Ruut
1 Bara abbootiin murtii+ haqa raawwachiisaa* turanitti beelli biyyattiitti ni buʼe; namichi tokkos Beetaliheem+ ishii Yihudaatti argamtu keessaa haadha manaa isaa fi ilmaan isaa lamaanii wajjin nama biyya ormaa taʼee achi jiraachuuf gara biyya* Moʼaab+ dhaqe. 2 Maqaan namichaa Eliimeleek,* maqaan haadha manaa isaa Naaʼomii,* maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Maahiloonii* fi Kiiliyoon* jedhama ture. Isaan namoota Efraataa warra Beetaliheem ishii Yihudaatti argamtu keessa jiraatan turan. Gara biyya Moʼaab dhufaniis achi jiraachuu jalqaban.
3 Yeroo muraasa booda abbaan manaa Naaʼomii Eliimeleek ni duʼe; ishiinis ilmaan ishii lamaanii wajjin hafte. 4 Boodas ilmaan ishii kun dubartoota Moʼaab ni fuudhan; maqaan ishii takkaa Oorfaa, maqaan ishii kan biraa immoo Ruut+ jedhama ture. Isaan gara waggaa kudhaniitiif achi jiraatan. 5 Sana booda ilmaan ishii lamaan Maahiloonii fi Kiiliyoonis ni duʼan; dubartittiinis ijoollee ishii lamaanii fi abbaa manaa ishii dhabdee kophaatti hafte. 6 Ishiinis utuu Moʼaab keessa jirtuu, Yihowaan midhaan* isaaniif kennuudhaan saba isaa akka eebbise waan dhageesseef, haadhotii manaa ilmaan ishii wajjin biyya Moʼaabii deebiʼuuf karaa jalqabde.
7 Ishiinis bakka haadhotii manaa ilmaan ishii lamaanii wajjin jiraachaa turte dhiistee baate. Gara biyya Yihudaatti deebiʼuuf utuu daandii irra deemaa jiraniis, 8 Naaʼomiin haadhotii manaa ilmaan ishii lamaaniin akkana jette: “Deemaa, lamaan keessan iyyuu gara mana haadhotii keessanitti deebiʼaa. Akkuma isin abbootii manaa keessan warra duʼanittis taʼe anatti jaalala amanamaa argisiistan, Yihowaan jaalala amanamaa isinitti haa argisiisu.+ 9 Yihowaan tokkoon tokkoon keessaniif mana abbootii manaa keessaniitti tasgabbii* isiniif haa kennu.”+ Achiis isaan dhudhungatte; sagalee isaanii ol kaasaniis ni booʼan. 10 Sana booda, “Hin taʼu, sii wajjin gara saba kee ni deemna!” ishiidhaan jedhan. 11 Naaʼomiin garuu akkana jette: “Deebiʼaa, yaa ijoollee koo. Maaliif anaa wajjin deemtu? Ani amma iyyuu ilmaan abbootii manaa isiniif taʼan daʼuu nan dandaʼaa?+ 12 Deebiʼaa, yaa ijoollee koo. Deebiʼaa, ani kana booda heerumuuf baayʼee dulloomeera. Harʼa galgala abbaa manaa argachuuf abdii utuun qabaadhee fi ilmaan daʼuu utuun dandaʼe illee, 13 hanga guddatanitti isaan ni eegduu? Isaan eeggachuuf jettanii hoo lammata utuu hin heerumin haftuu? Lakki, yaa ijoollee koo, harki Yihowaa na adabuuf waan anatti garagaleef, ani haala keessaniin kan kaʼe jireenyi natti hadhaaʼeera.”+
14 Isaan ammas sagalee isaanii ol kaasanii booʼan; achiis Oorfaan amaatii ishii dhungattee ishii irraa addaan baate. Ruut garuu ishii irraa addaan baʼuu diddee itti maxxante. 15 Kanaafuu Naaʼomiin, “Kunoo, agabaatteen kee* gara saba ishiitti, gara waaqolii ishiittis deebiteetti. Ishii wajjin deebiʼi” ishiidhaan jette.
16 Ruut garuu akkana jette: “Akkan si dhiisus taʼe, sii wajjin deemuu dhiisee akkan deebiʼu na hin kadhatin; bakka ati dhaqxu anis nan dhaqa, bakka ati bultu anis nan bula. Sabni kee saba koo, Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.+ 17 Bakka ati duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Duʼa malee anaa fi siin kan gargar baasu yoo jiraate, Yihowaan adaba guddaa na haa adabu.”
18 Naaʼomiin Ruut ishii wajjin deemuuf akka kutatte yommuu argitu ishii amansiisuuf yaalii gochuu ni dhiiste. 19 Achiis lamaan isaanii hanga Beetaliheem gaʼanitti karaa isaanii itti fufan.+ Akkuma Beetaliheem gaʼaniin guutummaan magaalattii sababa isaaniitiin ni sochoote; dubartoonnis, “Tun Naaʼomii dhaa?” jedhan. 20 Ishiin immoo dubartoota sanaan akkana jette: “Naaʼomii* jettanii na hin waaminaa. Inni Hundumaa Dandaʼu jireenya koo baayʼee waan natti hadheesseef, Maaraa* jedhaa na waamaa.+ 21 Yommuun asii baʼetti guutuun ture; Yihowaan garuu harka duwwaa akkan deebiʼu na godhe. Yihowaan na mormee, Inni Hundumaa Dandaʼu rakkina natti fidee utuu jiruu, maaliif Naaʼomii jettanii na waamtu?”+
22 Naaʼomiin haadha manaa ilma ishii Ruut ishii nama biyya Moʼaab taatee wajjin biyya Moʼaabii+ kan deebite akka kanaan ture. Beetaliheem kan gaʼanis yeroo garbuun haamamuu jalqabetti ture.+