Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Caamsaa 2019
CAAMSAA 6-12
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 4-6
“Abdii hin Kutannu”
(2 Qorontos 4:16 dubbisi.)
w04-AM 8/15 25 key. 16-17
Qaamni Keenya Laafus Keessi Keenya hin Dadhabu
16 Karaa hafuuraa of kunuunsuun keenya baayʼee barbaachisaa dha. Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaannus qaamni keenya dadhabuu dandaʼa, isa waaqeffachuun garuu matumaa nu hin dadhabsiisu. Yihowaan “warra dadhabaniif humna in kenna, warra aangoo hin qabneefis jabina in kenna.” (Isaayaas 40:28, 29) Kun dhugaa taʼuu isaa jireenya isaa keessatti kan arge Phaawulos ergamaan akkana jechuudhaan barreesseera: “Nuti abdii hin kutannu; namummaan keenya inni alaa dhumaa yoo deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyaa guyyaadhaan haareffamaa akka deemu beekamaa dha.”—2 Qorontos 4:16.
17 Jecha “guyyaa guyyaadhaan” jedhu hubadhu. Jechi kun guyyaa guyyaadhaan qophiiwwan Yihowaa irraa fayyadamuu akka qabnu argisiisa. Obboleettiin waggaa 43f misiyoonii taatee amanamummaadhaan tajaajilaa turte takka yeroon itti qaamaan laaftee fi abdii itti kutatte jira ture. Haa taʼu malee keessi ishii hin dadhabne. Akkana jetteetti: “Ganamaan kaʼee hojii kam iyyuu jalqabuu koo dura gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi Dubbii isaa dubbisuu barsiifata godhadheera. Sochiin guyyaa guyyaa kun hanga ammaatti jabaadhee akkan dhaabbadhu na gargaareera.” Nutis yeroo hunda jechuunis “guyyaa guyyaadhaan” kan isa kadhannu, amalawwan isaa warra guguddaa taʼan irrattii fi abdiiwwan inni kenne irratti kan xiinxallu yoo taʼe Yihowaan humna akka nuuf kennu amanannaa qabaachuu dandeenya.
(2 Qorontos 4:17 dubbisi.)
it-1-E 724-725
Jabaatanii Dhaabbachuu
Abdiin Kiristiyaanummaa, jechuunis jireenyi bara baraa cubbuu irraa bilisa taʼe akka jiru yaadachuun barbaachisaa dha. Harka mormitootaa irratti ajjeefamuun illee abdiin kun akka hin raawwatamne gochuu hin dandaʼu. (Rom 5:4, 5; 1Ta 1:3; Mul 2:10) Rakkinni amma nu irra gaʼu raawwii abdii dinqisiisaa kana wajjin yeroo wal bira qabamu baayʼee xinnoo dha. (Rom 8:18-25) Rakkinni kam iyyuu ammaaf baayʼee ulfaataa taʼu illee, jireenya bara baraa argannu wajjin yeroo wal bira qabamee ilaalamu “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” dha. (2Qo 4:16-18) Namni tokko rakkinoonni kan nu irra gaʼan yeroodhaaf akka taʼe kan yaadatu yoo taʼe, akkasumas abdii Kiristiyaanaa cimsee kan qabatu yoo taʼe, kun abdii akka hin kutannee fi Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼu isa gargaaruu dandaʼa.
(2 Qorontos 4:18 dubbisi.)
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Qorontos 4:7 dubbisi.)
w12-AM 2/1 28-29
“Fuulli Yihowaa Gammachuudhaan Akka Ifu Godhaa”
Miseensa Qaama Ol Aanaa kan taʼe obboleessi keenya Deevid Ispileen haasaa caqasa Kitaaba Qulqulluu kanatti aanee jiru irratti hundaaʼe dhiheessee ture. (2 Qorontos 4:7) Qabeenya gatii guddaa qabu kan jedhame maali dha? Beekumsa ykn ogummaa dhaa? Obboleessi keenya Ispileen “Lakki” jechuudhaan deebise. Achiis akkana jedhe, “Qabeenyi gatii guddaa qabuu fi Phaawulos dubbate ‘tajaajila’ keenya isa ‘dhugaa mulʼisu’ dha.” (2 Qorontos 4:1, 2, 5) Obboleessi keenya Ispileen qoʼannaan jiʼa shaniif godhan hojii addaa kanaaf akka isaan qopheessu barattoota yaadachiiseera. Hojiin kun hojii iddoo guddaan kennamuufi dha.
Obboleessi keenya Ispileen ‘qodaan suphee’ foon keenya akka argisiisu ibseera. Akkasumas qodaa suphee irraa hojjetame, kan warqii irraa hojjetame wajjin wal bira qabeera. Qodaa warqii irraa hojjetame yeroo hunda itti hin fayyadamnu. Qodaan suphee irraa hojjetame garuu yeroo hunda hojii irra oola. Qabeenya gatii guddaa qabu tokko qodaa warqii keessa yoo keenye, akkuma qabeenya qodaa sana keessa jiruu qodaa sanaafis xiyyeeffannaa kennuun keenya hin oolu. Achiis obboleessi keenya Ispileen barattootaan akkana jedhe: “Isinis xiyyeeffannaa namootaa gara ofiitti harkisuu akka hin barbaanne beekamaa dha. Misiyoonota waan taataniif namoonni Yihowaa irratti akka xiyyeeffatan barbaaddu. Isin qodaa suphee iddoo keessan beektani dha.”
(2 Qorontos 6:13 dubbisi.)
Jaalala Obbolummaatti Guddachuu Keessan Itti Fufaa
7 Nutoo? Jaalala obbolummaa argisiisuuf ‘garaa bal’achuu’ kan dandeenyu akkamitti? Namoonni umriidhaan wal gitan ykn gosa tokko ta’an salphaadhumatti walitti dhihaatu ta’a. Namoonni bashannanarratti filannoo wal fakkaatu qaban yeroo baay’ee sa’aatii dheeraa waliin dabarsu. Haata’u malee, Kiristiyaanota tokko tokkoo wajjin fedhii wal fakkaatu qabaachuun keenya warra kaanirraa akka fagaannu kan nu taasisu taanaan, ‘garaa bal’achuu’ nu barbaachisa. Akkas jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Obboloota ani baay’ee itti hin dhihaannee wajjin tajaajilarratti ykn sochii hawaasummaarratti yeroo baay’ee nan hirmaadhaa? Namoota haaraa yommuun Galma Mootummaatti argu michootakoo ta’uusaanii dura yeroo dheeraa dhugaa keessa jiraachuu qabu jedhee yaaduudhaan walitti dhufeenyan isaanii wajjin qabu nan daangessaa? Maanguddootas ta’e dargaggoota gumii keessa jiran nagaa nan gaafadhaa?’
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Qorontos 4:1-15) Kanaaf, gara laafina Waaqayyo nutti argisiiseen kan kaʼe tajaajila kana waan qabnuuf abdii hin kutannu. 2 Haa taʼu malee, wantoota qaanessaa taʼanii fi dhoksaatti raawwataman dhiisneerra; haxxummaadhaan hin deddeebinu yookiin dubbii Waaqayyoo hin booressinu; kanaa mannaa, dhugaa mulʼisuudhaan qalbii nama hundumaatiif fakkeenya gaarii goonee Waaqayyo duratti of dhiheessina. 3 Misiraachoon nuti lallabnu dhuguma kan haguugame yoo taʼe, kan haguugame warra badaniifi; 4 misiraachoon inni ulfina qabeessi waaʼee Kiristoos isa fakkaattii Waaqayyoo taʼe sanaa akka isaan irratti hin ibsineef, waaqni sirna kanaa sammuu warra hin amannee jaamseera. 5 Nuti waaʼee ofii keenyaa utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoos Gooftaa taʼuu isaa, nuti immoo Yesuusiif jecha garboota keessan taʼuu keenya lallabna. 6 Sababiin isaas, “Dukkana keessaa ifni haa ifu” kan jedhe Waaqayyo dha; kana malees inni beekumsa waaʼee Waaqayyoo isa ulfina qabeessa taʼe sanaatiin karaa Kiristoos garaa keenya irratti ibseera. 7 Haa taʼu malee, humni humna caalu kun kan keenya utuu hin taʼin, kan Waaqayyoo taʼuun isaa akka beekamuuf qabeenya gatii guddaa qabu kana qodaa suphee keessaa qabna. 8 Nuti karaa hundumaan gad dhiibamna, garuu sochoʼuu hin dadhabnu; ni burjaajofna, garuu matumaa karaa itti keessaa baanu hin dhabnu; 9 ni ariʼatamna, garuu hin gatamnu; rukutamnee kufna, garuu hin badnu. 10 Jireenyi Yesuus qaama keenya irrattis akka mulʼatuuf bakka deemne hundatti rakkina guddaa duʼaaf nama saaxiluu fi Yesuus irra gaʼe yeroo hunda qaama keenya keessatti ni baanna. 11 Sababiin isaas, jireenyi Yesuus foon keenya isa duʼu irrattis akka mulʼatuuf, nuti warri lubbuudhaan jirru yeroo hunda Yesuusiif jennee duʼaaf ni saaxilamna. 12 Nuti duʼaaf kan saaxilamnu taʼus, kun isiniif jireenya argamsiisa. 13 Ammas hafuura amantii, “Ani nan amane, kanaafis nan dubbadhe” jedhamee barreeffamee wajjin wal fakkaatu waan qabnuuf, nutis ni amanna, kanaafis ni dubbanna; 14 Inni Yesuusiin duʼaa kaase Sun, nuunis Yesuusii wajjin duʼaa kaasee isinii wajjin isa duratti akka nu dhiheessu beekna. 15 Namoonni hedduun ulfina Waaqayyootiif galata dhiheessaa waan jiraniif, gaarummaa guddaan inni baayʼate caalaatti akka baayʼatuuf, wantoonni kun hundi isiniif jecha taʼaniiru.
CAAMSAA 13-19
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 7-10
“Hojii Gargaarsaa”
(2 Qorontos 8:1-3 dubbisi.)
w98-AM 11/1 25 key. 1
‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu jaallata’
Jalqaba irratti Phaawulos carraaqqii Kiristiyaanonni Maqedooniyaa hojii gargaarsaa deeggaruuf godhanii fi fakkeenya taʼu warra Qorontositti himeera. Phaawulos akkana jechuudhaan barreesseera: “Isaan utuma qorumsi guddaan irra gaʼuu fi utuma hiyyummaa guddaa keessa jiranii gammachuu guddaa qabu turan; arjummaa guddaas argisiisaniiru.” Kiristiyaanonni Maqedooniyaa dhidhiibamuun isaan hin barbaachisne. Kanaa mannaa Phaawulos, “Isaan mirga gaarummaadhaan kennuuf dandeessisu argatanii, . . . hirmaachuuf ofuma isaaniitiin kakaʼanii cimsanii nu kadhatu turan” jedheera. Kiristiyaanonni Maqedooniyaa arjummaa guddaa kan argisiisan “utuma hiyyummaa guddaa keessa jiranii” taʼuun isaa nama dinqisiisa.—2 Qorontos 8:2-4.
Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa
YEROONSAA Dh.K.B. bara 46 yommuu taʼu, Yihudaan beela cimaadhaaf saaxilamteetti. Midhaan jiru muraasa waan taʼeef gatiin midhaanii baayʼee miʼaayee ture; kanaaf bartoonni Yesus bitachuu hin dandeenye. Gama nyaataatiin rakkinni guddaan isaan mudateera. Haataʼu malee, Yihowaan eegumsa guddaa kanaan dura godheefii hin beekne isaaniif gochuuf jedha. Eegumsa akkamii isaaniif godha laata?
(2 Qorontos 8:4 dubbisi.)
Hojiin Gargaarsaa Yihowaaf Ulfina Argamsiisa
4 Phaawulos xalayaa isa lammaffaa gumii Qorontosiif barreesserratti, tajaajilli Kiristiyaanonni raawwatan kutaa lama akka qabu ibseera. Phaawulos xalayaa sana kan barreesse Kiristiyaanota dibamoodhaaf taʼus, wanti inni dubbate “hoolota kan biraa” yeroo harʼaa jiraniifis ni hojjeta. (Yoh. 10:16) Kutaan tajaajilaa keenya inni tokko “hojii araarsuu” siʼa taʼu, kunis lallabuufi barsiisuu kan dabalatudha. (2 Qor. 5:18-20; 1 Xim. 2:3-6) Kutaan inni lammaffaanimmoo tajaajila obboloota keenyaaf jennee raawwannu kan dabalatudha. Phaawulos adda baasee waaʼee ‘hojii gargaarsaa’ dubbateera. (2 Qor. 8:4) Yaadawwan “hojii araarsuu” fi ‘hojii gargaarsaa’ jedhan keessatti jechi “hojii” jedhu jecha afaan Giriikii diyaakoniyaa jedhuu wajjin tokkodha. Jecha kanatti fayyadamuun kan barbaachise maaliifi?
5 Phaawulos hojiiwwan lamaaniifuu jecha tokkotti fayyadamuudhaan, hojii gargaarsaa hojii gumii keessatti hojjetamu kaanii wajjin ramadeera. Xalayaasaa kanaan duraarratti akkas jechuudhaan dubbatee ture: “Ergaa garaa garaatu jira, gooftaan ergamaniif garuu tokkichuma. Hojii garaa garaatu jira, Waaqayyo inni hojii hundumaa adduma addaan yaada namaa keessa kaaʼu garuu tokkicha.” (1 Qor. 12:4-6, 11) Phaawulos hojii gumii keessatti hojjetamu “tajaajila qulqulluu” (NW) wajjin walbira qabee ibseera. (Rom. 12:1, 6-8) Kanaaf, yeroo ramaduudhaan warra Waaqayyoof qullaaʼan tajaajiluun sirrii akka taʼe itti dhagaʼamuunsaa kan nama ajaaʼibsiisu miti!—Rom. 15:25, 26.
6 Phaawulos, obboloonni gumii Qorontos jiran, hojiin gargaarsaa kutaa tajaajilaafi kutaa waaqeffannaasaanii taʼuusaa akka hubatan isaan gargaareera. Kana ilaalchisee ragaa inni dhiheesse hubadhaa! Kiristiyaanonni ‘wangeela Kiristosiif abboomaman’ namoota ni gargaaru. (2 Qor. 9:13) Kanaaf, barumsa Kiristos hojiirra oolchuuf fedhii waan qabaniif obboloota hidhatasaanii taʼan ni gargaaru. Phaawulos, gaarummaan isaan obbolootasaaniitiif oolan, ‘ayyaana Waaqayyoo isa isaan keessa jiru’ kan mulʼisu taʼuusaa ibseera. (2 Qor. 9:14; 1 Phe. 4:10) Masaraan Eegumsaa Muddee 1, 1975, obboloota keenya warra rakkinni isaan mudate gargaaruu ilaalchisee, “Yihowaaniifi Ilmisaa Yesus Kiristos tajaajila gaarummaarratti hundaaʼe akkasiitiif bakka guddaa akka kennan matumaa hin shakkinu” jechuudhaan dubbateera. Eeyyee, hojiin gargaarsaa tajaajila qulqulluu keessaa isa tokkodha.—Rom. 12:1, 7; 2 Qor. 8:7; Ibr. 13:16.
(2 Qorontos 9:7 dubbisi.)
Qarshiin Hojii Mootummichaaf Oolu Eessaa Argama?
10 Tokkoffaa, fedhaan kakaanee buusii kan goonu Yihowaa waan jaallannuufi “waan isa gammachiisu” hojjechuu waan barbaannuufidha. (1 Yoh. 3:22) Yihowaan nama jaalalaan kakaʼee kennutti baayʼee gammada. Buusii Kiristiyaanonni godhan ilaalchisee wanta Phaawulos ergamaan jedhe haa ilaallu. (2 Qorontos 9:7 dubbisi.) Kiristiyaanni dhugaan kennuuf fedha kan hin qabne ykn dirqamaan buusii kan godhu miti. Kanaa mannaa, buusii kan godhu kennuuf ‘garaasaa keessatti waan murteesseefidha.’ Kana jechuun, barbaachisummaansaa erga isaaf galeefi akkamitti buusii gochuu akka dandaʼu erga yaadee boodadha jechuudha. ‘Waaqayyo nama gammachuudhaan kennu waan jaallatuuf’ namni akkasii Yihowaa duratti jaallatamaadha. Hiikni Macaafa Qulqulluu kan biraan, “Waaqayyo namoota kennuu jaallatan ni jaallata” jedha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Qorontos 9:15 dubbisi.)
‘Kennaan Waaqayyoo Inni Hammas Hin Jedhamne’ Jaalala Isaa Hordofuuf Isin Haa Kakaasu
2 Phaawulos abdiiwwan guguddaan Waaqayyo kenne hundi akka raawwataman wabiin kan kenname, karaa aarsaa Kiristos isa mudaa hin qabne sanaa akka taʼe beekeera. (2 Qorontos 1:20 dubbisi.) Kanaafuu, ‘kennaan hammas hin jedhamne’ kun gaarummaa fi jaalala guddaa Yihowaan karaa Yesus nutti argisiise hunda kan dabalatu dha. Dhuguma iyyuu, kennaan kun baayʼee dinqisiisaa waan taʼeef, jecha namaatiin guutummaatti ibsamuu hin dandaʼu. Kennaa guddaa akkanaa argachuun keenya dhiibbaa nu irratti gochuu kan qabu akkamitti? Akkasumas, kennaan kun Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristos Roobii, Bitootessa 23, 2016 kabajuuf akka qophoofnu karaawwan kamiin nu kakaasuu qaba?
(2 Qorontos 10:17 dubbisi.)
g99-E 7/8 20-21
Kooruun Dogoggoraa?
Kitaabota Qulqulluu Afaan Giriikii keessatti jechi kaawukaaʼoomaayi jedhu “of jajuu, gammaduu, boonuu” jedhamee kan hiikame siʼa taʼu, yaada gaarii fi gaarii hin taane dabarsuuf itti hojjetameera. Fakkeenyaaf Phaawulos, “Waaqayyo iddoo guddaa akka nuu kennu abdii waan qabnuufis ni gammadna” jedheera. Akkasumas, “Namni boonu, Yihowaadhaan haa boonu” jechuudhaan barreesseera. (Roomaa 5:2; 2 Qorontos 10:17) Kana jechuun Yihowaan Waaqa keenya waan taʼeef boonuu jechuu yommuu taʼu, miira maqaa gaarii inni qabutti akka gammadnu nu taasisu dha.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Qorontos 7:1-12) Kanaaf yaa obboloota jaallatamo, nuti abdii kana waan qabnuuf, Waaqayyoon sodaachuu fi caalaatti qulqulloota taʼuudhaan, wanta foonii fi hafuura xureessu hunda irraa of haa qulqulleessinu. 2 Garaa keessan keessatti iddoo nuuf kennaa. Nuti nama tokko irratti illee balleessaa hin hojjenne, nama tokko illee hin miine, faayidaa irraa argachuuf jennee nama tokko illee hin gowwoomsine. 3 Ani kana kanan dubbadhu isin yakkuuf jedhee miti. Sababiin isaas, isin nuu wajjin duʼuu fi nuu wajjin jiraachuuf garaa keenya keessa akka jirtan dursee dubbadheera. 4 Ani ifatti isinitti dubbachuuf ija jabina guddaan qaba. Waaʼee keessan boonuuf sababii guddaan qaba. Akkasumas ani jajjabinaan guutameera; rakkina keenya hunda keessattis gammachuu hangana hin jedhamne argadheera. 5 Dhugaa dubbachuuf, yommuu Maqedooniyaa geenye qaamni keenya boqonnaa tokko illee hin arganne; kallattii hundaan dhiphachaa turre, alaa lola, keessaa immoo sodaatu ture. 6 Haa taʼu malee, Waaqayyo inni warra gaddan jajjabeessu, Tiitoon nu bira jiraachuu isaatiin nu jajjabeesseera; 7 nu bira jiraachuu isaa qofaan utuu hin taʼin waaʼee keessan, jechuunis ana arguuf akka hawwitan, guddaa akka gadditanii fi garaadhaa akka anaaf yaaddan, jajjabina inni isin irraa argates dhufee nutti himuun isaa nu jajjabeesseera; kanaan kan kaʼes ani caalaatti gammadeera. 8 Ani xalayaa kootiin yoon isin gaddisiiseera taʼe illee kanatti hin gaabbu. Jalqaba irratti kanan itti gaabbe taʼus (yeroo gabaabaadhaaf taʼu illee, xalayichi akka isin gaddisiise waanan hubadheef), 9 waan gadditaniif utuu hin taʼin, gaddi keessan yaada akka geddarattan waan isin godheef amma nan gammada. Isin karaa Waaqayyoon gammachiisuun waan gadditaniif, sababii keenyaan kan kaʼe miidhaan tokko illee isin irra hin geenye. 10 Sababiin isaas, karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun yaada geddarachuu fi fayyinatti waan geessuuf homaa nama hin gaabbisiisu; akka addunyaatti gadduun garuu duʼa fida. 11 Karaa Waaqayyoon gammachiisuun gadduun keessan, jabaatanii hojjechuu attamii, himata irraa walaba of gochuu attamii, aarii attamii, sodaa attamii, hawwii guddaa attamii, hinaaffaa attamii, dogoggora sirreessuu attamii akka isin keessatti uume ni argitu! Isin dhimma kana ilaalchisee karaa hundumaa qulqulluu taʼuu keessan argisiistaniittu. 12 Kanaaf, ani kanan isiniif barreesse taʼus kana kanan godhe isa miidhe yookiin isa miidhameef jedhee utuu hin taʼin, jaalala guddaa nuuf qabdan gidduu keessanittis taʼe Waaqayyo duratti akka argisiistaniifi.
CAAMSAA 20-26
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | 2 QORONTOS 11-13
“Qoree Foon Phaawulos Waraanu”
(2 Qorontos 12:7 dubbisi.)
Dadhabina Qabaataniyyuu Humna Argachuu
Tajaajilaa amanamaa kan biraanimmoo, Yihowaan ‘wanta dhagnasaa keessa taa’ee isa waraanu,’ jechuunis rakkina isa hin gadhiisne tokko akka isarraa fuudhu kadhateera. Phaawulos ergamaan qorumsa kanarraa walaba ta’uuf, al sadii Waaqayyoon kadhateera. Rakkinni kun maaliyyuu yoo ta’e, akkuma qoree waraanee nama aarsuu, gammachuu Phaawulos tajaajila Yihowaarraa argatu jalaa balleessee ta’uu danda’a. Phaawulos rakkina kana akka wanta utuu walirraa hin kutin isa rukutuutti ibseera. Deebiin Yihowaa, “Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata” kan jedhu ture. Yihowaan wanta qaama Phaawulos waraanu sana isarraa hin kaasne. Phaawulos wanta kanaa wajjin qabsaa’uu kan qabu ta’us, “Yeroon dadhabutti nan jabaadha” jedheera. (2 Qor. 12:7-10) Maal jechuusaa ture?
(2 Qorontos 12:8, 9 dubbisi.)
Yihowaan “Warra Isa Kadhataniif Hafuura Qulqulluu Kenna!”
17 Waaqayyo, Phaawulosiif: “Ayyaanni koo si ga’a, humni koo dadhabaa keessaan akeeka isaa in raawwata” jechuudhaan deebii kenneera. Phaawulos: “Humni Kristos ana bira [“akka dunkaanaatti,” NW] akka buufatuuf, dadhabaa taʼuu kootiin hundumaa irra caalchisee gammachuudhaan of nan jaja” jedheera. (2 Qorontos 12:9; Faarfannaa 147:5) Kanaaf, Phaawulos karaa Kiristos humna Waaqayyoo isa akka dunkaanaa isa golgeen eegumsa argateera. Har’as, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu karaa wal fakkaatuunidha. Eegumsasaa akka dunkaanaatti tajaajiltootasaarratti golga.
18 Dunkaanni, bokkaan akka hin roobne ykn qilleensi akka hin qilleensofne dhowwuu akka hin dandeenye beekamaa ta’us, hanga tokko garuu wantoota kanarraa nu eega. Haaluma wal fakkaatuunis, eegumsi “humni Kristos” nuuf argamsiisu rakkoon ykn dhiphinni akka nurra hin geenye hin ittisu. Miidhaa biyyi lafaafi Seexanni inni isa seerratu nurraan ga’urraa garuu karaa hafuuraa eegumsa akka argannu nu gargaara. (Mul’ata 7:9, 15, 16) Kanaaf, rakkoon ati qabdu kan ‘sirraa hin fuudhamne’ ta’us, Yihowaan waldhaansoo ati gootu akka siif hubatuufi “yommuu ati iyyitu” deebii akka kennu mirkanaa’aa ta’uu dandeessa. (Isaayaas 30:19; 2 Qorontos 1:3, 4) Phaawulos akkas jechuudhaan barreesseera: “Waaqayyo amanamaa waan ta’eefis, humna keessan gararraatti akka isin qoramtaniif isin hin dhiisu, garuu qorama sana keessatti akka isin dandeessan in godha, karaa isin keessaa baatanis isiniif in kenna.”—1 Qorontos 10:13; Filiphisiiyus 4:6, 7.
(2 Qorontos 12:10 dubbisi.)
“Inni Warra Dadhabaniif Humna in Kenna”
8 Isaayaas 40:30 dubbisi. Hammam iyyuu gaʼumsa yoo qabaanne illee, wanti jabina keenyaan qofa raawwachuu dandeenyu muraasa dha. Kana hundi keenya beekuu qabna. Phaawulos ergamaan nama gaʼumsa qabu kan ture taʼus, wanta barbaade hunda akka hin goone wanti isa daangessu jira ture. Wanta isa yaaddesse Waaqayyotti yeroo himatu Waaqayyo, “Humni koo guutuu kan taʼu yeroo ati dadhabdutti dha” jedhee deebiseef. Phaawulos yaada kana hubateera. “Ani yeroon dadhabu yeroo sanatti humna qaba” jedheera. (2 Qor. 12:7-10) Kana yeroo jedhu maal jechuu isaa ture?
9 Phaawulos qaama isa irra caalu irraa gargaarsa utuu hin argatin wanti gochuu dandaʼu muraasa taʼuu isaa hubatee ture. Phaawulos humna ofii isaatiif hin qabne hafuura Waaqayyoo irraa argachuu dandaʼeera. Kana malees, hafuurri Waaqayyoo Phaawulos hojiiwwan humna isaatiin hojjechuu hin dandeenye akka hojjetu isa dandeessiseera. Nu wajjin haala wal qabateenis kun dhugaa dha. Jabina kan arganne Yihowaa irraa yoo taʼe, dhuguma iyyuu nuti jaboo dha!
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(2 Qorontos 12:2-4 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
‘Samii isa sadaffaan’ 2 Qorontos 12:2 irratti ibsame Mootummaa Masiihichaa isa Yesuus Kiristoosii fi warra 144,000n geggeeffamu jechuunis “samiiwwan haaraa” kan argisiisu taʼuu hin oolu.—2 Phe. 3:13.
Mootummaan kun sadarkaa ol aanaa kan qabuu fi bulchiinsa ol aanaa waan taaʼeef, ‘samii sadaffaa’ dha.
‘Jannatni’ Phaawulos mulʼataan itti ‘ol butame’ wantoota kana argisiisuu dandaʼa: (1) Jannata lafa irraa isa ijaan argamu, (2) jannata hafuuraa yeroo sanatti jiraatuu fi jannata hafuuraa amma jiru caalaa balʼaa taʼe akkasumas (3) “jannata Waaqayyoo” isa samii addunyaa haaraa keessatti kanneen olitti ibsamanii wajjin jiraatu.
(2 Qorontos 13:12 dubbisi.)
it-2-E 177
Dhungannaa
“Dhungannaa Qulqulluu.” Kiristiyaanota durii gidduu ‘dhungannaa qulqulluun’ (Rom 16:16; 1Qo 16:20; 2Qo 13:12; 1Ta 5:26) ykn ‘dhungannaan jaalalaa’ (1Ph 5:14), tarii namoonni saala wal fakkaatu qaban wal dhungatan jira ture. Karaan Kiristiyaanonni durii ittiin nagaa wal gaafatan kun karaa Ibroonni durii wal dhungachuudhaan nagaa itti wal gaafatan wajjin tokko taʼuu hin oolu. Kitaabni Qulqulluun “dhungannaa qulqulluu” ykn “dhungannaa jaalalaa” ilaalchisee ibsa balʼaa kan hin kennine taʼus, jaalalaa fi tokkummaa gumii Kiristiyaanaa keessa ture kan calaqqisiisu akka taʼe beekamaa dha.—Yoh 13:34, 35.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(2 Qorontos 11:1-15) Gowwummaa xinnoo qabaachuu kootiif anaaf ni obsitu jedhee nan abdadha. Garuu amma iyyuu anaaf obsaa jirtu! 2 Ani hinaaffaa Waaqayyootiin isiniif nan hinaafa; sababiin isaas ani abbaa manaa tokko, jechuunis Kiristoosiif akka durba qulqulluutti isin dhiheessuuf dhuunfaatti isin kaadhimadheera. 3 Haa taʼu malee, akkuma bofichi haxxummaa isaatiin Hewaaniin gowwoomse, sammuun keessan mancaʼee amanamummaa fi qulqullummaa Kiristoosiif taʼu irraa ni garagala jedheen hamma tokko sodaadha. 4 Sababiin isaas, namni tokko gara keessan dhufee Yesuus isa nuti isiniif lallabne sana irraa adda taʼe yoo isiniif lallabe yookiin hafuura kanaan dura fudhattan irraa adda taʼe yoo fudhattan yookiin misiraachoo kanaan dura fudhattan irraa adda taʼe yoo fudhattan wanta inni jedhu salphaadhumatti fudhattu jechuu dha. 5 Ani waan tokkoon illee ergamoota keessan warra hunda irra caalan sanaa gad akkan taʼe godhee hin yaadu. 6 Ani nama akka gaariitti dubbatu taʼuu baadhu illee, beekumsa akkan qabu garuu mirkanaaʼaa dha; kanas karaa hundumaa fi waan hundumaan ifa isiniif gooneerra. 7 Yookiin akka isin ol jettaniif gad of qabee gammachuudhaan misiraachoo Waaqayyoo gatii malee isiniif lallabuun koo cubbuu dhaa? 8 Ani isin tajaajiluuf jedhee, gumiiwwan kaan irraa wanta na barbaachisu fudhachuudhaan isaan saameera. 9 Haa taʼu malee, isin bira utuun jiruu yeroon rakkadhee turetti, obboloonni Maqedooniyaatii dhufan wanta na barbaachisu hunda akka gaariitti waan naa guutaniif ani nama tokkotti illee baʼaa hin taane. Eeyyee, karaa kamiin iyyuu baʼaa akkan isinitti hin taaneef of eeggachaan ture; gara fuulduraattis of eeggachuu koo itti nan fufa. 10 Ani akkuma Kiristoos dhugaa nan dubbadha; hamman naannoowwan Akaayiyaa keessa jirutti wanta kanaan boonuu koo hin dhiisu. 11 Kana kanan godhu maaliifi? Waanan isin hin jaallanneefii? Akkan isin jaalladhu Waaqayyo beeka. 12 Haa taʼu malee, namoonni ergamoota taʼuu isaaniitti boonuudhaan nu waliin of qixxeessuu barbaadan sababii kanaaf buʼuura isaaniif taʼu akka hin arganneef, wantan hojjechaa jiru kana hojjechuu koo itti nan fufa. 13 Sababiin isaas, namoonni akkasii warra ergamoota Kiristoos fakkaachuuf of jijjiiran, ergamoota sobaa fi hojjettoota gowwoomsitoota taʼani dha. 14 Seexanni ofii isaa maleekaa ifaa fakkaachuuf waan of jijjiiruuf kun nama hin dinqisiisu. 15 Kanaaf, tajaajiltoonni isaas tajaajiltoota qajeelinaa fakkaachuuf yeroo hunda yoo of jijjiiran nama hin dinqisiisu. Taʼus, dhumni isaanii akkuma hojii isaanii taʼa.
CAAMSAA 27– WAXABAJJII 2
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | GALAATIYAA 1-3
“Fuulleettan Isa Morme”
(Galaatiyaa 2:11-13 dubbisi.)
Ilaalcha Yihowaan Haqaaf Qabu Qabdaa?
16 Galaatiyaa 2:11-14 dubbisi. Pheexiros kiyyoo sodaa namaatiin qabamee ture. (Fak. 29:25) Ilaalcha Yihowaan dhimma kana irratti qabu jalqaba kan beeke Pheexiros taʼus, ilaalchi Yihudoonni dhagna qabatanii fi miseensota gumii Yerusaalem keessa turanii dhiibbaa isa irratti godhee ture. Phaawulos ergamaan inni yeroo sana walgaʼii Dh.K.B. bara 49tti godhame irratti argamee ture, Pheexirositti kan dheekkame siʼa taʼu, fakkeessitummaa isaa saaxileera. (HoE. 15:12) Namoonni amantii isaanii gara Yihudiitti jijjiiran murtoo dogoggoraa Pheexiros godhe kana ilaalchisee maaltu isaanitti dhagaʼama laata? Haalli kun akka isaan gufachiisu ni heyyamuu? Pheexiros hoo dogoggora kana raawwachuu isaatiin kan kaʼe mirgawwan guguddaa qabu ni dhabaa?
(Galaatiyaa 2:14 dubbisi.)
Warra Yihowaa Jaallatan ‘Wanti Gufachiisu Hin Jiru’
12 Sodaan namaa Phexrosiin gufachiisee kan ture taʼus, Yesusiifi Yihowaadhaaf amanamaa taʼee jiraateera. Fakkeenyaaf, al tokko qofa utuu hin taʼin, al sadii namoota duratti Gooftaasaa ganeera. (Luq. 22:54-62) Yeroo boodas, Kirstiyaanonni dhagna hin qabanne, akka Kiristiyaanota Yihudoota taʼanii gaarii akka hin taanetti ilaaluudhaan amala Kiristiyaana tokkorraa hin eegamne argisiiseera. Phaawulos garuu, gumii Kiristiyaanaa keessatti namoota wal caalchisuun sirrii akka hin taane hubateera. Ilaalchi Phexros dogoggora ture. Haataʼu malee, amalli Phexros obbolummaa amantootaa jeequusaa dura Phaawulos fuulleetti gorsa isaaf kenneera. (Gal. 2:11-14) Phexros koorri gorsa fudhachuu akka isa dhowwu gochuudhaan dorgommii jireenyaaf godhu dhiiseeraa? Gonkumaa! Kanaa mannaa, gorsa Phaawulos fudhatee hojiirra oolchuudhaan fiiguusaa itti fufeera.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Galaatiyaa 2:20 dubbisi.)
‘Gidiraa Baayʼeen’ Isinirra Gaʼus Amanamummaadhaan Waaqayyoon Tajaajilaa
20 Waaʼee dhiibbaa dhoksaadhaan nurra gaʼuuhoo maal jechuu dandeenya? Fakkeenyaaf, miira abdii kutachuu nutti dhagaʼamu ofirraa ittisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan akkas itti gochuu dandeenyu inni guddaan tokko qophii furiirratti xiinxaluudha. Phaawulos ergamaan furicharratti xiinxalee ture. Darbee darbee nama gadadamaa akka taʼe isatti dhagaʼama ture. Haataʼu malee, Kiristos kan duʼe namoota mudaa hin qabneef utuu hin taʼin cubbamootaaf akka taʼes beeka ture. Phaawulosis namoota cubbamoo taʼan keessaa tokkodha. “Ilma Waaqayyoo isa na jaallate, ofii isaas dabarsee isa anaaf kennetti amanuudhaan nan jiraadha” jedhee barreesseera. (Gal. 2:20) Eeyyee, Phaawulos furichi akka isa fayyadu amanee ture. Akkasumas, furichi dhuunfaadhaan isaaf akka hojjetu hubatee ture.
21 Ilaalcha akkasii qabaachuunkee jechuunis, furichi kennaa dhuunfaatti Yihowaarraa sii kenname akka taʼetti yaaduun kee baayʼee si gargaaruu dandaʼa. Akkas jechuun garuu, miirri abdii kutachuu nutti dhagaʼamu battalumatti ni bada jechuu miti. Nu keessaa tokko tokko hamma addunyaa haaraatti dhiibbaa dhoksaadhaan nurra gaʼu kanaa wajjin walʼaansoo gochuun nu barbaachisuu dandaʼa taʼa. Haataʼu malee, badhaasichi warra hamma dhumaatti obsaniif akka taʼe yaadadhu. Yeroo Mootummaan Waaqayyoo nagaan akka jiraatuufi namoonni amanamoo taʼan mudaa kan hin qabne akka taʼan itti godhutti yoomiyyuu caalaa dhihaanneerra. Gidiraa hedduun kan sirra gaʼu taʼus, Mootummaa sanatti galuuf murteessi.
(Galaatiyaa 3:1 dubbisi.)
it-1-E 880
Xalayaa Warra Galaatiyaatiif Ergame
Phaawulos “Yaa warra Galaatiyaa gowwoota nana!” jechuudhaan kan barreesse namoota warra Awurooppaa Lixaa irraa kophaatti adda baʼanii kaaba Galaatiyaa jiraatan tokko tokko qofa sammuutti qabatee akka ture ragaan argisiisu hin jiru. (Gal 3:1) Kanaa mannaa Phaawulos kan barreesse namoota gumii keessa jiranii fi amalli Yihudoota isaan gidduu turanii dhiibbaa akka isaan irratti godhu heyyaman tokko tokko, akkasumas Yihudoota karaa kakuu isa haaraa ‘amantiidhaan qajeelummaa’ argachuu mannaa karaa seera Museetiin qajeelummaa mataa isaanii argachuuf yaalan gorsuuf ture. (2:15–3:14; 4:9, 10) “Gumiiwwan Galaatiyaa” (1:2) Phaawulos barreesseef sanyii garaa garaa kan qaban siʼa taʼu, Yihudootaa fi warra Yihudoota hin taane, warra yeroo booda dhagna qabatanii gara Yihudiitti jijjiiramanii fi namoota dhagna hin qabanne, akkasumas namoota Awurooppaa Lixaa muraasa akka of keessatti qabate hin shakkisiisu. (HoE 13:14, 43; 16:1; Gal 5:2) Naannoon isaan jiraatan Galaatiyaa waan jedhamuuf hundi isaanii Kiristiyaanota Galaatiyaa jedhamaniiru. Phaawulos kan barreesse namoota kibba bulchiinsa Roomaatti argamanii fi sirriitti beekuuf malee namoota gara kaabaatti argamanii fi inni matumaa daawwatee hin beekne hundaaf akka hin taane xalayaa inni barreesse irraa hubachuun ni dandaʼama.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Galaatiyaa 2:11-21) Haa taʼu malee, Keefaan gara Anxokiyaa yommuu dhufu dogoggora guddaa hojjetee waan tureef fuulleettan isa morme. 12 Sababiin isaas namoonni tokko tokko Yaaqoob biraa dhufuu isaanii dura, inni namoota saba Waaqayyoo hin taanee wajjin nyaachuu amaleeffatee ture; yommuu namoonni sun dhufan garuu, warra dhaqna qabatan sodaatee kana gochuu isaa dhiisee isaan irraa adda of baase. 13 Yihudoonni warri kaanis akkuma isaa fakkeessaa kana irratti hirmaatan; kanaan kan kaʼes Barnaabaas illee fakkeessaa isaaniitiin fudhatamee ture. 14 Taʼus, isaan dhugaa misiraachoo wajjin haala wal simuun deddeebiʼaa akka hin jirre yommuun argu, ani hunduma isaanii duratti Keefaadhaan, “Ati ofii keetii Yihudii taatee akka Yihudiitti utuu hin taʼin akka namoota saba Waaqayyoo hin taaneetti jiraachaa utuu jirtuu, namoonni saba Waaqayyoo hin taane akka aadaa Yihudootaatti akka jiraatan akkamitti isaan dirqisiisuu dandeessa?” jedheen itti dubbadhe. 15 Nuti warri dhalootaan Yihudii taane, akkasumas akka namoota saba Waaqayyoo hin taaneetti cubbamoota hin taane, 16 namni tokko qajeelaa jedhamee kan waamamu, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Yesuus Kiristoositti amanuu qofaadhaan akka taʼe beekna. Kanaaf, namni kam iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa jedhamee waamamuu waan hin dandeenyeef, seera eeguudhaan utuu hin taʼin, Kiristoositti amanuudhaan qajeelota jedhamnee waamamuu akka dandeenyuuf Kiristoos Yesuusitti amanneerra. 17 Egaa nutis karaa Kiristoos qajeeloota jedhamnee waamamuuf utuu carraaqqii goonuu cubbamoota taanee yoo argamne, Kiristoos tajaajilaa cubbuu ti jechuu dhaa? Matumaa akkas jechuu miti! 18 Ani wantootuman yeroo tokko diige sana deebisee nan ijaara yoon taʼe, cubbamaa taʼuu koo argisiisaan jira jechuu dha. 19 Sababiin isaas Waaqayyoof jiraachuu akkan dandaʼuuf, ani karaa seerichaa seerichaaf duʼeera. 20 Ani Kiristoosii wajjin mismaaraan muka irratti fannifameera. Kanaaf, kana booda kan jiraatu ana utuu hin taʼin, Kiristoos isa anaa wajjin tokkummaa qabu sana dha. Amma fooniin kanan jiraadhu, amantii ani Ilma Waaqayyoo isa ana jaallatee fi anaaf jedhee dabarsee of kenne irratti qabuuni dha. 21 Ani gaarummaa Waaqayyoo isa guddaa hin tuffadhu; sababiin isaas qajeelummaan karaa seeraa argama utuu taʼee, Kiristoos faayidaa malee duʼe jechuu dha.