Qorontos Lammaffaa
2 Ani yeroon lammata gara keessan dhufu akkan isin hin gaddisiisne murteesseen ture. 2 Yoon isin gaddisiise, isinuma warra ani gaddisiise malee eenyutu na gammachiisa? 3 Kanan isiniif barreesse yeroon dhufu namootan itti gammaduu qabutti akkan hin gaddineefi; sababiin isaas, wanti anaaf gammachuu argamsiisu, hunda keessaniifis gammachuu akkasii akka argamsiisu nan amana. 4 Ani isin gaddisiisuuf utuu hin taʼin,+ jaalala guddaa ani isiniif qabu akka beektaniif, rakkina guddaa fi dhiphina garaatiin imimmaan hedduu wajjin isiniif barreesseera.
5 Ammas namni kam iyyuu wanta nama gaddisiisu yoo hojjete,+ inni ana utuu hin taʼin, hunda keessan hamma tokko gaddisiiseera; taʼus waaʼee kanaa baayʼee dubbachuu hin barbaadu. 6 Nama akkasiitiif adabni baayʼeen keessan isa adabdan isa gaʼa; 7 Amma garuu inni gadda guddaadhaan akka hin liqimfamneef,+ gaarummaadhaan dhiifama isaaf gochuu fi isa jajjabeessuu qabdu.+ 8 Kanaafuu, jaalala isaaf qabdan akka isaaf mirkaneessitan isinan gorsa.+ 9 Kanan isiniif barreesses, isin wanta hundumaan ajajamoo taʼuu fi dhiisuu keessan mirkaneessuufi. 10 Isin balleessaa namni tokko raawwate kamiif iyyuu dhiifama yoo gootan, anis dhiifama isaaf nan godha. Dhugaa dubbachuuf wanta kamiif iyyuu dhiifama kanan godhe (wanta kamiif iyyuu yoon dhiifama godheera taʼe) isiniif jedhee akka taʼe Kiristoos ragaa naaf baʼa; 11 kunis nuti Seexanaan akka hin gowwoomfamneefi;+ sababiin isaas, nuti akeeka* isaa beekna.+
12 Ani yeroon misiraachoo waaʼee Kiristoos ibsu lallabuuf Xiroʼaas gaʼetti,+ hojii Gooftaatiif balballi naaf banamee ture; 13 taʼus obboleessa koo Tiitoo+ waanan hin arganneef, baayʼee dhiphadheen ture. Kanaafuu, nagaa isaanitti dhaameen gara Maqedooniyaa+ deeme.
14 Haa taʼu malee, Waaqayyo isa yeroo hunda Kiristoosii wajjin hiriira injifannootiin nu geggeessuu fi karaa keenya urgaa beekumsa isaa bakka hundatti babalʼisuuf* galanni haa taʼu! 15 Sababiin isaas, nuti warra fayyanii fi warra badan gidduutti Waaqayyoof urgaa Kiristoos isa gaarii taʼe dha; 16 nuti warra badaniif, foolii* duʼaa gara duʼaatti geessu,+ warra fayyaniif garuu, urgaa jireenyaa gara jireenyaatti geessu dha. Wantoota kanaaf guutummaatti gaʼumsa kan qabu eenyu? 17 Nuyi; sababiin isaas, nuti akka namoota hedduu dubbii Waaqayyoo hin qanxabnu;*+ kanaa mannaa, Waaqayyo duratti Kiristoosii wajjin taanee akka namoota Waaqayyo biraa ergamaniitti dhugaadhaan ni dubbanna.