Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Adoolessa 2021
ADOOLESSA 5-11
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 11-12
“Yihowaan Akkamitti Akka Isa Waaqeffannu Barbaada?”
it-2-E 1007 key. 4
Lubbuu
Lubbuu Guutuudhaan Tajaajiluu. Akkuma olitti ibsametti, jechi “lubbuu” jedhu guutummaa nama tokkoo argisiisa. Haa taʼu malee, caqasoonni tokko tokko ‘garaa keenya guutuu fi lubbuu keenya guutuudhaan’ Waaqayyoon akka barbaaddannu, akka jaallannuu fi akka tajaajillu nu jajjabeessu (Kes 4:29; 11:13, 18); Keessa Deebiin 6:5 immoo, “Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu” jedha. Yesuus lubbuu guutuu fi humna guutuudhaan tajaajiluun barbaachisaa akka taʼe dubbateera; dabalataanis, “sammuu kee guutuudhaan” jedheera. (Mar 12:30; Luq 10:27) ‘Lubbuun wantoota kana hunda kan dabalatu erga taʼee wantoonni kun maaliif caqasaman?’ gaaffiin jedhu ni kaʼa. Mee hiika qabaachuu dandaʼu fakkeenyaan haa ilaallu: Namni tokko ofii isaa (lubbuu isaa) garbummaatti gurgura taʼa; akkas gochuun isaa qabeenya gooftaa isaa akka taʼu isa godha. Taʼus gooftaa isaa kan tajaajilu garaa isaa guutuudhaan, akkasumas isa gammachiisuuf kakaʼumsaa fi fedhii guutuu qabaatee taʼuu dhiisuu dandaʼa; kanaan kan kaʼes, yeroo gooftaa isaa tajaajilu humna isaa ykn dandeettii sammuu isaa guutummaatti fayyadamuu dhiisuu dandaʼa. (Efe 6:5; Qol 3:22 wajjin wal bira qabii ilaali.) Wantoota dabalataa kanaaf xiyyeeffannaa akka kenninu kan ibsame, tajaajila Waaqayyo isa nuti kan isaa taanee fi Ilma isaa isa lubbuu isaa aarsaa godhee gatiidhaan nu biteef dhiheessinu irratti akka isaan hin daganneefi. “Lubbuu guutuudhaan” Waaqayyoof tajaajila dhiheessuun guutummaa qaamaa kennu dabalata; kutaan qaamaa, dandeettiin ykn fedhiin hafu hin jiru jechuu dha.—Mat 5:28-30; Luq 21:34-36; Efe 6:6-9; Flp 3:19; Qol 3:23, 24 wajjin wal bira qabii ilaali.
it-1-E 84 key. 3
Iddoo Aarsaa
Israaʼelonni iddoowwan aarsaa waaqolii kaanii akka diigan, akkasumas siidaawwan fi utubaawwan waaqeffannaa isaanii yeroo baayʼee iddoowwan aarsaa isaanii biratti ijaaraman akka balleessan qajeelfamni isaaniif kennamee ture. (Bau 34:13; Kes 7:5, 6; 12:1-3) Wantoota akkasii matumaa qabaachuu akka hin qabnee fi akka Kanaʼaanonni godhanitti ijoollee isaanii ibiddaan akka hin gubne isaanitti himamee ture. (Kes 12:30, 31; 16:21) Israaʼelonni iddoowwan aarsaa hedduu hin qaban turan; kanaa mannaa, iddoo aarsaa Waaqa dhugaa tokkicha waaqeffachuuf oolu tokko qofa qabu turan; innis bakka Yihowaan filatetti argama ture. (Kes 12:2-6, 13, 14, 27; haala kana haala Baabilon keessa turee wajjin wal bira qabi; achitti waaqayyittii Ishtaar jedhamtuuf qofa iddoowwan aarsaa 180tu jira ture.) Jalqaba irratti akkuma Laga Yordaanos ceʼaniin dhagoota hin bocamne irraa iddoo aarsaa tokko akka tolchan qajeelfamni isaaniif kennamee ture (Kes 27:4-8); iddoo aarsaa kana Gaara Eebaal irratti kan ijaare Iyyaasuu dha. (Iya 8:30-32) Lafti qabame akkuma hihhirameen gosti Ruuben, Gaadii fi walakkaan gosa Minaasee Yordaanos biratti iddoo aarsaa guddaa tokko ijaaranii turan; kunis yeroodhaaf gosoota Israaʼel gidduutti lola kaasee ture; iddoo aarsaa kana kan ijaaran amanamummaa Yihowaa isa Waaqa dhugaa taʼeef qabaniif yaadannoo akka taʼuuf malee gantummaadhaan akka hin taane yeroo mirkanaaʼu garuu lolli kaʼee ture qabbanaaʼeera.—Iya 22:10-34.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 925-926
Geriizim, Gaara
Qajeelfama Museef kennamee wajjin haala wal simuun, gosoonni Israaʼel Aayiin qabatanii utuu baayʼee hin turin ajaja Iyyaasuutiin gaara Geriizimii fi Eebaal biratti walitti qabamanii turan. Achitti sabichi eebbawwan yoo Yihowaadhaaf ajajaman argatanii fi abaarsawwan yoo ajajamuu didan isaan irra gaʼan yeroo isaaniif dubbifaman dhaggeeffachaa turan. Gosti Simiʼoon, Leewwii, Yihudaa, Yisaakor, Yoseefii fi Biiniyaam Gaara Geriizim fuullee dhaabbatan. Leewwonnii fi taabonni kakuu sululicha keessa turan; gosoonni hafan jaʼan immoo Gaara Eebaal fuullee dhaabbatan. (Kes 11:29, 30; 27:11-13; Iya 8:28-35) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, gosoonni Gaara Geriizim fuullee dhaabbatan eebbawwan kallattii isaaniitiin dubbifamaniif deebii kennu turan; gosoonni kaan immoo abaarsawwan Gaara Eebaal irraa isaaniif dubbifamaniif deebii kennu turan. Eebbawwan sun Gaara Geriizim irraa kan dubbifaman, gaarichi Gaara Eebaal isa kattaadhaan guutamee fi goggogaa taʼee wajjin yeroo wal bira qabamu miidhagaa fi lalisaa waan taʼeef akka taʼe kan dubbatamu taʼus, Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa wanta dubbatu hin qabu. Seerichi “dubartoota, ijoollee fi namoota biyya ormaa warra isaan gidduu jiraatan dabalatee, guutummaa gumii Israaʼel duratti” dubbifame. (Iya 8:35) Tuutni guddaan kun sagalee gaara lamaan irraa iyyuu dhufu dhagaʼuu ni dandaʼa ture. Sababiin kun taʼuu itti dandaʼe inni tokko, iddoon kun iddoo sagaleen akka gaariitti itti dhagaʼamuu dandaʼu waan taʼeefi.—EEBAAL, GAARA (EBAL, MOUNT) isa jedhu ilaali.
ADOOLESSA 12-18
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 13-15
“Seerichi Yihowaan Hiyyeeyyiidhaaf Akka Yaadu kan Argisiisu Akkamitti?”
it-2-E 1110 key. 3
Kurnoo
Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, kurnoon kan biraanis jira; kurnoon kun waggaa waggaadhaan adda kan baafamu Leewwota luboota taʼaniif deggersa gochuuf utuu hin taʼin kaayyoo kan biraatiifi; taʼus Leewwonni irraa ni hirmaatu. Yeroo baayʼee maatiin Israaʼelotaa waliin taʼanii kurnoo kana kan sooratan yommuu ayyaanota biyyaalessaatiif walitti qabamanitti dha. Maatichi kan jiraatu Yerusaalem irraa baayʼee fagoo yoo taʼee fi kurnoo sana fiduuf haalli isaa mijataa miti taanaan, oomishicha gara maallaqaatti jijjiiruu ni dandaʼa ture; akka kanaan maatichi Yerusaalem keessatti yeroo walgaʼii qulqulluu sanatti maallaqichatti fayyadamee wanta isa barbaachisu guuttachuu ni dandaʼa. (Kes 12:4-7, 11, 17, 18; 14:22-27) Waggaa sanbataa isa waggaa torba torbaan dhufuu wajjin haala wal qabateen, dhuma waggaa sadaffaattii fi dhuma waggaa jaʼaffaatti kurnoon kun baasii walgaʼii biyyaalessaatiif hin oolu ture; kanaa mannaa, Leewwotaaf, namoota biyya ormaatiif, dubartoota abbaan manaa irraa duʼeef, akkasumas ijoollee abbaa hin qabnee fi isaan gidduutti argamaniif adda baafama ture.—Kes 14:28, 29; 26:12.
it-2-E 833
Waggaa Sanbataa
Waggaan Sanbataa ‘waggaa liqiin itti dhiifamu [hash·shemit·tahʹ]’ jedhamee waamama ture. (Kes 15:9; 31:10) Waggaa kanatti lafti ni boqota, jechuunis utuu hin qotamin akkasumatti lafa baʼa ture. (Bau 23:11) Kana malees liqiin ni dhiifama ture. Yeroon kun ‘yeroo ulfina Yihowaatiif liqiin itti dhiifamu’ dha. Warri kaan ilaalcha kana irraa adda taʼe kan qaban taʼus, hayyoonni tokko tokko akka amananitti liqiin kun hin dhiifamu; kanaa mannaa namni liqii nama irraa qabu tokko liqii kan qabu nama Ibricha taʼe irraa yoo taʼe akka isaaf kaffalu isa hin dirqisiisu; sababiin isaas, qotee bulaan sun waggaa sanatti oomisha galfatu hin qabu; nama biyya ormaa garuu akka kaffalu dirqisiisuun ni dandaʼama ture. (Kes 15:1-3) Barsiisonni seeraa tokko tokko immoo liqiin sun kan kenname obboleessa hiyyeessa taʼe gargaaruuf yoo taʼe akka dhiifamu, walii galtee daldalaatiin kan kenname taanaan garuu karaa kan biraatiin akka ilaalamu amanu turan. Akka isaan jedhanitti, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti, Hiilel namni liqii nama irraa qabu tokko liqii sana raggaasisuu fi adabbiin akka jiraatu gochuuf seerri mana murtii deemee labsii baasisuuf isa dandeessisu akka jiraatu godheera.—The Pentateuch and Haftorahs, Hartiziin gulaalame, Landan, bara 1972, ful. 811, 812.
it-2-E 978 key. 6
Garba
Seerawwan walitti dhufeenya garbichaa fi gooftaa isaa ilaallatan. Israaʼelota gidduutti haalli garbichi Ibricha taʼe itti qabamu haala garbichi nama biyya ormaa ykn qubataa taʼe itti qabamu irraa adda ture. Garbichi Ibricha hin taane qabeenya gooftaa isaa taʼee kan itti fufuu fi abbaa irraa ilmatti darbuu kan dandaʼu taʼus (Lew 25:44-46), garbichi Ibricha taʼe garuu tajaajila isaa jalqabee waggaa torbaffaatti ykn waggaa Iyyobeeliyyuutti (isa dursee dhufu irratti hundaaʼuudhaan) bilisa baafamuu qaba ture. Garbichi Ibricha taʼe yeroo tajaajila isaa hundumaatti akka nama mindeeffamee hojjetuutti ilaalamuu qaba. (Bau 21:2; Lew 25:10; Kes 15:12) Ibrichi nama biyya ormaattis taʼe miseensa maatii isaatti ykn qubataa tokkotti garbummaadhaaf of gurgure tokko yeroo kamitti iyyuu deebisee bitamuuf mirga ni qabaata; ofii isaatiin deebisee of bituu ni dandaʼa ykn namni akkas gochuuf mirga qabu deebisee isa bituu ni dandaʼa. Gatiin deebisanii bituuf kaffalamu waggoota isa hafan irratti, jechuunis waggoota tajaajiluu jalqabee hamma waggaa torbaffaatti ykn hamma Iyyobeeliyyuutti jiran irratti hundaaʼuudhaan shallagama. (Lew 25:47-52; Kes 15:12) Ibrichi tokko yeroo bilisa baʼu gooftaan isaa kennaa nama bilisa baʼe taʼee jireenya jalqabuuf isa dandeessisu isaaf ni kenna. (Kes 15:13-15) Garbi sun haadha manaa isaa wajjin dhufe taanaan haati manaa isaas isaa wajjin bilisa baati. Haa taʼu malee, gooftaan isaa haadha manaa yoo isa fuusise (haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti dubartiin tun dubartii biyya ormaa waggaa torbaffaatti bilisa baʼuuf mirga hin qabaanne dha), ishiinis taate ijoolleen ishii irraa godhate qabeenya gooftaa isaa taʼanii itti fufu. Haala akkasii keessatti garbichi kun gooftaa isaa wajjin jiraachuu isaa itti fufuuf filachuu ni dandaʼa. Umurii isaa guutuu gooftaa isaa tajaajiluu isaa akka itti fufu argisiisuuf gurri isaa mutaadhaan urama.—Bau 21:2-6; Kes 15:16, 17.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w06-AM 4/1 31
Gaaffii Dubbistootaa
Dhorkaa Baʼuu 23:19 irratti kennamee fi “Ilmoo reʼee aannan haadha isaatiin hin affeelin” jedhu irraa maal barachuu dandeenya?
Dhorkaan Seera Musee keessatti kenname kun Kitaaba Qulqulluu keessatti siʼa sadii kan caqasame yeroo taʼuu, miira Yihowaan wanta sirrii taʼeef qabuu fi gara laafina isaa hubachuuf nu gargaara. Jibba waaqeffannaa sobaatiif qabus kan addeessu dha.—Baʼuu 34:26; Keessa Deebii 14:21.
Ilmoo reʼees taʼe ilmoo beellada kan biraa aannan haadha isaatiin affeeluun qophii Yihowaa wajjin kan wal faallessu dha. Waaqayyo aannan haadhaa kan qopheesse ilmoo ishii soortee akka ittiin guddistuufi. Akka hayyuun tokko jedhanitti ilmoo tokko aannan haadha isaatiin affeeluun “walitti dhufeenya Waaqayyo haadha takkaa fi ilmoo ishii gidduu akka jiraatu godhee fi qulqulleesse tuffachuu dha.”
Kana malees, namoonni tokko tokko ilmoo aannan haadha isaatiin affeeluun barsiifata namoonni Waaqayyoon hin beekne bokkaa argachuuf raawwachaa turan akka taʼe dubbatu. Kun dhugaa taanaan, dhorkaan kun gochawwan waaqeffannaa saboonni naannoo isaanii turan gowwummaa fi gara jabinaan raawwachaa turan irraa Israaʼelota eeguuf tajaajileera jechuu dha. Seerri Musee Israaʼelonni akka dambii saboota sanaatti akka hin deddeebine kallattiidhaan ni dhowwa ture.—Leewwota 20:23.
Dhuma irratti immoo, seera kana irraa gara laafina Yihowaa ifatti hubachuu dandeenya. Seerichi ajajawwan kanaa wajjin wal fakkaatanii fi beelladoota gara jabinaan akka hin qabne, akkasumas karaa seera uumamaa wajjin wal faallessuun akka hin hojjenne ajajan hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, Seerichi ajajawwan horii tokko yoo xinnaate guyyaa torbaaf haadha isaa wajjin utuu hin turin aarsaa godhanii dhiheessuu, horii tokkoo fi ilmoo ishii guyyaa tokkotti qaluu, akkasumas haadhoo tokko hanqaaquu ykn cuucii ishii wajjin manʼee keessaa fudhachuu dhowwan kan qabate dha.—Leewwota 22:27, 28; Keessa Deebii 22:6, 7.
Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Seerichi ajajawwanii fi dhorkaawwan wal xaxoo taʼan kan qabate miti. Dhugaawwan buʼuuraa Seericha duuba jiran ulaagaalee naamusaa sadarkaa ol aanaa qabanii fi dhugumaan amalawwan Yihowaa warra ajaaʼibsiisoo taʼan calaqqisan hubachuuf nu gargaaru.—Faarfannaa 19:7-11.
ADOOLESSA 19-25
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 16-18
“Qajeelfama Murtii Qajeelaa Kennuuf Gargaaru”
it-1-E 343 key. 5
Jaamummaa
Jalʼinni haqaa abbootiin murtii malaanmaltummaadhaan raawwatan jaamummaatti fakkeeffameera; mattaʼaa ykn kennaawwan fudhachuu, akkasumas jibba halaalaa ilaalchisee Seericha keessatti gorsi hedduun kennameera; wantoonni kun abbaan murtii tokko murtoo haqa irratti hin hundoofne akka godhu ija isaa jaamsuu dandaʼu. ‘Mattaʼaan ija namoota akka gaariitti arganii jaamsa.’ (Bau 23:8) “Mattaʼaan ija ogeessaa ni jaamsa.” (Kes 16:19) Abbaan murtii tokko hammam iyyuu qajeelaa fi hubannaa kan qabu yoo taʼe, kennaan abbaan dhimmaa tokko isaaf kennu beekaas taʼe utuu hin beekin dhiibbaa guddaa isa irratti gochuu dandaʼa. Seerri Waaqayyoo kennaa fudhachuun qofti utuu hin taʼin, miiraan oofamanii murtoo gochuunis dhiibbaa akka qabu dubbata; “Isa hiyyeessa taʼeef hin loogin; isa sooressa taʼes ija addaatiin hin ilaalin” jedha. (Lew 19:15) Kanaafuu, abbaan murtii tokko miiraan oofamee ykn tuuta biratti beekamtii argachuuf jecha, namni tokko sooressa waan taʼeef qofa isatti murteessuu hin qabu.—Bau 23:2, 3.
it-2-E 511 key. 7
Lakkoofsa
Lama. Lakkoofsi lama yeroo baayʼee dhimma seeraa irratti ni caqasama. Wanti ragaa baatonni lama dubbatan kan wal simu taʼuun isaa ragaa dhihaate mirkaneessuu irratti gaʼee guddaa qaba. Dhimma tokko abbootii murtii duratti dhiheessuuf ragaa baatonni lama ykn sadii ni barbaachisu ture. Gumiin Kiristiyaanaas dhugaa buʼuuraa kana hordofa. (Kes 17:6; 19:15; Mat 18:16; 2Qo 13:1; 1Xi 5:19; Ibr 10:28) Waaqayyo yeroo Ilma isaa Fayyisaa ilmaan namootaa godhee dhiheessetti dhugaa buʼuuraa kana hordofeera. Yesuus, “Seeruma keessan keessatti illee, ‘Wanti namoonni lama ragaa baʼan dhugaa dha’ kan jedhu barreeffameera. Ani waaʼee ofii koo ragaa nan baʼa; Abbaan inni na erges waaʼee koo ragaa ni baʼa” jedheera.—Yoh 8:17, 18.
it-2-E 685 key. 6
Luba
Luboonni adda durummaadhaan seera Waaqayyoo ibsuuf mirga qabu turan; Israaʼel keessatti murtii dabarsuu irrattis gaʼee guddaa qabu turan. Magaalota carraadhaan isaaniif ramadaman keessatti abbootii murtii gargaaru, dhimmoota adda taʼanii fi humna abbootii murtii naannichaatii ol taʼan irrattis isaan wajjin taʼuudhaan tajaajilu turan. (Kes 17:8, 9) Isaanis taʼan jaarsoliin magaalattii namni tokko yoo ajjeefamee fi namni isa ajjeese yoo beekamuu baate, ulaagaan magaalattii dhiiga irraa qulqulleessuuf hojii irra ooluu qabu akka gaariitti hordofamuu isaa mirkaneessuuf qophaaʼoo taʼuu qabu. (Kes 21:1, 2, 5) Abbaan manaa hinaafe tokko haati manaa isaa dhoksaatti ejja akka raawwattetti yoo ishii himate, ishiin gara iddoo qulqulluutti fidamuu qabdi turte; achitti lubichi sirna dubartiin sun balleessaa akka hin qabne ykn yakkamtuu taʼuu ishii Yihowaan akka beeku argisiisuu fi murtoo gochuuf gargaaru raawwata. (Lak 5:11-31) Haala hundumaa keessatti, namni kam iyyuu murtii luboonnis taʼan abbootiin murtii muudaman dabarsan fudhachuu qaba; namoonni taʼe jedhanii murtii kana fudhachuu fi hojii irra oolchuu didan duʼaan adabamu turan.—Lak 15:30; Kes 17:10-13.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 787
Of Gidduudhaa Baasuu
Akka Seerichi ajajutti, namni tokko duʼaan kan adabamu, ragaa namoonni lama ykn isaa ol dhiheessaniin taʼuu qaba ture. (Kes 19:15) Ragaa baatonni kun nama yakkamaa taʼe sana dhagaadhaan tumuu irratti dursa akka fudhatan irraa eegama ture. (Kes 17:7) Gochi isaanii kun hinaaffaa seera Waaqayyootiif qabanii fi gumiin Israaʼel qulqulluu taʼuu isaa qofa utuu hin taʼin, sobni, dantaa dhabuunii fi jarjaranii ragaa baʼuun miidhaa hammamii akka geessisus ifa godha ture.
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
it-1-E 519 key. 4
Mana Murtii, Dhimma Seeraa
Gumii Kiristiyaanaa. Gumiin Kiristiyaanaa aangoo akka mana murtii kan hin qabne taʼus, miseensota gumichaa karaa sirrii hin taaneen deddeebiʼanii fi karaa hafuuraa adabbiin isaan barbaachisu irratti tarkaanfii ni fudhata; kun immoo gumiidhaa isaan baasuu illee kan dabalatu taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, Phaawulos ergamaan gumichi, jechuunis miseensonni bakka buutota gumichaa fi ilaaltota ol aanaa taʼan warra jaarmiyicha keessa jiran wajjin haala wal qabateen murtii kennuu akka qaban dubbateera. (1Qo 5:12, 13) Phaawulosis taʼe Pheexiros xalayaa gumiiwwanii fi warra ilaaltota ol aanaa taʼaniif barreessan irratti jaarsoliin haala hafuuraa gumichaa akka gaariitti hordofuu, akkasumas warra tarkaanfii dogoggoraa fudhatan deggeruu fi gorsuu akka qaban ibsaniiru. (2Xi 4:2; 1Ph 5:1, 2; Gal 6:1 wajjin wal bira qabii ilaali.) Gumichi namoota wal qoqqoodinsa ykn garee uuman irratti tarkaanfii fudhachuu isaa dura yeroo jalqabaatiif, achiis yeroo lammataatiif akeekkachiisni isaaniif kennamuu qaba. (Tit 3:10, 11) Namoonni cubbuu raawwachuu isaanii itti fufan garuu gumicha keessaa baafamuu qabu. Adabbiin kun gumichi namoota cubbuu isaanii irraa hin deebineef akka hin obsine argisiisa. (1Xi 1:20) Phaawulos dhiironni gumicha keessatti itti gaafatamummaa qaban dhimma akkasii ilaaluuf akka abbootii murtiitti walitti qabamuu akka qaban qajeelfama kenneera. (1Qo 5:1-5; 6:1-5) Himanni tokko dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf, dirqama ragaa baatonni lama ykn sadii jiraachuu qabu; murtiin kennamuu isaa dura ragaan jiru akka gaariitti ilaalamuu qaba; akkasumas murtiin kennamu guutummaatti loogii irraa walaba taʼuu qaba.—1Xi 5:19, 21.
ADOOLESSA 26–HAGAYYA 1
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 19-21
“Lubbuun Namaa Yihowaa Duratti Gatii Guddaa Qaba”
Haqaa fi Araara Qabaachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
4 Gara magaalota kooluu itti galan kanaa dhaquun mijaaʼaa dha. Yihowaan magaalonni kooluu itti galan kun walakkaan isaanii Laga Yordaanos gama, walakkaan immoo gamana akka taʼan ajajee ture. Maaliif? Sababiin isaas namni baqachaa jiru tokko haala mijataa taʼeen dafee dahoo argachuu akka dandaʼuuf ture. (Lak. 35:11-14, NW) Daandiiwwan gara magaalota kanaatti geessan yeroo hunda haareffamuu qabu turan. (Kes. 19:3) Akka afoolli Yihudootaa jedhutti mallattoowwan namni baqatu tokko gara magaalota kanaa salphaatti gaʼuu akka dandaʼuuf gargaaran dhaabamanii turan. Magaalonni kooluu itti galan waan jiraniif, namni utuu hin beekin nama ajjeese tokko biyya ormaa bakka waaqeffannaa sobaa hordofuuf itti qoramutti baqachuun isa hin barbaachisu ture.
Haqaa fi Araara Qabaachuu Irratti Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
9 Kaayyoon magaalota kooluu itti galanii inni guddaan Israaʼeloonni dhiiga dhangalaasuutti akka hin gaafatamne eeguu dha. (Kes. 19:10) Yihowaan jireenya ni jaallata, “harka dhiiga nama balleessaa hin qabnee dhangalaasu” immoo ni jibba. (Fak. 6:16, 17) Inni Waaqa haqa qabeessaa fi qulqulluu waan taʼeef, nama utuu hin beekin dhiiga dhangalaasu illee callisee dhiisuu hin dandaʼu. Dhugaa dha, namni utuu hin beekin nama ajjeese tokko dhiifama ni argata. Taʼus, dhimma isaa jaarsolii duratti dhiheeffachuu fi gochi isaa utuu hin beekin kan raawwatame taʼuun isaa beekamee yoo murteeffame, hamma lubni ol aanaa duʼutti magaalaa kooluu itti galan keessa turuu qaba. Kana jechuun jireenyaa isaa isa hafe hunda achi keessa jiraata jechuu taʼuu dandaʼa. Qophii kanaan kan kaʼe haalli uumamu kun, Israaʼelonni hundi lubbuun namaa, qulqulluu taʼuu isaa akka hin irraanfanne isaan godheera. Qaama jireenya isaaniif kenne kabajuudhaaf, wanta lubbuu namootaa balaadhaaf saaxilu kam iyyuu gochuu ykn kan balaa irraa oolchu gochuu dhiisuu irraa fagaachuu qabu turan.
it-1-E 344
Dhiiga
Namni tokko jireenya Waaqayyo isaaf kennetti gammadee jiraachuuf mirga qaba; namni jireenya isaa kana isa dhabsiisu kam iyyuu Waaqayyo biratti itti gaafatama. Kun yeroo Waaqayyo Qaayin isa lubbuu balleesseen, “Dhiigni obboleessa keetii lafa irraa gara kootti iyyachaa jira” jedhetti ifa taʼeera. (Uma 4:10) Namni obboleessa isaa jibbuu fi jibba isaa kanaan kan kaʼe duʼa isaa hawwu, akkasumas maqaa isaa balleessu ykn sobaan ragaa isa irratti baʼu, sababa kanaatiinis lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu, dhiiga obboleessa isaa kanaa wajjin haala wal qabateen yakkamaa of godha.—Lew 19:16; Kes 19:18-21; 1Yo 3:15.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 518 key. 1
Mana Murtii, Dhimma Seeraa
Manni murtii magaalaa tokkoo karra magaalattii biratti argama ture. (Kes 16:18; 21:19; 22:15, 24; 25:7; Rut 4:1) Iddoon “karra” jedhamu kun magaalattii keessa karricha biratti argama ture. Karrichi bakka Seerichi namoota walitti qabanii jiraniif itti dubbifamuu fi ajajawwan garaa garaa itti labsamu ture. (Nah 8:1-3) Guyyaa guyyaadhaan namoonni hedduun karra sanaan waan seenanii fi waan baʼaniif, achitti dhimmoota uummatichaa kanneen akka gurgurtaa qabeenyaa jiraniif ragaa baatota salphaatti argachuun ni dandaʼama ture. Kana malees, dhaddacha karra biratti dhaabbatu irratti namoonni hedduun argamuun isaanii, abbootiin murtii dhimma ilaalaa jiran irrattis taʼe murtii kennan irratti of eeggannoo akka godhanii fi haqa qabeeyyii akka taʼan dhiibbaa isaan irratti godha ture. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, karricha biratti iddoo mijaaʼaan abbootiin murtii taaʼanii dhimma tokko itti ilaalan jira ture. (Iyo 29:7) Saamuʼel aanaa Beetel, Gilgaalii fi Misphaa keessa naannaʼeera; Raamaa isa manni isaa itti argamu dabalatee “iddoowwan kana hundumaatti abbaa murtii taʼee Israaʼelota tajaajileera.”—1Sa 7:16, 17.
HAGAYYA 2-8
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 22-23
“Seerichi Yihowaan Bineeldotaaf Akka Yaadu kan Argisiisu Akkamitti?”
it-1-E 375-376
Baʼaa
Beelladoonni bara duriitti baʼaa iddoodhaa gara iddootti geessuuf faayidaa irra oolu turan; Israaʼelonni harreen nama isaan jibbu tokkoo akkuma feʼamee jirutti kufee yoo argan, callisanii bira darbuu mannaa, “horii sana irraa feʼumsa hiikuudhaan” gargaarsa akka godhan isaanitti himamee ture. (Bau 23:5) Baʼaan beelladni tokko baachuu dandaʼu feʼumsa jedhama ture; fakkeenyaaf, ‘feʼumsa gaangee lama’ jedhameera.—2Mo 5:17.
it-1-E 621 key. 1
Keessa Deebii
Kitaaba Keessa Deebii keessatti bineeldotaaf akka yaannus gorsi kennameera. Israaʼelonni simbira manʼee ishii keessa teessee jirtu akka hin fudhanne dhowwamanii turan; yeroo akkas gootu balaadhaaf of saaxiltee cuucota ishiitiif eegumsa gooti. Israaʼelonni ishii gadhiisanii cuucota ishii fudhachuu garuu ni dandaʼu turan. Akka kanaan haadhoon sun cuucota dabalataa guddisuu ni dandeessi. (Kes 22:6, 7) Qotee bulaan tokko harree fi qotiyyoo walitti camaduun isaaf hin heyyamamu ture; kunis beellada isa dadhabaa taʼetti baʼaan akka hin ulfaanne eegumsa gochuufi. (22:10) Qotiyyoon tokko utuu midhaan siribsiisuu afaan isaa hidhamuu hin qabu; kunis qotiyyoon sun utuma midhaan ija isaa dura jiruu fi utuma midhaan sana siribsiisuuf humna isaa baasaa jiruu beelaan akka hin miidhamne eegumsa gochuuf gargaara.—25:4.
w03-AM 10/15 32 key. 1-2
“Gita Malee Walitti hin Camadaminaa”
AKKUMA fakkicha irraa ilaaltutti, gaalaa fi qotiyyoo walitti camadanii qotuun baayʼee ulfaataa dha. Waanjoon beelladoota qaamaa fi humna wal gitu qabaniif qophaaʼe kun beelladoonni kun lamaanuu akka miidhaman gochaa jira. Waaqayyo beelladoonni akkasii akka hin miidhamne eegumsa gochuuf Israaʼelotaaf ajaja, “Qotiyyoo fi harree walitti camaddee ittiin hin qotin” jedhu kenneera. (Keessa Deebii 22:10) Dhugaan buʼuuraa kun qotiyyoo fi gaala walitti camaduu irrattis ni hojjeta.
Qotee bulaan tokko beelladoonni isaa karaa kanaan akka miidhaman gochuu akka hin barbaanne beekamaa dha. Qotiyyoo lama hin qabu taanaan garuu, beelladoota qabu lama walitti camada taʼa. Fakkicha irraa akka ilaallutti qotee bulaan jaarraa 19ffaatti jiraate kun akkas gochuuf murteesseera. Qaamni isaanii fi ulfaatinni isaanii garaa gara waan taʼeef, beelladni humni isaa xiqqaa taʼe beellada isa kaan wajjin qixxee deemuuf dhamaʼuuf, beelladni humni isaa caalu immoo baʼaa guddaa baachuuf dirqama.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 600
Liqii, Nama Liqeeffate
Liqiin wanta nama kan biraa irraa fudhatamee fi dirqama kaffalamuu ykn deebifamuu qabu argisiisa. Israaʼel durii keessatti namni tokko adda durummaadhaan kan liqeeffatu yeroo rakkinni diinagdee isa mudatutti dha. Israaʼel keessatti liqeeffachuun akka waan gaariitti hin ilaalamu ture; namni liqeeffate nama isaaf liqeesseef garbicha taʼa. (Fak 22:7) Kanaafuu, sabni Waaqayyoo obboloota isaanii rakkataniif liqeessuu irratti arjummaa akka argisiisanii fi ofittummaa irraa akka fagaatan, akkasumas dhala isaan kaffalchiisuudhaan yeroo rakkina isaanii kanatti faayidaa isaan irraa akka hin buufanne ajajamanii turan. (Bau 22:25; Kes 15:7, 8; Fr 37:26; 112:5) Namoota biyya ormaatiif garuu dhalaan liqeessuu ni dandaʼu turan. (Kes 23:20) Hayyoonni Yihudoota taʼan liqiin akkasii liqii nama rakkateef kennamu utuu hin taʼin, liqii daldalaa akka taʼe amanu. Namoonni biyya ormaa Israaʼel keessa kan turan yeroo gabaabaadhaaf qofa ture; yeroo baayʼee kan dhufan daldalaaf waan taʼeef, keessumaa immoo isaanis warra kaaniif dhalaan waan liqeessaniif, dhala akka kaffalan isaan irraa eeguun sirrii taʼuu dandaʼa.
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
g-AM 04/15 13
Bineeldota
NAMOONNI MAAL JEDHU? Namoonni bineeldota adamsanii fi quxummii kiyyeessan tokko tokko ispoortiidhaaf ykn ittiin gammaduuf jedhanii bineeldota ajjeesu. Namoonni kaan immoo yaada barreessaa asoosamaa Raashiyaa kan taʼe Liyoo Tolistooy irratti walii galu; bineeldota ajjeesuunis taʼe nyaachuun “wanta naamusaan ala taʼe” akka taʼe barreesseera.
KITAABNI QULQULLUUN MAAL BARSIISA? Waaqayyo namoonni lubbuu namootaatiif eegumsa gochuufis taʼe uffata argachuuf bineeldota akka ajjeesan heyyameera. (Baʼuu 21:28; Maarqos 1:6) Kitaabni Qulqulluun namoonni nyaata argachuuf jecha bineeldota ajjeesuu akka dandaʼanis ni dubbata. Uumamni 9:3, “Uumamni jiraataan sochoʼu hundi nyaata isiniif haa taʼu” jedha. Yesuus iyyuu qurxummii akka qabatan barattoota isaa gargaareera; isaanis qurxummii qabatan sana nyaataniiru.—Yohaannis 21:4-13.
Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo ‘isa hammina jaallatu kam iyyuu akka jibbu’ dubbata. (Faarfannaa 11:5) Kanaafuu, Waaqayyo gammaduuf ykn ispoortiidhaaf qofa jennee bineeldota akka miinus taʼe akka ajjeesnu akka hin barbaanne hubachuu dandeenya.
Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo lubbuu bineeldotaatiif iddoo guddaa akka kennu argisiisa.
• Kitaabni Qulqulluun yeroo uumamaa ilaalchisee, “Waaqayyo bineensota bosonaa akka akaakuu isaaniitti, beeladoota akka akaakuu isaaniitti, bineensota lafa irra loʼan hundumaas akka akaakuu isaaniitti ni uume. Waaqayyos kun gaarii taʼuu isaa ni arge” jedha.—Uumama 1:25.
• Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Inni horiiwwaniif . . . nyaata ni kenna” jedha. (Faarfannaa 147:9) Waaqayyo haala naannoo bineeldonni nyaata irraa hafaa fi iddoo jireenyaa mijataa taʼe akka qabaatan godhu uumeera.
• Daawit inni mootii Israaʼel ture, “Yaa Yihowaa, namaa fi bineensa situ jiraachisa” jedhee kadhateera. (Faarfannaa 36:6) Fakkeenyaaf, Yihowaan yeroo Bishaan Badiisaatti yommuu namoonni hamoon balleeffamanitti namoota saddeetii fi bineeldota akaakuu hundumaa oolcheera.—Uumama 6:19.
Ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, Yihowaan bineeldota warra uumamawwan isaa taʼaniif ni yaada; namoonnis akkasuma akka godhan barbaada.
“Namni qajeelaan beeladoota isaa ni kunuunsa.”—Fakkeenya 12:10.
HAGAYYA 9-15
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 24-26
“Seerichi Yihowaan Dubartootaaf Akka Yaadu kan Argisiisu Akkamitti?”
it-2-E 1196 key. 4
Dubartii
Seerri raayyaa waraanaa dhiirri reefu fuudhe tokko waggaa tokkoof dirqama irraa bilisa akka taʼu ajajuun isaa haadha manaas taʼe abbaa manaa ni fayyada. Kunis hiriyoonni gaaʼelaa sun carraa daaʼima itti godhatan akka qabaatan godha; kun immoo dubartii sanaaf yeroo abbaan manaa ishii ishii bira hin jirretti jajjabina guddaa taʼa; abbaan manaa ishii waraana irratti yoo duʼe immoo qophiin kun baayʼee ishii fayyada.—Kes 20:7; 24:5.
it-1-E 963 key. 2
Qaarmii Funaanuu
Namoota hiyyeeyyii biyyattii keessa jiraniif qophiin gaariin akkasii godhamuun isaa, arjummaa, ofittummaa irraa fagaachuu fi eebba Yihowaatti amanamuu kan jajjabeessu qofa utuu hin taʼin dhibaaʼummaan akka hin jiraannes kan godhu dha. Kun yaada Daawit, “Namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu, ijoolleen isaas yommuu nyaata kadhatan hin argine” jechuudhaan dubbate ifa godha. (Fr 37:25) Namoonni hiyyeeyyii taʼan illee qophii Seerichaan isaaniif godhame kanatti fayyadamuudhaan jabaatanii yoo hojjetan, beelaaf hin saaxilaman, ijoolleen isaaniis nyaata argachuuf hin kadhatan.
Kana Beektaa?
Bara durii Israaʼel keessatti dhiirri tokko utuu ilma hin godhatin yoo duʼe, hiddi dhaloota namichaa akka itti fufu gochuuf, obboleessisaa haadha manaa nama isa duʼee fuudhee mucaa akka isaaf godhatu irraa eegama ture. (Uumama 38:8) Qophiin kun yeroo booda Seera Musee keessatti dabalamee kan barreeffame yommuu taʼu, kunis obboleessa abbaa manaa ofiitti heerumuu jedhamee beekama ture. (Keessa Deebii 25:5, 6) Wanta Boaz godhe ilaalchisee, yaanni macaafa Ruut keessatti barreeffamee jiru, namni duʼe sun obboleessa hin qabu taanaan, dhiirri firasaa taʼe kan biraan haadha manaa namichaa fuudhuu akka dandaʼu argisiisa.—Ruut 1:3, 4; 2:19, 20; 4:1-6.
Yaada Saduqoonni dubbataniifi Maarqos 12:20-22rra jirurraa hubachuun akkuma dandaʼamu, bara Yesus turettis obboleessa abbaa manaa ofiitti heerumuun beekamaa ture. Barreessaa seenaafi nama Yihudii kan taʼe Filaaviyas Joseefas, gochi kun maqaan maatichaa akka itti fufu gochuu qofa utuu hin taʼin, qabeenyisaaniis akka eegamu, akkasumas haati hiyyeessaa abbaan manaa irraa duʼe kunuunsa akka argattu kan godhudha jedheera. Yeroo sanatti, haati manaa tokko qabeenya abbaa manaashee dhaaluuf mirga hin qabdu turte. Haataʼu malee, mucaan obboleessa nama isa duʼeerraa dhalate tokko maqaa nama isa duʼeetiin qabeenya nama duʼe sanaa dhaaluu dandaʼa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 640 key. 5
Wal Hiikuu
Waraqaa Ragaa Namni Tokko Haadha Manaa Isaa Ittiin Hiiku. Miidhaa yeroo booda dhufuu dandaʼu irraa kaʼuudhaan, Seerri Musee inni wal hiikuu heyyamu abbaan manaa tokko haadha manaa isaa hiikuun akka isaaf salphatu godha jedhanii yaaduun sirrii miti. Abbaan manaa tokko haadha manaa isaa hiikuuf, tarkaanfiiwwan akka fudhatu irraa eegamu jiru. “Waraqaa ragaa ishii hiikuu isaa argisiisu” barreessuu qaba ture. Abbaan manaa haadha manaa isaa hiiku sun waraqaa kana ‘ishiidhaaf erga kennee booda mana isaatii ishii baasuu’ qaba ture. (Kes 24:1) Wanta kana ilaalchisee Kitaabonni Qulqulluun ibsa dabalataa kennuu baatanis, tarkaanfiin seeraan fudhatamu kun dhiirota itti gaafatamummaa qaban karaa seera qabeessa taʼeen mariisisuu akka dabalatu ifa dha; tarii dhiironni kun jalqaba isaan araarsuuf carraaqu taʼa. Waraqaa ragaa qopheessuunii fi wal hiikuun isaanii seeraan kan raggaasifame akka taʼu gochuun yeroo kan fudhatu taʼuun isaa, abbaan manaa sun murtoo isaa irratti irra deebiʼee akka yaadu carraa isaaf kenna. Namni tokko haadha manaa isaa hiikuuf sababa quubsaa qabaachuu qaba; ulaagaan jiru akka gaariitti hordofamuun isaa namni sun jarjaree hiikuuf akka hin murteessine eegumsa taʼa. Karaa kanaan mirgii fi faayidaan haadha manaas ni eegama. Kitaabni Qulqulluun qabiyyee ‘waraqaa ragaa namni tokko haadha manaa isaa ittiin hiiku’ ilaalchisee wanta dubbatu hin qabu.
HAGAYYA 16-22
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 27-28
“Eebbawwan kun Hundi Hordofanii Si Bira Gaʼu”
Eebba Karaa Mootii Hafuura Waaqayyootiin Geggeeffamuun Argamu Haammadhaa!
18 Dhagaʼuun, wanta Dubbii Waaqayyoofi nyaata hafuuraa inni qopheessurratti dhihaatu qalbeeffachuu akka dabalatu beekamaadha. (Mat. 24:45) Waaqayyoofi Ilmasaatiif abboomamuus ni dabalata. Yesus, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti” jedheera. (Mat. 7:21) Waaqayyoon dhagaʼuu jechuun, jaarsolii gumii Kiristiyaanaa keessatti inni muudeefi “kennaa” godhee kenneef fedhiidhaan bitamuu jechuudha.—Efe. 4:8.
w01-AM 9/15 10 key. 2
Eebbawwan Yihowaa Hordofanii Si Bira ni Gaʼuu?
2 Gaaleen Afaan Ibrootaa Keessa Deebii 28:2 irratti argamuu fi ‘yeroo hundumaa dhagaʼuu’ jedhamee hiikame gocha itti fufiinsa qabu argisiisa. Sabni Yihowaa darbee darbee utuu hin taʼin, jireenya isaanii guutuu isa dhagaʼuu isaanii itti fufuu qabu. Eebbawwan Waaqayyoo hordofanii kan isaan bira gaʼan yoo akkana godhan qofa dha. Gaaleen Afaan Ibrootaa ‘hordofanii bira gaʼuu’ jedhamee hiikame jecha adamsuu wajjin wal qabatu kan argisiisu akka taʼetti beekama; jechi kun yeroo baayʼee “dhaqqabuu” jedhamee hiikama.
Eebba Yihowaa Garaadhaa Barbaadaa
4 Israaʼeloonni haala akkamiitiin kakaʼanii abboomamuu qabu turan? Seerri Waaqayyoo, sabnisaa “gammachuudhaa fi garaa guutuudhaan” utuu isa hin tajaajilin yoo hafan akka isaanitti gaddu ibsa. (Keessa Deebii 28:45-47 dubbisi.) Yihowaan seeruumaaf jecha akka isaaf abboomamnu hin barbaadu; kana horiin ykn hafuuronni xuraaʼoonillee gochuu dandaʼu. (Mar. 1:27; Yaq. 3:3) Garaadhaa Waaqayyoof abboomamuun karaa jaalala isaaf qabnu itti argisiisnudha. Kunis, abboommiiwwan Yihowaa baʼaa akka hin taaneefi inni “warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf” beekanii gammachuudhaan abboomamuudhaan mulʼata.—Ibr. 11:6; 1 Yoh. 5:3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 360
Mallattoo Daangaa
Seerri Yihowaa mallattoo daangaa iddoo isaatii siqsuu ni dhoowwa. (Kes 19:14; Fak 22:28s ilaali.) “Namni mallattoo daangaa nama kan biraa” iddoo isaatii siqsu abaaramaa dha. (Kes 27:17) Yeroo baayʼee abbootiin lafaa kan jiraatan oomisha maasii isaanii irraa argataniin waan taʼeef, mallattoo daangaa nama kan biraa iddoo isaatii siqsuun akkuma nama sana wanta ittiin jiraatu keessaa muraasa isaa dhowwachuutti ilaalama. Bara duriitti gochi akkanaa akka hannaatti ilaalama ture. (Iyo 24:2) Taʼus namoonni qaanii malee gocha akkasii raawwatan jiru turan; bulchitoonni Yihudaa bara Hoseʼaa turanis namoota daangaa dhiiban kanatti fakkeeffamaniiru.—Hos 5:10.
HAGAYYA 23-29
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 29-30
“Yihowaa Tajaajiluun Baayʼee Ulfaataa Miti”
w09-AM 11/1 31 key. 2
Yihowaan Filannaa Nuu Kenneera
Wanta Waaqayyo nu irraa barbaadu beekuu fi raawwachuun ulfaataa dhaa? Museen, “Ajajni ani harʼa si ajaju kun siif baayʼee ulfaataa miti; si irraas fagoo miti” jedhee ibseera. (Lakkoofsa 11) Yihowaan wanta nuti raawwachuu hin dandeenye nu irraa hin eegu. Wanti inni nu irraa eegu wanta sirrii taʼee fi raawwachuu dandeenyu dha. Wanti inni akka raawwannu nu gaafatu wantoota hubachuu dandeenyu dha. Wanta Waaqayyo nu irraa barbaadu beekuuf, ‘gara samiitti ol baʼuunis’ taʼe ‘galaana gamatti ceʼuun’ nu hin barbaachisu. (Lakkoofsa 12, 13) Kitaabni Qulqulluun akkamitti jiraachuu akka qabnu ifatti dubbata.—Miikiyaas 6:8.
w09-AM 11/1 31 key. 1
Yihowaan Filannaa Nuu Kenneera
“YEROO baayʼee, ‘Yihowaadhaaf amanamtuu utuu hin taʼin nan hafaa laata?’ jedheen sodaadha.” Akkana kan jette obboleettii haala gadhee ijoollummaa ishiitti ishii mudateen kan kaʼe ‘homtuu naaf hin milkaaʼu’ jettee yaaddu takka dha. Maarree akkasitti yaaduun sirrii dhaa? Haala keessa jirru jijjiiruuf homaa gochuu hin dandeenyu jechuu dhaa? Lakki. Yihowaan mirga filannaa waan nuuf kenneef, akkaataa itti jiraannu ilaalchisee filannoo dhuunfaa gochuu ni dandeenya. Yihowaan filannoo sirrii akka goonu barbaada; Dubbii isaa kan taʼe Kitaabni Qulqulluun kana gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nutti hima. Wanta Museen Keessa Deebii boqonnaa 30 irratti dubbate qalbeeffadhu.
w09-AM 11/1 31 key. 4
Yihowaan Filannaa Nuu Kenneera
Daandiin filannu Yihowaa ni yaaddessaa? Eeyyee, isa yaaddessa! Museen hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee, “Jireenya filadhu” jedheera. (Lakkoofsa 19) Maarree jireenya kan filannu akkamitti? Museen, “Waaqa kee Yihowaa jaallachuudhaan, sagalee isaa dhagaʼuudhaan, akkasumas isatti maxxanuudhaani” jedhee ibseera. (Lakkoofsa 20) Yihowaa kan jaallannu taanaan, wanti akkamii iyyuu yoo uumame, isaaf ajajamuu fi amanamummaadhaan isatti maxxanuu barbaanna. Daandii akkasii hordofuudhaan jireenya filanna; kunis daandii jireenyaa yeroo ammaatti hunda irra wayyu dha; gara fuulduraatti immoo addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessatti jireenya bara baraa nuuf argamsiisa.—2 Pheexiros 3:11-13; 1 Yohaannis 5:3.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
it-1-E 665 key. 3
Gurra
Yihowaan Israaʼelota mata jabeeyyii taʼanii fi ajajamoo hin taanetti, warra ‘gurri isaanii dhaqna hin qabamnetti’ karaa tajaajiltoota isaa dubbateera. (Er 6:10, milj.; HoE 7:51) Akka waan gurri isaanii cuqqaalameetti dhagaʼuu dhaabanii turan. Yihowaan gurra isaaniif banuu dhiisee ture; inni warra isa barbaaddataniif gurra dhagaʼuu fi ajajamu kan kennu taʼus, dandeettiin namoonni ajajamoo hin taane wantoota hafuuraa dhagaʼuuf qaban akka hadoodu ni heyyama. (Kes 29:4; Rom 11:8) Phaawulos ergamaan yeroon namoonni Kiristiyaanota akka taʼan dubbatan tokko tokko amantii dhugaa itti ganan akka dhufu raajii dubbateera; namoonni kun dhugaa Dubbii Waaqayyoo dhagaʼuu mannaa, namoota wantoota isaan gammachiisaniin gurra isaanii isaaniif “qirqirsan” waan barbaadaniif, barsiisota sobaa dhagaʼu. (2Xi 4:3, 4; 1Xi 4:1) Kana malees, namni tokko wanta nama naasisu, keessumaa oduu badiisaa dhagaʼuu isaatiin kan kaʼe gurri isaa isa ‘waraanuu’ dandaʼa.—1Sa 3:11, milj.; 2Mo 21:12; Er 19:3.
HAGAYYA 30–FULBAANA 5
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | KEESSA DEEBII 31-32
“Fakkeenyota Faarfannaa Geggeessaa Hafuuraatiin Barreeffame Keessatti Ibsaman Irraa Baradhaa”
Maqaa Kee Akkan Sodaadhuuf Nama Garaa Tokkichaa Na Godhi!
8 Israaʼeloonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii yeroo muraasa dura Yihowaan jechoota faarfannaa tokkoo Musee barsiise. (Kes. 31:19) Museenis gama isaatiin faarfannaa kana sabicha barsiisuun isa irra jira ture. (Keessa Deebii 32:2, 3 dubbisi.) Lakkoofsa 2 fi 3 irratti yommuu xiinxallu, Yihowaan maqaan isaa baayʼee qulqulluu taʼuu isaatiin kan kaʼe akka waan waamamuu hin qabneetti akka dhokfamu kan hin barbaanne taʼuun isaa ifa nuuf taʼa. Inni uumamawwan isaa yaaduu dandaʼan hundi maqaa isaa akka beekan barbaada. Israaʼeloonni Museen waaʼee Yihowaa fi waaʼee maqaa isaa isa ulfina qabeessa taʼee yommuu isaan barsiisu dhagaʼuun isaanii mirga guddaa ture! Wanti Museen isaan barsiise akka bokkaa suuta jedhee biqiltuu irratti tiifuutti isaan sooree fi isaan haaromsee ture. Barumsi keenya akkas akka taʼu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
9 Lallaba manaa gara manaa irratti ykn lallaba addabaabayii irratti yommuu hirmaannu, maqaa dhuunfaa Yihowaa namootatti argisiisuuf Kitaaba Qulqulluu keenyatti fayyadamuu dandeenya. Barreeffamoota babbareedoo, viidiyoowwan gaggaarii fi wantoota weebsaayitii keenya irratti baʼan kanneen Yihowaadhaaf ulfina fidan isaan afeeruu dandeenya. Bakka hojiitti, mana barumsaatti ykn yeroo imallutti, waaʼee Waaqa keenya isa jaalala qabeessaa fi wanta inni jaallatuu dubbachuuf carraa barbaaduu ni dandeenya. Kaayyoo Yihowaan ilmaan namootaa fi lafaaf qabu namoota argannutti yommuu himnu, Yihowaadhaaf ilaalcha kanaan dura qaban irraa guutummaatti adda taʼe akka qabaatan isaan taasisuu dandeenya. Waaʼee Abbaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee dhugaa isaa warra kaanitti yommuu himnu, nutis maqaa isaa qulqulleessuu irratti gumaacha goona. Akkasumas sobawwanii fi maqaa balleessuu warri kaan waaʼee Yihowaa baratan tokko tokko saaxilla. Kana malees, barumsa hunda caalaa nama sooruu fi nama haaromsu isaaniif kennina.—Isa. 65:13, 14.
w09-AM 5/1 14 key. 4
Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu Keessatti Argaman ni Hubattaa?
Kitaabni Qulqulluun Yihowaa wantoota adda addaatti fakkeesseera. Inni ‘Qarsaa Israaʼel,’ “kattaa” fi “dahoo” akka taʼetti ibsameera. (2 Saamuʼel 23:3; Faarfannaa 18:2; Keessa Deebii 32:4) Yihowaan wantoota kanatti kan fakkeeffame maaliifi? Qarsaa guddaan tokko cimee dhaabbata, iddoo isaatiis sochoofamuu hin dandaʼu; akkuma kana Yihowaanis Madda nageenyaa cimaa siif taʼuu ni dandaʼa.
w01-AM 10/1 9 key. 7
Yommuu Ijoollee Keessan Leenjistan Fakkeenya Yihowaa Hordofaa
7 Yihowaan Israaʼelotatti akkamitti jaalala akka argisiise hubadhaa. Museen jaalala Yihowaan saba Israaʼel isa reefu hundeeffameef qabu ibsuuf fakkeenya gaarii taʼe tokkotti fayyadameera. “Akkuma risaan manʼee ishii sochoostutti, cuucota ishii irra naannoftutti, qoochoo ishii diriirsitee isaan fudhattutti, baalleewwan ishii irrattis isaan baattutti, Yihowaa qofatu [Yaaqoobiin] geggeesse” jedheera. (Keessa Deebii 32:9, 11, 12) Risaan haadhoo taate akkamitti akka barrisan cuucota ishii barsiisuuf ‘manʼee ishii sochoosti’; cuuconni ishii akka baʼan gochuuf qoochoo ishii walitti rukutti. Dhuma irratti cuuciin sun manʼee isa yeroo baayʼee kattaa dheeraa irratti argamu keessaa baʼee yommuu gad buʼu haadhoon sun cuucii sana ‘irra naannofti.’ Cuuciin ishii lafatti kufuu akka dandaʼu yoo ishiitti dhagaʼame immoo, “baalleewwan ishii irratti” isa baatti. Yihowaanis saba Israaʼel isa reefu dhalateef jaalalaan kakaʼee kunuunsuma akkasii godha ture. Seera Musee isaaniif kennee ture. (Faarfannaa 78:5-7) Sana booda Yihowaan sabicha xiyyeeffannaadhaan hordofaa kan ture yeroo taʼu, yeroo rakkinni isaan mudatu isaan oolchuuf qophaaʼaa ture.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
w04-AM 9/15 27 key. 11
Yaadawwan Ijoo Kitaaba Keessa Deebii
31:12. Ijoolleenis namoota guguddaa wajjin walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu, akkasumas dhaggeeffachuu fi barachuuf carraaqqii gochuu qabu.
TAJAAJILAAF OF QOPHEESSI
w07-AM 5/15 15-16
Ijoolleen Koo Akka Gaariitti kan Baratan Akka Taʼan Gargaaruu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Ijoolleen keenya Yihowaa akka jaallatanii fi akka sodaatan gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Deebiin gaaffii kanaa Seera Yihowaan karaa Musee raajichaa saba Israaʼeliif kenne irratti argama. Ajajni akkana jedhu Israaʼelota warra taʼaniif kennameera: “Atis Waaqa kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaalladhu. Dubbiin ani harʼa si ajaju kun garaa kee keessa haa taaʼu; isaaniinis garaa ijoollee keetii keessatti boci; yommuu mana kee keessa teessu, yommuu karaa irra deemtu, yommuu ciistuu fi yommuu kaatu waaʼee isaanii dubbadhu.”—Keessa Deebii 6:5-7.
Caqasni kun warraaf barumsa barbaachisaa taʼe qabateera. Barumsi tokko kana dha: Warri fakkeenya gaarii taʼuu qabu. Ijoolleen keessan Yihowaa akka jaallatan barsiisuuf, jalqaba isin Yihowaa jaallachuu fi dubbiin isaa garaa keessan keessa akka jiraatu gochuu qabdu. Kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Sababiin isaas, adda durummaadhaan ijoollee keessan kan barsiisu isini. Barumsi fakkeenyummaa keessan irraa baratan dhiibbaa guddaa isaan irratti godha. Wanti fakkeenya warra isaa caalaa jireenya daaʼima tokkoo irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu hin jiru.
Hawwiin kee, qajeelfamoonni ittiin geggeeffamtu, wantoonni iddoo guddaa kennituuf, akkasumas fedhiiwwan kee wanta dubbattuun qofa utuu hin taʼin wanta raawwattuunis ni mulʼatu. (Roomaa 2:21, 22) Ijoolleen xinnummaa isaaniitii jalqabee, gocha warra isaanii xiyyeeffannaadhaan hordofuudhaan barumsa argatu. Ijoolleen warri isaanii wantoota akkamiitiif iddoo guddaa akka kennan ni hubatu; yeroo baayʼee isaaniis wantoota sanaaf iddoo guddaa kennu. Garaadhaa Yihowaa kan jaallattan yoo taʼe, ijoolleen keessan kana ni hubatu. Fakkeenyaaf, dubbisaa fi qoʼannaa Kitaaba Qulqulluutiif iddoo guddaa akka kennitan ni ilaalu. Jireenya keessan keessatti hojiiwwan Mootummichaatiif dursa akka kennitanis ni hubatu. (Maatewos 6:33) Walgaʼiiwwan gumii irrattii fi waaʼee Mootummichaa lallabuu irratti yeroo hunda hirmaachuun keessan waan hundumaa caalaa tajaajila qulqulluu Yihowaadhaaf dhiheessitaniif iddoo guddaa akka kennitan hubachuuf isaan gargaara.—Maatewos 28:19, 20; Ibroota 10:24, 25.