Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’uu, fuula 109-119
BOQONNAA 10
KARAAWWAN ITTI TAJAAJILAKEE BABAL’ISUU DANDEESSU
YESUS bartoonnisaa waa’ee Mootummichaa akka lallabaniif yeroo inni itti isaan ergu waan ga’ee tureef akkas isaaniin jedhe: “Midhaan sassaabamu baay’ee dha, hojjetoonni sassaaban garuu muraasa.” Hojiin hojjetamu baay’ee waan tureef itti dabaluudhaan akkas isaaniin jedhe: “Egaa hojjetoota warra midhaan sassaaban itti haa yaafatuuf, abbaa midhaanichaa kadhadhaa!” (Mat. 9:37, 38) Yesus bartoonnisaa akkamitti tajaajilasaanii raawwachuu akka qaban qajeelfama isaaniif kenneera. Hojiinsaa ariifachiisaa akka ta’e jechasaarraa hubachuun ni danda’ama. “Ilmi namaa hamma dhufutti mandaroota Israa’el hundumaa waliin hin geessan” isaaniin jedheera.—Mat. 10:23.
Yeroo ammaattis haaluma wal fakkaatuun hojii kanaaf namoota baay’eetu barbaachisa. Yeroonsaa xumuramaa kan jiru yommuu ta’u, misiraachoon Mootummichaammoo, dhumnisaa utuu hin dhufin lallabamuu qaba. (Mar. 13:10) Hojii amma hojjechaa jirru wanti adda taasisu bal’inasaa qofa ennaa ta’u, bakki tajaajilli kun itti raawwatamu biyya lafaa waan ta’eef, wanta Yesusiifi bartootasaarra ga’e caalaatu nurras ga’uu danda’a jennee eeguu dandeenya. Namoota biliyoonaan lakkaa’amanii wajjin yeroo ilaalamnu, nutis akkuma bartoota Yesus lakkoofsi keenya muraasa ta’us harki Yihowaa gabaabaa miti. Misiraachoon Mootummichaa addunyaa maratti akka lallabamu gochuu danda’a. Misiraachichi ni lallabama, achiis yeroo Yihowaan murteessetti dhumni ni dhufa. Haata’u malee, yeroo sanatti itti gaafatamummaa akka lallabnuuf nutti kenname utuu raawwannuu argamnaa laata? (His. 33:8, 9) Jireenya keenya keessatti Mootummaa Waaqayyootiif dursa kennuudhaan tajaajila keenya guutummaatti raawwannaa? Kana galmaan ga’uuf galma hafuuraa akkamii baafanneerra?
Wanta Yihowaan tajaajiltootasaa hundaarraa barbaadu Yesus akkas jechuudhaan ibseera: “Atis Waaqayyo kee goofticha garaa kee guutuudhaan, jireenya kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaanis jaallachuutu siif ta’a!” (Mar. 12:30) Waaqayyo tajaajila isaaf dhiheessinu garaa keenya guutuudhaan akka raawwannu barbaada. Hanga humni keenya danda’u tajaajila keenya raawwachuudhaan jaalalli keenya hammam gadi fageenya akka qabuufi kan of murteessine garaa keenyaa kakaanee ta’uu keenya argisiisuu dandeenya jechuudha. (2 Xim. 2:15) Hunda keenyaafiyyuu, akka humnaafi dandeettii keenyaatti, carraawwan tajaajilaa gara garaa baay’een nuu banamaniiru. Isaan kana keessaa tokko tokko maalfaa akka ta’an armaan gaditti ilaaluudhaan galma hafuuraa tajaajilakee raawwachuuf si dandeessisu baasuuf yaalii godhi.
BABAL’ISAA GUMII TA’ANII TAJAAJILUU
Namoonni dhugaa fudhatan hundi misiraachicha labsuuf mirga argataniiru. Hojii guddaan Yesus bartootasaatiif kenne kanadha. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Yeroo baay’ee namni duuka buutuu Yesus ta’e misiraachoon kun barbaachisaa ta’uusaa yommuu hubatu, yeruma sana warra kaanitti dubbachuu jalqaba. Indiriyaas, Filiphos, Qorneelewosiifi warri kaanis kan godhan kanuma ture. (Yoh. 1:40, 41, 43-45; HoE. 10:1, 2, 24; 16:14, 15, 25-34) Kana jechuun namni tokko utuu hin cuuphamin misiraachicha warra kaanitti himuu danda’a jechuudhaa? Eeyyee. Namni tokko gumii keessatti babal’isaa hin cuuphamne ta’ee tajaajiluuf ga’eessa yommuu ta’u, manaa gara manaa dhaqee misiraachicha warra kaanitti himuuf mirga argata jechuudha. Hanga humniifi haallisaa isaaf heyyametti, yeroo hundumaa bifa tajaajilaa gara garaarratti hirmaachuu danda’a.
Miseensa gumii cuuphamte yoo taate, warri kaan misiraachicha akka dhaga’an gargaaruuf hanga humnikee danda’u akka gootu beekamaadha. Hojii lallabaa Waaqayyo ajaje kanarratti dhiironniifi dubartoonni hirmaachuu danda’u. Hundisaaniiyyuu, hojii gumii keessatti qaban raawwachuudhaan fakkeenya gaarii ta’uu qabu. (1 Xim. 2:9-15; Tiitoos 2:1-10; 1 Phe. 5:5) Dhiironni miseensota gumii ta’an karaa hafuuraa guddina argisiisuudhaan ulaagaa isaanirraa barbaadamu yoo guutan tajaajiltoota gumii ta’anii muudamuu danda’u. (1 Xim. 3:8-10, 12, 13) Tajaajiltoonni gumii ilaaltuu olaanaa ta’uudhaaf carraaqaniifi ulaagaa Caaffanni qulqullaa’aan ajaju guutanimmoo jaarsolii ta’anii muudamu. Jaarsoliin, gumicha kan barsiisan yommuu ta’u, hoolotaafis tiksee ta’anii tajaajilu. (1 Xim. 3:1-7; Tiitoos 1:5-9) Xiqqoollee yoo ta’e hojiiwwan Mootummaa Waaqayyoo wajjin walitti dhufeenya qaban babal’isuun mirga guddaadha. Mirga tajaajilaa argachuuf jecha namni tajaajilasaa babal’isuu danda’u kamiyyuu, gammachuu akka argatu homaa hin shakkisiisu.
BAKKA NAMNI CAALAATTI BARBAACHISU DHAQANII TAJAAJILUU
Gumiin ati keessatti argamtu naannoo tajaajilaasaa dafee dafee kan hojjetuufi misiraachichi akka gaariitti kan keessatti lallabame ta’uu danda’a. Akkas taanaan naannoo tajaajilaa namni caalaatti barbaachisu dhaquudhaan tajaajilakee bal’isuu barbaadda ta’a. (HoE. 16:9) Daawwataan olaanaa aanaa gumii garabiraa aanaakee keessatti argamu akkamitti gargaaruu akka dandeessu yaadawwan tokko tokko sii hiruu danda’a. Biyyakee keessaa gara naannoo garabiraa dhaqxee tajaajiluu kan barbaaddu yoo ta’e, odeeffannoo barbaachisaa ta’e argachuuf gara waajjira dameetti barreessuu dandeessa. Yeroo ammaatti jaarsa ykn tajaajilaa gumii taatee kan tajaajiltu yoo ta’emmoo, gumii biyyicha keessa jiru tokko gargaaruu dandeessa.
Gara biyya gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqxee tajaajiluu barbaaddaa? Taanaan, dhimma kanarratti akka gaariitti yaaduu qabda. Sirrattis ta’e namoota sii wajjin deemanirratti jijjiirama fiduu danda’a. (Luq. 14:28) Yeroo dheeraadhaaf turuu hin barbaaddu yoo ta’e, naannoowwan biyyakee keessatti argaman keessa utuu tajaajiltee gaariidha.
Waajjirri damee biyyakee keessatti argamus ta’e biyya garabiraa keessatti argamu maqaa gumiiwwan gargaarsi barbaachisu utuu siif hin kennin dura, Koreen Tajaajilaa Gumiikee xalayaa deggersaa barreessuu qaba. Jaarsa, tajaajilaa gumii, qajeelchaa ykn babal’isaa taatee kan tajaajiltu yoo ta’eyyuu, xalayaan kun barreeffamuunsaa barbaachisaadha. Koreen tajaajilaa kunis, xalayaa deggersaa kana iyyatakee wajjin wal qabsiisee gara waajjira damee ati itti tajaajiluu barbaadutti erga.
Naannoo caalaatti gargaarsi barbaachisu dhaqxee tajaajiluu kan barbaaddu yoo ta’e, dhimma kanarratti jaarsolii gumiikee keessatti argamanii wajjin maaliif hin mari’attu? Akkamitti dursitee karoora baasuu akka dandeessu ykn gara fuulduraatti tajaajila akkasiitiif akkamitti ga’eessa ta’uu akka dandeessu yaada sii kennuu danda’u.
GUMII AFAAN BIYYA
ALAA DUBBATUU WAJJIN TAJAAJILUU
Tajaajilakee bal’isuuf jecha, afaan mallattoo dabalatee afaan garabiraa barachuu yaadda ta’a. Warriifi ijoolleen maatii afaan lama dubbachuu danda’an tokko tokko, tajaajilasaanii bal’isuuf jecha gumiiwwan afaan biyya alaatiin dubbataman keessatti tajaajilu. Afaan garabiraa barachuudhaan tajaajiluu kan barbaaddu yoo ta’e, jaarsoliifi daawwattoota olaanaa aanaa maaliif hin haasofsiistu? Yaada gaarii ta’e sii kennuufi si jajjabeessuu danda’u. Aanaawwan tokko tokko godaantota biyyasaanii keessatti argamaniif lallabuuf, qajeelfama waajjira damee gaafachuudhaan barumsi afaanii akka kennamu godhu.
QAJEELCHAA GARGAARAA, QAJEELCHAAFI
QAJEELCHAA ADDAA TA’ANII TAJAAJILUU
Babal’istoonni hundinuu qajeelchaa gargaaraa, qajeelchaafi qajeelchaa addaa, akkasumas tajaajilawwan yeroo guutuu garabiraarratti hirmaachuuf, ulaagaan barbaachisu maal akka ta’e beekuu qabu. Ibsi dabalataa yeroo yeroodhaan Tajaajila Mootummaarratti ni kennama. Babal’isaan qajeelchaa ta’ee tajaajilu, Kiristiyaana cuuphameefi kan fakkeenya ta’u, akkasumas hanga haallisaa heyyameefitti ji’a ji’aan misiraachoo Mootummichaa lallabuurratti sa’aatii murtaa’e dabarsuu qaba. Iyyata namoota qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu barbaadan kan raggaasisu Koree Tajaajilaa Gumii yommuu ta’u, kan qajeelchitootaafi qajeelchitoota addaa garuu kan raggaasisu waajjira dameeti.
Babal’istoonni qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu barbaadan yoo xinnaate ji’a tokkoof muudamuu kan danda’an yommuu ta’u, haallisaanii kan isaaniif heyyamu yoo ta’emmoo, ji’oota baay’eedhaaf ykn ji’oota hin murtoofneef qajeelchaa gargaaraa ta’uu danda’u. Babal’istoonni Mootummichaa baay’eenimmoo, yeroo adda ta’e, jechuunis tibba Ayyaana Yaadannoorratti ykn yeroo daawwataan olaanaa aanaa gumicha daawwatu qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluunsaanii isaan gammachiisa. Warri tokko tokkommoo, yommuu boqonnaa waggaa ba’an qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu filatu. Babal’istoonni cuuphamaniifi barattoota ta’animmoo, yeroo manni barumsaa cufamutti qajeelchaa gargaaraa ta’anii tajaajiluu filachuu danda’u. Haalli ati irratti argamtu maaliyyuu yoo ta’e, gama amalaatiin ejjennoo gaarii kan qabdu, sa’aatii ji’atti sirraa barbaadamu guutuu kan dandeessuufi ji’a tokkoof ykn isaa oliif qajeelchaa gargaaraa taatee tajaajiluu kan dandeessu yoo ta’e, jaarsoliin gumii iyyata ati dhiheessitu gammachuudhaan fudhatu.
Qajeelchaa taatee muudamuu kan dandeessu garuu, sa’aatii waggaatti qajeelchitootarraa barbaadamu guutuuf haala si dandeessisurratti kan argamtu yoo ta’edha. Tajaajilli Mootummaa, itti gaafatamummaa kana bakkaan ga’uu akka dandeessu si gargaaruuf jecha, ji’atti sa’aatii meeqa tajaajiluu akka qabdu yaada ibsu qabatee ba’a. Qajeelchaa taatee yommuu muudamtu, yeroo hundaa gumiikee wajjin tokko taatee akka hojjettu sirraa eegama. Qajeelchitoonni hinaaffaa qaban gumii tokkoof eebba guddaa ta’uusaaniirrayyuu, gumichi tajaajilaaf hinaaffaa guddaa akka qabaatu, warri kaanis qajeelchitoota ta’anii akka tajaajilan kakaasuu danda’u. Haata’u malee, jaarsoliin qajeelchaa taatee akka tajaajiltu yaada deggersaa utuu hin kennin dura, yoo xinnaate erga cuuphamtee ji’a ja’a guutuukee, amala gaarii kan qabduufi yeroo babal’isaa turtetti fakkeenya gaarii ta’uu qabda. Sa’aatii sirraa barbaadamu guutuuf sagantaa hojiirra ooluu danda’u baasuu qabda.
Obboloonni qajeelchitoota addaa ta’anii muudaman qajeelchitoota tajaajilasaaniirratti bu’aa gaarii argamsiisaniifi bakka waajjirri damee isaan ramadu dhaqanii tajaajiluu kan danda’anidha. Yeroo baay’ee qajeelchitoonni kun kan ergaman naannoo tajaajilaa fagoo namoota fedhii qaban barbaadanii gumii haaraa dhaabuu danda’anittidha. Al tokko tokko, qajeelchitoonni addaa gumiiwwan naannoo tajaajilaasaanii yeroo yeroodhaan hojjechuuf gargaarsi isaan barbaachisu dhaqanii akka gargaaran ramadamuu danda’u. Gumicha keessatti namni dabalataa tajaajilarratti hirmaatu barbaachisuu baatus, qajeelchitoonni addaa jaarsolii ta’an gumiiwwan xixinnoo akka gargaaraniif ramadamaniiru. Qajeelchitoonni addaa wanta ittiin jiraatan akka argataniif qarshii muraasni ni kennamaaf.
MANA BARUMSAA LEENJII TAJAAJILTOOTAA
Gumiiwwan haaraan waggaa waggaadhaan hundeeffaman utuu walirraa hin citin dabalaa adeemuunsaanii, Yihowaan carraaqqii sabnisaa misiraachoo Mootummichaa lallabuuf gochaa jiran eebbisaa akka jiru kan argisiisudha. (HoE. 16:5) Lakkoofsi gumii yommuu dabalaa adeemutti, jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii dabalataa ni barbaachisu. Obboloonni dhiiraa ga’eessota ta’aniifi hin fuudhin: “Kunoo, ani jira, ana ergi!” jedhanii Yihowaadhaaf deebii akka kennan jajjabeeffamaniiru. (Isa. 6:8) Jaarsoliifi tajaajiltoonni gumii bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqanii tajaajiluu danda’aniifi kana gochuuf fedhii qaban, Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa galanii barachuu akka barbaadan iyyata galchuudhaan waamicha kanaaf deebii gaarii kennaniiru. Obboloonni fedhii akkasii qaban, walga’iiwwan aanaafi walga’ii namoota Mana Barumsaa Leenjii Tajaajiltootaa dhaqanii barachuu barbaadaniif qophaa’urratti argamuudhaan, ulaagaawwan guutamuu qaban ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu danda’u.
Manni barumsaa kun, obboloonni ga’eessota ta’an, tiksoota akkasumas itti gaafatamummaa garabiraa gumii keessatti qaban akka gaariitti raawwachuu akka danda’aniif, barumsa Macaafa Qulqulluufi akkaataa hojii jaarmiyaa ilaalchisee barumsa barbaachisaa ta’e kenna. (Er. 23:4) Leenjii akkasii erga argatanii booda, warri tokko tokko biyyasaanii keessaa bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqanii akka tajaajilaniif kan ramadaman yommuu ta’u, warri kaanimmoo biyya alaatti akka tajaajilaniif ramadamu. Warri tokko tokko gara gumii dura turanitti deebi’uudhaan obboloota achitti argaman akka gargaaraniifi akka jajjabeessan gaafatamu. Obboloonni leenjii akkasii argatan kun, karaa hafuuraa saba Waaqayyoo gargaaruufis ta’e wantoota hojii jaarmiyaa wajjin walitti dhufeenya qabanirratti gargaarsa gochuuf ga’eessota ta’aniiru.—2 Xim. 3:16, 17.
TAJAAJILA MISIYOONUMMAA
Misiraachoon Mootummichaa dhumni utuu hin dhufin “hamma andaara lafaatti” akka lallabamuuf, misiyoonota gara biyyoota gara garaatti erguun barbaachisaa ta’eera. (HoE. 1:8; Mat. 24:14) Qophiin kunis, Dhugaa Baatonni kumaatamaan lakkaa’aman, keessumaammoo kan hinaaffaa qaban, kan garaa guutuudhaan Waaqayyoof bulaniifi tajaajiltoonni hojii Mootummichaatti bu’a qabeeyyii ta’uusaanii mirkaneessan tajaajilasaanii akka bal’isaniif karaa isaaniif bana. Yeroo baay’ee, obboloota hojii misiyoonummaarratti akka hirmaatan afeeramaniif Mana Barumsaa Macaafa Qulqulluu Masaraa Eegumsaa Giili’aaditti leenjiin ni kennamaaf.
Misiyoononni baay’een biyyoota haalli jireenyaasaanii rakkisaa ta’etti waan ergamaniif, namni tokko hojii misiyoonummaarratti hirmaachuu yoo barbaade, fayyaafi jabina qaamaa gaarii qabaachuu qaba. Namni misiyoonii ta’e tokko dhukkuba gara garaatiif saaxilamuu kan danda’u ta’uusaarrayyuu, haala jireenyaa gara garaafi aadaawwan guutummaatti haaraa ta’anii wajjin wal baruun isa barbaachisuu danda’a.
Yeroo ammaatti tajaajila yeroo guutuurratti kan argamtu yoo ta’eefi ammammoo misiyoonii taatee tajaajiluuf ga’eessa ta’uu kan barbaaddu yoo ta’e, walga’ii namoota misiyoonii ta’uu barbaadanii wajjin walga’ii koonyaarratti godhamurratti argamuudhaan ulaagaan barbaachisu maal akka ta’e odeeffannoo dabalataa argachuu dandeessa. Daawwataan olaanaa aanaakee gorsa gaarii si kennuu danda’a. Tajaajila kanaaf ga’eessa yoo taate, gosa tajaajilaa waaqeffannaan dhugaa guutummaa biyya lafaarratti akka babal’atu gargaaru kanarratti hirmaachuuf mirga guddaa argatteetta jechuudha.
TAJAAJILA BET’EL
Maatii Bet’el isa addunyaa maratti argamu keessaa bakka tokkotti tajaajiluu danda’uun mirga guddaadha. Maqaan Bet’el jedhu “Mana Waaqayyo” jechuu yommuu ta’u, maqaan kun handhuura bakka hojiin ti’ookraasii itti hojjetamuuf kan ta’udha. Obboloonni tajaajila Bet’elirratti hirmaatan barreeffamoota Dhugaa Baatonni Yihowaa addunyaa maratti argaman ittiin gargaaraman qopheessuufi bakka gara garaatti erguurratti hojii baay’ee barbaachisaa ta’e raawwatu. Qaamni Olaanaan, waajjira muummee Biruukiliin Bet’elitti argamu gumiiwwan addunyaa maratti argaman ni to’ata; akkasumas ni geggeessa.
Hojiin Bet’elitti hojjetamu garri caalaansaa humna kan gaafatudha. Kanaafuu, namoonni Bet’elitti waamaman obboloota of murteessaniifi cuuphaman, dargaggoota, haalli fayyaasaanii gaarii kan ta’eefi qaama jabaa kan qabanidha. Biyya ati jiraattu keessatti Bet’eliin galanii akka tajaajilaniif namoonni kan barbaadaman yoo ta’efi atis bakka kanatti tajaajiluu kan barbaaddu yoo ta’e, yeroo walga’iin koonyaa godhamu obboloota Bet’eliin galanii tajaajiluu barbaadanii wajjin walga’ii godhamurratti argamuudhaan, ulaagaawwan guutamuu qaban ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuu dandeessa. Daawwataan olaanaa naannookees gama kanaan si gargaaruu danda’a.
HOJII IJAARSAARRATTI HIRMAACHUU
Ijaarsi Galmawwan Mootummaafi Galmawwan Walga’ii gurguddaa, mana qulqullummaa Solomoon ijaaree wajjin haala wal fakkaatuun tajaajila qulqulluudha. (1 Mot. 8:13-18) Obboloonni baay’een hojii kana deggeruufi gargaaruu akkasumas yeroofi qabeenyasaanii aarsaa gochuudhaan hinaaffaa jaarmiyaa Yihowaatiif qaban argisiisu.
Atoo hojii bakka guddaan kennamuuf kanarratti hirmaachuu dandeessaa? Hojii kanarratti hirmaachuu kan barbaadduufi babal’isaa cuuphamte yoo taate, Deeskiin Ijaarsa Galma Mootummaa gargaarsa ati gochuu barbaaddu ni dinqisiifata. Ogummaa ijaarsaa kan hin qabne yoo taate ykn amala gaarii kan qabduufi babal’isaa hin cuuphamne yoo taate, ijaarsa Galma Mootummaa naannookeetti godhamurratti hirmaachuudhaan gargaarsa gochuu dandeessa. Gama kanaan hojii kanarratti hirmaachuu kan barbaadu yoo ta’e, jaarsolii gumiikeefi daawwataa olaanaa aanaatti maaliif hin himtu? Babal’istoonni cuuphamaniifi ulaagaa isaanirraa barbaadamu guutan tokko tokko, Galma Mootummaafi Galmawwan Walga’ii Gurguddaa biyyoota garabiraa keessatti ijaaramanirratti hirmaachuuf, hojjettoota addunyaa maratti fedhasaaniitiin of dhiheessan ta’anii tajaajiluu.
ATOO KARAA HAFUURAA GALMA AKKAMII BAAFATTEETTA?
Yihowaadhaaf kan of murteessite yoo taate, kaayyoonkee inni guddaan bara baraaf Yihowaa tajaajiluudha. Haata’u malee, galmawwan bira ga’uu barbaaddurra ga’uukee dura, karaa hafuuraa galmawwan akkamii baafatteetta? Galmawwan hafuuraa qabaachuunkee, humnaafi qabeenyakee karaa bu’a qabeessa ta’een itti fayyadamuuf si gargaara. (1 Qor. 9:26) Akkas gochuunkee wanta gaarii ta’e yaadatti qabachuudhaan akka hojjettu si gargaara. Galmawwan akkasii qabaachuunkee karaa hafuuraa guddina akka argisiistu si gargaaruusaarrayyuu, mirgawwan tajaajilaa dabalataa argachuuf yommuu carraaqqii gootu wantoota caalaatti barbaachisanirratti akka xiyyeeffattu si gargaaru.—Filp. 1:10; 1 Xim. 4:15, 16.
Yesus fakkeenya waa’ee nama sanyii facaasu dubbaterratti, lafti inni gaariin ija gara garaa akka godhatu akkas jechuudhaan addeesseera: “Akkuma sanyiin lafa gaariitti facaafame ta’e immoo, akkasuma namni dubbicha in dhaga’a in hubatas; ija godhatees, inni tokko dhibba, inni tokko jaatama inni kaanis soddoma in baata.” (Mat. 13:23) Jechi kun hiika maalii akka qabu akka gaariitti yoo hubanne, ija baay’ee godhachuuf carraaqqii gochuudhaan Yihowaadhaaf ulfina fiduu hin qabnuu? Tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaachuudhaan hojii Mootummichaarratti ija baay’ee godhachuuf hin kakaanuu? Guyyaa guyyaan hojii ija hafuuraa horachuuf ni carraaqnuu? (Yoh. 15:2, 3; Gal. 5:22, 23) Galmawwan hafuuraa baafachuun wanta kana hundaa gochuuf nu gargaara.
Phaawulos, Yihowaa tajaajiluudhaaf fakkeenya gaarii nuu ta’a. (1 Qor. 11:1) Phaawulos hanga humnaafi dandeettiinsaa isaaf heyyamu hojjechuudhaan Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii cimaa godheera. Tajaajilli Yihowaa carraawwan gara garaa akka isaaf bane hubateera. Obboloota gumii Qorontosiif: “Hojii guddaadhaa fi hojii waa’ee baasu hojjechuudhaaf karaan anaaf banameera” jedhee barreesseera. Haalli keenya kanaa wajjin wal hin fakkaatuu? Caalaattimmoo, gumii wajjin taanee misiraachoo Mootummichaa lallabuudhaan Yihowaa tajaajiluuf carraawwan baay’ee hin argannee? Ta’uyyuu, nutis akkuma Phaawulos “karaa” nuu banamerra darbuuf, ‘mormitoota baay’ee’ mo’uu akka qabnu irraanfachuu hin qabnu. (1 Qor. 16:9) Nama fiigicharratti dorgomuudhaan badhaasa yeroo xinnoo booda badu argachuuf hawwuu wajjin haala wal fakkaatuun, Phaawulosis dhagnisaa itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda’uufi haleelee akka abboomamu fedhii qaba ture. Wanta inni jedhe qalbeeffadhu: “Dhagni koo itti baree waan itti dhufu hundumaa akka danda’u, haleelee akka abboomamus gochuun anaaf in ta’a.” (1 Qor. 9:24-27) Nutoo ilaalcha akkasii qabnaa?
Namoonni baay’een yeroo har’aatti hojii misiyoonummaarratti hirmaatan jajjabina maatiinsaaniifi warri kaan yeroo isaan ijoollee turanitti isaaniif kennaniin Giili’aaditti leenjii argachuudhaan tajaajiluuf galma waan baafataniifidha. Haaluma wal fakkaatuunis obboloonni baay’een Bet’el keessatti tajaajilan, tajaajila Bet’eliif galma kan baafatan yeroo ijoollee turanitti ykn misiraachoo Mootummichaa erga dhaga’anii booda, tajaajilli addaa akkasii akka jiru erga hubatanii boodadha.
Namni hundi akka haala dhuunfaasaatti galmawwan hafuuraa tokko tokkorra ga’uuf carraaqqii akka godhu jajjabeessina. Galmawwan kana keessaa tokko tokko, torbanitti al tokko tajaajilarratti hirmaachuu, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabatan argachuufi qayyabsiisuu, walga’iiwwan gumiitiif qophaa’uuf yeroo dabalataa ramaduu, qajeelchaa gargaaraa ykn qajeelchaa ta’uu, naannoo gargaarsi caalaatti barbaachisu dhaqanii tajaajiluu, ijaarsa Galmawwan Mootummaafi Galmawwan Walga’ii Gurguddaarratti hirmaachuu, Bet’eliin galanii tajaajiluu ykn hojii misiyoonummaarratti hirmaachuu ta’uu danda’u. Tarii walga’iiwwan gumiifi walga’iiwwan koonyaarratti ykn barreeffamoota Dhugaa Baatota Yihowaarratti, haala keerratti hundaa’uudhaan wantoonni irratti yaaduu dandeessuufi galmawwan hafuuraa tokko tokko ni caqasamu ta’a. Jabaattee dhaabachuufi tajaajilakee guutummaatti raawwachuukee baay’ee barbaachisaadha. Kana yoo goote, Waaqayyoon kabachiisuukeerrayyuu, kaayyoo bara baraan Yihowaa tajaajiluuf qabdu galmaan ga’uu dandeessa.—Luq. 13:24; 1 Xim. 4:7b, 8.