Hojii Ergamootaa
18 Kana booda Phaawulos Ateenaadhaa baʼee gara Qorontos dhufe. 2 Achitti Yihudii Aqiilaa+ jedhamuu fi Phonxositti dhalate tokko argate; inni Qalaawudewos Yihudoonni hundi Roomaadhaa akka baʼan waan ajajeef, haadha manaa isaa Phirisqiilaa wajjin Xaaliyaanii irraa kan dhufe dhiheenyatti ture. Kanaafuu, Phaawulos gara isaanii dhaqe; 3 hojiin isaanii tokko waan tureef, mana isaanii taaʼee isaanii wajjin hojjeta ture;+ hojiin isaanii dunkaana hodhuu ture. 4 Inni yeroo hundumaa guyyaa sanbataa+ mana sagadaa keessatti haasaa dhiheessee*+ Yihudootaa fi Giriikota amansiisa ture.
5 Siilaasii+ fi Ximotewos+ yommuu Maqedooniyaadhaa gad buʼan, Phaawulos guutummaatti dubbicha lallabuudhaan qabame; Yesuus inni Kiristoos taʼuu isaa isaan amansiisuuf Yihudootaaf ragaa baʼa ture.+ 6 Yommuu isaan isa mormuu fi isa arrabsuu isaanii itti fufan garuu uffata isaa hurgufee,+ “Dhiigni keessan mataa keessan irra haa taʼu.+ Ani qulqulluu dha.+ Ammaa jalqabee gara saboota kaaniin dhaqa” isaaniin jedhe.+ 7 Kanaafuu, achii* kaʼee gara mana Tiitiyoos Yosxos isa Waaqayyoon waaqeffatuu fi manni isaa mana sagadaatti aanee jiru sanaa dhaqe. 8 Qirisphoos+ geggeessaan mana sagadaa sun garuu guutummaa maatii isaa wajjin Gooftaatti amane. Namoonni Qorontos warri ergaa sana dhagaʼan hedduunis amanuu fi cuuphamuu jalqaban. 9 Gooftaanis halkan mulʼataan Phaawulosiin akkana jedhe: “Hin sodaatin; dubbachuu kee itti fufi malee calluma hin jedhin; 10 ani sii wajjin waanan jiruuf,+ namni tokko illee si rukutee si hin miidhu; sababiin isaas, ani magaalaa kana keessaa namoota hedduu qaba.” 11 Kanaafuu, isaan gidduutti dubbii Waaqayyoo barsiisaa waggaa tokkoo fi jiʼa jaʼaaf achi taaʼe.
12 Yeroo Gaaliyoon bulchaa biyyaa* Akaayaa turetti Yihudoonni tokkummaadhaan Phaawulos irratti kaʼanii barcuma murtii duratti isa dhiheessanii, 13 “Namichi kun namoonni karaa seericha irraa faallaa taʼeen Waaqayyoon akka waaqeffatan isaan amansiisaa jira” jedhan. 14 Yommuu Phaawulos dubbachuuf jedhu garuu, Gaaliyoon Yihudootaan akkana jedhe: “Yaa Yihudootaa, utuu balleessaa yookiin yakka cimaatu raawwatame taʼee, obsaan isin dhaggeeffachuun koo sirrii ture. 15 Haa taʼu malee, falmiin keessan waaʼee jechootaa, waaʼee maqaawwanii fi waaʼee seera keessanii erga taʼee+ isinumti fixadhaa. Ani wantoota kana irratti abbaa murtii taʼuu hin barbaadu.” 16 Achiis barcuma murtii duraa isaan ariʼe. 17 Kanaafuu, hundi isaanii Sostenees+ isa geggeessaa mana sagadaa taʼe qabanii barcuma murtii duratti reebuu jalqaban. Gaaliyoon garuu matumaa wantoota akkasii keessa hin seenu ture.
18 Phaawulos guyyoota hedduu erga achi turee booda, obbolootatti nagaa dhaamee Phirisqiilaa fi Aqiilaa wajjin dooniidhaan gara Sooriyaatti qajeele. Wareega waan qabuufis Kinkiriʼaa+ keessatti rifeensa mataa isaa gabaabsee murate. 19 Yommuu Efesoon gaʼanis isaaniin achitti dhiise; inni garuu gara mana sagadaa seenee Yihudootaa wajjin mariʼate.+ 20 Isaan akka inni achi turu irra deddeebiʼanii kan isa kadhatan taʼus inni garuu tole hin jenne; 21 kanaa mannaa, nagaa erga isaanitti dhaamee booda, “Fedhii Yihowaa* yoo taʼe, deebiʼee gara keessan nan dhufa” isaaniin jedhe. Achiis dooniidhaan Efesoonii kaʼee 22 gara Qisaariyaatti gad buʼe. Achiis ol baʼee* gumicha erga nagaa gaafatee boodas gara Anxokiyaatti gad buʼe.+
23 Yeroo muraasa erga achi turee booda, achii kaʼee barattoota hunda jajjabeessaa+ biyya Galaatiyaa fi Firgiyaa+ keessa naannaʼe.
24 Yeroo kanatti Yihudiin Apholos+ jedhamuu fi Iskindiriyaatti dhalate tokko gara Efesoon dhufe; inni nama dandeettii dubbachuu qabuu fi Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beeku ture. 25 Namichi kun daandii Yihowaa* kan baratee* fi hafuuraan kan gubatu, akkasumas waaʼee Yesuus sirriitti kan dubbatuu fi kan barsiisu ture; taʼus, inni kan beeku waaʼee cuuphaa Yohaannis qofa ture. 26 Inni mana sagadaa keessatti ija jabinaan dubbachuu jalqabe; Phirisqiilaa fi Aqiilaan+ yommuu isa dhagaʼan ofitti isa fudhatanii caalaatti daandii Waaqayyoo sirriitti isaaf ibsan. 27 Kana malees, inni Akaayaatti ceʼuu waan barbaadeef, barattoonni achi jiran gaarummaadhaan akka isa simatan obboloonni xalayaa isaaf ni barreessan. Kanaafuu, inni yommuu achi gaʼu warra gaarummaa Waaqayyoo isa guddaadhaan amantoota taʼaniif gargaarsa guddaa godhe; 28 sababiin isaas, inni ifattii fi miira hoʼaadhaan dubbachuudhaan, Yesuus inni Kiristoos taʼuu isaa Kitaabota Qulqulluu irraa isaanitti argisiisee akka isaan dogoggoran Yihudoota amansiisa ture.+