“Warra Booʼanii Wajjin Booʼaa”
“Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.” —1 TAS. 5:11.
1, 2. Warra nama jaallatan duʼaan dhaban akkamitti akka jajjabeessinu irratti mariʼachuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.)
SUUSEEN akkana jetteetti: “Ilmi keenya erga duʼee booda gara waggaa tokkootiif, gadda guddaa fi dhiphina cimaatu nutti dhagaʼama ture.” Obboleessi akka tasaa haati manaa isaa jalaa duute immoo, “dhukkuba ibsuun ulfaataa taʼe” isatti dhagaʼamaa akka ture dubbateera. Kan nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun kaanis gaddi cimaan akkasii isaan mudata. Obboloonni gumii Kiristiyaanaa keessa jiran hedduun, Armaagedoon dura namoota jaallatan duʼaan akka dhaban hin eegne taʼa. Ati iyyuu nama jaallattu duʼaan dhabdeetta yoo taʼe ykn nama namni inni jaallatu jalaa duʼe beekta taanaan, ‘Namoota gaddaan garaan isaanii cabe akkamitti gargaaruun dandaʼama?’ jettee gaafatta taʼa.
2 Tarii yeroon darbaa ennaa deemu jajjabaachuun akka dandaʼamu dhageesseetta taʼa. Haa taʼu malee, yeroon darbuun isaa qofti namoonni gaddaan garaan isaanii cabe akka jajjabaatan gochuu dandaʼaa? Dubartiin abbaa manaa ishii duʼaan dhabde tokko, “Gaddi keenya akka hirʼatu kan nu gargaaru, akkaataa yeroo keenya itti dabarsinu dha utuu jedhamee sirrii natti fakkaata” jetteetti. Eeyyee, akkuma madaa qaamaa, madaan miiraas kunuunsi gaariin yoo godhameef suutuma suuta fooyyaʼaa deemuu dandaʼa. Warra nama jaallatan duʼaan dhaban gaddi isaanii akka hirʼatu gochuuf keessumaa maaltu isaan gargaaruu dandaʼa?
YIHOWAA ISA “WAAQA JAJJABINA HUNDAA” TAʼE
3, 4. Yihowaan, namni gadde tokko jajjabinni akka isa barbaachisu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
3 Maddi jajjabina guddaa, Yihowaa isa Abbaa keenya isa samii gara laafessa taʼe akka taʼe homaa hin shakkisiisu. (2 Qorontos 1:3, 4 dubbisi.) Yihowaan, rakkina warra kaanii hubachuu irratti fakkeenya guddaa waan taʼeef saba isaatiin, “Anuma, anuma inni isin jajjabeessu!” jedheera.—Isa. 51:12; Far. 119:50, 52, 76.
4 Yihowaan inni Abbaan keenya gara laafessa taʼe, yommuu michoonni isaa Abrahaam, Yaaqoob, Musee fi Daawit Mootichi duʼanitti nama jaallatan duʼaan dhabuun hangam ulfaataa akka taʼe argeera. (Lak. 12:6-8; Mat. 22:31, 32; HoE. 13:22) Yihowaan yeroo michoota isaa kana gara jireenyaatti itti deebisu hawwii guddaadhaan akka eeguu fi kana gochuufis fedhii guddaa akka qabu Dubbiin Waaqayyo nuuf mirkaneessa. (Iyo. 14:14, 15) Yeroo sanatti gammadoo fi fayyaa guutuu kan qaban taʼu. Mee Waaqayyo, ilmi isaa inni baayʼee jaallatamaa taʼee fi “baayʼee itti gammadu,” [NW] dhiphina guddaadhaan yommuu duʼu wanta isatti dhagaʼamee ture yaadaa. (Fak. 8:22, 30) Wanta yeroo kanatti Yihowaatti dhagaʼamee ture ibsuun ulfaataa dha.—Yoh. 5:20; 10:17.
5, 6. Yihowaa kan nu jajjabeessu akkamitti?
5 Yihowaan akka nu gargaaru amanannaa cimaa qabaachuu dandeenya. Kanaaf, gadda nutti dhagaʼamu ilaalchisee wanta garaa keenya keessa jiru kadhannaadhaan Yihowaadhaaf dhangalaasuu irraa duubatti jechuu hin qabnu. Yihowaan gadda guddaa nutti dhagaʼamu akka hubatuu fi jajjabina nu barbaachisu akka nuuf kennu beekuun kan nama jajjabeessu dha! Taʼus, kana kan godhu akkamitti?
6 Karaa Waaqayyo itti nu gargaaru keessaa tokko, “jajjabina hafuura qulqulluu” akka argannu gochuudhaani. (HoE. 9:31) Humni Waaqayyoo inni hojii irra jiru, madda jajjabina guddaa ti. Yesuus, Abbaan keenya inni samii ‘warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu akka kennu’ waadaa galeera. (Luq. 11:13) Suuseen ishiin olitti caqasamtee turte akkana jetteetti: “Yihowaan akka nu jajjabeessu yeroo baayʼee jilbeenfannee kadhanneerra. Yeroo kana hundatti, nagaan Waaqayyoo garaa fi sammuu keenya nuuf eegeera.”—Filiphisiiyus 4:6, 7 dubbisi.
YESUUS ISA LUBA OL AANAA GARA LAAFESSA TAʼE
7, 8. Yesuus nama jajjabeessuu akka dandaʼu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu akkamitti?
7 Yesuus yommuu lafa irra turetti, amalawwan gaarii Abbaan isaa qabu dubbii isaatiinis taʼe gocha isaatiin guutummaatti argisiiseera. (Yoh. 5:19) Yesuus kan ergame, ‘warra garaan isaanii cabee’ fi “warra gaddan hundumaa” jajjabeessuufi. (Isa. 61:1, 2; Luq. 4:17-21) Kanaaf, Yesuus gara laafina guddaa argisiisuu fi rakkina warra kaanii kan hubatu taʼuu isaatiin beekama ture; rakkinni isaanii akka isaaniif hirʼatuuf garaadhaa hawwa ture.—Ibr. 2:17.
8 Yesuus yommuu dargaggeessa turetti, miseensonni maatii isaa fi namoonni inni beeku yommuu duʼan arguun isaa isa gaddisiisee akka ture hin shakkisiisu. Yoseef inni Yesuusiin guddise, yeroo dargaggummaa Yesuusitti waan duʼe fakkaata.a Yesuus inni gara laafessi, tarii inni umurii waggoota kurnanii ykn waggoottan 20mman jalqabaa keessa ture, gadda ofii isaatiis taʼe haadhaa isaatii fi obbolaa isaatii akkamitti akka damdamate yaaduu dandeessu.
9. Yesuus yommuu Alaazaar duʼetti miira namootaa akka hubatu kan argisiise akkamitti?
9 Yesuus tajaajila isaa yommuu jalqabetti, hubannaa guddaa akka qabuu fi miira namootaa akka hubatu argisiiseera. Fakkeenyaaf, yeroo Alaazaar inni michuu isaa ture duʼetti wanta taʼe ilaalaa. Yesuus, Alaazaariin akka duʼaa kaasuuf jedhu kan beeku taʼus, gaddi cimaan Maariyaamii fi Maartaatti dhagaʼame isattis dhagaʼameera. Gaddi cimaan isaanitti dhagaʼame garaan isaa raafamee imimmaan isaa akka dhangalaasu isa taasiseera.—Yoh. 11:33-36.
10. Yesuus yeroo harʼaatti miira namootaa akka hubatu amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi?
10 Jechoonni Yesuus namoota jajjabeessuuf gara laafinaan dubbatee ture yeroo ammaatti kan nu fayyadan akkamitti? Kitaabni Qulqulluun, “Yesuus Kiristoos kaleessa, harʼa, bara baraanis isuma sana” jechuudhaan nuuf mirkaneessa. (Ibr. 13:8) Yesuus “Bakka Buʼaa jireenyaa Isa Guddaa” waan taʼeef, gadduun maal akka taʼe akka gaariitti hubata; kanaaf, “warra qorumsa keessa jiran gargaaruu ni dandaʼa.” (HoE. 3:15; Ibr. 2:10, 18) Dhuguma iyyuu, Kiristoos gaddi namootaa akka isatti dhagaʼamu, gadda isaanii akka hubatuu fi ‘yeroo barbaachisaa’ taʼetti jajjabina akka isaaniif kennu amanannaa qabaachuu ni dandeenya.—Ibroota 4:15, 16 dubbisi.
“JAJJABINA KITAABOTA QULQULLUU KEESSAA ARGAMU”
11. Caqasoonni keessumaa siin jajjabeessan warra kamfaʼi?
11 Seenaan waaʼee Yesuus yommuu Alaazaar duʼetti gadda cimaa isatti dhagaʼamee ture ibsu, caqasoota nama jajjabeessanii fi Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman hedduu keessaa tokko qofa dha. Waaʼee Kitaaba Qulqulluu akkana jedhamuun isaa nama hin dinqisiisu: “Jabaannee dhaabachuu keenyaan, akkasumas jajjabina Kitaabota Qulqulluu keessaa argamuun abdii qabaachuu akka dandeenyuuf, wantoonni dursanii barreeffaman hundi barumsa akka irraa argannuuf barreeffamaniiru.” (Rom. 15:4) Atis gadda irra kan jirtu yoo taʼe, caqasawwan armaan gadii irraa jajjabina argachuu dandeessa:
“Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaaʼes in fayyisa.”—Far. 34:18, 19.
“Yeroo yaaddoon garaa kootti baayʼatu, ati [Yihowaan] na jajjabeessitee lubbuu koo gammachiifta.”—Far. 94:19.
“Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, akkasumas Waaqayyo Abbaan keenya inni nu jaallatee fi gaarummaa guddaadhaan jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuu kenne, garaa keessan haa jajjabeessan . . . isin haa cimsan.”—2 Tas. 2:16, 17.b
GUMIIN MADDA JAJJABINAA TI
12. Karaan warra kaaniif madda jajjabinaa taʼuu itti dandeenyu tokko isa kami?
12 Namoota gaddi isaan irra gaʼeef wanti madda jajjabinaa taʼe inni biraan gumii Kiristiyaanaa ti. (1 Tasalonqee 5:11 dubbisi.) Namoota ‘yaadni isaanii cabe’ cimsuu fi jajjabeessuu kan dandeessu akkamitti? (Fak. 17:22) Yaada, “calluma jechuun yeroo qaba, dubbachuunis yeroo qaba” jedhu yaadadhaa. (Lal. 3:7) Daaliin ishiin abbaan manaa ishii duʼe akkana jetteetti: “Namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban yaada isaanii fi miira isaanii ibsuu barbaadu. Kanaaf, nama gaddeef wanti gochuu dandeessan inni guddaan gidduutti utuu isa hin kutin isa dhaggeeffachuu dha.” Yuuniyaa ishii obboleessi ishii of ajjeesses akkana jetteetti: “Gadda isaanitti dhagaʼamu guutummaatti hubachuu baattanis, wanta isaanitti dhagaʼamu hubachuu kan barbaaddan taʼuun keessan qofti isaan jajjabeessa.”
13. Gadda ilaalchisee maal yaadachuu qabna?
13 Kana malees, akkaataa namoonni itti gaddanii fi gadda isaanii itti ibsan garaa gara taʼuu isaa yaadadhaa. Yeroo tokko tokko, hangam gadda cimaan akka isatti dhagaʼamu guutummaatti kan hubatu nama sana qofa dha; miira isatti dhagaʼamus dubbachuun isatti ulfaata taʼa. Dubbiin Waaqayyoo akkana jedha: “Garaan yaada isaa beeka, gammachuu isaattis namni biraan hin makamu.” (Fak. 14:10, hiika bara 1899) Namni tokko miira isaa yommuu ibsu illee, wanta inni dubbachuuf yaalii gochaa jiru yeroo hunda hubachuun warra kaaniif salphaa miti.
14. Jechoota Warra nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabeessan dubbachuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Nama gadda guddaa irra jiru tokko jajjabeessuuf wanta dubbannu beekuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Taʼus Kitaabni Qulqulluun, “arrabni ogeessaa . . . in fayyisa” jedha. (Fak. 12:18) Namoonni hedduun birooshura, Namni Jaallattan Yeroo Duʼuc jedhamu irra yaadawwan warra kaan ittiin jajjabeessuu dandaʼan argataniiru. Taʼus, yeroo baayʼee wanti caalaatti isaan fayyaduu fi isin gochuu dandeessan, ‘warra booʼanii wajjin booʼuu’ dha. (Rom. 12:15) Gabee ishiin abbaan manaa irraa duʼe akkana jetteetti: “Imimmaan karaa wanta garaa koo keessa jiru ittiin ibsu naaf taʼeera. Michoonni koo yommuu anaa wajjin booʼan kanan jajjabaadhu kanaafi. Yeroo sanatti, kanan gaddaa jiru qofaa koo akka hin taane natti dhagaʼama.”
15. Nama tokko kallattiidhaan jajjabeessuun yoo nutti ulfaate maal gochuu dandeenya? (Akkasumas saanduqa “Jechoota Nama Jajjabeessan” jedhu ilaali.)
15 Kallattiidhaan nama sana jajjabeessuun yoo isinitti ulfaate, kaardii, iimeelii ykn bilbilaan ergaa erguu ykn xalayaa erguufii dandeessu. Caqasa nama jajjabeessu tokko caqasuu, amalawwan gaggaarii nama duʼe sanaa dinqisiifattanii fi yaadattan tokko tokko barreessuu ykn yeroo gammachiisaa waliin dabarsitanii fi bakka guddaa kennitaniif barreessuu dandeessu. Yuuniyaan akkana jetteetti: “Ergaa gabaabaa nama jajjabeessuu yommuu na gaʼu ykn obboleettiin tokko akkan ishii wajjin yeroo dabarsu afeerraa naaf dhiheessitu jajjabina guddaan argadha. Jechoonni sun akkan jaallatamuu fi akka naaf yaadan akka natti dhagaʼamu godhaniiru.”
16. Karaan keessumaa buʼa qabeessi namoota itti jajjabeessinu isa kami?
16 Kiristiyaana namni jalaa duʼee wajjinis taʼe, waaʼee isaa caqasanii kadhachuun faayidaa inni qabu salphistanii hin ilaalinaa. Haala akkasii keessatti miirri keessan waan jeeqamuuf, yaada keessan kadhannaadhaan ibsuun ulfaataa taʼuu akka dandaʼu beekamaa dha. Taʼus, sagaleen keessan ciccitaa fi booʼaa illee kadhannaan garaadhaa waaʼee nama sanaa dhiheessitan, jajjabeessuuf humna guddaa qaba. Daaliin akkana jechuudhaan waan yaadattu dubbatti: “Al tokko tokko obboleettonni na jajjabeessuu yommuu dhufan, akka anaaf kadhatan isaanan gaafadha ture. Yeroo baayʼee jalqaba irratti yaada isaanii ibsuun kan isaan rakkisu taʼus, sagaleen isaanii suutuma suuta tasgabbaaʼaa adeema; achiis kadhannaa garaadhaa madde dhiheessu. Amantiin isaanii inni cimaan, jaalalli isaanii fi kan anaaf yaadan taʼuu isaanii arguun koo amantii koo baayʼee naaf cimseera.”
JAJJABEESSUU KEESSAN ITTI FUFFAA
17-19. Utuu wal irraa hin kutin jajjabeessuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
17 Yeroon namni tokko gadda isaa irraa itti jajjabaachuuf fudhatu, isa kaan irraa baayʼee adda taʼuu dandaʼa. Kanaaf, namoota gadda irra jiran jajjabeessuuf guyyoota muraasa jalqabaa yeroo michoonnii fi firoonni isaanii jiranitti qofa utuu hin taʼan, jiʼoota itti aanan yommuu namoonni kun gara hojii hojii isaaniitti deebiʼan dhaqxanii isaan jajjabeessuu dandeessu. “Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, innis obboleessa yeroo rakkinaatiif dhalate dha.” (Fak. 17:17, NW) Gadda isaa irraa jajjabaachuuf yeroo hangamii kan fudhatu taʼu iyyuu, Kiristiyaanonni hidhata amantii isaa taʼan isa cinaa akka jiran beekuun isaa guddaa isa jajjabeessuu dandaʼa.—1 Tasalonqee 3:7 dubbisi.
18 Namni nama jaallatu jalaa duʼe guyyaa gaaʼela itti godhatan yommuu yaadatu, muuziqaa, suuraa, hojiiwwan ykn urgaa, sagalee ykn tibba tokko tokkotti gaddi isatti dhagaʼamu akka dandaʼu yaadadhaa. Keessumaa wantoota hedduu namni hiriyaan gaaʼelaa isaa jalaa duʼe yeroo jalqabaatiif kophaa isaa raawwatu, jechuunis akka walgaʼii guddaa ykn Ayyaana Yaadannoo irratti kophaa isaa yommuu taʼu gaddi guddaan isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Obboleessi tokko akkana jedheera: “Erga haati manaa koo duutee booda guyyaan gaaʼela itti godhannetti yeroo jalqabaatiif kophaa taʼuun koo baayʼee kan na jeequ akka taʼu eegeen ture; dhuguma iyyuu salphaa hin turre. Kophaa koo akkan hin taaneef garuu obboloonni muraasni, michoota koo wajjin yeroo akkan dabarsuuf qophii xinnoo godhanii turan.”
19 Taʼus, namoonni nama jaallatan duʼaan dhaban jajjabinni kan isaan barbaachisu qophii adda taʼe irratti qofa akka hin taane yaadadhaa. Yuuniyaan akkana jetteetti: “Qophiin adda yeroo hin jirrettis nu gargaaruu fi nuu wajjin taʼuun isaanii yeroo baayʼee faayidaa guddaa qaba. Wantoonni sagantaa malee raawwataman akkasii faayidaa guddaa fi jajjabina hangana hin jedhamne argamsiisu.” Gadda hunda hambisuu ykn qaawwa sababii nama duʼe sanaatiin uumame guutummaatti duuchuu kan hin dandeenye taanus, wantoota tokko raawwachuudhaan namni gaddi irra gaʼe sun hamma tokko jajjabina akka argatu gochuu dandeenya. (1 Yoh. 3:18) Gabeen akkana jetteetti: “Yihowaan jaarsolii gumii jaalala qabanii fi rakkina koo hunda keessatti utuu na biraa hin hafin na gargaaran waan naa kenneef isan galateeffadha. Dhugaadhumatti, harki Yihowaa akka na hammate akka natti dhagaʼamu godhaniiru.”
20. Abdii Yihowaan kenne madda jajjabinaa guddaa kan taʼe maaliifi?
20 Yihowaan inni Waaqa jajjabina hundaa taʼe, gadda hunda balleessee, yeroo ‘namoonni duʼanii awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee Kiristoos itti dhagaʼan’ fiduudhaan jajjabina bara baraa akka kennuu beekuun keenya baayʼee nama jajjabeessa! (Yoh. 5:28, 29) Waaqayyo abdii akkana jedhu kenneera: “Raawwatees duʼa in balleessa, Waaqayyo gooftaan imimmaan ija nama hundumaattii in haqa.” (Isa. 25:8) Yeroo sanatti, jiraattonni lafaa irraa hundi ‘warra booʼanii wajjin booʼuun’ isaanii hafee, ‘warra gammadanii wajjin ni gammadu.’—Rom. 12:15.
a Waaʼeen Yoseef yeroo dhumaatiif kan caqasame, yommuu Yesuus umuriin isaa waggaa 12 turetti dha. Yesuus dinqii isaa isa jalqabaa yommuu raawwatetti, jechuunis bishaan gara wayiniitti yommuu jijjiire waaʼeen Yoseef hin caqasamne; sana boodas waaʼee isaa hin ibsamne. Yesuus muka irratti fannifame irra utuu jiruu, haadha isaa Yohaannis ergamaatti hadaraa kan kenne siʼa taʼu, utuu Yoseef jiraatee akkas gochuun isa hin barbaachisu ture.—Yoh. 19:26, 27.
b Caqasoonni namoota hedduu jajjabeessan kan armaan gadii ti: Faarfannaa 20:1, 2; 31:7; 38:8, 9, 15; 55:22; 121:1, 2; Isaayaas 57:15; 66:13; Filiphisiiyus 4:13 fi 1 Pheexiros 5:7.
c Mata duree Masaraa Eegumsaa Sadaasa 1, 2010 irra jiruu fi “Akkuma Yesuus Godhe Namoota Gaddan Jajjabeessaa” jedhu ilaali. (Amaariffa)