Waaqayyoon Sodaachuudhaan Ogeeyyii Ta’aa!
“Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti.”— FAKKEENYA 9:10.
1. Namoonni hedduun yaada Waaqayyoon sodaachuu jedhu hubachuun kan isaan rakkisu maaliifi?
YEROON namni Waaqayyoon sodaatu itti galateeffatamu jira ture. Yeroo ammaatti garuu, namoonni baay’een Waaqayyoon sodaachuun kan yeroon itti darbeefi hubachuun rakkisaa ta’edha jedhanii yaadu. ‘Waaqayyo erga jaalala ta’ee maaliifan isa sodaadha?’ jedhanii gaafatu ta’a. Isaaniif sodaa jechuun miira nama rom’isiisu qofa jechuudha. Karaa sirrii ta’een Waaqayyoon sodaachuun garuu hiika bal’aa kan qabudha; kanatti aansinee akka ilaallutti wanta miiraa wajjin wal qabate qofa miti.
2, 3. Karaa sirrii ta’een Waaqayyoon sodaachuun maalfaa dabalata?
2 Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon sodaachuun kan nama gammachiisu malee kan nama rom’isiisu akka hin taane ibsa. (Isaayaas 11:3) Ulfina guddaa isaaf qabnuufi fedhii cimaa isa gaddisiisuurraa fagaachuuf qabnu kan argisiisudha. (Faarfannaa 115:11) Kunimmoo, ulaagaan Waaqayyo amala ilaalchisee baase sirrii ta’uusaa amanuufi jabeessanii hordofuu, qajeelfama inni wanta sirrii ta’eefi hin taane ilaalchisee baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu kan dabalatudha. Galmeen tokko sodaan sirrii ta’e akkasii kun, “amala gaarii akka qabaannuufi gocha gadhee akkamiirraayyuu akka fagaannu kan nu taasisudha” jechuudhaan ibseera. Kanaaf, Macaafni Qulqulluun: “Waaqayyoon sodaachuun jalqaba ogummaa ti” jechuunsaa sirriidha.—Fakkeenya 9:10.
3 Dhugumayyuu, Waaqayyoon sodaachuun guutummaa jireenya namootaa kan tuqudha. Ogummaa wajjin qofa utuu hin ta’in gammachuu, nagaa, badhaadhummaa, umurii dheeraa, abdiifi Waaqayyotti amanamuu wajjin kan wal qabatedha. (Faarfannaa 2:11; Fakkeenya 1:7; 10:27; 14:26; 22:4; 23:17, 18; Hojii Ergamootaa 9:31) Amantiifi jaalalaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qaba. Walitti dhufeenya Waaqayyoofi namootaa wajjin qabnu hundaa kan dabalatudha. (Keessa Deebii 10:12; Iyoob 6:14; Ibroota 11:7) Waaqayyoon sodaachuun, Abbaan keenya inni samii dhuunfaatti akka nuuf yaaduufi irra daddarbaa keenya akka nuuf dhiisu amantaa cimaa qabaachuu dabalata. (Faarfannaa 130:4) Namoonni Waaqayyo duratti rom’uu qaban warra hamoofi qalbii hin geddaranne qofadha.a—Ibroota 10:26-31.
Yihowaa Sodaachuu Barachuu
4. ‘Waaqayyoon sodaachuu baruuf’ maaltu nu gargaaruu danda’a?
4 Murtoo sirrii gochuufis ta’e eebba Yihowaa argachuuf Waaqayyoon sodaachuun erga barbaachisaa ta’ee, “Waaqayyoon . . . sodaachuu . . . baruu” kan dandeenyu akkamitti? (Keessa Deebii 17:19) Fakkeenyi namoota Waaqayyoon sodaatanii baay’een “nu barsiisuuf” jecha Caaffata Qulqullaa’oo keessatti barreeffamaniiru. (Roomaa 15:4) Fakkeenyota Waaqayyoon sodaachuun maal jechuu akka ta’e hubachuuf nu gargaaran keessaa, jireenya Daawit Mootii Israa’el isa duriirratti haa xiinxallu.
5. Daawit tiksee kan ture ta’uunsaa Yihowaa akka sodaatu kan isa gargaare akkamitti?
5 Yihowaan, mootii Israa’el isa jalqabaa kan ture Saa’ol Waaqayyo caalaa nama sodaachuusaatiin isa tuffateera. (1 Saamu’el 15:24-26) Karaa gara biraammoo, jireenyi Daawitiifi walitti dhufeenyi inni Yihowaa wajjin qabu nama Waaqayyoon sodaatu ta’uusaa argisiiseera. Daawit ijoollummaasaatti hoolota abbaasaa tiksa ture. (1 Saamu’el 16:11) Halkan yommuu urjoonni jiranitti hoolota tiksaa kan ture ta’uunsaa, Yihowaa sodaachuu jechuun maal jechuu akka ta’e isa hubachiisee ta’uu qaba. Yeroo kanatti wanti inni uumama cufa keessaa hubate kutaa muraasa qofa ta’ullee, murtoo sirrii Waaqayyoof ulfina kennuu qabna jedhurra akka ga’u isa gargaareera. Kanaaf yeroo booda akkas jechuudhaan barreesseera: “Ani gara bantiiwwan waaqa keetii warra harka keetiin hojjetamanii, gara ji’aa fi urjoota warra ati dhaabdee yeroon ilaalu, ‘Ati akka isa yaadattuuf namni maali? Ati akka isaaf dhimmituufis ilmi namaa maali?’ jedhee nan gaafadha.”—Faarfannaa 8:3, 4.
6. Daawit guddina Yihowaa yommuu hubate maaltu isatti dhaga’ame?
6 Daawit samii urjoota baay’eedhaan guutame wajjin yeroo ilaalamu baay’ee xinnoo ta’uunsaa isa dinqisiiseera. Kun akka rom’u isa gochuu mannaa, akkas jedhee Yihowaa akka galateeffatu isa kakaaseera: “Bantiiwwan waaqaa ulfina Waaqayyoo himaa jiru, wanti bantii waaqaa jalaan mul’atus hojii harka isaa in labsa.” (Faarfannaa 19:1) Sodaan akkasii kun Daawit caalaatti gara Yihowaatti akka dhihaatuufi karaasaa isa qajeelaa barachuudhaan isa hordofuuf fedhii akka qabaatu isa godheera. Daawit yommuu akkas jedhee faarfate maaltu akka isatti dhaga’ame yaadi: “Ati guddaa dha, hojiin kees dinqisiisaa dha, si’uma duwwaatu Waaqayyo! Ani siif amanamee akkan deddeebi’utti, yaa Waaqayyo, karaa kee na barsiisi, maqaa kee safeeffachuufis nama garaa tokkichaa na godhi!”—Faarfannaa 86:10, 11.
7. Daawit Waaqayyoon kan sodaatu ta’uunsaa Goliyaadiin akka lolu kan isa gargaare akkamitti?
7 Yeroo warri Filisxeemotaa Israa’eliin weeraranitti namichi gara meetira sadii dheeratuufi Goliyaad jedhamu akkas jechuudhaan isaanitti ga’isee ture: “Nama as ba’u tokko fo’adhaa! Namichi ana lolee yoo na ajjeesuu danda’e, nuyi garba isiniif in taana.” (1 Saamu’el 17:4-10) Saa’oliifi loltoonnisaa baay’ee na’anii yeroo rom’anitti Daawit garuu hin sodaanne. Namni tokko humna hammamiiyyuu yoo qabaate, sodaatamuu kan qabu Yihowaa qofa ta’uusaa hubatee ture. Daawit Goliyaadiin akkas jedhe: ‘Maqaa Waaqayyo gooftaa maccaatiin sitti nan dhufa’ akkasumas, “Lolli kan Waaqayyoo waan ta’eef, Waaqayyo harka keenya keessa si buusa; Waaqayyo billaadhaa fi eeboodhaan akka hin oolchine walga’iin kun hundinuu in beeka.” Daawit gargaarsa Yihowaatiin furrisaafi dhagaa tokkoon qofa namicha goota ta’e kana ajjeeseera.—1 Saamu’el 17:45-47.
8. Namoota Waaqayyoon sodaatan ilaalchisee Macaafa Qulqulluurraa barumsa maalii arganna?
8 Nuunis akkuma Daawit wantoonni gufuu nutti ta’aniifi diinonni nu mudachuu danda’u. Yeroo kanatti maal gochuu dandeenya? Akkuma Daawitiif namoonni amanamoon durii godhan nutis Waaqayyoon sodaachuudhaan isaan mo’uu dandeenya. Namoota sodaachuurra Waaqayyoon sodaachuutu caala. Tajaajilaa amanamaa kan ture Nahimiiyaan Israa’eloota hacuuccaa jala turan akkas jedhee gorsee ture: “Isaan hin sodaatinaa! Waaqayyoon isa guddaa isa sodaatamaa yaadadhaa!” (Nahimiiyaa 4:14) Daawit, Nahimiiyaafi tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo ta’an garabiraan gargaarsa Yihowaatiin hojii Waaqayyo isaaniif kenne raawwachuu danda’aniiru. Nutis sodaa Waaqayyootiin hojii nutti kenname raawwachuu dandeenya.
Sodaa Waaqayyoof Qabnuun Rakkoowwan Mo’uu
9. Daawit akka Waaqayyoon sodaatu kan argisiise haalawwan akkamii keessattidha?
9 Daawit Goliyaadiin erga ajjeesee booda, Yihowaan injifannoo baay’ee isa gonfachiiseera. Haata’u malee, Saa’ol inni hinaaffaadhaan guutame jalqabarratti jarjarsuudhaan kaka’ee tarkaanfii fudhate; akkasumas haxxummaadhaan gargaarame; dhumarrattis loltoota erguudhaan isa ajjeesuuf yaalii godhe. Yihowaan, Daawit akka mootii ta’u kan isaaf mirkaneesse ta’uyyuu, waggoota dheeraadhaaf baqachuufi loluu, akkasumas hanga Yihowaan isa moosisutti obsaan eeguu qaba ture. Waggoota kana hundumaatti, Daawit nama Waaqayyoon sodaatu ta’uusaa argisiiseera.—1 Saamu’el 18:9, 11, 17; 24:2.
10. Daawit yeroo haalli rakkisaan isa mudate Waaqayyoon akka sodaatu kan argisiise akkamitti?
10 Yeroo tokko, Daawit baqatee gara magaalaa Gaat bakka dhaloota Goliyaad taateefi mootii Filisxeemotaa kan ta’e Akiishiin geggeeffamtuutti kooluu galee ture. (1 Saamu’el 21:10-15) Tajaajiltoonni mootichaas Daawit diina sabasaanii akka ta’e dubbachuudhaan isa himatan. Daawit haala sodaachisaa akkasii kana keessatti tarkaanfii akkamii fudhata laata? Wanta garaasaa keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaaf ibse. (Faarfannaa 56:1-4, 11-13) Daawit rakkoo kana jalaa ba’uuf nama maraate of fakkeessuyyuu, carraaqqiisaa eebbisuudhaan kan isa oolchu Yihowaa ta’uusaa beeka ture. Guutummaatti Yihowaatti amanamuunsaa dhugumaan nama Waaqayyoon sodaatu ta’uusaa kan argisiisudha.—Faarfannaa 34:4-6, 9-11.
11. Nutis akkuma Daawit yeroo qorumsi nurra ga’u Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
11 Akkuma Daawit, nutis yeroo rakkoon nurra ga’utti akka nu gargaaru abdii inni nuu kennetti amanuudhaan Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuu dandeenya. Daawit “Karaa kee Waaqayyotti kennadhu, isa amanadhu! Innis siif in raawwata” jechuudhaan dubbateera. (Faarfannaa 37:5) Kana jechuun garuu, rakkoowwan hundumaa harka Yihowaatti kennuudhaan, wanta gochuun nurra jiru utuu hin godhin furmaata akka nuu kennu eegna jechuu miti. Daawit kadhachuu qofaan harkasaa maratee hin teenye. Humnaafi dandeettii Yihowaan isaaf kennetti fayyadamee, rakkoo isarra ga’e mo’uu danda’eera. Ta’uyyuu, Daawit carraaqqiin namootaa qofti injifannoo akka hin argamsiisne hubatee ture. Nutis kana hubachuu qabna. Wanta gochuu dandeenyu hundaa erga goone booda, isa hafemmoo Yihowaatti dhiisuu qabna. Dhugaadha, yeroo baay’ee Yihowaatti amanamuudhaan alatti wanti gochuu dandeenyu hin jiru ta’a. Yeroon kun dhuguma Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuuf carraa nuu bana. Jecha Daawit: “Waaqayyo warra isa sodaatanitti, yaada isaa isa dhokataa iyyuu in beeksisa” jechuudhaan dubbaterraa jajjabina arganna.—Faarfannaa 25:14.
12. Kadhannaadhaaf bakka guddaa kennuu kan qabnu maaliifi? Amalli matumaa irraa fagaachuu qabnu isa kamidha?
12 Kanaafuu, kadhannaafi hariiroo Yihowaa wajjin qabnuuf bakka guddaa kennuu qabna. Yeroo Yihowaatti dhihaannu, “inni akka jiru, warra isa barbaadaniifis gatii isaanii akka kennuuf amanuun” barbaachisaadha. (Ibroota 11:6; Yaaqoob 1:5-8) Yeroo inni nu gargaaruttimmoo, akkuma Phaawulos nu gorsetti ‘isa galateeffachuu’ qabna. (Qolosaayis 3:15, 17) Namoota, Kiristiyaanni dibamaan muuxannoo qabu tokko akkas jechuudhaan ibsee wajjin wal fakkaachuu hin barbaannu: “Waaqayyoon akka keessummeessaa hoteelaa tokkootti ilaalu. Yeroo waan tokko barbaadan harkasaanii walitti rukutuudhaan isa waamu. Wanta barbaadan erga argatanii boodammoo akka isaanirraa deemu fedhu.” Ilaalchi akkasii kun sodaa Waaqayyoo akka hin qabaanne kan argisiisudha.
Sodaan Waaqayyoof Qabnu Yommuu Hir’atu
13. Daawit Seera Waaqayyoof ulfina utuu hin kennin kan hafe yoomi?
13 Daawit yeroo rakkinaatti gargaarsa Yihowaa argachuunsaa sodaa Waaqayyoof qabu kan isaaf guddise ta’uusaarrayyuu, amantaasaa cimseera. (Faarfannaa 31:22-24) Haata’u malee, yeroo sadii sodaan inni Waaqayyoof qabu hir’achuunsaa miidhaa guddaa isarraan ga’eera. Inni jalqabaa, saanduqa kakuu Yihowaa akka seerrisaa ajajutti gatiittii Lewwootaatti baachisuu mannaa, konkolaataa horiidhaan harkifamurra kaa’amee gara Yerusaalem akka geessamu gochuusaa wajjin kan wal qabatedha. Uzaa inni konkolaataa kana oofu, saanduqni kakichaa yommuu kufuuf jedhutti harkaan qabuusaatiin, “safeeffachuu waan dhiiseef” ni du’e. Uzaan cubbuu cimaa hojjechuudhaan kan du’e ta’us, wanta gaddisiisaa kanaaf sababii kan ture Daawit isa Seera Waaqayyoof ulfina kennuu dhiisedha. Waaqayyoon sodaachuu jechuun wantoota hundumaa karaa inni ajajeen hojjechuu jechuudha.—2 Saamu’el 6:2-9; Lakkoobsa 4:15; 7:9.
14. Daawit namoota Israa’el lakkaa’uunsaa maal geessise?
14 Booddees, Seexanni waan isa kakaaseef loltoota Israa’el lakkoofsise. (1 Seenaa 21:1) Kana gochuunsaa, sodaan inni Waaqayyoof qabu hir’atee akka ture kan argisiisu yommuu ta’u, sababii kanaanis Israa’eloonni 70, 000 ta’an ajjeefamaniiru. Daawit Yihowaa duratti gadi of deebisuudhaan qalbii geddaratus, inniifi sabnisaa guddaa miidhamanii turan.—2 Saamu’el 24:1-16.
15. Daawit ejja akka raawwatu wanti isa taasise maalidha?
15 Yeroo garabiraattis, Daawit sodaan inni Waaqayyoof qabu hir’achuunsaa Baat-Sheebaa haadha manaa Uriyaa wajjin ejja raawwachuuf isa saaxileera. Daawit, ejji akkasumas haadha manaa nama kan biraa hawwuun dogoggora ta’uusaa beeka ture. (Ba’uu 20:14, 17) Rakkoon kun kan jalqabe yeroo Baat-Sheebaan dhagnashee dhiqattu ilaaluusaatiinidha. Yeroo kanatti sodaan inni Waaqayyoof qabu, ijasaa isheerraa deebisuudhaan xiyyeeffannaasaa wanta garabiraatti akka deebisu isa gochuu qaba ture. Haata’u malee, Daawit hamma sodaa Waaqayyoof qabu isa irraanfachiisutti ishee ‘ilaaluusaa’ itti fufe. (Maatewos 5:28; 2 Saamu’el 11:1-4) Hariiroon inni Yihowaa wajjin qabu guutummaa jireenyasaa kan tuqu ta’uusaa dagatee ture.—Faarfannaa 139:1-7.
16. Daawit dogoggora raawwateef maaltu isarra ga’e?
16 Ejja Daawit raawwateenis Baat-Sheebaan ilma ulfoofte. Yihowaanis yeruma sana Naataan raajicha erguudhaan cubbuun Daawit akka saaxila ba’u godhe. Yeroo gara qalbiisaatti deebi’uttis qalbiisaa geddarachuudhaan sodaa Waaqayyoof qabu deebisee argateera. Yihowaan akka isa hin dhiisne ykn hafuura qulqulluusaa akka isarraa hin fudhanne kadhateera. (Faarfannaa 51:7, 11) Yihowaan dhiifama kan isaaf godhe, akkasumas adabasaa kan isaaf hir’ise ta’uyyuu, rakkina gaddisiisaa cubbuunsaa isarraan ga’erraa garuu isa hin eegne. Ilmi isaaf dhalate du’uusaarrayyuu, yeroo sanaa kaasee maatiinsaa gaddaafi rakkinarra bu’eera. Dhugumayyuu, sodaan Waaqayyoof qabnu akka hir’atu gochuun keenya rakkoo guddaadhaaf nu saaxila!—2 Saamu’el 12:10-14; 13:10-14; 15:14.
17. Cubbuu hojjechuun gadda akkamii akka geessisu fakkeenyaan ibsi.
17 Har’as haala saalqunnamtii wajjin wal qabateen Waaqayyoon sodaachuu dhiisuun rakkoo guddaafi yeroo dheeraadhaaf turu geessisaa jira. Haati manaa dargaggeettii taate tokko, abbaan manaashee hojiidhaaf biyyasaatii ala yeroo deemetti isheef amanamaa akka hin taane yommuu beektu hammam akka gadditu yaadi. Gaddaafi naasuudhaan mataashee qabachuudhaan boo’uutti kaate. Abbaan manaashee amanamummaafi kabaja ishee biratti qabu argachuuf yeroo hangamii isatti fudhata? Waaqayyoof sodaa sirrii ta’e qabaachuun gadda akkasiirraa nu oolcha.—1 Qorontos 6:18.
Waaqayyoon Sodaachuun Cubbuurraa Nu Eega
18. Kaayyoon Seexanaa maalidha? Kaayyoosaa kana galmaan ga’uufoo wantoota akkamiitiin gargaarama?
18 Seexanni amalli namootaa caalaatti akka manca’u gochaa kan jiru yommuu ta’u, keessumaammoo amala Kiristiyaanota dhugaa balleessuu barbaada. Akkas gochuufis, qaamota miiraa kallattiidhaan yaada garaafi sammuu keenyaa wajjin wal qabatan, caalaadhumattimmoo, ijaafi gurra keenyatti gargaarama. (Efesoon 4:17-19) Akka tasaa fakkiiwwan saalqunnamtii argisiisan utuu argitee ykn jechoota fedhii saalqunnamtii kakaasan utuu dhageessee, ykn namoonni amala addaggummaa argisiisan utuu si mudatanii maal goota?
19. Kiristiyaanni tokko Waaqayyoon sodaachuunsaa qorumsa isarra ga’e akka mo’u kan isa gargaare akkamitti?
19 Jaarsa gumii, abbaa ijoolleefi ogeessa fayyaa kan ta’e Andiree b wanta mudate mee haa ilaallu. Awurooppaa keessa kan jiraatu Andireen, hospitaala buluuf yeroo dabareesaa ta’utti, dubartoonni isaa wajjin hojjetan xalayaa fakkiin onnee jaalalasaanii argisiisu irratti kaafame barreessanii, boraatiisaarra kaa’uudhaan akka isaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu barbaadan itti himu turan. Andireen garuu tasumaa afeerriisaanii kana hin fudhanne. Kana malees, amala addaggummaa akkasiirraa fagaachuuf jecha bakka biraatii hojii argate. Waaqayyoon sodaachuun ogummaa ta’uusaarrayyuu, eebba guddaa argamsiisa; yeroo ammaattis Andireen waajjira damee Dhugaa Baatota Yihowaa biyyasaa keessa jirutti guyyaa walakkaa tajaajiluuf mirga argateera.
20, 21. (a) Waaqayyoon sodaachuun cubbuurraa akka fagaannu kan nu gargaaru akkamitti? (b) Mataduree ittaanutti waa’ee maalii ilaalla?
20 Namani tokko yaada sirrii hin taanerratti xiinxaluunsaa, wanta raawwachuu hin qabne akka raawwatu isa gochuusaarrayyuu, hariiroo gaarii Yihowaa wajjin qabu isa dhabsiisuu danda’a. (Yaaqoob 1:14, 15) Karaa garabiraammoo, Yihowaa kan sodaannu yoo taane, namoota, bakkawwan, sochiiwwaniifi bashannanawwan amala keenya mancaasanirraa fagaanna. (Fakkeenya 22:3) Hammam kan nu qaanessuufi aarsaa kan nu kaffalchiisu ta’uyyuu, surraa Waaqayyoo argachuu wajjin yeroo wal bira qabnee ilaallu wanta wayitti lakkaa’amu miti. (Maatewos 5:29, 30) Waaqayyoon sodaachuun, utuma beeknuu fakkiiwwan amala addaggummaa calaqqisiisan ilaaluuf of saaxiluurraa fagaachuufi ija keenya ‘wanta waa’ee hin baafne ilaaluu irraa jal’isuus’ kan dabalatudha.—Faarfannaa 84:11; 119:37.
21 Dhugumayyuu, yeroo hundumaa Waaqayyoon sodaachuun ogummaadha. Akkasumas madda gammachuu dhugaa argamsiisudha. (Faarfannaa 34:9) Kun mataduree ittaanutti ibsama.
[Miiljaleewwan]
a Dammaqaa! Amajjii 8, 1998, [Ingiliffa] mataduree “Wanta Macaafni Qulqulluun Barsiisu: Waaqa Jaalalaa Sodaachuu Kan Dandeessu Akkamitti?” jedhuun Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaa’e ilaali.
b Maqaan kun geddarameera.
Ibsuu Dandeessaa?
• Waaqayyoon sodaachuun amalawwan Kiristiyaanaa kamfaa dabalata?
• Waaqayyoon sodaachuun nama sodaachuurraa kan nu eegu akkamitti?
• Kadhannaadhaaf ilaalcha sirrii akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
• Waaqayyoon sodaachuun cubbuu hojjechuurraa kan nu eegu akkamitti?