Sefaaniyaa
3 Magaalaa finciltuu, faalamtuu fi cunqursituu taateef wayyoo!+
2 Ishiin dhagaʼuu hin barbaanne;+ gorsas hin fudhanne.+
Yihowaatti hin amanamne;+ gara Waaqa ishiitti hin dhihaanne.+
3 Bulchitoonni ishii warri ishii gidduu jiran leencota baroodani dha.+
Abbootiin murtii ishii yeeyyii halkanii ti;
Isaan lafee tokko illee ganamaaf hin hambifatan.
4 Raajonni ishii addaggee fi gantoota dha.+
5 Yihowaan magaalattii gidduutti qajeelaa dha;+ inni dogoggora hin raawwatu.
Inni akkuma ifni barii yeroo hundumaa baʼutti,
Murtiiwwan isaa yeroo hundumaa ganama ganama ni beeksisa.+
Namni jalʼaan garuu qaanii hin beeku.+
6 “Ani saboota balleesseera; masaraawwan isaanii warri golee irra jiran ona taʼaniiru.
Ani eenyu iyyuu akka achiin hin darbineef daandiiwwan isaanii balleesseera.
Magaalonni isaanii onaniiru, namni tokko illee achi keessa hin jiru.+
7 Ani wantoota kana hundumaatiif akka itti gaafatamtu akkan hin gooneef,*+
Iddoon jireenyaa ishiis akka hin balleeffamneef,+
Magaalattiidhaan, ‘Ati dhugumaan na sodaatta, gorsas* ni fudhatta’ nan jedhe.
Ishiin garuu caalaatti hammina raawwachuuf hawwite.+
8 Yihowaan akkana jedha: ‘Kanaafuu, hamma guyyaa ani saamichaaf* kaʼuutti,+
Na eeggachuu* keessan itti fufaa,
Sababiin isaas, dheekkamsa koo fi aarii koo isa bobaʼu hundumaa isaan irratti dhangalaasuuf,+
Saboota walitti qabuuf, mootummootas sassaabuuf murtii dabarseera;
Guutummaan lafaa ibidda hinaaffaa kootiin ni gubatti.+
9 Hundi isaanii harka wal qabatanii akka isa tajaajilaniif,*+
Maqaa Yihowaas akka waammataniif,
Yeroo sanatti qooqa sabootaa qooqa qulqulluu tokkotti nan jijjiira.’
10 Warri na kadhatan, jechuunis sabni koo warri faffacaʼan,
Naannoo lageen Itoophiyaa irraa kennaa naaf ni fidu.+
11 Guyyaa sanatti gochawwan kee warra ittiin na irratti fincilte sanaan kan kaʼe
Ati hin qaaneffamtu,+
Sababiin isaas, ani yeroo sanatti warra of tuulan si gidduudhaa nan balleessa,
Atis kana booda gaara koo isa qulqulluu irratti matumaa of hin tuultu.+
12 Namoonni gad of qabanii fi garraamii taʼan si gidduutti akka hafan nan heyyama,+
Isaanis maqaa Yihowaatti kooluu ni galu.
13 Warri Israaʼel keessaa hafan+ jalʼina hin raawwatan;+
Isaan soba hin dubbatan yookiin arraba isaaniitiin namoota hin gowwoomsan;
Isaan ni nyaatu,* ni ciisu, kan isaan sodaachisus hin jiru.”+
14 Yaa intala Xiyoon, gammachuudhaan iyyi!
Yaa Israaʼel, injifannoodhaan iyyi!+
Yaa intala Yerusaalem, garaa kee guutuudhaan gammadi, ililchis!+
15 Yihowaan murtii si irratti dabarfame kaaseera.+
Diina kee si irraa deebiseera.+
Yihowaan Mootiin Israaʼel si gidduu jira.+
Ati kana booda badiisa hin sodaattu.+
16 Guyyaa sanatti Yerusaalem akkana jedhamti:
“Yaa Xiyoon, hin sodaatin.+
Harki kee akka laafus hin godhin.
17 Waaqni kee Yihowaan si gidduu jira.+
Inni isa jabaa waan taʼeef, si fayyisa.
Inni baayʼee sitti gammada.+
Jaalala siif qabuun kan kaʼe ni callisa.*
Inni sitti gammaduu isaa ililchuudhaan ni argisiisa.
18 Ani warra ayyaanota kee irraa hafuu isaaniitiin kan kaʼe gaddan walitti nan qaba;+
Isaan gara kee utuu hin dhufin kan hafan ishiidhaaf jedhanii arrabsoo waan baataniifi.+
19 Kunoo, ani yeroo sanatti warra si cunqursan hundumaa irratti tarkaanfii nan fudhadha;+
Isa okkolu nan oolcha,+
Warra bittinnaaʼanis walitti nan qaba.+
Biyya itti qaaneffaman hundumaa keessatti
Akka jajamanii fi beekamtii* akka argatan nan godha.
20 Ani yeroo sanatti deebisee isin nan fida,
Eeyyee, yeroo sanatti walitti isin nan qaba.