Keessa Deebii
30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+ 4 Sabni kee hamma andaara samiitti yoo bittinnaaʼan illee, Waaqni kee Yihowaan achii walitti isin qabee deebisee isin ni fida.+ 5 Waaqni kee Yihowaan gara biyya abbootiin kee dhaalaan fudhatanitti si deebisa; atis isa ni dhaalta; innis abbootii kee caalaa badhaadhaa si godha, si baayʼisas.+ 6 Ati Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaan akka jaallattuuf, akkasumas lubbuudhaan akka jiraattuuf,+ Waaqni kee Yihowaan garaa kee fi garaa sanyii keetii ni qulqulleessa.*+ 7 Achiis Waaqni kee Yihowaan abaarsawwan kana hundumaa diinota kee warra si jibbanii fi si ariʼatan irratti ni fida.+
8 “Atis deebitee sagalee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa warra ani harʼa si ajaju kana hundumaas ni eegda. 9 Yihowaan akkuma abbootii keetti gammadetti,+ ammas sooressa si gochuutti waan gammaduuf, Waaqni kee Yihowaan ijoollee kee, horiiwwan kee fi oomisha lafa keetii baayʼisuudhaan, hojii harka kee hundumaatiin baayʼee badhaadhaa akka taatu ni godha.+ 10 Achiis sagalee Waaqa kee Yihowaa ni dhageessa; ajajawwan isaa fi dambiiwwan isaa warra kitaaba Seeraa kana irratti barreeffaman ni eegda; garaa kee guutuu fi lubbuu* kee guutuudhaanis gara Waaqa kee Yihowaatti ni deebita.+
11 “Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti.+ 12 Ati, ‘Akka isa dhageenyuu fi akka isa eegnuuf eenyutu gara samiitti ol baʼee nuu fida?’ akka hin jenneef, inni kan jiru samii irra miti.+ 13 Ati, ‘Akka isa dhageenyuu fi akka isa eegnuuf eenyutu galaana gamatti ceʼee nuu fida?’ akka hin jenneef immoo, inni kan jiru galaana gama miti. 14 Sababiin isaas, ati akka isa raawwattuuf+ dubbichi baayʼee sitti dhihoo, jechuunis afaan kee keessaa fi garaa kee keessa jira.+
15 “Kunoo, ani harʼa jireenyaa fi wanta gaarii, akkasumas duʼaa fi wanta hamaa si dura nan kaaʼa.+ 16 Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan,+ daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, ajajawwan isaa, dambiiwwan isaa fi heerawwan isaa eeguudhaan ajajawwan Waaqa kee Yihowaa warra ani harʼa si ajaju yoo dhageesse, lubbuudhaan ni jiraatta,+ ni baayʼattas; Waaqni kee Yihowaanis biyya dhaaluuf jettu keessatti si eebbisa.+
17 “Haa taʼu malee, garaan kee karaa irraa yoo gore,+ atis dhagaʼuu diddee gowwoomfamuudhaan waaqolii kan birootiif yoo sagaddee fi yoo isaan tajaajilte,+ 18 ati dhugumaan akka baddu harʼa sittan hima.+ Biyya dhaalaan fudhachuuf Yordaanosiin ceetu sana keessatti bara dheeraa hin jiraattu. 19 Jireenyaa fi duʼa, eebbaa fi abaarsa si dura akkan kaaʼe+ harʼa samii fi lafa si irratti ragoota godhee nan dhiheessa; atii fi sanyiin kee+ akka jiraattaniif jireenya filadhu;+ 20 kanas kan gootu, Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan,+ sagalee isaa dhagaʼuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaani;+ sababiin isaas, inni jireenya kee ti; biyya Yihowaan abbootii kee Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoobiif kennuuf kakate keessattis bara dheeraa kan si jiraachisu isa dha.”+