Wangeela Maatewos
20 “Mootummaan samii gooftaa manaa namoota maasii wayinii isaa irratti hojjetan mindeessuuf ganama bariidhaan baʼee wajjin wal fakkaata.+ 2 Inni hojjettoota sanaaf guyyaatti dinaaree* tokko tokko kaffaluuf walii galee gara maasii wayinii isaatti isaan erge. 3 Gara saʼaatii sadiitti yommuu gad baʼus, namoota hojii malee bakka gabaa dhaabbatan kan biroo arge; 4 isaaniinis, ‘Isinis gara maasii wayinii koo dhaqaa, gatii sirrii taʼe isiniif nan kaffala’ jedhe. 5 Kanaafuu, isaanis kaʼanii dhaqan. Ammas gara saʼaatii jaʼaa, achiis gara saʼaatii sagalii baʼee akkasuma godhe. 6 Dhuma irrattis, gara saʼaatii 11tti gad baʼee namoota naannoo sana dhaabbatan kan biroo argee, ‘Guyyaa guutuu hojii malee maaliif as dhaabbachaa ooltan?’ jedhee isaan gaafate. 7 Isaanis, ‘Nama nu mindeessu waan dhabneefi’ jedhanii isaaf deebisan. Innis, ‘Isinis gara maasii wayinii koo dhaqaa’ isaaniin jedhe.
8 “Yommuu dhihus gooftaan maasii wayinii sanaa itti gaafatamaa hojjettootaatiin, ‘Hojjettoota waamiitii isa dhuma irratti mindeeffame irraa jalqabiitii hamma isa dura mindeeffameetti mindaa isaanii isaaniif kaffali’+ jedhe. 9 Namoonni saʼaatii 11tti mindeeffaman yommuu dhufan tokkoon tokkoon isaanii dinaaree* tokko tokko fudhatan. 10 Kanaafuu, warri dura mindeeffaman yommuu dhufan kana caalaa kan argatan isaanitti fakkaatee ture; garuu isaaniifis dinaaree* tokko tokkotu kaffalame. 11 Yommuu mindaa isaanii fudhatan garuu, gooftaa manaa sanatti gungumuu jalqaban; 12 ‘Namoonni dhuma irratti dhufan kun saʼaatii tokkittii hojjetan; ati garuu nu warra aduu saafaa keessa guyyaa guutuu dadhabaa oollee wajjin wal isaan qixxeessite!’ jedhan. 13 Inni garuu isaan keessaa isa tokkoof akkana jedhee deebise: ‘Michuu koo, ani waanan si miidhe hin qabu. Ati dinaaree* tokkoon hojjechuuf anaa wajjin walii galte mitii?+ 14 Kanaafuu, mindaa kee fudhadhuu deemi. Ani namicha dhuma irratti dhufe kanaafis hammuman siif kenne kennuu nan barbaada. 15 Maallaqa kootiin wantan barbaade gochuuf mirga hin qabuu? Moo ani gaarii* waanan taʼeef iji kee hinaafe?’*+ 16 Akka kanaan, warri boodaa warra duraa taʼu; warri duraas warra boodaa taʼu.”+
17 Gara Yerusaalemitti utuu ol baʼaa jiranii, Yesuus barattoota isaa 12n kophaatti baasee karaa irratti akkana isaaniin jedhe:+ 18 “Kunoo, gara Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi namaas dura buutota lubootaa fi barsiisota seeraatti dabarfamee ni kennama. Isaanis duʼa isatti murteessu.+ 19 Akkasumas, akka isatti qoosan, akka isa garafanii fi muka irratti akka isa fannisaniif+ saboota kaanitti dabarsanii isa kennu; achiis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama.”+
20 Boodas haati manaa Zabdewos+ ilmaan ishii wajjin gara isaa dhuftee, isaaf sagaddee wanta tokko isa kadhatte.+ 21 Innis, “Maal barbaadde?” ishiidhaan jedhe. Ishiinis deebistee, “Ilmaan koo lamaan kun Mootummaa kee keessatti inni tokko karaa mirga kee, inni tokko immoo karaa bitaa kee akka taaʼan godhi”+ jette. 22 Yesuusis deebisee, “Isin wanta kadhattan hin beektan. Xoofoo* ani dhuguuf jedhu dhuguu+ ni dandeessuu?” jedhe. Isaanis, “Eeyyee, ni dandeenya” isaan jedhan. 23 Innis, “Xoofoo koo illee ni dhugdu;+ karaa mirga koo fi karaa bitaa koo taaʼuun garuu, warra Abbaan koo isaaniif qopheesseef kan kennamu dha malee wanta ani kennu miti”+ isaaniin jedhe.
24 Barattoonni kurnan yommuu waaʼee kanaa dhagaʼan obbolaa lamaan kanatti ni aaran.+ 25 Yesuus garuu ofitti isaan waamee akkana jedhe: “Bulchitoonni sabootaa gooftolii akka isaan irratti taʼan, namoonni guguddoota jedhamanis aangoo isaanii akka isaan irratti argisiifatan beektu.+ 26 Isin gidduutti garuu akkana taʼuu hin qabu;+ kanaa mannaa, isin gidduutti guddaa taʼuu kan barbaadu kam iyyuu tajaajilaa keessan haa taʼu;+ 27 namni isin gidduutti dura taʼuu barbaadu kam iyyuu garbicha keessan haa taʼu.+ 28 Akkuma kana Ilmi namaas kan dhufe warra kaan tajaajiluu+ fi lubbuu isaa bakka namoota hedduu furii* godhee kennuufi+ malee, akka isa tajaajilaniif miti.”
29 Yesuusii fi barattoonni isaa yommuu Yerikoodhaa baʼanii deeman namoonni hedduun isa duukaa buʼan. 30 Yeroo kanatti namoonni qaro dhabeeyyiin karaa qarqara taaʼan lama Yesuus achiin darbaa akka jiru dhagaʼanii, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!”+ jedhanii iyyan. 31 Haa taʼu malee, namoonni hedduun sun akka callisan itti himuudhaan isaanitti dheekkaman; isaan garuu, “Yaa Gooftaa, yaa Ilma Daawit, garaa nuu laafi!” jedhanii ittuma caalchisanii iyyan. 32 Kanaafuu, Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maal akkan isiniif godhu barbaaddu?” jedhe. 33 Isaanis, “Yaa Gooftaa, ija keenya nuu bani” isaan jedhan. 34 Yesuusis isaaniif gaddee ija isaanii qaqqabe;+ ijji isaaniis yeruma sana deebiʼee ilaaluu jalqabe; isaanis isa duukaa buʼan.