Ermiyaas
39 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa mootii taʼee waggaa saglaffaatti, waggicha keessaa jiʼa kurnaffaatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilonii fi guutummaan raayyaa waraanaa isaa gara Yerusaalem dhufanii ishiitti marsan.+
2 Zedeeqiyaan mootii taʼee waggaa 11ffaatti, waggicha keessaa jiʼa arfaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa saglaffaatti dallaa magaalattii ni diigan.+ 3 Bulchitoonni mootii Baabilon hundi, jechuunis Nergaal Shaarezer Saamgaarichi, Nebu Saarsekiim Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas bulchitoonni mootii Baabilon kaan hundi seenanii Karra Gidduu keessa ni taaʼan.+
4 Zedeeqiyaan mootiin Yihudaa fi loltoonni hundi yommuu isaan argan karaa iddoo biqiltuu mootichaa, karra dallaa lamaan gidduutti argamuun halkaniin magaalattii keessaa baʼanii baqatan;+ achiis karaa gara Arabaatti geessu irra buʼanii deemuu isaanii itti fufan.+ 5 Haa taʼu malee, Kaladoonni isaan duukaa buʼanii dirree gammoojjii Yerikoo keessatti Zedeeqiyaa bira gaʼan.+ Achiis isa qabanii gara Nebukadnezaar* mootii Baabilon isa biyya Hamaat+ keessatti Riblaatti+ argamutti ol isa fidan; innis achitti isa irratti murtii ni dabarse. 6 Mootiin Baabilon ilmaan Zedeeqiyaa ijuma isaa duratti Riblaatti ni gorraasise; guguddoota Yihudaa hundumaas ni gorraasise.+ 7 Ija Zedeeqiyaa erga jaamsee boodas, hidhaa sibiila diimaatiin isa hidhee gara Baabilonitti geesse.+
8 Achiis Kaladoonni mana* mootichaa fi mana uummata sanaa ni guban;+ dallaawwan Yerusaalemis ni diigan.+ 9 Nebuzaradaan+ inni ajajaa waardiyyootaa taʼes namoota magaalattii keessatti hafan, gantoota gara isaatti goranii fi warra achitti hafan hundumaa boojiʼee gara Baabilonitti geesse.
10 Haa taʼu malee, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe namoota baayʼee hiyyeeyyii taʼan warra homaa hin qabne tokko tokko biyya Yihudaa keessatti dhiise. Guyyaa sanatti maasiiwwan wayinii fi maasiiwwan qotatan isaaniif ni kenne.*+
11 Yeroo kanatti Nebukadnezaar* mootiin Baabilon Ermiyaasiin ilaalchisee Nebuzaradaan isa ajajaa waardiyyootaa taʼe sanaaf ajaja akkana jedhu ni kenne: 12 “Fuudhiitii isa kunuunsi; miidhaa akkamii iyyuu irratti hin geessisin; wanta inni si gaafatu hundumaa isaaf godhi.”+
13 Kanaafuu, Nebuzaradaan inni ajajaa waardiyyootaa taʼe, Nebushaazbaan Raabsaarisichii* fi Nergaal Shaarezer Raabmaagichi,* akkasumas namoonni mootii Baabilon warri beekamoo taʼan hundi namoota erganii 14 Ermiyaasiin Mooraa Eegdotaa keessaa baasanii+ gara mana isaatti akka isa geessuuf Gedaaliyaa+ ilma Ahiqaam+ ilma Shaafaanitti+ dabarsanii isa kennan. Kanaafuu, inni sabicha gidduu ni jiraate.
15 Ermiyaas yeroo Mooraa Eegdotaa+ keessatti hidhamee turetti dubbiin Yihowaa akkana jedhu gara isaa ni dhufe: 16 “Dhaqiitii Ebeedmeleek+ isa nama Itoophiyaa taʼe sanaan akkana jedhi: ‘Waaqa Israaʼel kan taʼe Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: “Kunoo, nagaadhaaf utuu hin taʼin badiisaaf magaalaa kana irratti dubbii koo nan raawwadha; atis guyyaa sanatti wanti kun yommuu raawwatamu ni argita.”’
17 “‘Taʼus guyyaa sanatti ani sin oolcha; harka namoota sodaattu sanaattis dabarfamtee hin kennamtu’ jedha Yihowaan.
18 “‘Sababiin isaas, ani dhugumaan karaa itti miliqxu siifan qopheessa; goraadeedhaanis hin ajjeefamtu. Ati natti waan amanamteef,+ lubbuun kee akka boojuutti siif ni hafa’*+ jedha Yihowaan.”