Yihowaan Faayidaa Keenyaaf Jecha Nu Ilaala
“Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara.”—2 SEN. 16:9.
1. Yihowaan kan nu qoru maaliifi?
YIHOWAAN Abbaa mudaa hin qabnedha. Akka gaariitti waan nu beekuuf, “wanta yaadni [keenya] itti hidhamee jiru hundumaa” ni hubata. (1 Sen. 28:9) Qoree kan nu ilaalu garuu dogoggora nurratti barbaaduuf miti. (Far. 11:4; 130:3) Kanaa mannaa, jaalalaan kaka’ee wanta walitti dhufeenya isaa wajjin qabnu nu jalaa mancaasu ykn wanta jireenya barabaraa nu dhabsiisu kamirraayyuu nu eeguu barbaada.—Far. 25:8-10, 12, 13.
2. Yihowaan eenyuun gargaaruuf humnasaatti fayyadama?
2 Yihowaan, humna hangana hin jedhamne kan qabu yommuu ta’u, wanta hunda arguu ni danda’a. Kanaan kan ka’es, namoonni isaaf amanamoo ta’an yommuu rakkatanii isa waammatan hundaatti isaan gargaaruu danda’a. 2 Seenaa 16:9, “Waaqayyo guutummaa biyya lafaa in ilaala, warra garaa isaanii guutuu isa amanatan in gargaara” jedha. Yihowaan namoota garaa guutuudhaan, jechuunis garaa qulqulluudhaan isa tajaajilan gargaaruuf humnasaatti akka fayyadamu hubadhu. Inni namoota gowwoomsitootaafi of hin arginee ta’aniif gargaarsa akkasii hin godhu.—Iya. 7:1, 20, 21, 25; Fak. 1:23-33.
Waaqayyoo Wajjin Adeemaa
3, 4. ‘Waaqayyoo wajjin adeemuu’ jechuun maal jechuudha? Fakkeenyawwan Macaafa Qulqulluu yaada kana hubachuuf nu gargaaran kamfa’i?
3 Namoonni baay’een, Uumaan keenya inni uumama cufa bal’aa ta’e kana uume, ilmaan namootaa karaa hafuuraa isaa wajjin akka adeeman hin barbaadu jedhanii yaadu. Haata’u malee, Yihowaan kana akka goonu barbaada. Bara duriitti, Henokiifi Nohi ‘Waaqayyoo wajjin adeemaniiru.’ (Uma. 5:24, hiika bara 1899; 6:9, hiika bara 1899) Museen, ‘isa ijaan hin argamne akka waan arguutti yaada isaatti jabaateera.’ (Ibr. 11:27) Daawit Mootichi gad of deebisuudhaan Abbaasaa isa samii wajjin adeemeera. “[Waaqayyo] mirga koo waan jiruufis ani hin shishu” jedheera.—Far. 16:8.
4 Dhugaadha, kallattiidhaan harka Yihowaa qabannee isaa wajjin adeemuu hin dandeenyu. Haata’u malee, fakkeenyaan kana gochuu dandeenya. Akkamitti? Asaaf faarfatichi, “Ani yeroo hundumaa si biratti nan hafa, atis harka koo mirgaa in qabda; ati gorsa keetiin ana in geggeessita” jechuudhaan barreesseera. (Far. 73:23, 24) Gorsa Yihowaa isa karaa Dubbiisaafi karaa ‘hojjetaa amanamaafi ogeessaa’ nuu kennamu yommuu hojiirra oolchinu, isaa wajjin adeemaa jirra jechuu dandeenya.—Mat. 24:45; 2 Xim. 3:16.
5. Yihowaan namoota isaaf amanamoo ta’an ija abbaatiin kan ilaalu akkamitti? Waa’eesaa maaltu nutti dhaga’amuu qaba?
5 Yihowaan namoota isaa wajjin adeemaniif iddoo guddaa waan kennuuf, ija abbaatiin isaan ilaala, isaan kunuunsa, isaan eega, akkasumas isaan barsiisa. Waaqayyo, “Waan gochuun siif ta’u sin hubachiisa, karaa irra adeemuun siif ta’u sittan argisiisa; sin gorsa, ija kootiinis sin to’adha” jedheera. (Far. 32:8) Akkas jedhii of gaafadhu: ‘Ogummaa Waaqayyoo dhaggeeffachuufi ijisaa akka na eegu hubachuudhaan, Yihowaa wajjin harka wal qabadhee adeemaa akkan jiru natti dhaga’amaa? Inni naa wajjin akka jiru beekuunkoo, yaadakoo, dubbiikoofi gocha koorratti dhiibbaa geessisaa? Yommuun cubbuu hojjedhu, Yihowaa akka hamaatti utuu hin ta’in, akka Abbaa oo’a qabuufi namoota yaada garaa geddaratan deebisee ofitti qabuu barbaaduttan ilaalaa?’—Far. 51:17.
6. Yihowaan haadhaafi abbaa caalaa dandeettii akkamii qaba?
6 Yeroo tokko tokko Yihowaan dogoggora hojjechuu keenya durallee gargaarsa nuu gochuu danda’a. Fakkeenyaaf, garaan keenya inni jal’aan, wanta sirrii hin taane akka hawwe ilaaluu danda’a. (Er. 17:9) Haala akkasii keessatti, “agartuun isaa” wanta garaa keenya keessa jiru arguufi yaada keenya qoruu waan danda’uuf, abbaafi haadha keenya durallee tarkaanfii fudhachuu danda’a. (Far. 11:4; 139:4; Er. 17:10) Mee wanta Waaqayyo Baaruk isa barreessaafi michuu Ermiyaas raajichaa ta’eef godhe akka fakkeenyaatti ilaali.
Baarukiif Abbaa Gaarii Ta’eera
7, 8. (a) Baaruk eenyudha? Garaasaa keessatti fedhiin sirrii hin taane akkamii uumamuu jalqabee ture? (b) Yihowaan akka abbaa tokkootti Baarukiif akka yaadu kan argisiise akkamitti?
7 Baaruk nama akka gaariitti barreessuu danda’u yommuu ta’u, Ermiyaasii wajjin firdii Yihowaan namoota Yihudaatti fidu amanamummaadhaan labseera; kunimmoo hojii rakkisaa ture. (Er. 1:18, 19) Yeroo tokko, Baaruk inni maatii beekamaa ta’e keessatti dhalatee ta’uu danda’u, ofiisaatiif “wanta guddaa” barbaaduu jalqabee ture. Tarii Baaruk waa’ee ofiisaa yaaduu ykn badhaadhummaa argachuuf hawwuu jalqabee ta’uu danda’a. Hawwiin kun maaliyyuu yoo ta’e, Yihowaan ilaalchi gadheen garaasaa keessatti guddachaa akka jiru argeera. Yihowaan Ermiyaasitti fayyadamee Baarukiin, “Ati, ‘Anaaf wayyoo! Waaqayyo rakkinatti rakkina waan anatti dabaleef ani aaduu irraa kan ka’e dadhabeera, boqonnaas hin qabu’ jetta” jedheen. Achiis Waaqayyo, “Wanta guddaa argachuu feetaa ree? Lakkii! Wanta guddaa akkasii hin fedhin!” jedheen.—Er. 45:1-5.
8 Wanti Yihowaan Baarukitti hime cimaa ta’uyyuu, kana kan godhe dheekkamsaan utuu hin ta’in, akkuma abbaa tokkootti garaadhaa isaaf yaaduudhaan ture. Haalasaarraa hubachuun akka danda’amutti, Yihowaan, fedhiin Baaruk balaadhaaf akka isa saaxilu kan beeku yoo ta’eyyuu, yaanni garaasaa hamaafi jal’aa akka hin taane hubateera. Yihowaan yeroon Yerusaalemiifi Yihudaan itti balleeffaman akka ga’e waan beekuuf, Baaruk yeroo rakkisaa kanatti akka gufatu hin barbaadu ture. Kanaafuu, Waaqayyo ‘namoota hundumaatti badiisa akka fiduufi’ Baaruk ogummaadhaan yoo deddeebi’e badiisa sanarraa akka oolu isa yaadachiisuudhaan, wanta ta’uuf jedhu isa hubachiiseera. (Er. 45:5) Waaqayyo kana jechuunsaa, Baarukiin, ‘Wanta yeroo dhihootti namoota cubbamoo Yihudaafi Yerusaalem keessa jiranirra ga’u hin dagatin. Amanamummaadhaan itti fufi; lubbuudhaan ni jiraatta! Ani sin eega!’ jechuusaa ture. Baaruk, jijjiirama godhee badiisa waggoota 17 booda Yerusaalemirra ga’ee turerraa waan ooleef, wanti Yihowaan jedhe garaasaa akka tuqe beekamaadha.
9. Gaaffiiwwan keeyyaticha keessa jiraniif deebii akkamii laatta?
9 Yommuu seenaa Baarukirratti xiinxaltu, gaaffiiwwaniifi caqasawwan armaan gadiirratti yaadi: Akkaataan Waaqayyo Baarukiin itti qabe, waa’ee Yihowaafi akkaataa inni sabasaatiif itti yaadu kan nuu ibsu akkamitti? (Ibroota 12:9 dubbisi.) Yeroo rakkisaa keessa jiraannurraa ka’uudhaan, gorsa Waaqayyo Baarukiif kenneefi tarkaanfii Baaruk fudhaterraa maal barachuu dandeenya? (Luqaas 21:34-36 dubbisi.) Jaarsoliin fakkeenya Ermiyaas fudhachuudhaan, akkuma Yihowaa tajaajiltootasaatiif akka yaadan argisiisuu kan danda’an akkamitti?—Galaatiyaa 6:1 dubbisi.
Jaalalli Abbaa, Ilmarratti Mul’ateera
10. Yesus mataa gumii Kiristiyaanaa ta’uudhaan itti gaafatamummaa isaaf kenname raawwachuu akka danda’utti dandeettiin akkamii kennameeraaf?
10 Kiristiyaanummaan hundeeffamuusaa dura, jaalalli Yihowaan sabasaatiif qabu, karaa raajotaafi tajaajiltootasaa warra amanamoo ta’an kaanii mul’ateera. Yeroo ammaattimmoo hunda caalaa, karaa Yesus Kiristos isa mataa gumii Kiristiyaanaa ta’ee mul’ata. (Efe. 1:22, 23) Akka kanaan, macaafa Mul’ataa keessatti Yesus akka hoolaa, ‘ija torba qabuutti’ kan ibsame yommuu ta’u, “isaan torban kun hafuurota Waaqayyoof hojjechuudhaaf guutummaa biyya lafaatti ergamanii dha.” (Mul. 5:6) Eeyyee, Yesus hafuura qulqulluutiin waan guutameef, hubannaa guutuu qaba. Innis wanta garaa keenya keessa jiru kan beeku yommuu ta’u, wanti isa jalaa dhokatu hin jiru.
11. Yesus ga’ee maalii qaba? Ilaalchi inni nuuf qabu, ilaalcha Abbaansaa nuuf qabuu kan argisiisu akkamitti?
11 Haaluma Yihowaa wajjin wal fakkaatuun, Yesusis poolisii samiirra taa’ee nu to’atu miti. Jaalalaan nu qora. Maqaa ulfinaa Yesus qabu keessaa tokko, “Abbaa bara baraa” kan jedhu yommuu ta’u, kunis namoota isatti amananiif jireenya barabaraa kennuu keessatti ga’ee akkamii akka qabu nu yaadachiisa. (Isa. 9:6) Kana malees, Yesus Mataa gumii Kiristiyaanaa waan ta’eef, Kiristiyaanota fedhii qabaniifi ga’eessota ta’anitti keessumaa jaarsoliitti fayyadamee, namoota jajjabinni ykn gorsi isaan barbaachisu ni gargaara.—1 Tas. 5:14; 2 Xim. 4:1, 2.
12. (a) Xalayaan gumiiwwan Asiyaa Ishee Xinnoo keessa turan torbaaf barreeffame, waa’ee Yesus maal ibsa? (b) Jaarsoliin, ilaalcha Kiristos karra Waaqayyootiif qabu kan argisiisan akkamitti?
12 Yesus karra hoolotaatiif akka yaadu, xalayaa gumiiwwan Asiyaa Ishee Xinnoo keessatti argaman torbaaf barreeffamerraa hubachuun ni danda’ama. (Mul. 2:1–3:22) Xalayaa sana keessatti Yesus, haala gumiiwwan hundi keessatti argaman akka beekuufi duuka buutotasaatiif hammam akka yaadu ibseera. Mul’anni kun keessumaa “Guyyaa Gooftaa” kanatti raawwiisaa waan argateef, yaanni kun yeroo ammaatti caalaatti kan hojjetudha.a (Mul. 1:10) Jaalalli Kiristos nuuf qabu, yeroo baay’ee karaa jaarsolii warra karaa hafuuraa tiksitoota ta’aniin ibsama. Yesus, ‘dhiironni kennaa ta’an’ yeroo barbaachisutti jajjabina ykn gorsa akka kennan isaan kakaasuu danda’a. (Efe. 4:8, NW; HoE. 20:28; Isaayaas 32:1, 2 dubbisi.) Carraaqqiin isaan godhan, Yesus dhuunfaatti akka sii yaadu kan argisiisu akka ta’e sitti dhaga’amaa?
Gargaarsa Yeroo Barbaachisaatti Argamu
13-15. Waaqayyo kadhannaa keenyaaf karaa kamiin deebii kennuu danda’a? Fakkeenya kenni.
13 Gargaarsa argachuuf garaadhaa erga kadhattee booda, Kiristiyaanni ga’eessa ta’e tokko si jajjabeessuusaatiin kadhannaankee deebii argatee beekaa? (Yaq. 5:14-16) Yookiinimmoo, jajjabina akkasii haasawaa walga’ii gumiirratti dhihaaterraa ykn barreeffamarraa argattee beektaa? Yeroo baay’ee Yihowaan kadhannaa isatti dhihaatuuf karaawwan akkasiitiin deebii kenna. Fakkeenyaaf, jaarsi tokko erga haasawaa dhiheessee booda, obboleettiin haasawaan kun kennamuusaa torban tokko dura dabni guddaan irratti raawwatame tokko isa bira dhaqxe. Waa’ee rakkinashee kaastee dubbachuu mannaa, caqasawwan obboleessi kun haasawaasaa keessatti ibse tokko tokkoof isa galateeffatte. Yaanni dhihaate isheedhaaf kan hojjetu waan ta’eef, jajjabina guddaa isheedhaaf argamsiiseera. Walga’ii sanarratti argamuusheetti baay’ee gammadde!
14 Gargaarsa kadhannaadhaan argamu ilaalchisee, muuxannoo namoota sadan mana hidhaatti dhugaa Macaafa Qulqulluu baratanii babal’istoota hin cuuphamne ta’an tokkoo akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Mana hidhaa sana keessatti rakkinni waan uumameef, namoonni hidhaman hundi mirgawwan qaban hedduu dhowwataman. Kunimmoo mana hidhaa sana keessatti jeequmsi akka ka’u godhe. Warri hidhaa keessa jiran, mormiisaanii ibsuuf guyyaa itti aanutti ciree booda sahaanii itti nyaatan deebisuu diduuf murteessan. Babal’istoonni hin cuuphamne sadan kun waan godhan wallaalan. Yoo mormii kanarratti hirmaatan, gorsa Yihowaan Roomaa 13:1rratti kenne diduu itti ta’a. Namoota kaanii wajjin kana hin godhan taanaanimmoo, warri mana hidhaa keessa jiran isaanirratti ka’u.
15 Namoonni sadan kun waliin mari’achuu waan hin dandeenyeef ogummaa argachuuf Yihowaa kadhatan. Guyyaa itti aanu ganama, sadanuu ciree isaaniif kennamu fudhachuu diduudhaan murtoo wal fakkaatu godhan. Yommuu eegdonni sahaanii sassaabuu dhufan, namoonni sadan kun sahaanii hin qaban ture. Inni ‘kadhata namaa dhaga’u’ dhihoo ta’uusaatti baay’ee gammadan!—Fak. 65:2.
Wanta Gara Fuulduraatti Dhufu Amanannaadhaan Eeggachuu
16. Hojiin lallabaa, Yihowaan namoota hoolotatti fakkeeffamaniif akka yaadu kan argisiisu akkamitti?
16 Hojiin lallabaa addunyaa maraas, karaa Yihowaan namoota garaa qajeeloo eessayyuu jiraataniif itti yaadu keessaa isa tokkodha. (Uma. 18:25) Yihowaan yeroo baay’ee ergamootasaatti fayyadamuudhaan, tajaajiltoonnisaa namoota hoolotatti fakkeeffamaniifi bakka misiraachichi lallabamee hin beekne jiraniif akka lallaban gochuu danda’a. (Mul. 14:6, 7) Fakkeenyaaf, Waaqayyo ergamaa tokkotti fayyadamee, Filiphos inni jaarraa jalqabaatti wangeela lallabu, nama Itoophiyaa aboo qabu tokkoof Caaffata Qulqullaa’oo akka ibsu ergeera. Bu’aansaa maal ture? Namichi misiraachicha fudhachuudhaan cuuphamee duuka buutuu Yesus ta’eera.b—Yoh. 10:14; HoE. 8:26-39.
17. Waa’ee gara fuulduraa garmalee dhiphachuu kan hin qabne maaliifi?
17 Guyyaan dhumaa kun yommuu xumuramuuf jedhu kanatti, ‘ciniinsuun’ raajiidhaan dubbatame ittuma dabalaa adeema. (Mat. 24:8) Fakkeenyaaf, lakkoofsi uummataa dabaluusaatiin, haala qilleensaatiin ykn kufaatii dinagdeetiin gatiin nyaataa baay’ee dabalaa adeemuu danda’a. Hojii argachuun rakkisaa ta’aa adeemuufi, namoonni qacaramanii hojjetanis sa’aatii dheeraadhaaf akka hojjetan dirqamuu danda’u. Wanti fedheyyuu yoo uumame, namoonni dhimmawwan hafuuraatiif dursa kennuusaanii itti fufaniifi ‘ija fayyaa’ qaban hundi, wantoota kanatti garmalee dhiphachuu hin qaban. Waaqayyo akka isaan jaallatuufi akka isaan kunuunsu beeku. (Mat. 6:22-34) Fakkeenyaaf, Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalem yommuu badde, Yihowaan Ermiyaasiif wanta barbaachisu akkamitti akka isaa kenne ilaali.
18. Yihowaan yommuu Yerusaalem marfamtu, Ermiyaasiin akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
18 Yeroo booda yommuu warri Baabilon Yerusaalemiin marsan, Ermiyaas Kellaa Mana Mootii keessatti hidhamee ture. Nyaata argachuu kan danda’e akkamitti? Utuu mana hidhaa keessa hin jiru ta’ee, nyaata barbaaddachuu danda’a ture. Haata’u malee, jireenyisaa namoota naannoosaa jiranirratti kan hundaa’e yommuu ta’u, isaan keessaammoo baay’eensaanii isa jibbu turan. Ermiyaas garuu, namootatti utuu hin ta’in, Waaqayyo isa isa kunuunsuuf abdii kennerratti amanameera. Yihowaan wanta jedhe raawwateeraa? Eeyyee! Yihowaan, Ermiyaas, “Mandarattii keessaa buddeenni raawwatee hamma dhumutti . . . guyyaa guyyaatti buddeena tokko tokko” akka argatu godheera. (Er. 37:21) Ermiyaas, Baaruk, Ebeed-Melekiifi warri kaanis beela, dhukkubaafi du’a yeroo sanatti turerraa ooluu danda’aniiru.—Er. 38:2; 39:15-18.
19. Yeroo gara fuulduraa ilaalchisee, murtoon keenya maal ta’uu qaba?
19 Eeyyee, “iji gooftichaa, gara warra qajeelotaa in ilaala; gurri isaas kadhata isaanii in dhaga’a.” (1 Phe. 3:12) Abbaankee inni samii kan si ilaalu ta’uunsaa si gammachiisaa? Iji Yihowaa kan si ilaalu faayidaa keetiif akka ta’e beekuunkee, nagaafi tasgabbiin akka sitti dhaga’amu godhaa? Kanaaf, gara fuulduraatti wanti fedheyyuu yoo dhufe, Waaqayyoo wajjin adeemuuf murtoo godhi. Yihowaan, yeroo hunda akkuma abbaatti warra isaaf amanamanirraa ija akka hin buqqifanne mirkanaa’aa ta’uu dandeessa.—Far. 32:8; Isaayaas 41:13 dubbisi.
[Gaaffiiwwan Qayyabannaa]
a Xalayaawwan kun kallattiidhaan Kiristiyaanota dibamoodhaaf kan barreeffaman ta’us, seerri bu’uuraasaa tajaajiltoota Waaqayyoo hundaaf ni hojjeta.
b Karaan Waaqayyo qajeelfama itti kennu inni kaanimmoo, Hojii Ergamootaa 16:6-10rratti argama. Caqasichi, Phaawulosiifi hiriyoonnisaa gara Asiyaafi Bitaaniyaa dhaqanii akka hin lallabne, ‘hafuurri qulqulluun akka isaan dhowwe’ ibsa. Kanaa mannaa, Maqedooniyaatti jechuunis bakka namoonni garaa qajeelaa qaban hedduun misiraachicha fudhatanitti akka lallaban waamaman.
Ibsuu Ni Dandeessaa?
• ‘Waaqayyoo wajjin adeemaa’ akka jirru akkamitti argisiisuu dandeenya?
• Yihowaan Baarukiin akka jaallatu kan argisiise akkamitti?
• Mataa gumii Kiristiyaanaa kan ta’e Yesus, amalawwan abbaasaa kan argisiisu akkamitti?
• Yeroo rakkisaa ta’e kanatti Waaqayyotti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu karaawwan kamiini?
[Fakkii fuula 9rra jiru]
Akkuma Ermiyaas Baarukiif godhe, jaarsoliin yeroo ammaatti argamanis akkuma Yihowaa warra kaaniif ni yaadu
[Fakkii fuula 10rra jiru]
Yihowaan yeroo barbaachisaa ta’etti gargaarsa kan godhu akkamitti?