Hojii Ergamootaa
14 Phaawulosii fi Barnaabaas Iqooniyumitti mana sagadaa Yihudootaa seenanii haasaa gaarii waan kennaniif, Yihudoonnii fi Giriikonni hedduun amantoota taʼan. 2 Yihudoonni warri hin amanne garuu, saboota kaan keessaa namoota* obboloota irratti kakaasanii akka isaan jibban godhan.+ 3 Kanaafuu, isaan aangoo Yihowaa* biraa argataniin ija jabinaan dubbachaa yeroo dheeraa achi turan; inni karaa isaanii mallattoo fi dinqii raawwachuudhaan gaarummaa isaa isa guddaa ilaalchisee ergaan isaan lallaban dhugaa taʼuu isaa mirkaneesseera.+ 4 Haa taʼu malee, namoonni magaalattii hedduun bakka lamatti hiraman; tokko tokko Yihudoota, kaan immoo ergamoota deggeran. 5 Namoonni saboota kaanii fi Yihudoonni, bulchitoota isaanii wajjin taʼanii isaan salphisuu fi dhagaadhaan isaan tumuuf yommuu yaalii godhan,+ 6 Phaawulosii fi Barnaabaas kana ni dhagaʼan; achiis magaalota Liqaaʼoniyaa, Lisxiraa fi Darbee jedhaman, akkasumas biyya naannoo sana jirutti baqatan.+ 7 Achittis misiraachicha labsuu isaanii itti fufan.
8 Lisxiraa keessa namichi miilli isaa naafate tokko taaʼee ture. Inni erga dhalatee kaasee naafa waan taʼeef deemuu hin dandaʼu ture. 9 Namichi kun yommuu Phaawulos dubbatu dhaggeeffachaa ture. Phaawulosis hubatee isa ilaalee fayyuu akka dandaʼu kan amanu taʼuu isaa yommuu argu,+ 10 sagalee guddaadhaan, “Kaʼiitii miila keetiin dhaabbadhu” jedhe. Kanaafuu, namichi utaalee kaʼee deemuu jalqabe.+ 11 Namoonni hedduun sun wanta Phaawulos godhe yommuu argan, Afaan Liqaaʼoniyaatiin, “Waaqoliin nama fakkaatanii nutti gad buʼaniiru!” jedhanii iyyan.+ 12 Achiis Barnaabaasiin, “Zuus” jedhan; Phaawulos immoo dursa fudhatee dubbachaa waan tureef, “Hermees” jedhanii isa waamuu jalqaban. 13 Lubni Zuus, inni manni qulqullummaa isaa karra magaalattii bira jirus namoota sanaa wajjin aarsaa isaanii dhiheessuuf, korommii fi abaaboo akka gonfootti dhaʼame fidee gara karrichaatti dhufe.
14 Haa taʼu malee, ergamoonni sun, jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos kana yommuu dhagaʼan uffata isaanii tarsaasanii utaalanii namoota sana gidduu seenuudhaan sagalee isaanii guddisanii akkana jedhan: 15 “Namoota nana, maaliif wanta akkasii gootu? Nuti namoota akkuma keessan dadhabina qabnu dha.+ Misiraachoo isiniif labsaa kan jirru, isin wantoota gatii hin qabne kana dhiistanii gara Waaqa jiraataa isa, samii, lafa, galaanaa fi wantoota isaan keessa jiran hundumaa uumetti akka deebitaniifi.+ 16 Inni dhaloota darbanitti saboonni hundi karaa ofii isaanii irra akka deeman isaaniif heyyamee ture;+ 17 taʼus wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan,+ akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu gochuudhaan+ waaʼee ofii isaa dhugaa baʼeera.”+ 18 Isaan wantoota kana kan dubbatan taʼus, aarsaa akka isaaniif hin dhiheessine kan isaan dhowwan dirqamaan ture.
19 Haa taʼu malee, Yihudoonni Anxokiyaa fi Iqooniyumii dhufan, namoota sana amansiisanii+ Phaawulosiin dhagaadhaan erga tumanii booda, kan duʼe waan isaanitti fakkaateef lafa irra harkisanii magaalattiidhaa gad baasan.+ 20 Haa taʼu malee, barattoonni dhufanii yommuu isatti marsan kaʼee gara magaalattiitti seene. Guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaasii wajjin gara Darbee dhaqe.+ 21 Magaalaa sanatti misiraachoo labsuudhaan namoota hedduu barattoota erga godhanii booda gara Lisxiraa, Iqooniyumii fi Anxokiyaatti deebiʼan. 22 Achitti, “Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu qabna”+ jedhanii amantiitti cimanii akka jiraatan jajjabeessuudhaan barattoota* ni cimsan.+ 23 Kana malees, tokkoon tokkoon gumiiwwanii keessatti jaarsolii isaaniif muudan;+ erga kadhatanii fi soomanii boodas,+ Yihowaa* isa isaan itti amananitti imaanaadhaan isaan kennan.
24 Achiis Phisdiyaa keessa darbanii gara Phamfiliyaa dhufan;+ 25 Phergeetti dubbicha erga labsanii boodas gara Ataaliyaatti gad buʼan. 26 Achii kaʼaniis dooniidhaan gara Anxokiyaa dhaqan; isaan hojii amma guutummaatti raawwatan kanaaf gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti imaanaadhaan kan kennaman iddoo kanatti ture.+
27 Yommuu achi gaʼanis gumicha walitti qabanii, wantoota hedduu Waaqayyo karaa isaanii raawwatee fi inni akkamitti saboota kaaniif balbala amantii akka bane isaanitti himuu jalqaban.+ 28 Kanaafuu, isaan barattootaa wajjin yeroo dheeraa dabarsan.