Namummaa Moofaa Of Irraa Baasnee Gatuu fi Of Irraa Fageessuu kan Dandeenyu Akkamitti?
“Namummaa moofaa gochawwan isaa hundumaa wajjin of irraa baasaa gataa.”—QOL. 3:9.
1, 2. Namoonni waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa maal hubataniiru?
NAMOONNI hedduun Dhugaa Baatonni Yihowaa amala gaggaarii akka qaban hubataniiru. Fakkeenyaaf, barreessaan Aanton Giil jedhaman waaʼee obboloota keenya bara Naazii Jarmanii keessa turan akkana jedhanii barreessaniiru: “Dhugaa Baatonni Yihowaa warra Naazii biratti akka diina guddaatti ilaalamu turan. . . . Bara 1939tti isaan keessaa 6,000 manneen hidhaa Naazii, konsantireeshin kaampii jedhaman keessatti hidhamanii turan.” Barreessaan kun itti dabalaniis, ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼu iyyuu, Dhugaa Baatonni sun “kan amanamanii fi kan tasgabbaaʼan,” akkasumas “jabaatanii kan dhaabatanii fi tokkummaa kan qaban” taʼuu isaanii akka argisiisan dubbataniiru.
2 Dhiheenya kana immoo, namoonni Afriikaa Kibbaa jiraatanis sabni Waaqayyoo amala gaggaarii akka qaban hubataniiru. Yeroo tokko, Dhugaa Baatonni adii fi gurraacha biyya sanaa, bilisaan waliin taʼuu hin dandaʼan turan. Haa taʼu malee, Dilbata, Muddee 18, 2011tti, obboloonni keenya sanyii adda addaa qaban, Afriikaa Kibbaa fi biyyoota ollaa keessatti argaman 78,000 ol taʼan, istaadiyomii guddaa magaalaa Johaanisbargi keessatti sagantaa hafuuraa irratti walii wajjin argamuun isaanii nama dinqisiisa ture. Hoggantoota istaadiyomii sanaa keessaa tokko namoota walitti qabaman sana ilaalchisee akkana jedheera: “Namoonni kun namoota hanga ammaatti istaadiyomii kana keessatti arge keessaa amala gaarii hunda caalu kan qabani dha. Hundumtuu uffata qulqulluu uffataniiru. Istaadiyomii kanas akka gaariitti qulqulleessitaniittu. Hunda caalaa immoo, isin dhuguma iyyuu sanyii adda addaa keessaa kan dhuftani dha.”
3. Wanti waldaa obbolummaa keenya adda taasisu maali dha?
3 Yaanni namoonni Dhugaa Baatota hin taane kennan akkasii, ‘waldaan obbolummaa’ addunyaa maraa keenya dhuguma iyyuu adda taʼuu isaa argisiisa. (1 Phe. 5:9) Haa taʼu malee, wanti jaarmiyaalee kaan irraa adda nu taasisu maali dha? Gargaarsa Dubbii Waaqayyoo fi hafuuraa qulqulluutiin, ‘namummaa moofaa of irraa baasnee gatuuf’ carraaqqii guddaa gochuu keenya dha. Namummaa moofaa of irraa baasnee, ‘namummaa haaraa uffanna.’—Qol. 3:9, 10.
4. Mata duree kana irratti waaʼee maalii mariʼanna? Maaliifi?
4 Namummaa moofaa of irraa baasuun waan tokko taʼee utuu jiruu, of irraa fageessuun immoo waan kan biraa dha. Mata duree kana keessatti, namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe, akkas gochuun keenya ariifachiisaa kan taʼe maaliif akka taʼee fi namni tokko gocha dogoggoraa hedduu kan raawwatu taʼu illee jijjiirama gochuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe ilaalla. Akkasumas namoonni dhugaa keessa waggoota hedduudhaaf turan, namummaa moofaa of irraa fageessuu isaanii itti fufuuf maal gochuu akka dandaʼan ilaalla. Yaadachiisni akkasii kan barbaachise maaliifi? Kan nama gaddisiisu, namoonni yeroo tokkotti Yihowaa tajaajilaa turan, of eeggannoo godhan waan laaffisaniif akkaataa jireenyaa isaanii isa duriitti deebiʼaniiru. Kanaaf, hundi keenya akeekkachiisa “Namni, ‘Ani dhaabadheera’ jedhee yaadu akka hin kufne of haa eeggatu” jedhu yaadachuu qabna.—1 Qor. 10:12.
FEDHII “HALALUMMAA” KAM IYYUU “AJJEESAA”
5. (a) Sababii namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun ariifachiisaa itti taʼe fakkeenyaan ibsi. (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Akka Qolosaayis 3:5-9 irratti ibsametti, gochawwan namummaa moofaa argisiisan kamfaʼi?
5 Uffanni keessan yoo xuraaʼe, tarii immoo foolii gadhee yoo qabaate maal gootu? Uffata xuraaʼe sana hamma dandaʼametti ariitiidhaan of irraa baastu. Haaluma wal fakkaatuun, ajaja amalawwan gadhee Waaqayyoon hin gammachiisne ariitiidhaan baasnee akka gannu kennameef ajajamuu qabna. Ajaja ifaa Phaawulos Kiristiyaanota bara isaatti turaniif, namummaa moofaa “hundumaa of irraa fageessaa” jedhee kenne hordofuu barbaanna. Mee gochawwan cubbuu Phaawulos ibse lama, jechuunis halalummaa fi xuraaʼummaa haa ilaallu.—Qolosaayis 3:5-9 dubbisi.
6, 7. (a) Namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun tarkaanfii cimaa fudhachuu akka barbaadu wanti Phaawulos dubbate kan argisiisu akkamitti? (b) Saakuraan jireenya akkamii jiraachaa turte? Jireenya kana dhiisuuf jabina kan ishiidhaaf kenne maali dha?
6 Halalummaa. Afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffame keessatti, jechi “halalummaa” jedhamee hiikame, saalqunnamtii namoota seeraan gaaʼela hin godhanne gidduutti raawwatamuu fi saalqunnamtii saala wal fakkaataa gidduutti godhamu kan dabalatu dha. Phaawulos Kiristiyaanota hidhata isaa taʼan, ‘kutaawwan qaama isaanii akka ajjeesan,’ jechuunis fedhii “halalummaa” kam iyyuu akka of irraa fageessan isaan gorseera. Jechi Phaawulos itti fayyadame fedhiiwwan gadhee akkasii of irraa fageessuuf tarkaanfii cimaa fudhachuun akka barbaachisu argisiisa. Taʼus, qabsoo fedhiiwwan gadhee kanaa wajjin goonu moʼuu ni dandeenya.
7 Mee wanta Saakuraaa ishii Jaappaan keessa jiraattu mudate haa ilaallu. Yommuu guddachaa adeemtu kophummaa fi miira gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼamuu wajjin qabsoo gochaa turte. Umurii ishii waggaa 15 eegaltee, kophummaa ishiitti dhagaʼamu irraa furmaata argachuuf namoota adda addaa wajjin saalqunnamtii raawwachuu jalqabde. “Kanaan kan kaʼes, siʼa sadii ulfa of irraa baaseera” jettee qaanii guddaadhaan dhugaa isaa dubbatteetti. Itti fuftees akkana jetteetti: “Jalqaba irratti, yeroon saalqunnamtii raawwadhu kanan barbaadamuu fi kanan jaallatamu natti fakkaatee miirri gaariin natti dhagaʼama ture. Yeroon gocha kana irra deddeebiʼee raawwadhu garuu, nageenyi natti dhagaʼamu caalaatti hirʼachaa deeme.” Saakuraan hanga umuriin ishii waggaa 23 taʼutti jireenyuma akkasii jiraachuu ishii itti fufte. Achiis Dhugaa Baatotaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Saakuraan wanta baratte ni jaallatte, gargaarsa Yihowaatiin miira of ceephaʼuu kan damdamatte siʼa taʼu, halalummaa irraas fagaachuu dandeesseetti. Yeroo ammaatti Saakuraan qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajilaa kan jirtu siʼa taʼu, kophummaanis ishiitti dhagaʼamuu dhiiseera. Kanaa mannaa, “Guyyaa hundumaa jaalala Yihowaatti nan gammada” jetteetti.
GOCHAWWAN XURAAʼOO RAAWWACHUU DHIISUU
8. Wantoonni ija Waaqayyoo duratti xuraaʼoo nu taasisan kamfaʼi?
8 Xuraaʼummaa. Afaan Kitaabni Qulqulluun jalqaba ittiin barreeffame keessatti, jechi “xuraaʼummaa” jedhamee hiikame halalummaa kan argisiisu qofa utuu hin taʼin jecha hiika balʼaa qabu dha. Gocha miidhaa geessisu kan akka tamboo xuuxuu ykn qoosaa yeellaasisaa dubbachuu argisiisuu dandaʼa. (2 Qor. 7:1; Efe. 5:3, 4) Kana malees, gochawwan xuraaʼoo namni tokko qofaa isaa raawwatu, jechuunis kitaabota saalqunnamtiif nama kakaasan dubbisuu ykn poornoogiraafii ilaaluu isa gocha gadhee qaama hormaataa ofii susukkuumuudhaan gammaduutti nama geessu argisiisuu dandaʼa.—Qol. 3:5.b
9. “Fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne” guddisuun miidhaa akkamii geessisuu dandaʼa?
9 Namoonni poornoogiraafii ilaaluu amaleeffatan, “fedha saalqunnamtii toʼannaa hin qabne” guddisuudhaan, saalqunnamtii raawwachuun araada akka isaanitti taʼu godhu. Araadni poornoogiraafii ilaaluu, araada dhugaatii alkoolii fi qoricha sammuu namaa hadoochu fudhachuu wajjin akka wal fakkaatu qorattoonni hubataniiru. Poornoogiraafii ilaaluun miidhaa guddaa, jechuunis ofitti qaanaʼuu, bakka hojiitti buʼa qabeessa taʼuu dadhabuu, jireenya maatii gammachuu hin qabne, diigamuu gaaʼelaa fi lubbuu ofii balleessuu kan geessisu taʼuun isaa nama hin dinqisiisu. Namni araada poornoogiraafii ilaaluu irraa walaba baʼe waggaa tokko booda, “Ulfinan ofii kootiif qabu deebisee argadheera” jechuudhaan barreesseera.
10. Riibeeroon araada poornoogiraafii ilaaluu moʼuu kan dandaʼe akkamitti?
10 Namoota hedduuf, poornoogiraafii irraa bilisa taʼanii jiraachuun qabsoo wal irraa hin cinne gochuu gaafata. Taʼus, akkuma muuxannoo Riibeeroo isa Biraazil keessa jiraatu irraa hubannu, qabsoo kana moʼuun ni dandaʼama. Riibeeroon kan manaa baʼe umurii kurnanii keessa yommuu turetti siʼa taʼu, yeroo booda warshaa waraqaa deebisee oomishu keessatti hojjechuu jalqabe; achitti barreeffamoota poornoogiraafii argisiisan ilaaluu jalqabe. Akkana jedheera: “Suutuma suuta, araada kanaanan qabame. Araadni kun baayʼee cimuu isaa irraan kan kaʼe, viidiyoowwan poornoogiraafii argisiisan ilaaluuf hanga dubartiin ani wajjiniin jiraadhu manaa baatee deemtutti illee obsuu hin dandaʼun ture.” Riibeeroon gaaf tokko utuu hojii irra jiruu kitaabota haareffamanii waraqaa taʼuuf tuulaman keessatti, kitaaba mata dureen isaa Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti? jedhu arge. Achiis, kitaaba sana fuudhee dubbisuu jalqabe. Wanti inni barates Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf kan isa kakaase siʼa taʼu, amala gadhee qabu dhiisuuf garuu yeroo dheeraa isatti fudhateera. Dhuma irratti maaltu isa gargaare? Akkana jedheera: “Kadhannaadhaan, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu fi wantan baradhe irratti xiinxaluudhaan, dinqisiifannaan amalawwan Waaqayyoof qabu hanga hawwii ani poornoogiraafii ilaaluuf qabu caalaa cimutti jaalala ani Yihowaadhaaf qabu guddateera.” Riibeeroon humna Dubbii Waaqayyoo fi hafuura qulqulluutiin gargaaramee, namummaa isa moofaa of irraa baasee gatuudhaan cuuphameera; yeroo ammaattis jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira.
11. Namni tokko poornoogiraafii ilaaluu irraa bilisa baʼuuf maal gochuu qaba?
11 Riibeeroon qabsoo kana irratti milkaaʼina argachuuf Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan qofa akka hin daangeffamne hubadhaa. Ergaan Kitaaba Qulqulluu garaa isaa akka tuqu gochuuf yeroo fudhachuu qaba ture. Kadhannaa fi xiinxaluudhaan, jaalalli inni Waaqayyoof qabu fedhii cimaa poornoogiraafii ilaaluuf qabu moʼuu dandaʼeera. Jaalala cimaa Yihowaadhaaf qabu guddisuu fi wanta hamaa jibbuun, poornoogiraafii ilaaluu irraa bilisa baʼuuf karaa hunda caalu dha.—Faarfannaa 97:10 dubbisi.
DHEEKAMSA, ARRABSOO FI SOBA IRRAA FAGAADHAA
12. Istiifan dheekkamsaa fi arrabsoo irraa akka fagaatu wanti isa gargaare maali dha?
12 Namoonni dafanii aaran yeroo baayʼee aarii isaanii arrabsoodhaan ibsu. Amalli akkasii garuu gammachuu maatiitiif gumaacha akka hin goone ifa dha. Istiifan inni abbaa ijoollee taʼee fi Awustiraaliyaa keessa jiraatu akkana jedheera: “Wantootuma xixinnoottan namoota baayʼee arrabsa, dafeen aaras. Anii fi haati manaa koo siʼa sadii gar gar baanee kan turre siʼa taʼu, wal hiikuufis qophii irra turre.” Achiis Dhugaa Baatonni Yihowaa sun hiriyoota gaaʼelaa sana Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuu jalqaban. Istiifan gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuu jalqabuun isaa buʼaa maalii argamsiise? Akkana jedheera: “Jireenyi maatii keenyaa yeruma sana jijjiiramuu jalqabe. Yeroo ammaatti gargaarsa Yihowaatiin nagaa fi tasgabbii argachuu dandaʼeera. Duratti garuu boombiin dhoʼuuf qophaaʼe waan xinnoon akkuma isa gaʼu, anis waanuma xinnoottin aaran ture.” Yeroo ammaatti, Isteefan tajaajilaa gumii kan taʼe siʼa taʼu, haati manaa isaa immoo waggoota hedduudhaaf qajeelchaa yeroo hundaa taatee tajaajilaa jirti. Jaarsoliin gumii Istiifan jiran waaʼee isaa, “Istiifan cal jedhaa, obboleessa cimee hojjetuu fi gad of qabu dha” jechuudhaan dubbataniiru. Yeroo inni itti aares hin yaadatan. Istiifanitti hoo maaltu dhagaʼame? Akkana jedheera: “Gargaarsa Yihowaan eenyummaa koo guutummaatti jijjiiruuf naaf godhe utuun fudhachuu baadhee, eebbawwan gaggaarii akkasii hin argadhun ture.”
13. Aariin baayʼee sodaachisaa akka taʼu kan godhu maali dha? Kitaabni Qulqulluun hoo akeekkachiisa akkamii kenna?
13 Kitaabni Qulqulluun aarii, iyyaa fi arrabsoo irraa akka fagaannu nu akeekkachiisuuf sababii gaʼaa qaba. (Efe. 4:31) Kan nama gaddisiisu, amalli akkasii yeroo baayʼee lola itti caalchisa. Addunyaan aariin amala fudhatama qabu akka taʼetti kan ilaalu taʼu iyyuu, aariin Uumaa keenyaaf ulfina hin fidu. Namoonni hedduun namummaa haaraa uffachuuf amalawwan miidhaa fidan kana of irraa baasanii gatuu isaan barbaachiseera.—Faarfannaa 37:8-11 dubbisi.
14. Namni lola jaallatu garraamii taʼuu ni dandaʼaa?
14 Mee fakkeenya jaarsa gumii Haansi jedhamuu fi Awustiraaliyaa keessa jiru tokkoo haa ilaallu. Qindeessaan qaama jaarsolii gumii Haansi keessa jiru, “Inni obboloota garraamii fi isaan arguu hawwu keessaa tokko dha” jedheera. Garuu Haansi jalqabaa kaasee nama akkasii hin ture. Umurii waggoota kurnanii keessa yommuu turetti, gar malee alkoolii dhuguu kan jalqabe siʼa taʼu, kanaan kan kaʼe nama lola jaallatu taʼee ture. Aarii alkoolii dhuguun isaa isatti fideen kan kaʼe, hiriyaa durbaa isaa waan ajjeeseef hidhaan waggaa 20 itti murteeffamee ture. Jalqaba irratti jireenyi mana hidhaa keessaa amala isaa hin jijjiirre. Yeroo booda, haati isaa jaarsi gumii tokko mana hidhaa dhaqee ilma ishii akka gaafatu qophii goote; Haansis Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabe. Haansi akkana jedheera: “Namummaa moofaa of irraa baasee gatuun qabsoo guddaa natti taʼee ture. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu na jajjabeessan Isaayaas 55:7 isa ‘Namni jalʼaan karaa isaa isa jalʼaa haa dhiisu’ jedhuu fi 1 Qorontos 6:11 isa namoota gocha gadhee raawwachuu dhiisaniin, ‘Isin keessaa tokko tokkos namoota akkanaa turtan’ jedhu dha. Waggoota hedduudhaaf Yihowaan hafuura qulqulluudhaan namummaa haaraa akkan uffadhu obsaan na gargaaraa tureera.” Haansi waggaa 17 fi walakkaadhaaf erga hidhamee booda, Kiristiyaana cuuphame taʼee mana hidhaatii gadhiifame. Akkana jedheera: “Yihowaan waan garaa naa laafee fi dhiifama waan naaf godheef baayʼeen isa galateeffadha.”
15. Amalli namummaa moofaa inni kan biraan isa kami dha? Kitaabni Qulqulluun hoo waaʼee isaa maal jedha?
15 Arrabsoo malees sobuun amala namummaa moofaa argisiisu dha. Fakkeenyaaf, namoonni qaraxa kaffaluu irratti sobuun isaanii ykn balleessaa isaaniitti akka itti hin gaafatamneef sobuun isaanii baramaa dha. Faallaa kanaatiin immoo, Yihowaan ‘Waaqa amanamaa’ dha. (Far. 31:5) Kanaaf, warri isa waaqeffannu “tokkoon tokkoon” keenya, ‘dhugaa akka walitti dubbannuu’ fi akka ‘wal hin sobne’ nu irraa eega. (Efe. 4:25; Qol. 3:9) Egaa, kan nu qaanessu ykn kan nutti hin tolle taʼu illee dhugaa dubbachuu qabna.—Fak. 6:16-19.
MOʼUU KAN DANDAʼAN AKKAMITTI?
16. Namni tokko namummaa moofaa of irraa baasee gatuu irratti milkaaʼina argachuu kan dandaʼu akkamitti?
16 Jabina ofiitiin amalawwan namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun hin dandaʼamu. Namoonni mata duree kana keessatti caqasaman, jechuunis Saakuraa, Riibeeroo, Istiifanii fi Haansi gochawwan gadhee of irraa fageessuuf qabsoo gochuu qabu turan. Qabsoo kana moʼuu kan dandaʼan humni Dubbiin Waaqayyoo fi hafurri qulqulluun qabu jireenya isaanii keessatti akka hojjetu waan heyyamaniifi dha. (Luq. 11:13; Ibr. 4:12) Humna kana irraa faayidaa argachuuf Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, isa dubbisne irratti xiinxaluu, ogummaa fi gorsa Kitaaba Qulqulluu hojii irra oolchuuf akka nu gargaaru yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu qabna. (Iya. 1:8; Far. 119:97; 1 Tas. 5:17) Kana malees, qophii gaarii goonee walgaʼiiwwan irratti yommuu argamnu Dubbii Waaqayyoo fi hafuura qulqulluu irraa faayidaa arganna. (Ibr. 10:24, 25) Akkasumas, nyaata hafuuraa karaa adda addaa saba Waaqayyoo addunyaa mara irra jiraniif dhihaatu irraa sirriitti fayyadamuu nu barbaachisa.—Luq. 12:42.
17. Mata duree itti aanu irratti waaʼee maalii mariʼanna?
17 Mata duree kana keessatti amalawwan gadhee Kiristiyaanonni of irraa baasanii gatuu fi irraa fagaachuu qaban hedduu ilaalleerra. Haa taʼu malee, Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf namummaa moofaa of irraa baasanii gatuun qofti gaʼaa dha? Lakki. Kanaa mannaa, namummaa haaraa uffachuu qabna. Mata duree itti aanu irratti kallattiiwwan namummaa haaraa akka uffataatti uffachuu qabnu hedduu ilaalla.
a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Kutaa Dabalataa kitaaba “Jaalala Waaqayyoo Keessatti Of Eegaa” jedhamu fuula 218-219, mata duree xiqqaa “Barsiifata Qaama Hormaataa Ofii Sukkuumuun Gammaduuf Godhamu Moʼuu” jedhu ilaali.