Lallaba
4 Ammas xiyyeeffannaa koo gara gocha hacuuccaa aduu jalatti raawwatamaa jiru hundumaatti nan deebise. Imimmaan warra hacuucamanii nan arge, kan isaan jajjabeessu tokko illees hin turre.+ Warri isaan hacuucan humna qabu turan; kan isaan jajjabeessu tokko illee hin jiru ture. 2 Warra amma iyyuu lubbuudhaan jiran caalaa, warra duʼaniif nan gammade.+ 3 Lamaan isaanii mannaa, isa amma iyyuu hin dhalanne, isa gocha nama dhiphisuu fi aduu jalatti raawwatamu hin argine wayya.+
4 Wal morkiin+ isaan gidduu jiru, namoonni carraaqqii guddaa akka godhanii fi hojii gaarii akka hojjetan kan isaan kakaasu taʼuu isaa argeera; kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.
5 Namni gowwaan utuma foon isaa dhumaa jiruu* harka isaa maratee taaʼa.+
6 Bubbee duukaa fiigaa hojii cimaa harka lama guutuu qabaachuu mannaa, boqonnaa harka tokko guutuu qabaachuu wayya.+
7 Xiyyeeffannaa koo gara wanta aduu jalatti gatii hin qabne kan biraatti nan deebise: 8 Namni michuu tokko malee kophaa isaa jiraatu jira; inni ilma yookiin obboleessa hin qabu; taʼus hojiin inni jabaatee hojjetu hundi dhuma hin qabu. Ijji isaa matumaa badhaadhina hin quufu.+ Garuu inni, ‘Ani jabaadhee kanan hojjedhuu fi wantoota gaggaarii kanan of* dhowwu eenyuuf jedheeni?’+ jedhee of ni gaafataa? Kunis wanta gatii hin qabnee fi hojii gaddisiisaa dha.+
9 Hojii jabaatanii hojjetaniif badhaasa gaarii* waan argataniif, tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya.+ 10 Sababiin isaas, inni tokko yoo kufe, inni kan biraan ol isa kaasuu dandaʼa. Garuu namni yeroo kufutti nama gargaaree ol isa kaasu hin qabne akkam taʼa?
11 Kana malees, namoonni lama yoo wajjin ciisan isaanitti hoʼa; garuu namni tokko kophaa isaa akkamitti itti hoʼuu dandaʼa? 12 Akkasumas namni tokko nama kophaa isaa jiru moʼuu dandaʼa; lama yoo taʼan garuu isa mormanii dhaabbachuu dandaʼu. Wadaroon foʼaa sadiin foʼames dafee* hin citu.
13 Mootii maanguddoo gowwaa taʼee fi akeekkachiisa fudhachuuf hubannaa gaʼaa hin qabne+ mannaa, mucaa hiyyeessa ogeessa taʼe wayya.+ 14 Sababiin isaas, inni* bulchiinsa mootii maanguddoo sanaa jalatti hiyyeessa+ taʼee kan dhalate taʼus, mootii taʼuuf mana hidhaatii baʼeera.+ 15 Ani warra jiraatoo samii jala asii fi achi deddeebiʼan hunda, akkasumas dargaggeessa iddoo mootichaa buʼu irra maaltu akka gaʼu nan hubadhe. 16 Inni deggertoota hammana hin jedhamne yoo qabaate iyyuu, warri booda dhufan isatti hin gammadan.+ Kunis wanta gatii hin qabne dha; akkuma bubbee duukaa fiiguu ti.