Wangeela Maatewos
16 Yeroo kanatti Fariisonnii fi Saduuqonni gara isaa dhufanii, isa qoruuf samii irraa mallattoo akka isaanitti argisiisu isa gaafatan.+ 2 Innis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Yommuu dhihu, ‘Samiin waan diimateef hin roobu’ jettu; 3 ganama immoo, ‘Samiin kan diimate taʼus duumessa waan qabuuf, harʼa ni qorra, bokkaanis ni rooba’ jettu. Isin bifa samii ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu ni dandeessu; haa taʼu malee, mallattoowwan barichaa ilaaltanii wanta taʼuuf jiru dubbachuu hin dandeessan. 4 Dhaloonni hamaanii fi ejjaa taʼe* yeroo hunda mallattoo barbaada; taʼus mallattoo Yoonaas+ malee mallattoo kan biraan isaaf hin kennamu.”+ Sana booda Yesuus isaan dhiisee deeme.
5 Barattoonni isaas gamatti ceʼan; yeroo kanatti daabboo qabachuu irraanfatanii turan.+ 6 Yesuusis, “Of eeggadhaa, raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eegaa”+ isaaniin jedhe. 7 Isaan immoo, “Nuti daabboo hin qabanne” jedhanii walitti dudubbachuu jalqaban. 8 Yesuusis kana beekee akkana isaaniin jedhe: “Isin yaa warra amantii xinnoo qabdan nana, daabboo hin qabanne jettanii kan walitti dudubbattan maaliifi? 9 Amma iyyuu yaada isaa hin hubannee? Daabboo shanan sana namoonni 5,000 yommuu nyaatan, guuboo meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?+ 10 Yookiin daabboo torban sana namoonni 4,000 yommuu nyaatan, guuboo guguddaa meeqa akka walitti qabdan hin yaadattanii?+ 11 Ani waaʼee daabboo isinitti dubbachaa akkan hin jirre akkamitti hin hubattan? Egaa raacitii Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa of eegaa.”+ 12 Yeroo kanatti raacitii daabboo irraa utuu hin taʼin, barumsa Fariisotaa fi Saduuqotaa irraa akka of eegan isaanitti dubbachaa akka jiru hubatan.
13 Yesuus yommuu gara naannoo Qisaariyaa Filiphisiyus dhufetti, “Namoonni Ilma namaatiin eenyu jedhu?”+ jedhee barattoota isaa gaafate. 14 Isaanis, “Warri tokko tokko Yohaannis Cuuphaa,+ kaan Eeliyaas,+ warri kaan immoo Ermiyaas yookiin raajota keessaa tokko dha jedhu” isaan jedhan. 15 Innis, “Isin hoo eenyu anaan jettu?” isaaniin jedhe. 16 Simoon Pheexiros, “Ati Kiristoos,+ Ilma Waaqayyo isa jiraataa ti”+ jedhee deebise. 17 Yeroo kanatti Yesuus, “Yaa Simoon ilma Yoonaas, kana kan siif ibse foonii fi dhiiga* utuu hin taʼin, Abbaa koo isa samii waan taʼeef gammadi.+ 18 Ani sitti nan hima, ati Pheexirosi;+ ani gumii koo qarsaa+ kana irratti nan ijaara; karrawwan Awwaalaas* isa hin moʼan. 19 Ani furtuuwwan Mootummaa samii siif nan kenna; wanti ati lafa irratti hiitu hundi samii irratti dursee kan hidhame taʼa; wanti ati lafa irratti hiiktu hundis samii irratti dursee kan hiikame taʼa.” 20 Achiis, barattoonni isaa inni Kiristoos taʼuu isaa eenyutti iyyuu akka hin himne cimsee isaan ajaje.+
21 Yesuus yeroo sanaa jalqabee, gara Yerusaalem dhaquu akka qabu, maanguddoonni, dura buutonni lubootaa fi barsiisonni seeraa dhiphina guddaa akka isa irra geessisan, akka ajjeefamuu fi guyyaa sadaffaatti duʼaa akka kaafamu+ barattoota isaatiif ibsuu jalqabe. 22 Yeroo kanatti Pheexiros kophaatti isa baasee, “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” jedhee isatti dheekkamuu jalqabe.+ 23 Inni garuu isa irraa garagalee Pheexirosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati yaada namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta”+ jedhe.
24 Achiis Yesuus barattoota isaatiin akkana jedhe: “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; muka dhiphinaa* isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.+ 25 Namni lubbuu isaa oolfachuu barbaadu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; namni anaaf jedhee lubbuu isaa dhabu kam iyyuu garuu lubbuu isaa ni argata.+ 26 Namni tokko guutummaa addunyaa kan isaa godhatee lubbuu isaa yoo dhabe maal isa fayyada?+ Yookiin namni tokko bakka lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?+ 27 Ilmi namaa ulfina Abbaa isaatiin maleekota isaa wajjin ni dhufa; achiis tokkoon tokkoon namaatiif akka hojii hojii isaatti gatii isaa ni kenna.+ 28 Dhuguman isiniin jedha, namoota as dhaabbatan keessaa jalqaba hanga Ilmi namaa Mootummaa isaatiin dhufee arganitti matumaa kan hin duune tokko tokko jiru.”+