Saamuʼel Lammaffaa
15 Wantoota kana hundumaa booda Abishaalom gaarii fardaa, fardeenii fi namoota 50 isa dura fiigan ni qopheeffate.+ 2 Abishaalom ganamaan kaʼee karra magaalattii bira daandii qarqara dhaabbata ture.+ Namni falmii qabu kam iyyuu murtii argachuuf yommuu gara mootichaa dhufu,+ Abishaalom isa waamee, “Ati magaalaa isa kamii dhufte?” jedhee isa gaafata ture; namichis, “Tajaajilaan kee gosoota Israaʼel keessaa isa tokko irraa dhufe” jedhee isaaf deebisa ture. 3 Abishaalomis, “Ilaa, himanni kee sirrii fi dhugaa dha; garuu mooticha biraa namni dhimma kee siif dhagaʼu tokko illee hin jiru” isaan jedha ture. 4 Akkasumas, “Utuun biyyattii keessatti abbaa murtii taʼee muudameera taʼee, silaa namni falmii qabu yookiin murtii argachuu barbaadu kam iyyuu gara koo dhufee murtii haqaa akka argatu nan godhan ture” jedha ture.
5 Namni tokko isaaf sagaduuf yommuu isatti dhihaatus, Abishaalom harka isaa diriirsee qabee isa dhungata ture.+ 6 Abishaalom Israaʼelota murtii argachuuf gara mootichaa dhufan hundumaa irratti akkana godha ture; akka kanaan, Abishaalom garaa namoota Israaʼel gara ofii isaatti jalʼise.+
7 Dhuma waggaa arfaffaattis* Abishaalom mootichaan akkana jedhe: “Maaloo, gara Kebroon+ dhaqeen wareegan Yihowaadhaaf wareege* raawwadha. 8 Sababiin isaas, ani tajaajilaan kee yommuun Geeshur+ ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraachaa turetti, ‘Yihowaan gara Yerusaalemitti yoo na deebise, Yihowaadhaaf kennaa nan dhiheessa’* jedhee wareegeen*+ ture.” 9 Kanaafuu mootichi, “Nagaadhaan dhaqi” isaan jedhe. Innis kaʼee gara Kebroon dhaqe.
10 Yeroo kanatti Abishaalom, “Sagalee xurumbaa akkuma dhageessaniin, ‘Abishaalom Kebroon keessatti mootii taʼeera!’+ jedhaatii labsaa” jedhee gosoota Israaʼel hundumaa gidduutti basaastota erge. 11 Yeroo kanatti namoonni 200 Yerusaalemii baʼanii Abishaalomii wajjin achi deemanii turan; namoonni affeeramanii deeman kun wanta taʼaa jiru ilaalchisee wanta shakkanii fi wanta beekan hin qaban turan. 12 Kana malees, Abishaalom yommuu aarsaawwan dhiheessetti, Ahitoofel+ Giloonicha isa gorsituu+ Daawit taʼetti nama ergee magaalaa isaa Giloon+ keessaa isa waamsise. Dabni Abishaalom qopheesse ittuma cimaa deeme; namoonni Abishaalomiin deggeranis lakkoofsi isaanii baayʼachaa deeme.+
13 Boodas namni tokko gara Daawit dhufee, “Garaan namoota Israaʼel gara Abishaalomitti jalʼateera” jedhee isatti hime. 14 Daawitis yeruma sana tajaajiltoota isaa warra isaa wajjin Yerusaalem keessa jiran hundumaatiin, “Tokkoon keenya illee Abishaalom jalaa miliquu waan hin dandeenyeef, kaʼaa, haa baqannu!+ Inni dafee nu bira gaʼee nu balleessuu fi magaalattiis goraadeedhaan rukutuu waan dandaʼuuf dafaa haa baqannu!”+ jedhe. 15 Tajaajiltoonni mootichaas, “Tajaajiltoonni kee wanta gooftaan keenya mootichi murteesse hundumaa gochuuf qophaaʼoo dha” jedhanii mootichaaf deebisan.+ 16 Kanaafuu, mootichi guutummaa maatii isaa of duukaa buusee baʼee deeme; haa taʼu malee, mootichi manicha* akka eeganiif saajjatoota+ kudhan achumatti hambise. 17 Mootichis namoota hundumaa of duukaa buusee deeme; isaanis yommuu Beet Merhaaq gaʼan ni dhaabbatan.
18 Tajaajiltoonni isaa warri isa duukaa baʼan* hundi, Kereetonni, Pheleetonnii+ fi namoonni Gaat+ 600n warri Gaatii+ baʼanii isa duukaa buʼan hundi mootichi utuu isaan ilaaluu isa* dura darbu turan. 19 Achiis mootichi Iitaay+ isa nama Gaat taʼeen akkana jedhe: “Ati maaliif nuu wajjin deemta? Ati nama biyya ormaa fi nama biyya isaatii baqate waan taateef, deebiʼiitii mootii isa haaraa wajjin jiraadhu. 20 Ati kaleessa dhufte; harʼa immoo bakka ani dhaqu hundumaatti anaa wajjin akka joortu gochuun qabaa? Obboloota kee fudhadhuutii deebiʼi; Yihowaan jaalala amanamaa fi amanamummaa sitti haa argisiisu!”+ 21 Iitaay garuu, “Yihowaa isa jiraataa taʼeen, akkasumas lubbuu gooftaa koo mootichaa isa jiraataadhaan nan kakadha, bakka gooftaan koo mootichi taʼu hundumaa tajaajilaan kees achi ni taʼa; ani sii wajjin duʼuuf illee qophaaʼaa dha!” jedhee mootichaaf deebise.+ 22 Yeroo kanatti Daawit Iitaayiin,+ “Dhaqi, gamatti ceʼi” jedhe. Kanaafuu, Iitaay inni nama Gaat taʼe namoota isaa fi ijoollee isaanii hundumaa wajjin gamatti ni ceʼe.
23 Yommuu namoonni kun hundi gamatti ceʼanis, namoonni biyyattii keessa jiran hundi sagalee isaanii ol kaasanii booʼu turan; mootichis Sulula Qedroon+ bira dhaabbachaa ture; namoonni hundis daandii gara lafa onaatti geessutti ceʼu turan. 24 Saadoqis+ yeroo kanatti achi ture; Leewwonni+ taabota+ Waaqa dhugaa baatan+ hundis isaa wajjin turan; isaanis Taabota Waaqa dhugaa lafa kaaʼan; namoonni sun hundi magaalattiidhaa baʼanii yommuu gamatti ceʼan, Abiyaataaris+ achitti ol baʼe. 25 Mootichi garuu Saadoqiin akkana jedhe: “Taabota Waaqa dhugaa gara magaalattiitti deebisi.+ Yihowaa duratti fudhatama yoon argadhe, inni achitti na deebisee Taabotichaa fi bakka Taabotichi jiraatu akkan argu ni godha.+ 26 Inni, ‘Ani sitti hin gammanne’ yoo naan jedhe garuu, wanta gaarii fakkaatee itti mulʼate hundumaa ana irratti haa godhu.” 27 Mootichis Saadoq lubichaan akkana jedhe: “Ati nama mulʼata argu mitii?+ Nagaadhaan gara magaalattiitti deebiʼi; ilmaan keessan lamaan, jechuunis Ahimaʼaaz ilma kee fi Yonaataan+ ilma Abiyaataariin fudhadhuutii deebiʼi. 28 Ani hanga isin biraa ergaan naaf dhufutti malkaa lafa onaa keessatti argamu bira nan tura.”+ 29 Kanaafuu, Saadoqii fi Abiyaataar Taabota Waaqa dhugaa fuudhanii Yerusaalemitti deebisan; isaanis achumatti hafan.
30 Daawit yeroo Gaara* Ejersaatti+ ol baʼu booʼaa ture; inni mataa isaa haguuggatee miila duwwaa deema ture. Namoonni isaa wajjin turan hundis mataa isaanii haguuggatanii booʼaa ol baʼu turan. 31 Namoonni, “Ahitoofelis warra Abishaalomii+ wajjin sitti malan+ keessaa tokko dha” jedhanii Daawititti himan. Yeroo kanatti Daawit, “Yaa Yihowaa,+ maaloo, gorsa Ahitoofel gara gowwummaatti+ jijjiiri!” jedhe.
32 Daawit gara fiixee gaarichaa bakka uummatichi yeroo baayʼee Waaqayyoof itti sagadu yommuu dhufu, Hushaay+ Arkichi+ uffata isaa tarsaasee, mataa isaa irrattis biyyoo firfirsee isa argachuuf achitti isa eega ture. 33 Haa taʼu malee, Daawit akkana isaan jedhe: “Ati anaa wajjin yoo ceete, baʼaa natti taata. 34 Garuu gara magaalattiitti deebitee Abishaalomiin, ‘Yaa Mootii, ani tajaajilaa kee ti. Ani kanaan dura tajaajilaa abbaa keetiin ture; amma garuu ani tajaajilaa kee ti’+ yoo jette, gorsa Ahitoofel naa fashaleessuu dandeessa.+ 35 Saadoqii fi Abiyaataar warri luboota taʼan sii wajjin achi jiru mitii? Wanta mana mootichaatii dhageessu hundumaa Saadoqii fi Abiyaataar warra luboota taʼanitti himi.+ 36 Kunoo, ilmaan isaanii lamaan, jechuunis Ahimaʼaaz+ ilmi Saadoqii fi Yonaataan+ ilmi Abiyaataar isaanii wajjin achi jiru; wanta dhageessu hundumaa karaa isaanii natti ergi.” 37 Kanaafuu, akkuma Abishaalom Yerusaalemitti seeneen, Hushaay michuun Daawit*+ gara magaalattii dhaqe.