BOQONNAA 10
Gaaʼelli Kennaa Waaqayyo Biraa Argame Dha
“Wadaroon foʼaa sadiin [foʼame] dafee hin citu.”—LALLABA 4:12.
1, 2. (a) Namoonni reefu gaaʼela godhatan gaaʼela irraa maal argachuuf abdatu? (b) Boqonnaa kana keessatti gaaffiiwwan kamfaa irratti mariʼanna?
MEE misirroota guyyaa cidha isaaniitti gammadaa jiran tokko yaadaan ilaali. Waaʼee jireenya isaanii gara fuulduraa yaaduudhaan gammachuu fi abdiidhaan guutamaniiru. Gaaʼelli isaanii yeroo dheeraadhaaf kan turuu fi gammachuudhaan kan guutamu akka taʼu abdatu.
2 Haa taʼu malee, gaaʼelli hedduun karaa gaarii taʼeen kan jalqaban taʼus, haala akkasiitiin itti hin fufan. Gaaʼelli tokko yeroo dheeraadhaaf akka turuu fi gammachiisaa akka taʼuuf, hiriyoonni gaaʼelaa qajeelfama Waaqayyoo argachuun isaan barbaachisa. Kanaafuu, deebii Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanaa gadiitiif kennu haa ilaallu: Faayidaawwan gaaʼelli argamsiisu tokko tokko maalfaʼi? Gaaʼela godhachuu kan barbaaddu yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa gaarii filachuu kan dandeessu akkamitti? Abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuu kan dandeessu akkamitti? Gaaʼelli itti fufiinsa akka qabaatu kan godhu hoo maali dha?—Fakkeenya 3:5, 6 dubbisi.
GAAʼELA GODHACHUUN QABAA?
3. Namni tokko gammachuu argachuuf dirqama gaaʼela godhachuun waan isa barbaachisu sitti fakkaataa? Ibsi.
3 Namoonni tokko tokko, namni tokko gaaʼela yoo godhate malee gammachuu argachuu akka hin dandeenye amanu. Kun garuu dhugaa miti. Yesuus qeenxee taʼanii jiraachuun kennaa akka taʼe dubbateera. (Maatewos 19:11, 12) Phaawulos ergamaanis qeenxee taʼuun faayidaa akka qabu dubbateera. (1 Qorontos 7:32-38) Gaaʼela godhachuun ykn dhiisuun filannoo kee ti. Kanaafuu michoonni kee, maatiin kee ykn aadaan keessatti guddatte gaaʼela akka godhattu dhiibbaa akka si irratti godhan heyyamuu hin qabdu.
4. Faayidaawwan gaaʼelli gaariin argamsiisu tokko tokko maalfaʼi?
4 Kitaabni Qulqulluun gaaʼellis kennaa Waaqayyoo akka taʼee fi faayidaawwan tokko tokko akka qabu dubbata. Yihowaan Addaam isa nama jalqabaa taʼe ilaalchisee, “Namichi kophaa taʼuun isaa gaarii miti. Guutuu akka isa gootuuf ani kan isa gargaartu isaaf nan tolcha” jedhee ture. (Uumama 2:18) Yihowaan haadha manaa Addaam akka taatuuf Hewaaniin kan uume yommuu taʼu, isaanis maatii jalqabaa taʼaniiru. Hiriyoonni gaaʼelaa ijoollee yoo godhatan immoo, gaaʼelli isaanii ijoollee tasgabbiidhaan guddisuuf haala mijataa taʼe uumuu qaba. Haa taʼu malee, kaayyoon gaaʼelaa ijoollee godhachuu qofa miti.—Faarfannaa 127:3; Efesoon 6:1-4.
5, 6. Gaaʼelli akka ‘wadaroo foʼaa sadiin foʼamee’ taʼuu kan dandaʼu akkamitti?
5 Solomoon Mootichi akkana jedhee barreesseera: “Hojii jabaatanii hojjetaniif badhaasa gaarii waan argataniif, tokko taʼuu mannaa lama taʼuu wayya. Sababiin isaas, inni tokko yoo kufe, inni kan biraan ol isa kaasuu dandaʼa. Garuu namni yeroo kufutti nama gargaaree ol isa kaasu hin qabne akkam taʼa? . . . Wadaroon foʼaa sadiin foʼames dafee hin citu.”—Lallaba 4:9-12.
6 Gaaʼelli gaariin namoota wal gargaaran, wal jajjabeessanii fi eegumsa waliif godhan lama gidduutti michummaa hunda irra caalu uumuu dandaʼa. Jaalalli gaaʼelli cimaa akka taʼu gochuu dandaʼa, taʼus abbaan manaa fi haati manaa Yihowaa kan waaqeffatan yoo taʼan, gaaʼelli isaanii caalaatti cimaa taʼa. Akkas taanaan gaaʼelli isaanii akka ‘wadaroo foʼaa sadiin foʼamee’ baayʼee cimaa taʼuu dandaʼa. Foʼaan akkanaa foʼaa lama qofaan foʼame caalaa jabaataa dha. Gaaʼelli tokko cimaa taʼuu kan dandaʼu Yihowaan yoo keessa jiraate dha.
7, 8. Phaawulos gaaʼela ilaalchisee gorsa akkamii kenneera?
7 Namoonni lama gaaʼela erga godhatanii booda, fedhii saalqunnamtii uumamaan qaban waliif guutuudhaan gammaduu dandaʼu. (Fakkeenya 5:18) Haa taʼu malee, namni tokko gaaʼela kan godhate fedhii kana guuttachuuf qofa yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa ogummaadhaan filateera jechuun hin dandaʼamu. Kitaabni Qulqulluun namni tokko gaaʼela godhachuu kan qabu “umurii dargaggummaa,” jechuunis yeroo fedhiin saalqunnamtii itti cimu irra erga darbee booda taʼuu akka qabu kan dubbatu kanaafi. (1 Qorontos 7:36) Miirri akkanaa hamma tasgabbaaʼutti gaaʼela utuu hin godhatin turuun gaarii dha. Sana booda namni tokko sirriitti yaaduu fi filannaa gaarii gochuu dandaʼa.—1 Qorontos 7:9; Yaaqoob 1:15.
8 Gaaʼela godhachuuf yaadaa jirta yoo taʼe, dhugaa jiru sirriitti hubachuu fi gaaʼelli hundi rakkina mataa isaa akka qabu beekuun kee gaarii dha. Phaawulos namoonni gaaʼela godhatan, ‘foon isaaniitti rakkinni akka dhufu’ dubbateera. (1 Qorontos 7:28) Gaaʼelli gaarii taʼe tokko illee darbee darbee rakkinni isa mudachuu dandaʼa. Kanaafuu, gaaʼela godhachuuf kan murteessite yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa kee ogummaadhaan filachuu kee mirkanaaʼaa taʼi.
HIRIYAA GAAʼELAA GODHACHUU KANAN QABU NAMA AKKAMIITI?
9, 10. Nama Yihowaa hin waaqeffanne tokkoo wajjin yoo gaaʼela godhanne maaltu uumamuu dandaʼa?
9 Yeroo hiriyaa gaaʼelaa filannu dhugaa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, “Warra hin amannee wajjin gita malee walitti hin camadaminaa” jedhu yaadachuun keenya barbaachisaa dha. (2 Qorontos 6:14) Fakkeenyi kun wanta hojii qonnaa keessatti raawwatamu tokko irratti kan hundaaʼe dha. Beeladoonni lama guddinaan ykn ciminaan baayʼee kan wal caalan yoo taʼe, qonnaan bulaan tokko ittiin qotuuf walitti isaan hin camadu. Kana gochuun beeladoota lamaan iyyuu waan miidhuuf, isaaniif gaarii miti. Haaluma wal fakkaatuun, gaaʼelli nama Yihowaa waaqeffatuu fi hin waaqeffanne gidduutti raawwatamu rakkina hedduu qabaachuun isaa hin oolu. Kanaafuu, Kitaabni Qulqulluun, “Gooftaadhaan qofa” gaaʼela akka godhannu gorsa ogummaa irratti hundaaʼe nuuf kenna.—1 Qorontos 7:39.
10 Kiristiyaanonni tokko tokko, kophaa taʼuu irra nama Yihowaa hin waaqeffanne hiriyaa gaaʼelaa godhachuun akka wayyu isaanitti dhagaʼamee ture. Haa taʼu malee, gorsa Kitaaba Qulqulluu yoo cabsine yeroo baayʼee rakkinnii fi gaddi nu irra gaʼa. Yihowaa kan waaqeffannu waan taaneef, isa tajaajiluun jireenya keenya keessatti wanta hunda caalaa iddoo guddaa qaba. Wanta hundumaa caalaa jireenya kee keessatti iddoo guddaa kennituuf kana hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin dubbachuu hin dandeessu yoo taʼe maaltu sitti dhagaʼama? Obboloonni hedduun nama Yihowaa hin jaallannee fi isa hin tajaajille wajjin gaaʼela godhachuu mannaa qeenxee taʼanii jiraachuuf murteessaniiru.—Faarfannaa 32:8 dubbisi.
11. Hiriyaa gaaʼelaa gaarii filachuu kan dandeessu akkamitti?
11 Kana jechuun garuu, namni Yihowaa tajaajilu hundi hiriyaa gaaʼelaa gaarii siif taʼuu dandaʼa jechuu miti. Gaaʼela godhachuuf yaadaa jirta yoo taʼe, nama dhugumaan jaallattuu fi walii galuu dandeessu barbaaddadhu. Nama wanta ati jireenya kee keessatti raawwachuu barbaaddu gochuu barbaaduu fi tajaajila Waaqayyootiif dursa kennu hamma argattutti obsaan eeggadhu. Gaaʼela ilaalchisee gorsa gaarii garbichi amanamaan barreeffamoota irratti baase dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo ramadi.—Faarfannaa 119:105 dubbisi.
12. Hiriyaa gaaʼelaa warri ijoollee isaaniitiif filatan ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu irraa maal baranna?
12 Aadaawwan tokko tokko keessatti warri ilma ykn intala isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa filachuun baramaa dha. Warri nama ijoollee isaaniitiif hiriyaa gaaʼelaa taʼu caalaatti akka beekan yaadama. Aadaan kun bara duriittis baramaa akka ture Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera. Kanaafuu, warri kee aadaa akkanaa hordofuu yoo filatan, amalawwan akkamii irratti xiyyeeffachuu akka qaban Kitaabni Qulqulluun isaan gargaaruu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Abrahaam ilma isaa Yisihaaqiif haadha manaa yeroo filatetti, wanti inni irratti xiyyeeffate qarshii ykn beekamtii utuu hin taʼin, jaalala ishiin Yihowaadhaaf qabdu irratti ture.—Uumama 24:3, 67; Ibsa Dabalataa 25 ilaali.
GAAʼELAAF QOPHAAʼUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI?
13-15. (a) Dhiirri tokko abbaa manaa gaarii taʼuuf qophaaʼuu kan dandaʼu akkamitti? (b) Dubartiin takka haadha manaa gaarii taʼuuf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti?
13 Gaaʼela godhachuuf yaadaa jirta yoo taʼe, kanaaf qophaaʼaa taʼuu kee mirkanaaʼaa taʼi. Tarii qophaaʼaa akka taate sitti dhagaʼama taʼa, taʼus, dhugumaan gaaʼelaaf qophaaʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe mee haa ilaallu. Deebiin argattu si dinqisiisa taʼa.
14 Kitaabni Qulqulluun abbaan manaa fi haati manaa maatii keessatti gaʼee gara garaa akka qaban ibsa. Kanaafuu, dhiira ykn durba taʼuu kee irratti hundaaʼee gaaʼelaaf qophaaʼaa taʼuun hiika adda addaa qaba jedhanii yaaduun sirrii dha. Dhiirri tokko fuudhuuf yaadaa jira yoo taʼe, ‘Mataa maatii taʼuuf qophaaʼeeraa?’ jedhee of gaafachuu qaba. Yihowaan abbaan manaa tokko wanta jireenyaaf barbaachisu dhiheessuudhaanis taʼe karaa miiraa haadha manaa isaa fi ijoollee isaa akka kunuunsu isa irraa eega. Hunda caalaa immoo abbaan manaa, waaqeffannaa maatiin isaa Waaqayyoof dhiheessu irratti dursa fudhachuun isa barbaachisa. Kitaabni Qulqulluun, namni maatii isaa hin kunuunsine ‘nama amantii hin qabne irra akka hammaatu’ ibsa. (1 Ximotewos 5:8) Kanaafuu, fuudhuuf yaadaa kan jirtu yoo taate, dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu, “Hojii kee isa alaa qopheeffadhu, maasii keessattis wanta hunda qixeeffadhu; sana booda mana kee ijaarradhu” jedhu akkamitti akka hojii irra oolu yaadi. Karaa biraatiin, fuudhuu kee dura abbaa manaa wanta Yihowaan isa irraa barbaadu guutuu dandaʼu taʼuu kee mirkanaaʼaa taʼi.—Fakkeenya 24:27.
15 Durbi heerumuuf yaadaa jirtu takka immoo, itti gaafatamummaa haadha manaa tarii immoo haadha taʼuun fiduuf kan qophoofte taʼuu ishii of gaafachuu qabdi. Kitaabni Qulqulluun karaawwan hedduu haati manaa gaariin abbaa manaa fi ijoollee ishii itti kunuunsitu keessaa tokko tokko ni ibsa. (Fakkeenya 31:10-31) Yeroo harʼaa dhiironnii fi dubartoonni hedduun wanta hiriyaan gaaʼelaa isaanii isaaniif godhu qofa yaadu. Haa taʼu malee, Yihowaan hiriyaa gaaʼelaa keenyaaf maal gochuu akka dandeenyu akka yaannu barbaada.
16, 17. Gaaʼela godhachuuf yaadaa jirta yoo taʼe waaʼee maalii irratti xiinxaluu qabda?
16 Gaaʼela godhachuu kee dura, wanta Yihowaan abbaa manaa fi haadha manaa ilaalchisee dubbate irratti xiinxali. Mataa maatii taʼuu jechuun, dhiirri tokko karaa qaamaa ykn miiraa abbaa humnaa taʼuu qaba jechuu miti. Kanaa mannaa mataan maatii gaariin tokko fakkeenya Yesuus isa yeroo hundumaa namoota isa jala jiranitti jaalalaa fi gaarummaa argisiisuu hordofa. (Efesoon 5:23) Haati manaas gama ishiitiin, murtoo abbaa manaa ishii deggeruu fi isa cinaa dhaabbachuu jechuun maal jechuu akka taʼe irratti yaaduun ishii barbaachisaa dha. (Roomaa 7:2) Aangoo nama mudaa qabu tokkootiif gammachuudhaan bitamuu dandaʼuu fi dhiisuu ishii of gaafachuu qabdi. Akka hin dandeenye yoo ishiitti dhagaʼame, yeroodhaaf qeenxee taatee jiraachuun ishii gaarii akka taʼe murteessiti taʼa.
17 Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa gammachuu ofii isaanii caalaa gammachuun hiriyaa gaaʼelaa isaanii isaan yaaddessuu qaba. (Filiphisiyus 2:4 dubbisi.) Phaawulos, “Isin keessaa tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallatanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu” jedhee barreesseera. (Efesoon 5:21-33) Dhiironnis taʼan dubartoonni jaallatamuu fi kabajamuu barbaadu. Gaaʼelli milkaaʼina akka qabaatuuf garuu, keessumaa dhiirri tokko haati manaa isaa akka isa kabajju beekuun isa barbaachisa; dubartiin takka immoo abbaan manaa ishii akka ishii jaallatu beekuun ishii barbaachisa.
18. Dhiirri tokkoo fi dubartiin takka yeroo gaaʼelaaf wal qoratanitti of eeggannoo gochuu kan qaban maaliifi?
18 Namoonni lama gaaʼela godhachuuf yaadanii caalaatti wal baruuf yeroon isaan wal qorachuudhaan dabarsan gammachiisaa taʼuu qaba. Kana malees, jireenya isaanii guutuu dhugumaan walii wajjin jiraachuu barbaaduu ykn dhiisuu isaanii murteessuu akka dandaʼaniif, yeroon kun yeroo itti haqaan wal qoratani dha. Dhiirri tokkoo fi dubartiin takka yeroo wal qoratan, akkamitti walii galuu akka dandaʼan baratu, akkasumas inni tokko wanta garaa isa kaanii keessa jiru beekuuf yaala. Walitti dhufeenyi isaanii guddachaa yommuu deemu immoo, qaamaan walitti dhihaachuu barbaaduun isaanii waanuma jiru dha. Haa taʼu malee, utuu gaaʼela hin godhatin wanta naamusaan ala taʼe akka hin raawwanneef, akkaataa miira isaanii kana itti ibsan toʼachuun isaanii barbaachisaa dha. Jaalalli dhugaan of toʼachuu akka dandaʼanii fi wanta hariiroo walii wajjinis taʼe Yihowaa wajjin qaban balleessu akka hin raawwanne isaan gargaara.—1 Tasalonqee 4:6.
GAAʼELLI KOO AKKA ITTI FUFU GOCHUU KANAN DANDAʼU AKKAMITTI?
19, 20. Kiristiyaanonni gaaʼelaaf ilaalcha akkamii qabu?
19 Seenaawwan kitaabotaa fi fiilmiiwwan hedduu keessatti caqasaman cidha guddaa fi gammachiisaa taʼeen xumuramu. Jireenya isa dhugaa keessatti garuu cidhi jalqaba qofa dha. Yihowaan gaaʼela kan hundeesse walitti dhufeenya itti fufiinsa qabu akka taʼuuf ture.—Uumama 2:24.
20 Namoonni yeroo harʼaa jiran baayʼeen garuu gaaʼelli qophii yeroo muraasaaf turu akka taʼetti ilaalu. Gaaʼela godhachuunis taʼe wal hiikuun salphaa dha. Namoonni tokko tokko yeroo rakkinni uumamu, hiriyaa gaaʼelaa isaanii dhiisanii deemuu fi gaaʼela isaanii diiguu akka qaban isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, fakkeenya Kitaaba Qulqulluu waaʼee wadaroo cimaa foʼaa sadiin walitti foʼamee dubbatu yaadadhu. Wadaroon akkasii dhiibbaa guddaan yoo irra gaʼe illee hin citu. Yihowaan akka nu gargaaru yoo isa gaafanne gaaʼelli keenya itti fufuu dandaʼa. Yesuus, “Wanta Waaqayyo walitti hidhe namni kam iyyuu gargar hin baasin” jedheera.—Maatewos 19:6.
21. Abbaan manaa fi haati manaa tokko akka wal jaallataniif maaltu isaan gargaara?
21 Hundi keenya ciminaa fi dadhabina qabna. Dadhabina warra kaanii, keessumaa immoo kan hiriyaa gaaʼelaa keenyaa irratti xiyyeeffachuun baayʼee salphaa dha. Haa taʼu malee, yoo akkas goone gammachuu hin qabaannu. Karaa biraa immoo, amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa keenyaa irratti yoo xiyyeeffanne gaaʼelli keenya gammachiisaa taʼa. Hiriyaa gaaʼelaa mudaa qabu akkasitti ilaaluun ni dandaʼamaa? Eeyyee! Yihowaan mudaa akka qabnu beeka, taʼus, amalawwan keenya warra gaggaarii irratti xiyyeeffata. Yihowaan utuu akkas hin godhu taʼee maaltu akka taʼu yaadi! Faarfatichi, “Yaa Yaah, ati dogoggora hordofta utuu taʼee, yaa Yihowaa, eenyutu dhaabbachuu dandaʼa ture?” jedheera. (Faarfannaa 130:3) Abbootiin manaa fi haadhotiin manaa wanta gaarii hiriyaan gaaʼelaa isaanii qabu ilaaluu fi dafanii dhiifama gochuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandaʼu.—Qolosaayis 3:13 dubbisi.
22, 23. Abrahaamii fi Saaraan namoota gaaʼela godhataniif fakkeenya gaarii kan taʼan akkamitti?
22 Waggoonni hedduun yommuu darban gaaʼelli cimaa deema. Abrahaamii fi Saaraan gaaʼela gammachiisaa fi yeroo dheeraa ture qabu turan. Yihowaan, Abrahaam mana isaanii magaalaa Uur ture dhiisanii akka baʼan yommuu isatti himu, Saaraan umuriin ishii tarii waggaa 60 ol taʼuu hin oolu. Saaraan mana ishii mijataa taʼe dhiistee dunkaana keessa jiraachuun ishii hammam rakkisaa akka taʼe yaadi. Haa taʼu malee, Saaraan abbaa manaa ishiitiif michuu fi haadha manaa gaarii taʼuu ishii irra iyyuu, dhugumaan isa ni kabajji turte. Kanaafuu, murtoo Abrahaam deggerteetti, akka milkaaʼus isa gargaarteetti.—Uumama 18:12; 1 Pheexiros 3:6.
23 Dhugaa dha, gaaʼela gaarii qabaachuu jechuun, abbaan manaa fi haati manaa yeroo hundumaa wanta hundumaa irratti walii galu jechuu miti. Yeroo tokko Abrahaam yommuu Saaraa wajjin utuu walii hin galin hafetti, Yihowaan, “Wanta ishiin siin jettu dhagaʼi” isaan jedheera. Abrahaamis kan ishii dhagaʼe yeroo taʼu, buʼaan isaas gaarii ture. (Uumama 21:9-13) Atii fi hiriyaan gaaʼelaa kees darbee darbee yoo walii galuu baattan, abdii hin kutatin. Wanti hunda caalaa barbaachisaa taʼe, yeroo walii galuu dadhabdanitti illee, wal jaallachuu fi wal kabajuu keessani dha.
24. Gaaʼelli keenya Yihowaadhaaf ulfina fiduu kan dandaʼu akkamitti?
24 Gumii Kiristiyaanaa keessa hiriyoonni gaaʼelaa gammadoon kumaan lakkaaʼaman ni argamu. Gaaʼela godhachuu kan barbaaddu yoo taʼe, hiriyaa gaaʼelaa filachuun murtoowwan guguddaa ati jireenya kee keessatti gootu keessaa tokko taʼuu isaa yaadadhu. Kun jireenya kee isa hafe irratti jijjiirama guddaa kan fidu waan taʼeef, Yihowaan qajeelfama akka siif kennu gaafadhu. Taanaan, hiriyaa gaaʼelaa kee ogummaadhaan filachuu fi gaaʼelaaf akka gaariitti qophaaʼuu dandeessa, akkasumas hariiroo cimaa fi jaalala irratti hundaaʼe isa Yihowaadhaaf ulfina fidu qabaachuu dandeessa.