Geggeessituu Torbaafi Gurguddaa Namaa Saddeet—nuuf Hiika Maalii Qabu?
“Nuyi geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeetis itti in kaafna.”—MIK. 5:5.
1. Karoorri mootii Sooriyaafi Israa’el kan fashalaa’e maaliifi?
DH.K.D. bara 762fi 759 gidduu, yeroo ta’e tokkotti mootiin Israa’eliifi mootiin Sooriyaa, mootummaa Yihudaarratti waraana bananii turan. Kaayyoonsaanii maal ture? Yerusaalemiin erga weeraranii booda Ahaaz Mooticha aangoorraa buusuudhaan, nama hidda dhaloota Daawit Mootichaa keessaa hin taane muuduuf ture. (Isa. 7:5, 6) Haata’u malee, karoorrisaanii kun milkaa’uufii hin danda’u. Yihowaan barabaraaf hidda dhaloota Daawit keessaa namni tokko mootii akka ta’u dubbateera; wanti inni dubbatemmoo matumaa utuu hin raawwatamin hin hafu.—Iya. 23:14; 2 Sam. 7:16.
2-4. Raajiin Isaayaas 7:14, 16rra jiru (a) Dh.K.D. jaarraa saddeettaffaatti (b) Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti, raawwiisaa kan argate akkamitti akka ta’e ibsi.
2 Jalqabarratti, Sooriyaafi Israa’el waan mo’an fakkaata ture. Lola tokko qofarratti, Ahaaz loltoota ciccimoo 120,000 du’aan dhabe! “Ilma mootichaa” kan ta’e Ma’aseyaan ni ajjeefame. (2 Sen. 28:6, 7) Haata’u malee, Yihowaan kana hundumaa ilaalaa ture. Waadaa Daawitiif gale yaadachuudhaan, Isaayaas raajichi ergaa baay’ee nama jajjabeessu dhaqee akka dubbatu godhe.
3 Isaayaas, “Kunoo, durbi in ulfoofti, ilmas in deessi, maqaa isaas ‘Amaanu’el’ jettee in moggaafti; . . . mucichi hamaa jibbuu, gaariis fo’achuu utuu hin barin, biyyattiin mootonni ishee lamaan si sodaachisan sun [Sooriyaafi Israa’el] in onti” jedheera. (Isa. 7:14, 16) Kutaan raajii kanaa inni jalqabaa dhalachuu Masiihichaarratti kan xiyyeeffatu si’a ta’u, kunis raawwiisaa argateera. (Mat. 1:23) Haata’u malee, ‘mootonni lamaan,’ jechuunis mootiin Sooriyaafi Israa’el, Dh.K.B. jaarraa jalqabaatti sana booda Yihudaarratti lola waan hin banneef, raajiin Amaanu’eliin ilaalchisee dubbatame bara Isaayaasitti raawwiisaa isa jalqabaa argatee ta’uu qaba.
4 Isaayaas raajii bakka guddaa qabu kana dubbatee utuu baay’ee hin turin, haati manaasaa ulfooftee ilma maqaansaa, Dafii booji’i! Ariifadhuu saami jedhamu deesse. Mucaan kun mucaa Isaayaas “Amaanu’el” jedhee moggaase ta’uu danda’a.a Bara duriitti, mucaan tokko ennaa dhalatu haala adda ta’e ittiin yaadachuuf maqaan tokko kan kennamuuf yommuu ta’u, warrasaafi firootasaa biratti kan waamamu garuu maqaa kan biraatiin ture. (2 Sam. 12:24, 25) Ragaan Yesus maqaa Amaanu’el jedhamuun waamamee akka ture argisiisu hin jiru.—Isaayaas 7:14; 8:3, 4 dubbisi.
5. Ahaaz Mootichi murtoo gowwummaa akkamii godhe?
5 Sooriyaafi Israa’el Yihudaarratti yeroo xiyyeeffatan, waraanni biyya kan biraas isheerratti lola banuuf qophaa’aa jira ture. Waraanni kun, waraana Asor ishee mootummaa addunyaa ta’uuf jettuuti. Isaayaas 8:3, 4 akka ibsutti, Asor Yihudaa qabachuushee dura, ‘badhaadhummaa Damaasqoofi boojuu Samaariyaa’ fudhachuu qabdi turte. Ahaaz raajii Yihowaan karaa Isaayaas dubbatetti amanamuu mannaa, Asorii wajjin walii galtee kan godhe si’a ta’u, kunimmoo Yihudaarratti miidhaa guddaa geessiseera. (2 Mot. 16:7-10) Ahaaz Yihudaadhaaf tiksee gaarii ta’uu hin dandeenye. ‘Murtoo cimaa gochuun ennaa na barbaachisutti Yihowaattimoo namattin amanama?’ jennee of gaafachuun keenya gaariidha.—Fak. 3:5, 6.
TIKSEE HAARAA HAALA ADDA TA’EEN HOJIISAA RAAWWATE
6. Bulchiinsa Ahaaziifi Hisqiyaas walbira qabii ibsi.
6 Ahaaz Dh.K.D. bara 746tti kan du’e si’a ta’u, ilmisaa Hisqiyaas mootummaa Yihudaa isa karaa dinagdees ta’e karaa hafuuraa hiyyummaa keessa jiru dhaale. Mootiin dargaggeessa ta’e kun akkuma aangoo qabateen jalqabarratti maal godha laata? Dinagdee Yihudaa isa kufe kaasuuf yaalaa? Matumaa! Hisqiyaas nama hafuuraa yommuu ta’u, sabasaatiifis tiksee gaarii ta’eera. Tarkaanfiinsaa inni jalqabaa, waaqeffannaa dhugaa deebisee dhaabuudhaan, hariiroo sabichi Yihowaa wajjin qabuufi manca’ee ture cimsuudha. Waaqayyo maal akka isarraa barbaadu akkuma hubateen dafee tarkaanfii fudhateera. Hisqiyaas fakkeenya guddaa nuuf ta’a!—2 Sen. 29:1-19.
7. Lewwoonni mootii haaraa muudamerraa deggersa argachuun kan isaan barbaachise maaliif ture?
7 Lewwoonni waaqeffannaa dhugaan deebi’ee akka dhaabatu gochuurratti ga’ee guddaa qabu turan. Kanaaf, Hisqiyaas isaanii wajjin walga’ii gochuudhaan akka isaan gargaaru mirkaneesseef. Lewwoonni walga’ii sanarratti argamanii turan, yeroo mootichi “Isin fuula isaa dura dhaabattanii . . . hojjetoota isaa akka taataniif Waaqayyo isin fo’ateera” isaaniin jedhu hammam gammadanii akka turan yaadaa! (2 Sen. 29:11) Lewwoonni waaqeffannaa dhugaa babal’isuuf fedhii guddaa akka qaban hubachuun ni danda’ama.
8. Hisqiyaas waaqeffannaa dhugaa deebisee dhaabuuf maal godhe? Bu’aansaahoo maal ture?
8 Hisqiyaas, namoonni Yihudaafi Israa’el keessa jiran hundi Ayyaana Faasikaa isa Ayyaana Maxinoo booda ayyaaneffatamu akka kabajan afeere. Sabni sun ayyaana kanatti baay’ee waan gammadaniif guyyaa torbaaf itti fufanii ayyaaneffatan. Macaafni Qulqulluun, “Bara Solomoon ilma Daawit isa guutummaa Israa’el irratti mootii ture sanaa kaasee hamma ammaatti, wanti akkasii Yerusaalem keessatti ta’ee hin beeku; amma garuu Yerusaalem keessatti gammachuu guddaatu ta’e” jedha. (2 Sen. 30:25, 26) Ayyaanni sun Sabichaaf jajjabina guddaa argamsiiseera! Seenaan Baraa Inni Lammaffaa 31:1 yaada akkas jedhu qabateera: “Kun hundinuu erga raawwatamee booddee . . . utuboota dhagaa warra qulqullaa’ootti ilaalaman in caccabsan, utuboota qiqqirixamanii fakkeenya Asheeraa waaqayyittii tolfamtuutiif dhadhaabaman in murmuran; iddoowwan sagadaa isaanii warra ol ka’oodhaa fi iddoowwan aarsaa hundumaa diigan.” Sabni Yihudaa haala dinqisiisaa akkasiitiin gara Yihowaatti deebi’eera. Jijjiiramni karaa hafuuraa godhame kun wanta dhufuuf jiru tokkoof baay’ee barbaachisaa ture.
MOOTICHI RAKKINA DHUFUUF JIRUUF QOPHAA’EERA
9. (a) Kaayyoon Israa’el kan fashalaa’e akkamitti? (b) Senaaheriib jalqabarratti Yihudaa keessatti milkaa’ina akkamii argate?
9 Akkuma Isaayaas dubbatetti, Asoronni mootummaa Israa’el isa kaabaa kan weeraran si’a ta’u, jiraattotashee booji’anii fudhachuudhaan, kaayyoo Israa’el nama hidda dhaloota Daawit keessaa hin taane muuduuf qabu fashaleessan. Haata’u malee, kaayyoon Asorotaa maal ture? Yihudaa weeraruuf kutatanii turan. “Bara Hisqiyaas mootichaa waggaa kudha afuraffaa keessa Senaaheriib mootiin Asor biyya Yihudaatti duulee, mandaroota biyyichaa warra kellaa dhagaa qaban hundumaa in qabate.” Senaaheriib magaalaawwan Yihudaa 46 guutummaatti weerareera. Yeroo sanatti Yerusaalem keessa jiraachaa turte utuu ta’ee, maaltu akka sitti dhaga’amu yaadi. Magaalonni Yihudaa, tokko tokkoon humna waraanaa Asoriin weeraramaniiru.—2 Mot. 18:13.
10. Miikiyaas 5:5, 6 Hisqiyaasiif jajjabina kenneefii ta’uu qaba kan jennu maaliifi?
10 Hisqiyaas rakkina isatti dhufaa jiru hubatee kan ture ta’us, akka abbaasaa Ahaaz inni gantuu ture godhe, saba Waaqayyoon hin beeknerraa gargaarsa gaafachuu mannaa, Yihowaatti amanameera. (2 Sen. 28:20, 21) Hisqiyaas, raajii Miikiyaas Asoriin ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbate beeka ture: “Yommuu warri Asor biyya keenyatti darban . . . nuyi geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeetis itti in kaafna. Isaan warra biyya Asor billaadhaan . . . in tiksu.” (Mik. 5:5, 6) Yaanni geggeessaa hafuuraatiin dubbatame kun loltoonni hin beekamne tokko Asorirratti ka’anii akka isaan balleessan waan ibsuuf, Hisqiyaasiin baay’ee jajjabeessee ta’uu qaba.
11. Raajiin geggeessituu torbaafi gurguddaa namaa saddeet ilaalchisee dubbatame raawwiisaa isa guddaa kan argatu yoomidha?
11 Raajiin geggeessituu torbaafi gurguddaa namaa (“ilmaan mootii,” Za Niiwu Ingilish Baayibil) saddeet ilaalchisee dubbatame, Yesus inni ‘Israa’eliin mo’u, hundeen isaa bara durii durii’ kaasee ture erga dhalatee yeroo dheeraa booda raawwiisaa isa guddaa argachuu qaba. (Miikiyaas 5:1, 2 dubbisi.) Kun raawwiisaa kan argatu yeroo ‘Asoronni’ ammayyaa ykn diinonni tajaajiltoota Yihowaarratti lola bananittidha. Haata’u malee, Yihowaan karaa Ilmasaa isa Mootii ta’ee jiruun, tajaajiltootasaa diinotasaanii sodaachisoo ta’an jalaa oolchuuf humna akkamiitti fayyadama? Waa’ee kanaa booda ilaalla. Jalqaba garuu, loltoonni Asor yommuu Yihudaa weeraran wanta Hisqiyaas godherraa barumsa akkamii akka argannu haa ilaallu.
HISQIYAAS OGUMMAADHAAN TARKAANFII FUDHATEERA
12. Hisqiyaasiifi namoonni isaa wajjin turan saba Waaqayyoo eeguuf tarkaanfii akkamii fudhatan?
12 Yihowaan wanta nuti gochuu hin dandeenye kan nuuf godhu ta’us, wanta gochuu dandeenyu akka goonu barbaada. Hisqiyaas “gurguddoota isaa fi loltoota isaa wajjin” erga mari’atee booda walii galuudhaan “burqituuwwan bishaanii warri mandarattii duuba jiran hundinuu akka duuchaman” godhe. “Kana booddee Hisqiyaas itti jabaatee kellaa mandarattii isa caccabe deebisee, riqaa irratti ijaarsisee, karaa alaas akkasuma kellaa kan biraa itti dabalee ijaarsisee, . . . itti dabalees eeboo fi gaachana baay’ee in hojjechiise.” (2 Sen. 32:3-5) Yihowaan sabasaa yeroo sana turan eeguufi tiksuuf, namoota jajjaboo kanneen akka Hisqiyaas, Abbootii firdiifi raajota karaa hafuuraa cimoo ta’anitti fayyadameera.
13. Hisqiyaas rakkina dhufuuf jiruuf sabicha qopheessuuf tarkaanfii barbaachisaa akkamii fudhate? Ibsi.
13 Tarkaanfiin Hisqiyaas ittaansuudhaan fudhate, burqituuwwan duuchuu ykn kellaa deebisee ijaaruu caalaa iddoo guddaa kan qabudha. Hisqiyaas tiksee baay’ee isaaniif yaadu waan tureef saba sana walitti qabuudhaan, “Mootii Asor . . . sodaattanii hin na’inaa! Inni irree fooniitiin lola, Waaqayyo gooftaan keenya garuu nu bira goree nuuf in lola” jedhee isaan jajjabeesse. Yihowaan sabasaatiif akka lolu isaan yaadachiisuunsaa amantiisaanii akka jabeesseef hin shakkisiisu! Yihudoonni kana erga dhaga’anii booda, “dubbii Hisqiyaas mootiin Yihudaa dubbateen humna in argatan.” Sabichi akka jabaatu kan godhe “dubbii Hisqiyaas” akka ture yaadadhaa. Inni, gurguddoonni biyyaafi namoonni ciccimoon isaa wajjin turan, akkasumas Miikiyaas raajichiifi Isaayaas raajichi, akkuma Yihowaan karaa raajiisaa dursee dubbatetti tiksitoota gaarii ta’aniiru.—2 Sen. 32:7, 8; Miikiyaas 5:5, 6 dubbisi.
14. Rabshaaqeen maal godhe? Yihudoonnihoo deebii akkamii isaaf kennan?
14 Mootiin Asor, kibba bahaa Yerusaalem, jechuunis Laakiishitti buufata waraanaa ijaare. Bakka buufatasaa kana taa’ee jiraattonni magaalattii harka akka kennan akka itti himan namoota sadii erge. Rabshaaqeen inni adda duree ergamoota kanaa ta’e, mala addaddaatti fayyadamuudhaan sabicha haasofsiise. Sabichi mootiisaanii ganuudhaan Asorotaaf yoo abboomaman, biyya jireenya qananii itti jiraatanitti akka isaan geessu afaan Ibrootaatiin dubbachuudhaan abdii sobaa isaaniif kenne. (2 Mootota 18:31, 32 dubbisi.) Achiis, Rabshaaqeen waaqayyolii kan biraan waaqeffattootasaanii oolchuu akkuma hin dandeenye, Yihowaanis harka Asorotaa jalaa Yihudoota oolchuu akka hin dandeenye dubbate. Sabni sun garuu, wanta inni isaan gowwoomsuuf dubbate kanaaf deebii hin kennine. Sabni Yihowaa yeroo har’aa jiranis yeroo baay’ee fakkeenya kana hordofu.—2 Mootota 18:35, 36 dubbisi.
15. Jiraattota Yerusaalemirraa maaltu barbaadama ture? Yihowaan kan isaan oolchehoo akkamitti?
15 Hisqiyaas baay’ee kan dhiphate ta’us, biyyoota ollaarraa gargaarsa gaafachuu mannaa, karaa Isaayaas raajichaa gargaarsa Yihowaa gaafate. Isaayaasis, “Inni [Senaaheriib] si’achi gara mandara kanaa dhufee, xiyya gad itti hin dhiisu” isaan jedhe. (2 Mot. 19:32) Jiraattota Yerusaalemirraa wanti barbaadamu jabaatanii dhaabachuu qofa ture. Yihowaan Yihudaadhaaf ni lola. Dhugumayyuu isaaniif loleera! “Halkanuma gaafasii ergamaan Waaqayyoo ba’ee, buufata loltuu warra Asor keessaa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma saddeettamii shan in ajjeese.” (2 Mot. 19:35) Yihudaan ooluu kan dandeesse, Hisqiyaas burqituuwwan waan duucheef ykn kellaa magaalattii deebisee waan ijaareef utuu hin ta’in, gargaarsa Yihowaatiin ture.
BARUMSA YEROO HAR’AA IRRAA ARGANNU
16. Yeroo har’aa (a) jiraattota Yerusaalemitti (b) ‘Asorotatti’ (c) geggeessituu torbaafi gurguddaa namaa saddeetitti kan fakkeeffaman eenyufa’i?
16 Raajiin geggeessituu torbaafi gurguddaa namaa saddeet ilaalchisee dubbatame yeroo har’aatti raawwiisaa isa guddaa argachaa jira. Jiraattonni Yerusaalem durii Asorotaan miidhaan isaanirra ga’ee ture. Dhiheenyatti, sabni Yihowaa wanta gargaarsa hin qabne fakkaatan, “Asorota” ammayyaa warra isaan balleessuu barbaadanirraa miidhaa cimaan isaanirra ga’a. Macaafni Qulqulluun miidhaa isaanirra ga’u kana, miidhaa ‘Goog inni biyya Maagoog’ geessisu, miidhaa ‘mootiin biyya kaabaa’ (NW) geessisuufi miidhaa “mootonni biyya lafaa” geessisan jechuudhaan ibsa. (His. 38:2, 10-13; Dan. 11:40, 44, 45; Mul. 17:14; 19:19) Kun miidhaan garaagaraa kan argisiisudhaa? Ta’uu dhiisuu danda’a. Macaafni Qulqulluun miidhaa tokko maqaa garaagaraatiin ibsuu danda’a. Raajiin Miikiyaas, Yihowaan “Asorota” diina hamoo ta’an kanarratti ‘mi’a waraanaa dhokataa ta’e’ akkamii akka kaasu argisiisa? Mi’a waraanaa beekamaa hin taane, jechuunis “geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeet” ni kaasa! (Mik. 5:5) Geggeessituufi gurguddaan namaa (ykn “ilmaan mootii,” Za Niiwu Ingilish Baayibil) akka humna waraanaatti ibsaman jaarsolii gumii kan argisiisanidha. (1 Phe. 5:2) Yeroo har’aa Yihowaan, hoolotasaa tiksuufi miidhaa “Asoronni” ammayyaa gara fuulduraatti isaanirraan ga’an akka danda’aniif jabeessuuf dhiirota karaa hafuuraa ga’umsa qaban hedduu kaaseera.b Raajiin Miikiyaas dubbate akka ibsutti, “isaan warra biyya Asor billaadhaan . . . in tiksu.” (Mik. 5:6) ‘Mi’a waraanaa’ isaan itti fayyadaman keessaa tokko Dubbii Waaqayyoo isa “billaa hafuuraa” ta’edha.—2 Qor. 10:4; Efe. 6:17, hiika bara 1899.
17. Barumsi arfan jaarsoliin seenaa olitti ilaallerraa argatan maalfa’i?
17 Jaarsoliin gumii mataduree kana dubbisaa jiran, seenaa kanarraa barumsa armaan gadii argatu: (1) Miidhaa “Asoronni” gara fuulduraatti nurraan ga’aniif qophaa’uuf tarkaanfiin fudhachuu dandeenyu, amantaa Yihowaarratti qabnu cimsachuufi obboloonni keenyas akka cimsatan gargaaruudha. (2) Ennaa “Asoronni” miidhaa geessisanitti, jaarsoliin gumii Yihowaan akka nu oolchu amanuu qabu. (3) Yeroo sanatti, qajeelfamni lubbuu keenya oolchuuf nu gargaaruufi jaarmiyaa Yihowaarraa argannu akka ilaalcha namaatti faayidaa kan hin qabne fakkaachuu danda’a. Hundi keenya qajeelfamni nuuf kennamu sirrii kan ta’e nutti fakkaatus fakkaachuu baatus ajajamuuf qophaa’oo ta’uu qabna. (4) Yeroon kun yeroo namoonni barumsa biyya lafaatti, qabeenyatti ykn dhaabbata ilmaan namootaatti amanaman ilaalchasaanii itti sirreessanidha. Jaarsoliin nama amantiinsaa laafe kamiyyuu jajjabeessuuf qophaa’oo ta’uu qabu.
18. Seenaa kanarratti xiinxaluun keenya gara fuulduraatti kan nu fayyadu akkamitti?
18 Yeroon tajaajiltoonni Yihowaa yeroo har’aa jiran, akkuma Yihudoonni bara Hisqiyaas Yerusaalem keessatti qabaman ta’an, gargaarsa kan hin qabne itti fakkaatan ni dhufa. Yeroo sanatti hundi keenya yaada Hisqiyaas dubbaterraa jajjabina argachuu dandeenya. Diinonni keenya ‘irree fooniitiin akka lolan, Waaqayyo gooftaan keenya garuu nu bira goree nuuf akka lolu’ haa yaadannu!—2 Sen. 32:8.
a Jechi afaan Ibrootaa Isaayaas 7:14rratti “durba” jedhamee hiikame, dubartii heerumtes ta’e durba argisiisuu danda’a. Kanaaf, jechi kun haadha manaa Isaayaasiifis ta’e Maariyaam ishee durba turteef hojjechuu danda’a.
b Macaafa Qulqulluu keessatti yeroo baay’ee lakkoofsi torba wanti tokko guutuu ta’uusaa argisiisuuf itti hojjetama. Lakkoofsi saddeetimmoo (torba tokkoon kan caalu) yeroo tokko tokko wanti tokko hedduu ta’uusaa argisiisa.