Sagantaa Walga’ii Tajaajilaa
Torban Caamsaa 8 Jalqabu
Faarfannaa 54 (132)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Beeksisawwan Tajaajila Mootummaarraa filataman. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15fi Dammaqaan! Ebla 2006, akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisni inni tokko babal’isichi maamila barruu Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15 utuu hin fudhatin hafeef, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 15 fi Ebla 1 akkasumas Dammaqaa! ji’a Eblaa yommuu raabsu kan argisiisu haa ta’u. Barruulee sadanuu kan raabsu ta’uyyuu isa tokko qofa beeksisa. Babal’istoonni maamila barruusaaniitiif ji’atti al tokko ykn lama barruulee geessuufii danda’u.
Daq. 20: “Ana Duukaa Bu’aa.” Obboleessa hojii Mootummichaa dursuufi warra kaan tajaajiluuf jecha fedha dhuunfaasaa daangessuudhaan jireenyasaa salphaa godhe tokkoof gaafannoo godhi. Akkas gochuusaatiin eebbawwan inni argate ibsi.
Daq. 15: Muuxannoowwan gumii keessaa argaman. Tajaajila ji’a Bitootessaafi Eblaatti dabarsaniin eebba argatan akka dubbatan afeeri. Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuufi namoonni haaraan Ayyaana Yaadannoorratti akka argaman afeeruudhaan muuxannoowwan argaman dubbadhu. Muuxannoon tokko ykn lama hojiin argisiisaan akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 91 (207) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 15 Jalqabu
Faarfannaa 3 (6)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Hundumtuu viidiyoo Nohi Waaqayyoo Wajjin Deddeebi’e jedhamu, maree torban Caamsaa 29 jalqabamutti godhamuuf ilaalanii akka dhufan jajjabeessi.
Daq. 15: Qajeelfama Yesus Jalatti Tokkummaadhaan Hojjechuu. Kitaaba Saba Fedha Yihowaa Raawwachuuf Gurmaa’e jedhamu, mataduree “Ga’ee Yesus Qabu Fudhachuu Jechuun Maal Jechuudha?” jedhu ful. 13-15rratti hundaa’ee haasawaadhaan kan dhihaatu.
Daq. 20: Namoota Fedhii Argisiisan Deddeebi’anii Gaafachuun Ariifachiisaadha. Haasawaa Tajaajila Mootummaa Waxabajjii 1995, ful. 8rra jirurratti hundaa’ee ilaaltuu olaanaa tajaajilaatiin dhihaatu.
Faarfannaa 55 (133) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 22 Jalqabu
Faarfannaa 39 (86)
Daq. 12: Beeksisa gumii. Gabaasa herregaafi buusii gumichi godheef xalayaa waajjirri damee barreesse dubbisi. Akkaataawwan dhiheenyaa ful. 8rra jiranitti ykn naannoo keessaniif hojjetan kan biraatti fayyadamuudhaan, Masaraan Eegumsaa Ebla 1 fi 15 akkamitti akka raabsaman kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Hojiin argisiisichi maatiin tokko barruulee kana raabsuudhaaf yommuu shaakalan kan argisiisu haa ta’u.
Daq. 15: “Gaarummaa Qabaachuudhaan Namootaaf Akka Yaaddan Argisiisaa.”
Daq. 18: Uffannaafi Filannaa Seera Qabeessa Ta’e. Kitaaba Mana Barumsaa Tajaajilaa ful. 131-133rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin geggeeffamu. Akkaataa uffannaafi filannaa ilaalchisee qabxiiwwan seera bu’uuraa shananirratti mari’adhaa. Qabxiiwwan kanatti fayyadamnee, barattoonni Macaafa Qulqulluu walga’iiwwan gumiirratti akkaataan uffannaasaanii akkam ta’uu akka qabu malaan itti himuu akka qabnu dubbadhu.
Faarfannaa 96 (215) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Caamsaa 29 Jalqabu
Faarfannaa 18 (42)
Daq. 10: Beeksisa gumii. Babal’istoonni gabaasa tajaajilaa ji’a Caamsaa akka deebisan yaadachiisi.
Daq. 10: Ji’a Waxabajjiitti kitaaba Gammachuu Maatiifi (Amaariffa) Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu raabsaa. Akkaataawwan dhiheenyaa Miiltoo Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006rra jiran ykn naannoo keessaniif ta’an kan biraatti fayyadamuudhaan, kitaabni Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu akkamitti akka raabsamu kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi. Yeroo qabdu taanaan dhaggeeffattoonni kitaaba kanaan fayyadamuudhaan tajaajilarratti ykn maatii keessatti bu’aa gaarii argatan akka dubbatan afeeri.
Daq. 25: “Nama Dargaggootaafis Ta’e Namoota Gurguddaadhaaf Fakkeenya Ta’u.” Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffilee key. 2ffaa viidiyoo Nohi ilaalchisee dhihaatanirratti dhaggeeffattootaa wajjin mari’adhaa. Maatiiwwan barumsa DVD “Larniing Aktiiviitiis” jedhuun dhihaaterraa faayidaa argatan akka dubbatan gaafadhu. Dhumarratti gaaffilee key. 3ffaarra jiranirratti mari’adhaa.
Faarfannaa 81 (181) fi kadhannaa xumuraa.
Torban Waxabajjii 5 Jalqabu
Faarfannaa 56 (135)
Daq. 7: Beeksisa gumii.
Daq. 18: “Ilaalcha Kiristiyaanonni Dhagna Qabaadhaaf Qaban.” Yeroo qabaannaan yaada dabalataa Dammaqaa! Onkoloolessa 1993, ful. 12-15, akkasumas Bitootessa 2005, ful. 20-23rra jiru caqasi.
Daq. 20: Akkaataa Deddeebii Gaaffii Gochuudhaan Bu’aa Gaarii Itti Argachuu Dandeenyu. Masaraa Eegumsaa Sadaasa 15, 2003, ful. 16rratti hundaa’ee maree dhaggeeffattootaa wajjin godhamuun kan dhihaatu. Tokkoon tokkoon yaada qabxiiwwan torban kennamanirratti xiyyeeffachuudhaan, dhaggeeffattoonni akka naannoosaaniitti akkamittiin hojiirra oolchuu akka danda’an akka dubbatan afeeri. Babal’istoonni namoota barruulee fudhatan ykn warra fedhii argisiisan hundaaf deddeebii gaaffii yommuu godhan, galma qayyabannaa Macaafa Qulqulluu jalqabsiisuu akka qabaatan jajjabeessi. Akkaataawwan dhiheenyaa Tajaajila Mootummaa Amajjii 2006 ful. 6rra jiranitti fayyadamuudhaan, deddeebii gaaffii yommuu goonu qayyabannaa Macaafa Qulqulluu akka jalqaban akkamitti akka afeerru kan argisiisu hojiin argisiisni akka dhihaatu godhi.
Faarfannaa 27 (57) fi kadhannaa xumuraa.
[Miiljaleewwan]
Yaada seensaa daqiiqaa tokko hin guunneen erga jalqabdee booda, gaaffiifi deebiidhaan kan dhihaatu.