Namummaa Haaraa Uffachuu fi Akkuma Uffannetti Itti Fufuu kan Dandeenyu Akkamitti?
‘Namummaa haaraa uffadhaa.’—QOL. 3:10.
1, 2. (a) Namummaa haaraa uffachuun humna keenyaa ol miti kan jennu maaliifi? (b) Qolosaayis 3:10-14 irratti kallattiiwwan namummaa haaraa kamfaatu ibsame?
“NAMUMMAA haaraa.” Jechi kun Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa keessatti iddoo lamatti caqasameera. (Efe. 4:24; Qol. 3:10) Namummaa kun namummaa ‘isa fedhii Waaqayyoo wajjin haala wal simuun uumame’ argisiisa. Namummaa haaraa akkasii horachuun wanta humna keenyaa ol taʼe miti. Maaliif? Sababiin isaas, Yihowaan ilmaan namootaa kan uume, akka bifa isaatti waan taʼeef amalawwan isaa warra gaggaarii taʼan argisiisuu dandeenya.—Uma. 1:26, 27; Efe. 5:1.
2 Warra keenya isaan jalqabaa irraa cubbuu waan dhaalleef, fedhiin dogoggoraa keessa keenya akka jiru beekamaa dha. Kana malees, naannoon itti jiraannu dhiibbaa guddaa nu irratti godheera taʼa. Taʼus, gargaarsa Yihowaan gara laafinaan nuu godhuun, namoota inni akka nuti taanu barbaadu taʼuu irratti milkaaʼina argachuu ni dandeenya. Fedhii galma kana irra gaʼuuf qabnu cimsachuuf, mee kallattiiwwan namummaa haaraa Phaawulos hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee barreesse hedduu haa qorru. (Qolosaayis 3:10-14 dubbisi.) Akkasumas, namummaa haaraa kana tajaajila irratti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
“ISIN HUNDUMTI KEESSAN TOKKO”
3. Amala namummaa haaraa keessaa tokko isa kami?
3 Phaawulos namummaa haaraa akka uffannu gorsa erga nuu kennee booda, namoota wal caalchisuu dhiisuun amala namummaa haaraa keessaa isa iddoo guddaa qabu akka taʼe ibseera. Akkana jedheera: “Giriikiin yookiin Yihudiin, dhaqna kan qabate yookiin dhaqna kan hin qabanne, Iskuteesiin, namni garbicha yookiin bilisa taʼe hin jiru.” a Gumii keessa sanyiidhaan, lammiidhaan ykn iddoo hawaasa keessatti qaban irratti hundaaʼanii wal qoqqooduun kan hin jirre maaliifi? Duuka buutonni Kiristoos ‘hundi tokko’ waan taʼaniifi dha.—Qol. 3:11; Gal. 3:28 hiika bara 1997.
4. (a) Tajaajiltoonni Yihowaa namoota kaan qabuu kan qaban akkamitti? (b) Haala akkamiitu tokkummaa Kiristiyaanaa balaadhaaf saaxila?
4 Namoonni namummaa haaraa uffatan, obboloonni isaaniis taʼan, namoonni kaan iddoon isaan hawaasa keessatti qaban ykn sanyiin isaanii maal iyyuu yoo taʼe kabajaan isaan qabu. (Rom. 2:11) Kutaa addunyaa tokko tokko keessatti akkana gochuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Dhugaa Baatonni Afriikaa Kibbaa, qarqara magaalaa namoonni adiin itti jiraatan, akkasumas magaalaota namoonni gurraacha taʼan keessa jiraatanis taʼe iddoowwan namoonni sanyii garaa garaa qaban jiraachaa turan keessa jiraatan hundi amma iyyuu bakka sanyii isaaniitiif daangeffame keessa jiraatu. Kanaafuu, Qaamni Ol Aanaan obboloonni keenya akka garaa walitti ‘balʼatan’ jajjabeessuuf Onkoloolessa 2013tti qophii addaa obboloonni akka wal baraniif qophaaʼe heyyamee ture. (2 Qor. 6:13) Qophiin kun maal dabalata?
5, 6. (a) Tokkummaa saba Waaqayyoo biyya tokko keessa jiran cimsuuf, qophiin akkamii godhamee ture? (Suuraa jalqaba irra jiru ilaali.) (b) Buʼaa akkamiitu argame?
5 Gumiiwwan afaan garaa garaatiin geggeeffaman ykn namoota sanyii adda addaa qaban lama, dhuma torbanii irratti darbe darbee akka waliin taʼan qophiin godhamee ture. Obboloonni gumiiwwan kana keessatti argaman waliin tajaajilu, waliin gumii irratti argamu, akkasumas mana isaaniitti wal affeeru turan. Qophii kana irratti gumiiwwan dhiibbaan lakkaʼaman hirmaataniiru; kanaan kan kaʼes, namoota ala jiran irraa dabalatee waaʼee qophii kana waajjira dameetiif gabaasni gaariin dhihaateera. Fakkeenyaaf, tajaajilaan amantii tokko, “Ani Dhugaa Baatuu miti, garuu gurmaaʼinaan hojii lallabaa guddaa raawwachaa akka jirtan, akkasumas sanyiidhaan akka wal hin qoodne dubbachuu nan dandaʼa” jedheera. Qophiin kun Dhugaa Baatota irratti dhiibbaa gaarii akkamii geessiseera?
6 Obboleettiin Noomaa jedhamtuu fi Afaan Qosaa dubbattu jalqaba irratti obboloota adii gumii Ingiliffaa keessatti argaman mana ishii ishii xinnoo keessatti afeeruu sodaattee turte. Dhugaa Baatota adii taʼanii wajjin erga tajaajila irratti hirmaattee fi mana isaaniitti erga afeeramtee booda garuu, “Isaan namuma akka keenyaa ti!” jetteetti. Kanaafuu, gumii Afaan Ingiliffaa afeeruuf dabareen gumiin Afaan Qosaa yeroo gaʼu, nyaata qopheessitee keessummoota tokko tokko afeerte. Keessummoota ishii keessaa tokko jaarsa gumii adii taʼe ture. Noomaan, “Obboleessi kun saanduqa pilaastikii dhugaatiin lallaafaa keessa kaaʼamu irra taʼuun isaa baayʼee na dinqisiiseera” jetteetti. Qophiin kun itti fufuu isaatiin kan kaʼe, obboloonni hedduun michoota haaraa argataniiru, akkasumas walitti dhufeenya isaanii balʼifachuu isaanii itti fufuuf murteessaniiru.
‘GARAA WALIIF LAAFUU FI GAARUMMAA WALITTI ARGISIISUU’
7. Gara laafina argisiisuun barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
7 Hamma addunyaan Seexanaa kun badutti, qorumsi nu irra gaʼuu isaa itti fufa. Hojii dhabuu, dhukkuba cimaadhaan qabamuu, ariʼatamuu, balaan uumamaa nu irra gaʼu, qabeenyi keenya nu jalaa saamamuu ykn rakkinni gara biraan nu gaʼuu dandaʼa. Yeroo rakkinni nu irra gaʼu wal gargaaruuf, gara laafina kan qabnu taʼuun keenya barbaachisaa dha. Gara laafina qabaachuun keenya gochawwan gaarummaa akka qabnu argisiisan raawwachuuf nu kakaasa. (Efe. 4:32) Amalawwan namummaa haaraa kun Waaqayyoon akka fakkaannuu fi warra kaan jajjabeessuuf nu gargaara.—2 Qor. 1:3, 4.
8. Namoota gumii keessa jiran hundatti gara laafinaa fi gaarummaa argisiisuun keenya buʼaa gaarii akkamii argamsiisa? Fakkeenya kenni.
8 Gumii keenya keessatti namoota biyya biraatii dhufan ykn rakkina keessa jiraniif garaadhaa akka yaannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Isaanitti michoomuu fi gumii keessatti iddoo guddaa akka qaban akka isaanitti dhagaʼamu gochuu qabna. (1 Qor. 12:22, 25) Wanta obboleessa keenya Daaniikaarli isaa Filippiinsii dhufee Jaappaan jiraachuu jalqabee irra gaʼe haa ilaallu. Iddoo hojii isaatti, akka hojjetoota biyya sanaatti hin ilaalamu ture. Booda walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa irratti argame. Daaniikaarli, “Namoonni walgaʼii sana irra turan hundi Jaappaanota jechuun ni dandaʼama; taʼus akka waan duraan na beekanitti miira hoʼaadhaan na simatan” jedheera. Obboloonni sun gaarummaa isaatti argisiisuu isaanii kan itti fufan siʼa taʼu, kunis karaa hafuuraa akka guddatu isa gargaareera. Obboleessi kun kan cuuphame siʼa taʼu, yeroo ammatti jaarsa gumii taʼee tajaajilaa jira. Jaarsoliin isaa wajjin tajaajilan kaan, innii fi haati mana isaa Jeeniifar gumichaaf eebba akka taʼanitti isaan ilaalu. Jaarsoliin sun waaʼee isaanii yommuu dubbatan, “akka qajeelchitootatti jireenya salphaa jiraatu, akkasumas Mootummicha dursuu irratti fakkeenya gaarii taʼu” jedhaniiru.—Luq. 12:31.
9, 10. Fakkeenyota tajaajila irratti gara laafina argisiisuun faayidaa akka qabu argisiisan dubbadhu.
9 Ergaa Mootummichaa warra kaaniitti yeroo himnu, ‘hundumaaf gaarii gochuuf’ carraa gaarii arganna. (Gal. 6:10) Dhugaa Baatonni hedduun namoota biyya biraatii dhufaniif gara laafina argisiisuuf, afaan haaraa barachuuf carraaqqii gochaa jiru. (1 Qor. 9:23) Kunis eebba hedduu argamsiiseera. Fakkeenyaaf, qajeelchituun Awustiraaliyaa keessa jiraattuu fi Tiifaanii jedhamtu tokko magaalaa Birisbaaniitti gumii Afaan Suwahiliitiin geggeeffamuu gargaaruuf Afaan Suwahilii baratte. Afaan sana barachuun ulfaataa taʼus, Tiifaaniin eebba argachuu dandeessetti. Akkana jetteetti: “Tajaajila irratti gammachuu argachuu yoo barbaaddan, gumii afaan biraatiin geggeeffamuu keessatti tajaajiluu dandeessu. Kana gochuun magaalaa keessaanii utuu hin baʼin bakka biraa deemuu wajjin wal fakkaata. Obbolummaa addunyaa maraa keenyaa wajjin wal baruu fi tokkummaa isaa isa dinqisiisaa taʼe ofuma keessanii arguu dandeessu.”
10 Fakkeenya maatii Jaappaan keessatti argamu tokkos haa ilaallu. Intalli isaanii Saakikoon akkana jetteetti: “Bara 1990mmanitti, tajaajila irratti namoota biyya Biraaziilii dhufan arganna ture. Kitaaba Qulqulluu isaanii irraa Afaan Poortugaaliin caqasoota kan akka Mulʼata 21:3, 4 ykn Faarfannaa 37:10, 11, 29 irra jiran yeroo itti argisiisnu, xiyyeeffannaadhaan nu dhaggeeffatu, yeroo tokko tokko immoo imimmaan isaanii dhangalaasu turan.” Taʼus gara laafinni maatii kanaa kanuma gochuun qofa hin daangeffamne. Saakikoon itti fufuudhaan, “Karaa hafuuraa beelaʼuu isaanii yeroo arginuu maatiidhaan taane Afaan Poortugaal barachuu jalqabne” jetteetti. Yeroo booda maatiin sun gumii Afaan Poortugaaliin geggeeffamu hundeessuu irratti gargaarsa godheera. Maatiin kun waggoota hedduudhaaf godaantonni hedduun tajaajiltoota Yihowaa akka taʼan gargaareera. Saakikoon, “Afaan Poortugaal barachuun ulfaataa taʼus, buʼaan argamu dadhabbii isaa irra baayʼee caala. Kanaaf, Yihowaa baayʼee galateeffanna” jetteetti.—Hojii Ergamootaa 10:34, 35 dubbisi.
“GAD OF QABUU . . . UFFADHAA”
11, 12. (a) Namummaa haaraa uffachuu irratti ilaalcha sirrii qabaachuun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Kan gad of qabnu taanee jiraachuuf maaltu nu gargaara?
11 Sababiin namummaa haaraa itti uffannu, namoota irraa ulfina argachuuf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf ulfinaa fiduuf taʼuu qaba. Uumamni hafuuraa yeroo tokkotti mudaa kan hin qabne ture tokko illee of tuulummaadhaan waan guutameef cubbuu akka hojjete yaadadhaa. (Hisqiʼel 28:17 wajjin wal bira qabi.) Ilmaan namootaa cubbamoota taʼan immoo, koora sirrii hin taanee fi of tuulummaa irraa fagaachuun caalaatti isaanitti hin ulfaatu ree? Taʼus, gad of qabuu uffachuu ni dandeenya. Kana gochuuf maaltu nu gargaara?
12 Kan gad of qabnu taanee jiraachuuf, yeroo ramadnee wanta Dubbii Waaqayyoo irraa dubbisne irratti guyyaa guyyaadhaan xiinxaluu qabna. (Kes. 17:18-20) Keessummaa immoo, barumsa Yesuusii fi tajaajila inni gad of qabuudhaan raawwate irratti xiinxaluun keenya gaarii dha. (Mat. 20:28) Yesuus miilla ergamoota isaa illee dhiqeera. (Yoh. 13:12-17) Nutis miira warra kaan akka caalu nutti dhagaʼamuu moʼuuf walʼaansoo goonu irratti akka nu gargaaru utuu wal irraa hin kutin gargaarsa hafuuraa Waaqayyoo argachuuf kadhachuu qabna.—Gal. 6:3, 4; Filp. 2:3.
13. Gad of qabuun badhaasa akkamii argamsiisa?
13 Fakkeenya 22:4 dubbisi. Gad of qabuun waaqeffattoota hunda irraa kan barbaadamuu siʼa taʼu, badhaasa guddaas ni argamsiisa. Gad of qabuun keenya nagaa fi tokkummaan gumii keessa akka jiraatu gochuuf nu gargaara. Amala gad of qabu horachuu fi cimsachuun keenya gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa argachuufis nu gargaara. Pheexiros ergamaan, “Walitti dhufeenya walii wajjin qabdaniin hundi keessan gad of qabuu akka uffataatti uffadhaa; sababiin isaas Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna” jedheera.—1 Phe. 5:5.
“GARRAAMUMMAA FI OBSA UFFADHAA”
14. Garraamummaa fi obsa argisiisuu irratti fakkeenya gaarii kan taʼu eenyu?
14 Addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti, namoonni garraamii taʼanii fi obsa qaban yeroo baayʼee dadhaboo akka taʼanitti ilaalamu. Ilaalchi akkasii dhugaa jiru irraa baayʼee adda dha! Amaloonni gaggaarii taʼan kun qaama uumama cufa keessatti humna guddaa qabu irraa kan maddani dha. Yihowaan garraamummaa fi obsa argisiisuu irratti fakkeenya gaarii taʼa. (2 Phe. 3:9) Mee yeroo Abrahaamii fi Loox gaaffii isaa gaafatanii turanitti akkamitti akka isaaniif deebise haa ilaallu. (Uma. 18:22-33; 19:18-21) Kana malees, Yihowaan saba Israaʼel isa mata jabeessa taʼe waggoota 1,500 oliif obseera.—His. 33:11.
15. Yesuus garraamummaa fi obsa argisiisuu irratti fakkeenya akkamii nuuf taʼa?
15 Yesuus “garraamii” ture. (Mat. 11:29) Dadhabina duuka buutota isaa dandaʼee darbuuf obsa guddaa argisiiseera. Yeroo lafa irratti tajaajila isaa raawwate hundatti, Yesuus mormitoonni amantii yommuu isa ceephaʼan obsaan dandaʼeera. Balleessaa malee hanga ajjeefametti illee garraamii fi obsa kan qabu taʼuu isaa argisiiseera. Muka dhiphinaa irratti fannifamee dhiphina guddaa keessa yommuu turetti illee, “isaan wanta gochaa jiran waan hin beekneef dhiifama godhiif” jedhee namoota isa ajjeesaniif dhiifama akka godhu Abbaa isaa kadhannaadhaan gaafateera. (Luq. 23:34) Dhuguma iyyuu, Yesuus haala rakkisaa fi dhiphina isa irraan geessisu keessatti illee, garraamii fi obsa qabeessa taʼuudhaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa!—1 Pheexiros 2:21-23 dubbisi.
16. Garraamummaa fi obsa hojiidhaan argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
16 Nuti hoo garraamummaa fi obsa argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Phaawulos wanta namoota hidhata amantii isaa taʼaniif barreesse irratti karaa kana gochuun itti dandaʼamu tokko yommuu ibsu akkana jedheera: “Namni tokko sababii isa kan biraa itti komatu yoo qabaate illee, wal dandaʼuu keessanii fi tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa. Akkuma Yihowaan tola isiniif dhiise isinis tola waliif dhiisuu qabdu.” (Qol. 3:13) Ajaja kana hojii irra oolchuuf, garraamii fi obsa qabeeyyii taʼuun barbaachisaa akka taʼe beekamaa dha. Dhiifama kan goonu taʼuudhaan, tokkummaan gumichaa eegamee akka itti fufu gochuu dandeenya.
17. Garraamummaa fi obsa argisiisuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
17 Kiristiyaanni tokko garraamummaa fi obsa uffachuun isaa wanta filannoodhaaf dhiifamu miti. Kun fayyina keenyaaf ulaagaa baayʼee barbaachisaa taʼe dha. (Mat. 5:5; Yaq. 1:21) Hunda caalaa immoo, amalawwan kana kan argisiisnu yoo taʼe, Yihowaadhaaf ulfina fidna, namoonni kaanis gorsa Kitaaba Qulqulluu akka hordofan gargaarra.—Gal. 6:1; 2 Xim. 2:24, 25.
“JAALALA UFFADHAA”
18. Jaalalaa fi looguu dhiisuun kan wal qabatu akkamitti?
18 Amalawwan hanga ammaatti ilaalle hundi, jaalalaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabu. Fakkeenyaaf, Yaaqoob baratichi obboloonni bara sanatti turan sooressootaa fi hiyyeeyyii wal caalchisaa waan turaniif gorsa kennuun isa barbaachisee ture. Gochi akkasii seera mootichaa, “Nama akka ofii keetti jaalladhu” jedhuu cabsuu akka taʼe dubbateera. Itti dabaluudhaanis, “Looguu keessan yoo itti fuftan garuu, cubbuu hojjechuu keessan[i]” isaaniin jedheera. (Yaq. 2:8, 9) Jaalalli garuu sadarkaa barumsaa, sanyii ykn iddoo hawaasa keessatti qabaniin namoota akka wal caalchisne nu kakaasa. Dhuguma iyyuu, looguu dhiisuun wanta fakkeessuudhaaf goonu utuu hin taʼin, wanta garaadhaa goonu taʼuu qaba.
19. Jaalala uffachuun keenya barbaachisaa kan taʼe maaliifi?
19 Jaalalli “obsaa dha, gaarummaas ni argisiisa”; akkasumas “of hin bokoksu.” (1 Qor. 13:4) Ergaa Mootummichaa namoota kaanitti himuu keenya itti fufuun obsa, garraamummaa fi gad of qabuu akka gaafatu beekamaa dha. (Mat. 28:19) Amalawwan kana gumii keessatti kan argisiisnu yoo taʼe, obboloota keenya hundaa wajjin nagaadhaan jiraachuuf nu gargaara. Jaalala akkasii argisiisuun eebba akkamii argamsiisa? Gumiiwwan tokkummaa akka qabaatanii fi Yihowaadhaaf ulfina kan fidan akka taʼan kan taasisu taʼuu isaa irra iyyuu, namoonni haaraan gara Yihowaatti akka dhihaatan godha. Yaanni Kitaaba Qulqulluu waaʼee namummaa haaraa dubbatu dhugaa buʼuuraa akkana jedhuun xumuruun isaa sirrii dha: “Wantoota kana hundumaa malees, jaalala uffadhaa; sababiin isaas jaalalli mudaa kan hin qabne godhee tokkummaadhaan nama walitti hidha.”—Qol. 3:14.
“HAAREFFAMUU KEESSAN ITTI FUFAA”
20. (a) Gaaffiiwwan akkamii of gaafachuu qabna? Maaliifi?
20 Tokkoon tokkoon keenya akkana jennee of gaafachuu qabna: ‘Namummaa moofaa of irraa baasee gatuu fi irraa fagaachuuf caalaatti maal gochuun qaba?’ Fedhii ykn gocha Mootummaa Waaqayyoo akka hin dhaalle gufuu nutti taʼu kam iyyuu moʼuuf, carraaqqii guddaa gochuu fi Yihowaan akka nu gargaaru garaadhaa isa kadhachuu qabna. (Gal. 5:19-21) Akkasumas, ‘Humna sammuu koo hojjechiisuun haareffamuu koo itti fufaan jiraa?’ jennee of gaafachuun nu barbaachisa. (Efe. 4:23, 24) Hanga yeroon namummaa haaraa guutummaatti uffachuu itti dandeenyu dhufutti, namummaa haaraa uffachuu fi akkuma uffannetti itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. Yeroo namoonni beeknu hundi guutummaatti namummaa haaraa itti uffatan dhufu, jireenyi hangam gammachiisaa akka taʼu mee yaadaa!
a Bara Kitaabni Qulqulluun barreeffametti, Iskuteesoonni namoota qaroomina hin qabne akka taʼanitti ilaalamuudhaan tuffataman turan.