BOQONNAA KUDHA SADII
Gaa’elli Yeroo Diigamuuf Jedhu
1, 2. Gaa’elli rakkinarra yeroo bu’u maal jennee of gaafachuu qabna?
BARA 1988tti dubartiin lammii Xaaliyaanii Luuchiyaa jedhamtu tokko baay’ee dhiphattee turte.a Waggaa kudhan booda gaa’ellishee diigamuurra ga’ee ture. Abbaa manaashee wajjin araaramuuf yeroo baay’ee kan yaalte ta’uyyuu hin mijoofneef. Walta’iinsa waan dhabaniif gargar kan ba’an yommuu ta’u, amma ijoollee durbaa lama kophaashee guddisaa jirti. Luuchiyaan yeroo sana yaadachuudhaan, “Wanti tokkoyyuu gaa’ela keenya oolchuu akka hin dandeenye beekan ture” jetti.
2 Isinis gaa’elli keessan rakkina yoo qabaate, wanta Luuchiyaatti dhaga’amu hubachuun isinitti hin ulfaatu. Gaa’elli keessan rakkina guddaarra bu’uusaatiin, diigamuurraa ooluu kan danda’u ta’uunsaa isin shakkisiisa ta’a. Yoo akkas ta’e, gaaffii kanarratti yaaduun keessan isin gargaaruu danda’a: Gorsa gaarii Waaqayyo gaa’elli milkaa’aa akka ta’u gargaaruuf karaa Macaafa Qulqulluu kenne hundumaa hojiirra oolcheeraa?—Faarfannaa 119:105.
3. Wal hiikuun kan barame ta’uyyuu, namoota wal hiikaniifi maatiisaaniitti maaltu akka dhaga’amu gabaafameera?
3 Abbaa manaafi haadha manaa gidduutti wal dhabiinsi cimaan yommuu uumamu, gaa’elicha diiguun hunda caalaa salphaa fakkaachuu danda’a. Haata’u malee, biyyoota hedduutti lakkoofsi maatiiwwan diigamanii haala nama suukanneessuun dabalaa kan jiru ta’uyyuu, dhiirotaafi dubartoota hiriyaa gaa’elaasaanii hiikan keessaa harki caalaan gaa’elasaanii diiguusaaniitti baay’ee akka gaabban qorannaawwan dhiheenyatti godhaman ni argisiisu. Kanneen keessaas baay’eensaanii warra gaa’elasaanii hin diigne caalaa dhibee fayyaa qaamaafi sammuutiif saaxilamaniiru. Ijoolleen warrisaanii wal hiikan, yeroo baay’ee waggoota dheeraadhaaf wanti hundi dalga itti ta’uufi gammachuu dhabuutu isaanirra ga’a. Warriifi michoonni namoota wal hiikaniis ni dhiphatu. Waaqayyo inni gaa’ela hundeesse haala kana akkamitti ilaala?
4. Rakkoowwan gaa’ela keessatti uumaman akkamitti hiikamuu qabu?
4 Boqonnaa darberratti akkuma ibsame, kaayyoon Waaqayyoo gaa’elli hamma du’aatti kan itti fufu akka ta’u ture. (Uumama 2:24) Gaa’elli hedduun kan diigamu maaliifiree? Kun kan ta’u battaluma tokkoon miti. Yeroo baay’ee haalli gaa’elichi akka diigamuuf jedhu argisiisu ni mul’ata. Rakkoowwan xixinnoon gaa’ela keessatti mul’atan hamma furmaata kan hin arganne ta’anitti guddachaa deemuu danda’u. Rakkoowwan kun utuu hin turin gargaarsa Macaafa Qulqulluutiin utuu hiikamanii, gaa’elli baay’een diigamuurraa ooluu danda’a ture.
WANTA HIN JIRRE HIN EEGINAA
5. Gaa’ela akkamii keessattiyyuu wanta dhugaa ta’e akkamiitu nama mudata?
5 Yeroo baay’ee rakkina kan uumu, hiriyaan gaa’elaa inni tokko ykn lamaanuu wanta hin jirre eeguusaaniiti. Seenaawwan jaalalaa, barruuleen namoota biratti fudhatama argatan, sagantaawwan televijiinii, akkasumas fiilmiiwwan, abdiifi hawwii bira ga’amuu hin dandeenye namatti uumuu danda’u. Abjuunsaanii kun dhugaa ta’uu yeroo dhiisu namni sun akka gowwoomfame isatti dhaga’amuu, gammachuu dhabuufi keessasaatti gubachuu danda’a. Kun ta’uyyuu, namoonni cubbamoo ta’an lama gaa’elasaaniirraa gammachuu argachuu kan danda’an akkamitti? Walitti dhufeenya gaarii qabaachuun carraaqqii guddaa gaafata.
6. (a) Macaafni Qulqulluun gaa’ela ilaalchisee yaada sirrii ta’e akkamii kenna? (b) Wantoonni gaa’ela keessatti wal dhabiinsi akka uumamu godhan tokko tokko maalfa’i?
6 Macaafni Qulqulluun wanta sirrii ta’e dubbata. Gammachuu gaa’elli argamsiisu kan dubbatu ta’uyyuu, warri gaa’ela godhatan “guyyaa guyyaatti jireenya isaaniitti rakkinni isaan argata” jechuudhaanis ni akeekkachiisa. (1 Qorontos 7:28) Akka kanaan dura ibsame, hiriyoonni gaa’elaa lamaanuu cubbamoota waan ta’aniif cubbuu raawwachuutu isaanitti salphata. Akkaataan itti yaadan, miirrisaaniifi akkaataan itti guddatan addaddadha. Yeroo tokko tokko hiriyoonni gaa’elaa waa’ee qarshii, ijoolleefi warra soddaarratti walii galuu dadhabu. Waan tokko tokko waliin hojjechuuf yeroo ga’aa dhabuuniifi rakkoowwan saalqunnamtii wajjin wal qabatanis wal dhabiinsa uumuu danda’u.b Dhimmawwan kana hiikuun yeroo kan fudhatu ta’uyyuu, abdii hin kutatinaa! Hiriyoonni gaa’elaa baay’een rakkoowwan kanaa wajjin wal’aansoo gochuudhaan furmaata lamaansaaniiyyuu biratti fudhatama qabu argachuu danda’aniiru.
WAL DHABIINSA UUMAMERRATTI MARI’ADHAA
7, 8. Hiriyoonni gaa’elaa yoo wal miidhan ykn walii galuu yoo dadhaban, gorsa Caaffata Qulqulluu isa kam hordofuudhaan furmaata argachuu danda’u?
7 Namoonni baay’een miirrisaanii miidhamuusaa, wal hubachuu dhiisuusaanii ykn dogoggorasaanii ilaalchisee yeroo mari’atan of to’achuu dadhabu. “Waan na hubatte natti hin fakkaatu” jedhanii ifatti dubbachuu mannaa, miirasaanii to’achuu dadhabuudhaan rakkoon uumame akka itti caalu gochuu danda’u. Baay’eensaanii, “Waa’eekee qofa yaadda” ykn “Na hin jaallattu” jedhu. Hiriyaan gaa’elaa inni kaanimmoo mormii keessa galuu waan hin barbaanneef deebii kennuu dhiisa ta’a.
8 Kanaa mannaa gorsa Macaafa Qulqulluu akkas jedhu hordofuun gaariidha: “Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin!” (Efesoon 4:26) Hiriyoonni gaa’elaa gammachuu qaban tokko waggaa 60ffaa gaa’elasaanii yeroo kabajanitti, gaa’ellisaanii milkaa’uu kan danda’e akkamitti akka ta’e gaafatamanii turan. Abbaan manaa akkas jedheera: “Hammamiyyuu yoo xinnaate wal dhabiinsa keenyarratti utuu hin mari’atin buluu akka hin qabne baranneerra.”
9. (a) Waliin haasa’uuf wanti baay’ee barbaachisaa ta’e maal ta’uusaatu Caaffata Qulqulluu keessatti ibsame? (b) Ija jabinaafi gad of qabuu kan gaafatu ta’us hiriyoonni gaa’elaa yeroo hundumaa maal gochuu qabu?
9 Abbaan manaafi haati manaa yoo walii galuu dadhaban, lamaansaaniiyyuu ‘dhaga’uutti kan ariifatan, dubbachuutti suuta kan jedhan’ ta’uun isaan barbaachisa. (Yaaqoob 1:19) Sirriitti erga wal dhaggeeffatanii booda lamaansaaniiyyuu dhiifama gaafachuu akka qaban hubachuu danda’u. (Yaaqoob 5:16) Garaa guutuudhaan, “Waanan si miidheef dhiifama naa godhi” jechuun gad of qabuufi ija jabina gaafata. Wal dhabiinsa uumame karaa kanaan hiikuun, hiriyoonni gaa’elaa rakkoowwansaanii akka hiikan qofa utuu hin ta’in, jaalala ho’aa akka waliif qabaataniifi akka walitti dhihaatan waan godhuuf, waliin ta’uu akka jaallatan isaan gargaara.
DIRQAMA GAA’ELAA RAAWWACHUU
10. Gorsa Phaawulos Kiristiyaanota Qorontosiif kenne kamtu, yeroo har’aa Kiristiyaanotaaf eegumsa ta’uu danda’a?
10 Phaawulos ergamaan gumii Qorontosiif yeroo barreessu, ‘ejji babal’achuusaatiin’ kan ka’e akka wal fuudhan gorseera. (1 Qorontos 7:2) Yeroo har’aas biyyi lafaa kun akkuma Qorontos durii, isa caalaayyuu manca’eera. Oduuwwan addaggummaa namoonni addunyaa kanaa ifatti haasa’an, uffanni seera dhabaan uffatan, akkasumas seenaawwan saala faallaa ilaalchisee barruulee, kitaabota, televijiiniifi fiilmiiwwanirratti ba’an hundi fedhii saalqunnamtii kan kakaasanidha. Phaawulos namoota Qorontos warra haala akkasii keessa turaniin, “kajeellaa fooniitiin gubachuu irra fuudhuu, heerumuus in wayya” jedheera.—1 Qorontos 7:9.
11, 12. (a) Abbaan manaafi haati manaa maal walii gochuuf dirqama qabu? Kunoo ilaalcha akkamiitiin godhamuu qaba? (b) Dirqamni gaa’ela keessatti raawwatamu kun yeroo muraasaaf yoo dhowwame maal godhamuu qaba?
11 Kanaaf, Macaafni Qulqulluun akkas jechuudhaan Kiristiyaanota gaa’ela qaban gorsa: “Abbaan manaa jaalalaan haadha manaa isaa bira haa ga’u, haati manaas jaalalaan abbaa manaa ishee bira haa geessu.” (1 Qorontos 7:3) Asirratti kan irratti xiyyeeffatame walii kennuurratti malee gaafachuurratti akka hin taane hubadhaa. Gaa’ela keessatti walitti dhufeenyi hiriyoota gaa’elaa gammachiisaa kan ta’u, lamaansaaniiyyuu wanta isa kaaniif gaarii ta’e gochuurratti kan xiyyeeffatan yoo ta’e qofadha. Fakkeenyaaf, Macaafni Qulqulluun abbootiin manaa haadhotii manaasaanii wajjin ‘beekumsaan’ akka jiraatan ajaja. (1 Phexros 3:7) Keessumaa wanta gaa’ela keessatti dirqama ta’e kennuufi fudhachuu ilaalchisee kana gochuun barbaachisaadha. Abbaan manaa haadha manaasaa gaarummaadhaan yoo qabuu baate, karaa kanaan gaa’elarraa gammachuu argachuun ishee rakkisuu danda’a.
12 Hiriyoonni gaa’elaa dirqama gaa’ela keessatti raawwatamu yeroon itti wal dhowwuu qaban jira. Haati manaa ji’a keessatti guyyoota murtaa’aniif ykn baay’ee yeroo dadhabdutti akkas gochuunshee barbaachisaa ta’u danda’a. (Lewwoota 18:19 waliin ilaali.) Abbaan manaas bakka hojiitti haalli rakkisaan yoo isa mudateefi miirrisaa akka miidhame yoo isatti dhaga’ame akkas gochuu danda’a. Wanta isaanirraa eegamu yeroodhaaf wal dhowwuu ilaalchisee lamaansaanii ifatti ‘walii galteedhaan’ yoo mari’atan gaarii ta’a. (1 Qorontos 7:5) Kun ta’uunsaa, lamaansaanii keessaa inni tokko jarjaree murtoo dogoggoraarra akka hin geenye gargaara. Haata’u malee, haati manaa ta’e jettee abbaa manashee kan dhowwitu ykn abbaan manaa ta’e jedhee karaa jaalala qabeessa ta’een wanta gaa’ela keessatti isarraa barbaadamu kan hin raawwanne yoo ta’e, hiriyaan gaa’elaa qorumsaaf saaxilamuu danda’a. Haalli akkasii yoo jiraate gaa’ela keessatti rakkoon uumamuu danda’a.
13. Kiristiyaanonni yaannisaanii qulqulluu akka ta’u gochuu kan danda’an akkamitti?
13 Akkuma Kiristiyaanota hundaa, tajaajiltoonni Waaqayyoo warri gaa’ela qabanis fakkii saalqunnamtiin yommuu raawwatamu argisiisu, isa fedhii xuraa’aafi uumamaan ala ta’e fiduu danda’urraa fagaachuu qabu. (Qolosaayis 3:5) Kana malees, walitti dhufeenya saala faallaa kamii wajjiniyyuu qabaniin yaadasaaniifi gochasaaniirratti of eeggannoo gochuu qabu. Yesus, “Namni ija hawwaatiin dubartii ilaale garaa isaatti isheetti ejjeera” jechuudhaan akeekkachiiseera. (Maatewos 5:28) Hiriyoonni gaa’elaa gorsa Macaafni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee kenne hojiirra oolchuudhaan, qorumsa keessa galuufi ejja raawwachuurraa of eeggachuu qabu. Saalqunnamtiin kennaa gaarii Yihowaa isa gaa’ela hundeesserraa argatan ta’uusaa hubachuudhaan, ga’elasaanii keessatti walitti dhufeenya gammachiisaafi cimaa ta’e qabaatanii itti fufuu danda’u.—Fakkeenya 5:15-19.
AKKA MACAAFA QULQULLUUTTI WAL HIIKUUF SABABII KAN TA’U MAALIDHA?
14. Yeroo tokko tokko haala gaddisiisaa akkamiitu uumama? Maaliif?
14 Gaa’ela Kiristiyaanotaa baay’ee keessatti rakkoowwan uumaman furmaata argachuu kan danda’an ta’uunsaanii nama gammachiisa. Yeroo tokko tokko garuu haallisaa akkas miti. Ilmaan namootaa cubbamoo waan ta’aniif, akkasumas kan jiraannu addunyaa to’annaa Seexanaa jala jiru keessa waan ta’eef, gaa’elli tokko tokko ni diigama. (1 Yohannis 5:19) Kiristiyaanonni haala nama aarsu akkasii kana mo’uu kan qaban akkamitti?
15. (a) Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti, wal hiikanii nama biraa fuudhuuf ykn heerumuuf sababii kan ta’u maal qofadha? (b) Kiristiyaanonni tokko tokko nama amanamummaasaa hin eegnee wajjin jiraachuuf kan murteessan maaliifi?
15 Boqonnaa 2ffaa kitaaba kanaarratti akkuma ibsame, akka Macaafni Qulqulluun jedhutti hiriyaa gaa’elaa ofii hiikanii kan biraa fuudhuu ykn heerumuuf sababii kan ta’u ejja qofaadha.c (Maatewos 19:9) Hiriyaan gaa’elaa keessan amanamaa akka isiniif hin taane ragaa qabatamaa yoo argattan, murtoo ulfaataatu isin eega. Gaa’elli keessan akka itti fufu gootumoo wal hiiktu? Kana ilaalchisee seerri kenname hin jiru. Kiristiyaanonni tokko tokko hiriyaa gaa’elaa garaa guutuudhaan gaabbee qalbii jijjiirrateef dhiifama godhaniiru; gaa’ellisaaniis gaarii ta’ee itti fufeera. Kaanimmoo ijoolleesaaniitiif jecha wal hiikuu dhiisuuf murteessaniiru.
16. (a) Haalawwan hiriyaa gaa’elaa ejja raawwate hiikuuf nama kakaasan tokko tokko maalfa’i? (b) Inni cubbuu hin hojjenne hiriyaa gaa’elaasaa hiikuuf ykn wajjin jiraachuuf murtoo yommuu godhu, eenyuyyuu murtoosaa ceepha’uu kan hin qabne maaliifi?
16 Karaa biraatiinimmoo, cubbuu akkasii raawwachuun ulfa ykn dhukkuba saalqunnamtiidhaan daddarbu fiduu danda’a. Tariimmoo abbaa ijoolleesaa gudeedurraa ijoollee eeguun ni barbaachisa ta’a. Murtoo tokko gochuu dura gadi fageenyaan yaaduun barbaachisaa akka ta’e beekamaadha. Haata’u malee, hiriyaan gaa’elaa keessan ejja raawwachuusaa erga beektanii booda isa wajjin saalqunnamtii raawwachuun keessan, dhiifama akka isaaf gootaniifi gaa’elli keessan akka itti fufu barbaachuu keessan argisiisa. Sana booda, akka Caaffanni Qulqulluun jedhutti nama sana hiiktanii kan biraa fuudhuu ykn heerumuu hin dandeessan. Eenyuyyuu gidduu galee murtoo keessanirratti dhiibbaa gochuuf yaaluu ykn murtoo gootan mormuu hin qabu. Bu’aa murtoon gootan argamsiise fudhattanii jiraachuu qabdu. “Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba.”—Galaatiyaa 6:5.
WANTOOTA GARGAR BA’UUF SABABII TA’AN
17. Ejji kan hin raawwatamne yoo ta’e, Caaffanni Qulqullaa’aan gargar ba’uu ykn wal hiikuu ilaalchisee qajeelfama akkamii kenna?
17 Hiriyaan gaa’elaa tokko ejja utuu hin raawwatin, isarraa addaan ba’uuf ykn isa hiikuuf sababii ga’aan jiraachuu danda’aa? Eeyyee, yeroo kanatti garuu Kiristiyaanni tokko nama kan biraa hiriyaa gaa’elaa godhachuuf walaba miti. (Maatewos 5:32) Macaafni Qulqulluun haala akkasiitiin gargar ba’uu kan heyyamu ta’us, inni dhiisee deeme ‘utuu gaa’ela hin godhatin akka taa’u yookiinimmoo hiriyaa gaa’elaasaa wajjin akka araaramu’ qajeelfama kenna. (1 Qorontos 7:11) Haalawwan cimaan gargar ba’uun filatamaa akka ta’u godhan tokko tokko maalfa’i?
18, 19. Haalawwan cimaan, namni tokko kan biraa fuudhuu ykn heerumuu kan hin dandeenye ta’uyyuu karaa seeraatiin gargar ba’uu ykn hiikuu akka filatu isa godhan tokko tokko maalfa’i?
18 Dhibaa’ummaafi amala gadhee abbaan manaa argisiisuun maatiin rakkinaaf saaxilamuu danda’a.d Galii maatichi qabuun qumaara taphachuu ykn qoricha sammuu hadoochu ykn dhugaatii alkoolii bitachuuf itti fayyadama ta’a. Macaafni Qulqulluun akkas jedha: “Namni tokko . . . warra mana isaatiif yoo yaaduu dhaabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.” (1 Ximotewos 5:8) Namni akkasii kun gochasaa kanarraa yoo deebi’uu dide, kanarra darbees qarshii haati manaasaa hojjettee argattu araadasaatiif kan itti fayyadamu yoo ta’e, haati manaasaa karaa seeraatiin isarraa gargar ba’uudhaan, ofis ta’e ijoolleeshee nagaadhaan jiraachisuuf murteessuu dandeessi.
19 Abbaan manaa tokko hiriyaa gaa’elaasaarra miidhaa guddaa kan geessisu ykn yeroo baay’ee ishee reebuudhaan fayyaashees ta’e lubbuushee balaarra kan buusu yoo ta’e, karaa seeraatiin addaan ba’uun barbaachisaa ta’uu danda’a. Kana malees, hiriyaan gaa’elaa tokko haati manaasaa karaa ta’e tokkoon ajaja Waaqayyoo akka cabsitu ishee dirqisiisuuf kan yaalu yoo ta’eefi keessumaammoo jireenyi hafuuraashee balaarra bu’aa kan jiru yoo ta’e, isarraa addaan ba’uu filachuu dandeessi. Hiriyaan gaa’elaa rakkinni irra ga’e sun, ‘namaaf abboomamuurra Waaqayyoof abboomamuuf’ karaa seeraa gargar ba’uudhaan ala filannoon biraa akka hin jirre itti dhaga’amuu danda’a.—Hojii Ergamootaa 5:29.
20. (a) Maatiin diigamuusaa ilaalchisee michoonni muuxannoo qabaniifi jaarsoliin maal gochuu danda’u? Maal gochuurraammoo of qusachuu qabu? (b) Warri gaa’ela qaban yaada Macaafni Qulqulluun gargar ba’uufi wal hiikuu ilaalchisee kennutti, maal gochuuf akka sababiitti itti fayyadamuu hin qaban?
20 Hiriyaa gaa’elaarratti miidhaa guddaan yeroo raawwatamu, eenyuyyuu hiriyaan gaa’elaa miidhame hiriyaa gaa’elaasaarraa akka gargar ba’us ta’e akka wajjin jiraatu dhiibbaa gochuu hin qabu. Michoonni muuxannoo qabaniifi jaarsoliin gumii gargaarsaafi gorsa Macaafa Qulqulluurratti hundaa’e kennuu danda’aniyyuu, wanta abbaa manaafi haadha manaa sana gidduutti uumame tokkoon tokkoonsaa beekuu hin danda’an. Kana kan beeku Yihowaa qofadha. Haati manaa tokko sababii ga’aa hin taaneef jettee abbaa manaasheerraa yoo gargar baate, qophii gaa’elaa Yihowaan hundeesseef ulfina akka hin qabne argisiisti. Haalli baay’ee rakkisaa ta’e uumamee abbaa manaasheerraa gargar ba’uuf yoo murteessite garuu eenyuyyuu ishee ceepha’uu hin qabu. Abbaa manaa haadha manaasaarraa gargar ba’uu barbaadu ilaalchisees haallisaa wal fakkaata. “Hundumti keenya barcuma firdii Waaqayyoo duratti dhi’aachuuf jirra.”—Roomaa 14:10.
AKKAATAA GAA’ELLI DIIGAME DEEBI’EE ITTI IJAARAME
21. Gorsi Macaafa Qulqulluu faayidaa kan qabu ta’uusaa muuxannoo kamtu argisiisa?
21 Luuchiyaan isheen armaan olitti ibsamte, abbaa manaasheerraa erga gargar baatee ji’a sadii booda Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin wal argitee isaanii wajjin Macaafa Qulqulluu qayyabachuu jalqabde. Akkas jechuudhaan ibsiteetti: “Macaafni Qulqulluun rakkina kootiif furmaata hojiirra ooluu danda’u kennuunsaa baay’ee na dinqisiise. Torban tokkoof qofa ergan qayyabadhee booda, yeruma sana abbaa manaakoo wajjin araaramuun barbaade. Yeroo ammaatti, barumsi Yihowaa hiriyoonni gaa’elaa akkamitti wal kabajuu akka danda’an waan barsiisuuf, inni gaa’eloota rakkinarra bu’an diigamuurraa akkamitti akka oolchu beeka jechuu nan danda’a. Namoonni tokko tokko, Dhugaa Baatonni Yihowaa maatii gargar baasu jedhanii wanti isaan dubbatan sobadha. Anarratti kan raawwatame faallaa kanaati.” Luuchiyaan seerawwan bu’uuraa Macaafa Qulqulluu hojiirra oolchuu baratteetti.
22. Warri gaa’ela qaban hundi maalitti amanamuu qabu?
22 Seenaa akkasii kan qabu Luuchiyaa qofa miti. Gaa’elli ba’aa utuu hin ta’in eebba kan argamsiisu ta’uu qaba. Kanaafis Yihowaan gaa’ela ilaalchisee gorsa akka argannuuf Dubbiisaa isa gati jabeessa nuu qopheesseera. Macaafni Qulqulluun “wallaaltota iyyuu beektota in godha.” (Faarfannaa 19:7-11) Gaa’eloota diigamuuf turan baay’ee oolcheera; gaa’eloota rakkoo guddaa qaban baay’ees fooyyesseera. Warri gaa’ela qaban hundi, gorsa gaa’elaa Yihowaan qopheesserratti guutummaatti amanamuu danda’u. Gorsi kun dhugumaan hojiirra ooluu kan danda’udha!
a Maqaanshee jijjiirameera.
b Sababiiwwan tokko tokko boqonnaawwan darbanirratti ilaalleerra.
c Jechi Macaafa Qulqulluu keessatti “ejja” jedhamee hiikame, gochawwan addaggummaa, saala wal fakkaatu wajjin, akkasumas horiiwwan wajjin saalqunnamtii raawwachuufi gochawwan gadhiisii qaama saalaatti fayyadamuudhaan raawwatanis ni dabalata.
d Haalli kun, abbaan manaa nama gaarii ta’ee utuu jiruu dhukkubaan ykn hojii dhabuudhaan kan ka’e humnasaatii ol itti ta’ee wanta maatiisaatiif barbaachisu dhiheessuu dadhabuusaa kan dabalatu miti.