Keessa Deebii
25 “Namoota lama gidduutti yommuu falmiin kaʼu, isaan abbootii murtii duratti haa dhihaatan;+ abbootiin murtiis isaaniif murtii ni kennu; nama isa qajeelaa qulqulluu, nama isa hamaa immoo yakkamaa akka taʼe ni beeksisu.+ 2 Inni hamaan garafamuu qaba yoo taʼe,+ abbaan murtii sun namichi akka ciisu godha; achiis namni sun isa duratti ni garafama. Hammi inni garafamus hammina inni raawwatee wajjin kan wal gitu taʼuu qaba. 3 Namni isa garafu sun hamma siʼa 40tti isa garafuu ni dandaʼa;+ garuu kana caalaa taʼuu hin qabu. Inni kana irra darbee isa garafuu isaa yoo itti fufe, obboleessi kee si duratti ni salphata.
4 “Qotiyyoo midhaan siribsiisu afaan isaa hin hidhin.+
5 “Obboloonni lama waliin kan jiraatan yoo taʼee fi isaan keessaa inni tokko ilma utuu hin dhalchin yoo duʼe, haati manaa namicha duʼe sanaa nama maatii sana irraa ala taʼetti heerumuu hin qabdu. Waarsaan ishii gara ishii dhaqee ishii haa fuudhu; wanta waarsaa irraa eegamus haa raawwatu.+ 6 Maqaan namichaa Israaʼel keessaa akka hin badneef,+ ilmi angafaa ishiin deessu maqaa obboleessa isaa isa duʼeen waamama.+
7 “Namichis haadha manaa obboleessa isaa fuudhuu hin barbaadu yoo taʼe, haati manaa obboleessa isaa gara jaarsolii karra magaalattii bira jiran sanaa dhaqxee, ‘Obboleessi abbaa manaa kootii maqaan obboleessa isaa Israaʼel keessa akka turu gochuu dideera. Inni wanta waarsaa irraa eegamu raawwachuuf tole jechuu dideera’ haa jettu. 8 Jaarsoliin magaalaa isaas waamanii isa haa haasofsiisan. Innis yaada isaa jijjiiruu didee, ‘Ani ishii fuudhuu hin barbaadu’ yoo jedhe, 9 yeroo kanatti haati manaa obboleessa isaa jaarsolii duratti isatti dhihaattee kophee isaa miila isaa irraa baastee+ fuula isaatti erga tuftee booda, ‘Nama mana obboleessa isaa hin ijaarre irratti akkana godhamuu qaba’ haa jettu. 10 Sana booda Israaʼel keessatti maqaan maatii sanaa,* ‘Mana namicha kopheen isaa irraa baafame sanaa’ jedhamee beekama.
11 “Namoonni lama yoo wal lolanii fi haati manaa isa tokkoo nama isa rukutaa jiru irraa abbaa manaa ishii oolchuuf gidduu seenuudhaan hiixattee qaama saalaa isaa yoo qabde, 12 harka ishii muri. Ati* ishiidhaaf hin gaddin.
13 “Dhagoota madaallii guddaa fi xiqqaa taʼan garaa garaa lama korojoo kee keessaa hin qabaatin.+ 14 Miʼawwan safaraa guddaa fi xiqqaa taʼan garaa garaa lama* mana kee keessaa hin qabaatin.+ 15 Biyya Waaqni kee Yihowaan siif kennu keessatti umurii dheeraa akka jiraattuuf, yeroo hundumaa dhagaa safaraa sirrii taʼee fi safartuu sirrii taʼe qabaadhu.+ 16 Sababiin isaas, namni jalʼaan wantoota akkanaa raawwatu kam iyyuu Waaqa kee Yihowaa duratti jibbisiisaa dha.+
17 “Yeroo biyya Gibxii keessaa baatanii deemaa turtanitti wanta Amaaleq karaa irratti si irratti raawwate,+ 18 yeroo ati dadhabdee fi bututtee turtetti karaa irratti si argatee warra si duuba tirachaa turan hundumaa akkamitti akka rukute yaadadhu. Inni Waaqayyoon hin sodaanne. 19 Biyya Waaqni kee Yihowaan dhaalaan siif kennu keessatti yommuu Waaqni kee Yihowaan diinota kee warra naannoo keetti argaman hundumaa irraa boqonnaa siif kennu,+ inni matumaa samii jalaa akka hin yaadatamnetti Amaaleqiin haxaaʼii balleessi.+ Kana hin irraanfatin.