MATA DUREE QOʼANNAA 11
FAARFANNAA 129 Jabaannee Dhaabbachuu Keenya Itti Fufna
Wantoota Abdii Nama Kutachiisan Dandamachuu ni Dandeessa
“Maqaa kootiif jettee rakkina hedduu dandeesseetta.”—MUL. 2:3.
YAADA IJOO
Wantoonni abdii nu kutachiisan jiraatanis Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuu ni dandeenya.
1. Kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu keenyaan eebbawwan arganne tokko tokko kamfaʼi?
GUYYOOTA dhumaa baayʼee rakkisaa taʼe kana keessatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu keenyaan eebbifamneerra. Haalli addunyaa yeroo hammaachaa deeme kanatti Yihowaan maatii hafuuraa tokkummaa qabu nuu kenneera. (Far. 133:1) Maatiin keenya gammachuu akka qabaatu nu gargaara. (Efe. 5:33–6:1) Hubannaa fi ogummaa nagaa sammuu qabaachuuf nu barbaachisus nuu kenna.
2. Maal gochuu qabna? Maaliif?
2 Haa taʼu malee, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, yeroo tokko tokko dadhabina warri kaan qabaniin kan kaʼe mufachuu dandeenya. Kana malees, dogoggora yeroo raawwannu, keessumaammoo dogoggora wal fakkaatu irra deddeebinee yoo raawwanne abdii kutachuu dandeenya. Kanaafuu, (1) obboloonni keenya yeroo nu mufachiisan, (2) hiriyaan gaaʼelaa keenya yeroo nu aarsuu fi (3) yeroo ofitti aarru utuu abdii hin kutatin Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa. Mata duree kana keessatti haalawwan sadan kanarratti mariʼanna. Namoota amanamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanirraa maal barachuu akka dandeenyus ni ilaalla.
YEROO OBBOLOONNI KEE SI MUFACHIISAN ABDII HIN KUTATIN
3. Saba Yihowaa haala rakkisaa akkamiitu mudata?
3 Haala rakkisaa. Obboloonni keenya tokko tokko amala nu aarsu qabaachuu dandaʼu. Kaanimmoo wanta nu gaddisiisu ykn wanta nu miidhu raawwachuu dandaʼu. Obboloonni dura buutota taʼanis dogoggora ni raawwatu. Wantoonni kun namoonni tokko tokko kun jaarmiyaa Yihowaa taʼuusaa akka shakkan godhu. Obbolootaa fi obboleettota isaanii wajjin “harka wal qabatanii” Yihowaa tajaajiluusaanii itti fufuu mannaa obboloota isaan mufachiisan irraa fagaatu ykn gara gumii deemuu dhiisu taʼa. (Sef. 3:9) Akkas gochuun garuu sirriidhaa? Mee nama Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi haalli rakkisaan akkasii isa mudate tokkorraa maal akka barannu haa ilaallu.
4. Phaawulos ergamaa haalawwan rakkisoo akkamiitu isa mudate?
4 Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu. Phaawulos ergamaan obboloonnii fi obboleettonnisaa mudaa akka qaban beeka ture. Fakkeenyaaf, obboloonni gumii Yerusaalem keessa jiran tokko tokko yeroo jalqaba isa arganitti isa sodaatanii turan. (HoE. 9:26) Boodas namoonni tokko tokko wanta maqaa isaa balleessu dubbatanii turan. (2 Qor. 10:10) Phaawulos obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko murtoo dogoggoraa warra kaan gufachiisuu dandaʼu yeroo godhus argeera. (Gal. 2:11, 12) Michootasaa baayʼee isatti dhihaatan keessaa tokko kan taʼe Maarqos baayʼee isa gaddisiisee ture. (HoE. 15:37, 38) Phaawulos haalawwan kun namoota isa mufachiisan sanarraa akka isa fageessan heyyamuu dandaʼa ture. Taʼus, obbolootaa fi obboleettota isaatiif ilaalcha gaarii waan qabuuf Yihowaa tajaajiluusaa itti fufeera. Phaawulos abdii akka hin kutanne maaltu isa gargaare?
5. Phaawulos obbolootaa fi obboleettota isaatti abdii akka hin kutanne maaltu isa gargaare? (Qolosaayis 3:13, 14) (Fakkichas ilaali.)
5 Phaawulos obbolootaa fi obboleettotasaa ni jaallata. Jaalalli isaaniif qabu dadhabina isaaniirratti utuu hin taʼin, amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuuf isa gargaareera. Kana malees, jaalalli wanta Qolosaayis 3:13, 14 irratti ofuma isaatiin barreesse hojiirra oolchuuf isa kakaaseera. (Dubbisi.) Mee Phaawulos Maarqosiin akkamitti akka qabe haa ilaallu. Adeemsa misiyoonummaasaa isa jalqabaarratti Maarqos isa dhiisee kan deeme taʼus haaloo isatti hin qabanne. Phaawulos yeroo booda gumii Qolosaayis keessa tureef yeroo xalayaa barreessetti Maarqos nama isa wajjin hojjetu akka taʼee fi “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼe ibsuudhaan isa jajeera. (Qol. 4:10, 11) Phaawulos Roomaa keessatti yeroo hidhamee turetti Maarqos dhufee akka isa gargaaru gaafateera. (2 Xim. 4:11) Ifatti akka hubannutti Phaawulos obbolootasaatti abdii hin kutanne. Phaawulosirraa maal baranna?
6-7. Obboloonni keenya mudaa kan qaban taʼanis jaalala isaanitti argisiisuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Yohaannis 4:7)
6 Barumsa argannu. Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuu keenya akka itti fufnu barbaada. (1 Yohaannis 4:7 dubbisi.) Obboleessi tokko amala Kiristiyaana tokkorraa eegamu utuu hin argisiisin yoo hafe, akkas kan godhe itti yaadee akka hin taanee fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hordofuu akka barbaadu yaaduu dandeenya. (Fak. 12:18) Waaqayyo tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan dogoggora kan raawwatan taʼanis isaan jaallata. Yeroo dogoggora raawwannu nu hin dhiisu ykn haaloo nutti hin qabatu. (Far. 103:9) Nutis warra kaaniif dhiifama gochuudhaan fakkeenya Abbaa keenyaa hordofuun keenya barbaachisaadha.—Efe. 4:32–5:1.
7 Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yeroo deemu obbolootaa fi obboleettota keenyatti caalaatti dhihaachuun akka nu barbaachisus yaadadhu. Ariʼatamni caalaatti akka dabalu eegna. Sababa amantii keenyaatiin hidhamuullee dandeenya. Kun yoo taʼe yeroo kamiyyuu caalaa obboloonnii fi obboleettonni keenya nu barbaachisu. (Fak. 17:17) Mee wanta jaarsa gumii Yuuseepa jedhamuu fi Ispeen keessa jiraatu mudate haa ilaallu. Innii fi obboloonni kan biroon tajaajila loltummaarratti hirmaachuu waan didaniif wal faana hidhamanii turan. Akkana jedheera: “Mana hidhaa keessatti hundi keenya waliin waan jiraannuuf yeroo tokko tokko walitti mufachuu dandeenya. Wal dandeenyee jiraachuu fi tolaan dhiifama waliif gochuu qabna. Kunis tokkummaa keenya eeggachuu fi eegumsa walii gochuuf nu gargaareera. Hidhamtoota Yihowaa hin tajaajilleen marfamnee oolla. Yeroo tokko harki koo madaaʼee hidhamee waan tureef hojii tokko tokko hojjechuu hin dandaʼun ture. Taʼus, obboleessi tokko uffata koo naa miicce, akkasumas karaa garaagaraatiin gargaarsa naaf godhe. Yeroo baayʼee na barbaachisutti jaalala garaadhaa madde natti argisiiseera.” Kanaafuu, wal dhabiinsa nuu fi obboloota keenya gidduutti uumame ammuma furuun keenya baayʼee barbaachisaadha.
HIRIYAAN GAAʼELAA KEE YEROO SI AARSU ABDII HIN KUTATIN
8. Hiriyoota gaaʼelaa haala rakkisaa akkamiitu mudata?
8 Haala rakkisaa. Namoota gaaʼela dhaabbatan hunda haalli rakkisaan ni mudata. Kitaabni Qulqulluun namoonni gaaʼela dhaabbatan ‘foon isaaniitti rakkinni akka dhufu’ ifatti dubbata. (1 Qor. 7:28) Maaliif? Sababni isaas, gaaʼelli namoota mudaa qabanii fi amalaa fi fedhii garaagaraa qaban lama walitti fida. Aadaan ykn akkaataan guddinaa isaaniis garaagara taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko amaloota gaaʼela dhaabbachuu isaanii dura hin hubatamne argisiisuu dandaʼu. Wantoonni kun rakkina uumuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko isaanis dogoggora akka raawwatan amanuu fi waliin taʼanii rakkinicha furuuf yaaluu mannaa hiriyaa gaaʼelaa isaanii komatu taʼa. Gargar baʼuun ykn wal hiikuun furmaata akka taʼullee isaanitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, gaaʼela ofii diiguun furmaata taʼuu dandaʼaa?b Mee dubartii Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamtee fi gaaʼela rakkisaa taʼe dandeessee jiraatte takkarraa maal akka barannu haa ilaallu.
9. Abigaayil haala rakkisaa akkamiitu ishii mudate?
9 Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu. Abigaayil Naabaal isa Kitaabni Qulqulluun “nama hamaa fi amala badaa qabu” akka taʼetti ibsutti heerumtee turte. (1 Sam. 25:3) Abigaayil nama akkasii wajjin jiraachuun baayʼee ishiitti ulfaatee akka ture ifadha. Abigaayil karaa itti gaaʼela kanarraa obbaafattu argattee turtee? Yeroo Daawit inni mootii Israaʼel taʼuuf jedhu, abbaa manaa ishii isa isaa fi namoota isaa arrabse ajjeesuuf dhufetti carraa gaaʼela ishiirraa itti obbaafattu argattee turte. (1 Sam. 25:9-13) Abigaayil baqachuu fi Daawit tarkaanfii yaade akka fudhatu gochuu dandeessi turte. Taʼus, gidduu galuudhaan Daawit Naabaaliin akka hin ajjeesne amansiisuu dandeesseetti. (1 Sam. 25:23-27) Akkas gochuuf maaltu ishii kakaase?
10. Abigaayil gaaʼela ulfaataa taʼe dandeessee jiraachuuf wanti ishii kakaase maal taʼuu dandaʼa?
10 Abigaayil Yihowaa waan jaallattuuf ulaagaa inni gaaʼelaaf baaseef kabaja qabdi. Waaqayyo yeroo gaaʼela jalqabaa hundeessetti Addaamii fi Hewaaniin maal akka jedhe akka beektu ifadha. (Uma. 2:24) Abigaayil Yihowaan gaaʼela qophii qulqulluu akka taʼetti akka ilaalu beekti. Waaqa gammachiisuu waan barbaadduuf abbaa manaa ishii dabalatee maatii ishii oolchuuf wanta dandeessu hunda gooteetti. Daawit Naabaaliin akka hin ajjeesne daftee tarkaanfii fudhatteetti. Dogoggora ofii ishiitii hin raawwanneef dhiifama gaafatteetti. Yihowaan dubartii ija jabeettii ofittoo hin taane tana akka jaallatu ifadha. Haadhotiin manaas taʼan abbootiin manaa fakkeenya Abigaayilirraa maal baratu?
11. (a) Yihowaan namoota gaaʼela dhaabbatanirraa maal eega? (Efesoon 5:33) (b) Wanta Kaarman gaaʼela ishii oolchuuf gooterraa maal baratte? (Fakkichas ilaali.)
11 Barumsa argannu. Yihowaan namoonni gaaʼela dhaabbatan hiriyaan gaaʼelaa isaanii nama wajjin jiraachuun ulfaatu yoo taʼellee qophii gaaʼelaatiif kabaja akka qabaatan ajajeera. Hiriyoonni gaaʼelaa rakkina isaan mudatu furuuf yeroo carraaqqii godhan, akkasumas jaalala ofittummaarraa walaba taʼee fi kabaja yeroo walitti argisiisan Yihowaan baayʼee gammada. (Efesoon 5:33 dubbisi.) Mee fakkeenya Kaarman haa ilaallu. Erga heerumtee gara waggaa jaʼaa booda Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde; boodas ni cuuphamte. Kaarman akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo murtoo koo kana hin jaallanne. Yihowaatti hinaafuu jalqabe. Na arrabsa, akkasumas na dhiisee akka deemu na doorsisa ture.” Taʼus, Kaarman gaaʼela kana dandeessee jiraatteetti. Waggaa 50f abbaa manaa ishii kabajuu fi jaallachuuf carraaqqii gooteetti. Kaarman akkana jetteetti: “Waggoonni darbaa yeroo deeman caalaatti hubattuu taʼuu fi abbaa manaa koo malaan haasofsiisuu baradheera. Gaaʼelli Yihowaa duratti qulqulluu akka taʼe waanan beekuuf gaaʼela kana eeguuf wantan dandaʼu hunda godheera. Yihowaa waanan jaalladhuuf gaaʼela kootti abdii kutadhee hin beeku.”c Gaaʼela kee keessatti haalli rakkisaan yoo uumame Yihowaan akka si deggaruu fi dandeessee jiraachuuf akka si gargaaru amanuu dandeessa.
YEROO OFITTI AARTU ABDII HIN KUTATIN
12. Cubbuu cimaa yoo hojjenne haalli rakkisaan akkamii nu mudachuu dandaʼa?
12 Haala rakkisaa. Cubbuu cimaa yoo hojjenne abdii ofitti kutachuu dandeenya. Kitaabni Qulqulluun cubbuu hojjechuun ‘garaan keenya akka cabuu fi akka bullaaʼu’ gochuu akka dandaʼu dubbata. (Far. 51:17) Obboleessi Roobarti jedhamu tajaajilaa gumii taʼuuf waggoota hedduudhaaf carraaqqii gochaa ture. Haa taʼu malee, cubbuu cimaa hojjeteen kan kaʼe Yihowaa akka gane hubate. Akkana jedheera: “Wantan godhe yeroon hubadhu sammuun koo baayʼee na jeequu jalqabe. Baayʼeen gadde. Hinqirfadhee booʼaan Yihowaa kadhadhe. Waaqayyo kana booda kadhannaa koo akka hin dhageenye natti dhagaʼamee akka ture nan yaadadha. Baayʼee waanan isa gaddisiiseef kadhannaa koo maaliif dhagaʼa?” Cubbuu cimaa yeroo hojjennu garaan keenya inni cabe Yihowaan abdii akka nutti kutate waan nu amansiisuuf nutis abdii ofitti kutachuu dandeenya. (Far. 38:4) Miirri akkasii sitti dhagaʼameera yoo taʼe seenaa nama amanamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi cubbuu cimaa kan hojjete taʼus Yihowaa tajaajiluusaa itti fufe tokkoo ilaali.
13. Pheexiros ergamaan cubbuu cimaa akkamii hojjete? Wanti kanatti isa geessehoo maalidha?
13 Fakkeenya Kitaaba Qulqulluu. Galgala Yesuus ajjeefamuusaa dura turetti Pheexiros ergamaan dogoggora hedduu cubbuu cimaa hojjechuutti isa geesse raawwateera. Jalqaba, ergamoonni kaan Yesuusiin dhiisanii yoo deemanillee inni garuu isaaf amanamaa akka taʼu of jajee dubbachuudhaan garmalee akka ofitti amanamu argisiiseera. (Mar. 14:27-29) Ittaansuudhaan, yeroo iddoo biqiltuu Getesemaanee keessa turanitti irra deddeebiʼee dammaqinaan utuu hin eegin hafeera. (Mar. 14:32, 37-41) Achiis yeroo namoonni Yesuusiin qabuu dhufanitti isa dhiisee baqateera. (Mar. 14:50) Dhumarrattis, utuma isa beekuu siʼa sadi isa ganeera; akka isa hin beeknellee kakateera. (Mar. 14:66-71) Pheexiros cubbuun isaa hammam cimaa akka taʼe yeroo hubatu maal godhe? Of toʼachuu dadhabee hinqirfatee booʼe; akkas kan godhe miirri balleessaa cimaa taʼe waan isatti dhagaʼameef taʼuu hin oolu. (Mar. 14:72) Saʼaatii muraasa booda michuun isaa Yesuus yeroo ajjeefamu gadda isatti dhagaʼame tilmaamuu dandeessa. Gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamee taʼuu qaba.
14. Pheexiros Yihowaa tajaajiluusaa akka itti fufu maaltu isa gargaare? (Fakkii qolasaarra jiru ilaali.)
14 Pheexiros Yihowaa tajaajiluusaa itti fufuuf wantoonni isa gargaaran hedduun jiru. Warra kaanirraa adda of hin baasne; kanaa mannaa, gara obbolootasaa deemeera, isaanirraa jajjabina akka argates hin shakkisiisu. (Luq. 24:33) Kana malees, Yesuus erga duʼaa kaafamee booda Pheexirositti mulʼateera; kanas kan godhe isa jajjabeessuuf taʼuu hin oolu. (Luq. 24:34; 1 Qor. 15:5) Boodas Yesuus dogoggora inni raawwateef isa qeequu mannaa itti gaafatamummaa guguddaa akka isaaf kennu michuusaa kanatti himeera. (Yoh. 21:15-17) Pheexiros cubbuu cimaa akka hojjete beeka; taʼus, abdii ofitti hin kutanne. Maaliif? Sababiin isaas, Gooftaan isaa Yesuus abdii isatti hin kutanne. Obboloonni isaas isa deggaruu isaanii itti fufaniiru. Fakkeenya Pheexirosirraa maal baranna?
15. Yihowaan maal akka amannu barbaada? (Faarfannaa 86:5; Roomaa 8:38, 39) (Fakkichas ilaali.)
15 Barumsa argannu. Yihowaan akka nu jaallatuu fi dhiifama akka nuuf godhu akka amannu barbaada. (Faarfannaa 86:5; Roomaa 8:38, 39 dubbisi.) Yeroo cubbuu hojjennu miirri balleessaa nutti dhagaʼama. Kun waanuma jiruu fi wanta sirrii taʼedha. Haa taʼu malee, Yihowaan akka nu hin jaallannee fi dhiifama akka nuuf hin goone yaaduu hin qabnu. Kanaa mannaa, dafnee gargaarsa argachuuf yaaluu qabna. Roobarti inni olitti caqasame, “Cubbuutti kanan kufe qorumsa mooʼuuf dandeettii kootti waanan amanameefi” jedheera. Roobarti jaarsolii haasofsiisuu akka qabu hubate. Akkana jedheera: “Tarkaanfii kana ergan fudhadhee booda Yihowaan isaanitti fayyadamee jaalalasaa naaf ibsaa akka jiru natti dhagaʼame. Jaarsoliin abdii natti hin kutanne. Yihowaan akka na hin dhiisne akkan amanu na gargaaraniiru.” Nutis cubbuu keenyarraa yaada yoo geeddaranne, gargaarsa argachuuf yoo yaallee fi dogoggora sana irra deebiʼuu dhiisuuf garaadhaa carraaqqii yoo goone, Yihowaan baayʼee akka nu jaalatuu fi dhiifama akka nuuf godhu amanuu dandeenya. (1 Yoh. 1:8, 9) Amantii akkasii qabaachuun keenya yeroo dogoggora raawwannu abdii akka ofitti hin kutanne nu gargaara.
16. Yihowaa tajaajiluu kee itti fufuuf kan kutatte maaliifi?
16 Yihowaan guyyoota dhumaa rakkisaa taʼe kana keessatti carraaqqii isa tajaajiluuf goonu baayʼee dinqisiifata. Wantoonni abdii nu kutachiisan jiraatanis gargaarsa isaatiin amanamummaadhaan isa tajaajiluu keenya itti fufuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keenya jaallachuu keenya itti fufuu, akkasumas yeroo nu mufachiisan dhiifama isaaniif gochuu ni dandeenya. Rakkoowwan gaaʼela keenya keessatti nu mudatan furuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaan jaalala guddaa akka isaaf qabnuu fi qophii inni godheef kabaja akka qabnu argisiisuu ni dandeenya. Cubbuu cimaa yoo hojjenne gargaarsa Yihowaa argachuuf carraaquu, jaalalaa fi dhiifamasaa argachuu, akkasumas isa tajaajiluu keenya itti fufuu ni dandeenya. “Wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu” yoo taʼe eebba hedduu akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Gal. 6:9.
YIHOWAA TAJAAJILUU KEENYA ITTI FUFUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
Yeroo obboloonni keenya nu mufachiisan
Yeroo hiriyaan gaaʼelaa keenya nu aarsu
Yeroo ofitti aarru
FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali
a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.
b Dubbiin Waaqayyoo gargar baʼuu hin jajjabeessu, akkasumas gargar baʼuun deebiʼanii gaaʼela dhaabbachuuf sababa taʼuu akka hin dandeenye ifa godha. Haa taʼu malee, haalawwan ulfaatoon Kiristiyaanonni tokko tokko gargar baʼuuf akka yaadan isaan taasisan jiru. Kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamurraa ibsa dabalataa 4ffaa “Gargar Baʼuu” jedhu ilaali.
c Fakkeenya kan biraa ilaaluuf jw.org irraa viidiyoo Nagaa Sobaatiin hin Gowwoomfaminaa!—Deeralii fi Dibooraa jedhu daawwadhu.