Dansummaa—Amala Kana Akkamitti Horachuu Dandeessa?
HUNDI KEENYA namoonni gaarii akka taanetti akka nu ilaalan fedhii uumamaa qabna. Haa taʼu malee, addunyaa yeroo harʼaa jiru keessatti amala gaarii argisiisuun salphaa miti. Namoonni baayʼeen, “wanta gaarii kan hin jaallanne” dha. (2 Xim. 3:3) Gaarii fi hamaa ilaalchisee ulaagaa mataa isaanii hordofu; kanaan kan kaʼes, “isa hamaadhaan ‘Gaarii dha, isa gaariidhaan immoo hamaa dha’” jedhu. (Isa. 5:20) Kana malees, hundi keenya akkaataa guddinaa keenyaa fi cubbuu dhaallee wajjin qabsoo goona. Kanaan kan kaʼes akka Aaneea nutti dhagaʼamuu dandaʼa; Ishiin waggoota kudhaniin lakkaaʼamaniif Yihowaa kan tajaajilte taʼus, “Nama gaarii taʼuu nan dandaʼa jedhee amanuun qabsoo na gaafateera” jechuudhaan dubbatteetti.
Kan nama gammachiisu hundi keenya gaarii taʼuu ni dandeenya! Dansummaan ykn gaarii taʼuun kennaa hafuura Waaqayyoo siʼa taʼu, hafuurri isaa immoo dhiibbaa keessa keenyaa ykn alaa nu mudachuu dandaʼu kam irra iyyuu jabaa dha. Mee gaarii taʼuun maal akka taʼe gad fageenyaan qoruudhaan, amala kana caalaatti argisiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe haa barannu.
GAARII TAʼUU JECHUUN MAAL JECHUU DHA?
Gaarii taʼuun naamusa ol aanaa qabaachuu fi qulqulluu taʼuu, jechuunis xuraaʼummaa irraa walaba taʼuu dabalata. Gaarii taʼuun wantoota namoota kaan fayyadu hojjechuudhaan mulʼata. Amalli kun wanta gaarii namoota kaan gargaaru hojjechuudhaan argisiifama.
Tarii namoonni tokko tokko maatii fi michoota isaaniitiif wantoota gaggaarii yommuu godhan argitaniittu taʼa; haa taʼu malee, gaarii taʼuun namootuma kanaaf wanta gaarii gochuu qofa irratti kan daangeffamedhaa? Kitaabni Qulqulluu, “namni qajeelaan yeroo hundumaa wanta gaarii hojjetu, cubbuus kan hin hojjenne lafa irra hin jiru” waan jedhuuf, amala kana argisiisuu irratti dandeettiin keenya daangaa akka qabu beekamaa dha. (Lal. 7:20) Phaawulos ergamaan, “Ana keessa, jechuunis foon koo keessa wanti gaariin tokko illee hin jiru” jedhee dhugaa isaa dubbateera. (Rom. 7:18) Kanaafuu, amala kana horachuudhaaf qaama madda amala kanaa taʼe irraa barachuun keenya sirrii dha.
‘YIHOWAAN GAARII DHA’
Yihowaan wanta gaarii taʼeef ulaagaa baaseera. Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Ati gaarii dha, wanta gaariis in hojjetta, seerrata kee na barsiisi!” jedha. (Far. 119:68) Mee karaawwan lamaan Yihowaan gaarii taʼuu isaa itti argisiisee fi caqasa kana irratti ibsaman haa qorru.
Yihowaan gaarii dha. Gaarii taʼuu eenyummaa Yihowaa irraa gargar baasuun hin dandaʼamu. Mee yeroo Yihowaan, “Gaarummaa koo hundumaa fuula kee dura nan dabarsa” jechuudhaan Museetti dubbatetti wanta taʼe haa ilaallu. Gaarummaa isaa dabalatee, ulfinni Yihowaa yeroo darbutti, Museen jechoota akkas jedhan dhagaʼe: “Ani Waaqayyo gooftichi, Waaqayyo isa ooʼa-qabeessaa fi araara qabeessa; aariitti suuta-jedhaa dha; gaarummaan koo fi amanamummaan koo guddaa dha. Ani gaarummaa koo dhaloota kumaatamaaf jabeessee kanan eeguu dha; yakka irra-daddarbaa, cubbuus namaaf nan dhiisa; haa ta’u iyyuu malee, isa yakkaa utuun hin adabin hin dhiisu.” (Bau. 33:19; 34:6, 7) Kanaafuu, amalli gaariin eenyummaa Yihowaa hundumaa keessatti akka mulʼatu ni hubanna. Amala gaarii namoonni qabaachuu dandaʼaniif, Yesuus fakkeenya guddaa taʼus, “Waaqayyo tokkicha malee gaariin hin jiru” jedheera.—Luq. 18:19.
Hojiin Yihowaa gaarii dha. Gaarummaan wantoota Waaqayyo hojjete hunda keessatti ni mulʼata. “Waaqayyo nama hundumaaf gaarii dha; hojii harka isaa hundumaafis in ooʼa.” (Far. 145:9) Gaarummaan Yihowaa loogii waan hin qabneef, jireenyaa fi wantoota jireenya namootaatiif barbaachisan hundumaa ni kenna. (HoE. 14:17) Gaarummaan isaa yeroo inni dhiifama nuuf godhuttis ni mulʼata. Faarfatichi, “Yaa gooftaa, ati gaarii dha, . . . namaaf cubbuu isaa in dhiifta” jechuudhaan barreesseera. (Far. 86:5) Yihowaan, ‘wanta gaarii taʼe warra balleessaa malee deddeebiʼan duraa akka hin hambisne’ mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeenya.—Far. 84:11.
‘GAARII GOCHUU BARADHAA!’
Nuti akka bifa Waaqayyootti waan uumamneef, gaarii taʼuu fi wanta gaarii hojjechuuf uumama keenyaan dandeettii qabna. (Uma. 1:27) Taʼus, Dubbiin Waaqayyoo, tajaajiltoonni isaa ‘gaarii gochuu akka baratan’ isaan jajjabeessa. (Isa. 1:17) Haa taʼu malee, amala nama gammachiisu kana barachuu kan dandeenyu akkamitti? Karaawwan kana gochuu itti dandeenyu sadii haa qorannu.
Tokkoffaa, hafuura Qulqulluu argachuuf kadhachuu ni dandeenya. Kunis Kiristiyaanonni dhugumaan gaarii akka taʼan isaan gargaara. (Gal. 5:22) Eeyyee, hafuurri Waaqayyoo wanta gaarii taʼe akka jaallannuu fi wanta hamaa taʼe akka jibbinu nu gargaaruu dandaʼa. (Rom. 12:9) Kitaabni Qulqulluun, Yihowaan ‘hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaan isin haa cimsu’ jedha.—2 Tas. 2:16, 17.
Lammaffaa, Dubbii Waaqayyoo isa geggeessaa hafuuraatiin barreeffame dubbisuu qabna. Kana yoo goone, Yihowaan “wanta ba’eessa ta’e hundumaa” nu barsiisuu fi “hojii gaarii hundumaaf” nu hidhachiisuu ni dandaʼa. (Fak. 2:9; 2 Xim. 3:17) Haala kanaan dubbisuu fi xiinxaluudhaan garaa keenya waaʼee Waaqayyoo fi fedhii isaa wantoota gaariidhaan guutuu dandeenya. Kana gochuudhaan, kuusa qabeenyaa keenya isa yeroo booda itti fayyadamnutti dabalachuu dandeenya.—Luq. 6:45; Efe. 5:9.
Sadaffaa, ‘fakkeenya wanta gaarii taʼee hordofuuf’ wanta nuuf dandaʼame hundumaa gochuu qabna. (3 Yoh. 11) Fakkeenyota hordofuu dandeenyu Kitaaba Qulqulluu keessatti argachuu ni dandeenya. Dhugaa dha, fakkeenyonni hunda caalan Yihowaa fi Yesuusi dha. Haa taʼu malee, namoota gaarummaa isaaniitiin beekaman kan biraas ilaaluu dandeenya. Isaan keessaa namoonni dafanii gara sammuu keenyatti dhufan lama, Xaabiitaa fi Barnaabaasi. (HoE. 9:36; 11:22-24) Seenaa isaanii galmaaʼee jiru qorachuudhaan, namoota kaan gargaaruuf wanta isaan godhan hubattee faayidaa argachuu dandeessa. Namoota maatii kee ykn gumii kee keessa jiran dursa fudhatte akkamitti gargaaruu akka dandeessu yaadi. Akkasumas namoonni lamaan kun gaarii taʼuudhaan beekamuun isaanii akkamitti akka isaan fayyade hubadhu. Atis akkasuma faayidaa argachuu ni dandeessa.
Waaʼee namoota bara keenyatti wanta gaarii hojjechuudhaan fakkeenya taʼaniis yaaduu ni dandeenya. Fakkeenyaaf, jaarsolii ‘waan gaarii jaallatanii’ fi gumii keessatti jabaatanii hojjetan ilaalaa. Obboleettonni amanamoon dubbii fi fakkeenya isaaniitiin, ‘wanta gaarii barsiisanis’ dagatamuu hin qaban. (Tit. 1:8; 2:3) Obboleettiin Rooziliin jedhamtu akkas jetteetti: “Michuun koo namoota gumii keessa jiran kaan gargaaruu fi jajjabeessuuf carraaqqii cimaa gooti. Haala isaan keessa jiran ni yaaddi akkasumas yeroo baayʼee immoo kennaa xixinnoo isaanii kenniti ykn karaa qabatamaa taʼe kan biraadhaan isaan gargaarti. Ishiin dhugumaan nama gaarii akka taate natti dhagaʼama.”
Yihowaan, “wanta gaarii barbaadaa” jechuudhaan saba isaa jajjabeesseera. (Amo. 5:14) Kana gochuun keenya ulaagaa isaa akka jaallannu qofa utuu hin taʼin, wanta gaarii gochuu akka jaallannu nu kakaasa.
Gaarii taʼuu fi wanta gaarii hojjechuuf carraaqqii goona
Wanta gaarii gochuun, waan guddaa raawwachuu ykn aarsaa guddaa kaffaluu akka gaafatu goonee yaaduu hin qabnu. Fakkeenyaaf, namni fakkii kaasu tokko biruushii tokko ykn lama qofatti fayyadama jettanii yaadduu? Kanaa mannaa, fakkii kaasuuf biruushii hedduutti fayyadama. Haaluma wal fakkaatuun, gaarummaan keenya wantoota faayidaa argamsiisan hedduu raawwachuudhaan mulʼata.
Kitaabni Qulqulluun, wanta gaarii hojjechuuf ‘qophaaʼoo’ akka taanu nu jajjabeessa. (Tit. 3:1) Wanta warra kaan irra gaʼu xiyyeeffannaadhaan kan hordofnu yoo taʼe, “wanta gaarii isaaniif gochuu fi isaan cimsuudhaan” karaa itti ollaawwan keenya gammachiisnu barbaanna. (Rom. 15:2) Kunis wanta qabnu tokko tokko isaaniif kennuu dabalachuu dandaʼa. (Fak. 3:27) Namni tokko nyaata akka nu waliin nyaatu ykn yeroo gaarii akka nu waliin dabarsu afeeruu dandeenya. Namni tokko akka dhukkubsate yoo beekne, kaardii isaaf erguu, dhaqnee gaafachuu ykn bilbiluufii dandeenya. Eeyyee, “akkuma barbaachisummaa isaatti wanta warra dhagaʼan ijaaruuf gaarii taʼe” dubbachuuf carraa hedduu barbaaduu ni dandeenya.—Efe. 4:29.
Akkuma Yihowaa nutis namoota hundumaaf wanta gaarii gochuu barbaanna. Kanaafuu, warra kaan karaa loogii irraa walaba taʼeen isaan qabna. Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni guddaan misiraachoo Mootummichaa namoota hundaaf lallabuu dha. Akkuma Yesuus nu ajaje namoota nu jibbaniif illee wanta gaarii gochuu barbaanna. (Luq. 6:27) ‘Seerri wantoota kana dhowwu waan hin jirreef’ warra kaanitti gaarummaa argisiisuu fi wanta gaarii isaaniif gochuun matumaa dogoggora miti. (Gal. 5:22, 23) Mormiin ykn qorumsi kan nu irra gaʼu taʼu illee, amala gaarii argisiisuudhaan, warri kaan gara dhugaatti akka harkifamanii fi Waaqayyoof akka ulfina kennan gochuu dandeenya.—1 Phe. 3:16, 17.
GAARII GOCHUUN FAAYIDAA NUUF ARGAMSIISA
“Namni gaariin garuu gatii hojii isaa isa gaarii in argata.” (Fak. 14:14) Gatiiwwan kana keessaa tokko tokko maalfaʼi? Namoota kaaniif wanta gaarii yommuu goonu, isaanis deebisanii wanta gaarii nuuf gochuun isaanii hin oolu. (Fak. 14:22) Warri kaan wanta gaarii yoo gochuu baatan illee, wanta gaarii gochuu keenya itti fufuun keenya, ilaalcha isaanii akka jijjiiranii fi haala gaariidhaan akka nu qaban isaan gochuu dandaʼa.—Rom. 12:20, milj.
Namoonni hedduun wanta gaarii hojjechuu fi wanta hamaa irraa fagaachuudhaan akkamitti akka fayyadaman ragaa baʼuu ni dandaʼu. Mee muuxannoo Naansii ilaali. “Ijoollummaa kootti dantaa kan hin qabne, naamusa kan hin qabnee fi warra kaaniif kabaja kan hin qabnen ture” jechuudhaan dhugaa isaa dubbatteetti. “Haa taʼu malee, ulaagaa Waaqayyo wanta gaariidhaaf baase yommuun baradhuu fi hojii irra oolchu gammachuu akkan argadhe natti dhagaʼamuu jalqabe. Amma ofii kootiif kabaja qaba” jetteetti.
Gaarii taʼuuf sababiin carraaquu itti qabnu inni guddaan Yihowaa kan gammachiisu taʼuu isaa ti. Wanta nuti raawwannu namoonni hedduun kan hin argine yoo taʼan illee, Yihowaan ni arga. Inni wanta gaarii nuti goonuu fi yaadnu hundumaa ni arga. (Efe. 6:7, 8) Kun faayidaa akkamii nuuf argamsiisa? “Namni gaariin Waaqayyo biraa ayyaana in argata.” (Fak. 12:2) Kanaafuu amala kana horachuu keenya itti haa fufnu. Yihowaan, “namni wanta gaarii hojjetu hundi . . . ulfina, kabajaa fi nagaa ni argata” jechuudhaan abdii kenneera.—Rom. 2:10.
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.