Ittiin Baafata
Adoolessa 15, 2013
© 2013 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania. All rights reserved.
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
FULBAANA 2-8, 2013
FUULA 3 • FAARFANNAA: 32, 10
FULBAANA 9-15, 2013
“Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”
FUULA 9 • FAARFANNAA: 30, 5
FULBAANA 16-22, 2013
Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu
FUULA 15 • FAARFANNAA: 14, 20
FULBAANA 23-29, 2013
‘Hojjetaan Amanamaaniifi Ogeessi Isa Kami?’
FUULA 20 • FAARFANNAA: 16, 43
MATADUREEWWAN QAYYABANNAA
▪ “Nutti Himi, Kun Yoom Ta’a?”
▪ “Guyyaa Hundumaa Isinii Wajjin Nan Jira”
Matadureewwan kun, yaadawwan Maatewos boqonnaa 24fi 25rra jiran keessaa muraasarratti ibsa kennu. Raajiin Yesus waa’ee bara dhumaa dubbateefi fakkeenya qamadiifi inkirdaadaa keessatti dubbate yeroo itti raawwatamu ilaalchisee hubannaa kanaan dura qabnurratti sirreeffama godhame ibsu. Akkasumas hubannaa dabalataa kanarraa, dhuunfaadhaan faayidaa argachuu kan dandeenyu akkamitti akka ta’e addeessu.
▪ Namoota Muraasatti Fayyadamanii Namoota Hedduu Sooruu
▪ ‘Hojjetaan Amanamaaniifi Ogeessi Isa Kami?’
Yesus karaa dinqii ta’een namoota hedduu yeroo soorettis ta’e karaa hafuuraa duuka buutotasaa yeroo sooru, namoota hedduu sooruuf namoota muraasatti fayyadama. Matadureen inni duraa, namoonni muraasni Yesus jaarraa jalqabaatti duuka buutotasaa dibamoo ta’an sooruuf itti fayyadame eenyufaa akka ta’an ibsa. Matadureen lammaffaanimmoo, gaaffii barbaachisaa, ‘Namoonni muraasni Kiristos yeroo har’aa nu sooruuf itti fayyadamu eenyu?’ jedhuuf deebii kenna.
MATADUREEWWAN DABALATAA
26 Miseensa Qaama Olaanaa Haaraa
27 Eessattiyyuu Yihowaa Tajaajiluuf Fedhii Qabaachuu
FAKKII QOLASAARRA JIRU: Bukiimbaa, Ruundaa, Ruwaandaatti manaa gara manaa yommuu tajaajilan
RUWAANDAA
Dhugaa Baatota biyyattii keessaa parsantii 25 kan ta’an qajeelchaa ta’anii tajaajilu; Dhugaa Baatonni hinaaffaadhaan tajaajilan kaanimmoo ji’a ji’aan giddu galeessaan sa’aatii 20 tajaajilu
DHUGAA BAATOTA
22,734
QAYYABANNAA MACAAFA QULQULLUU
52,123
2012TTI AYYAANA YAADANNOORRATTI KAN ARGAMAN
69,582