa wajjin erga mariʼatee booda, “Qeesaaritti waan ol iyyatteef, gara Qeesaar ni dhaqxa” jedhee isaaf deebise.
13 Guyyoota muraasa booda, Agriiphaa Mootichii fi Berniiqeen, Feesxosiin nagaa gaafachuuf gara Qisaariyaa dhufan. 14 Isaan guyyoota hedduu achi waan turaniif, Feesxos akkana jedhee waaʼee Phaawulos mootichatti hime:
“Namichi Feeliksi akkuma hidhametti dhiise tokko jira; 15 yeroon Yerusaalem keessa turetti, dura buutonni lubootaa fi maanguddoonni Yihudootaa namicha kana himatanii+ akka isatti murteeffamu na gaafatanii turan. 16 Ani garuu namni himanni irratti dhihaate tokko warra isa himatanii wajjin fuulleetti wal argee himata isa irratti dhihaate falmachuuf utuu carraa hin argatin, nama gammachiisuuf qofa dabarsanii kennuun seera warra Roomaa akka hin taanen isaanitti hime.+ 17 Kanaafuu, namoonni sun yommuu as gaʼan, yeruma sana guyyaa itti aanutti barcuma murtii irra taaʼee namichi akka na duratti dhiheeffamu nan ajaje. 18 Isaanis dhaabbatanii wantoota hedduudhaan isa himachuu jalqaban; taʼus wantoota hamoo inni raawwateera jedhee ani yaadee ture keessaa tokkoon illee isa hin himanne.+ 19 Wanti isaan irratti wal falmaa turan, waaʼee waaqeffannaa isaanii*+ fi waaʼee namicha Yesuus jedhamu tokkoo ture; namichi kun duʼeera; Phaawulos garuu inni jiraataa akka taʼe dubbata.+ 20 Falmii kanaaf furmaata kennuun waan na rakkiseef, inni gara Yerusaalem dhaqee waaʼee wantoota kanaa achitti murtii argachuu kan barbaadu taʼuu isaan isa gaafadhe.+ 21 Haa taʼu malee, Phaawulos hanga Awugusxos* murtoo isaaf kennutti hidhamee turuuf yommuu ol iyyannoo dhiheessetti,+ hanga ani gara Qeesaaritti isa ergutti hidhamee akka turun ajaje.”
22 Agriiphaanis Feesxosiin, “Ani iyyuu wanta namichi jedhu utuun dhagaʼee natti tola” jedhe.+ Innis, “Tole, boru isa dhageessa” jedhe. 23 Kanaafuu, guyyaa itti aanutti Agriiphaa fi Berniiqeen ulfina guddaadhaan dhufanii ajajjoota kumaa fi namoota beekamoo magaalattii wajjin gara galma walgaʼiitti seenan; Feesxos yommuu ajajettis Phaawulosiin ol seensisan. 24 Yeroo kanatti Feesxos akkana jedhe: “Yaa Agriiphaa mootichaa, isin warri nuu wajjin asitti argamtan hundis, namichi Yihudoonni hundi kana booda jiraachuu hin qabu jedhanii Yerusaalemittis taʼe asitti iyyanii na kadhatan sun isa kana.+ 25 Ani garuu inni wanta duʼaaf isa geessisu tokko illee akka hin hojjenne hubadheera.+ Kanaafuu, yommuu inni gara Awugusxositti ol iyyatu, achitti isa erguufan murteesse. 26 Haa taʼu malee, ani waaʼee isaa mirkanaaʼaa taʼee wantan Gooftaa kootiif barreessu tokko illee hin arganne. Kanaafuu, asitti erga qoratamee booda, tarii waaʼee isaa wantan barreessu akkan argadhutti hunda keessan duratti, keessumaa immoo Agriiphaa Mooticha duratti isa dhiheesseera. 27 Sababiin isaas, wanta ittiin himatame utuu hin ibsin nama hidhame tokko erguun sirrii natti hin fakkaatu.”