Hisqiʼel
39 “Atis yaa ilma namaa, Goog irratti raajii dubbadhu,+ akkana isaan jedhi: ‘Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Yaa Goog isa geggeessaa* angafaa Meesheekii fi Tuubaal+ taate nana, ani si irratti kaʼeera. 2 Ani duubatti si deebisee gara fuulduraatti sin oofa; andaara lafaa kaabaa irraas akka dhuftu godhee+ gaarota Israaʼel irratti ol sin baasa. 3 Iddaa harka bitaa kee irra jiru nan dhaʼa; xiyyi kees harka mirgaa kee irraa akka kufu nan godha. 4 Ati, loltoonni kee hundii fi namoonni sii wajjin taʼan gaarota Israaʼel irratti ni kuftu.+ Allaattiiwwan akaakuu hundumaa warra adamsanii nyaatanii fi bineensota bosonaatiif nyaata godhee sin kenna.”’+
5 “‘Ati dirree irratti ni kufta;+ ani kana dubbadheera’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
6 “‘Ani Maagoogii fi warra tasgabbiidhaan odolawwan keessa jiraachaa jiran irratti ibidda nan erga;+ isaanis ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 7 Maqaan koo inni qulqulluun saba koo Israaʼel gidduutti akka beekamu nan godha; kana booda ani maqaan koo inni qulqulluun akka xuraaʼu hin heyyamu; saboonnis Israaʼel keessatti ani Yihowaa Isa Qulqulluu+ taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.’+
8 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Eeyyee, kun ni dhufa, ni raawwatamas. Kun guyyaa ani waaʼee isaa dubbadhe sana dha. 9 Jiraattonni magaalota Israaʼelis gad baʼanii meeshaawwan waraanaatti, jechuunis gaachanoota xixinnoo* fi gaachanoota guguddaatti, iddaawwanii fi xiyyawwanitti, akkasumas uleewwan waraanaa* fi eeboowwanitti ibidda ni qabsiisu. Waggaa torbaafis ibidda bobeessuuf isaanitti fayyadamu.+ 10 Isaan ibidda bobeessuuf meeshaawwan waraanaa sanatti waan fayyadamaniif, dirree keessaa muka fudhachuun yookiin bosona keessaa qoraan funaannachuun isaan hin barbaachisu.’
“‘Isaan warra isaan boojiʼaa turan irraa ni boojiʼu, warra isaan saamaa turan irraas ni saamu’ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
11 “‘Guyyaa sanatti ani Israaʼel keessatti, sulula warra galaanicha irraa gara bahaatti imalan keessatti Googiif+ iddoo awwaalchaa nan kenna; iddoon awwaalchaa sunis daandii warra achiin darbanii ni cufa. Isaan Googii fi raayyaawwan isaa hundumaa achitti ni awwaalu; iddoo sanas Sulula Hamoon Goog*+ jedhanii ni waamu. 12 Manni Israaʼelis biyyattii qulqulleessuuf isaan awwaaluu irratti jiʼa torba ni dabarsu.+ 13 Namoonni biyyattii hundi isaan awwaaluu irratti ni hirmaatu; kunis guyyaa ani ulfina ofiif fidutti beekamummaa isaaniif ni argamsiisa’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
14 “‘Namoonnis yeroo hundumaa biyyattii keessa akka darbanii fi lafa qulqulleessuuf reeffawwan lafa irratti hafan akka awwaalan ni ramadamu. Jiʼa torbaafis barbaaduu isaanii itti fufu. 15 Warri biyyattii keessa darban yommuu lafee namaa arganitti isa biratti mallattoo ni dhaabu. Achiis warri akka awwaalaniif ramadaman Sulula Hamoon Goog+ keessatti isa ni awwaalu. 16 Magaalaan Hamoonaa* jedhamtu tokkos achitti ni argamti. Isaanis biyyattii ni qulqulleessu.’+
17 “Yaa ilma namaa, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Allaattiiwwan akaakuu hundumaa fi bineensota bosonaa hundumaatiin akkana jedhi: “Walitti qabamaatii kottaa. Naannoo aarsaa kootti, aarsaa guddaa gaarota Israaʼel irratti ani isiniif qopheessaa jirutti walitti qabamaa.+ Isin foon ni nyaattu, dhiigas ni dhugdu.+ 18 Isin foon namoota jajjaboo ni nyaattu, dhiiga geggeessitoota lafaas ni dhugdu; isaan korbeeyyii hoolaa, hoolota xobbaallaa, reʼootaa fi qotiyyoo siʼa taʼan, hundi isaanii iyyuu horiiwwan Baashaan warra gabbatoo taʼani dha. 19 Isin hamma garaan isin qabutti cooma ni quuftu; aarsaa ani isiniif qopheessuun hamma machooftanittis dhiiga ni dhugdu.”’
20 “‘Isin maaddii koo irraa fardeenii fi namoota gaarii fardaa oofan, namoota jajjaboo fi loltoota akaakuu hundumaa ni quuftu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
21 “‘Ani ulfina koo saboota gidduutti nan mulʼisa; saboonni hundis murtii ani isaan gidduutti dabarsee fi humna* ani isaan gidduutti argisiise ni argu.+ 22 Guyyaa sanaa kaasee manni Israaʼel ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu. 23 Saboonnis manni Israaʼel boojuudhaan kan fudhataman balleessaa ofii isaaniitiin, akkasumas anaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin akka taʼe dhugumaan ni hubatu.+ Anis fuula koo isaan duraa nan dhokse;+ harka diinota isaaniitti dabarsee isaan nan kenne;+ hundi isaaniis goraadeedhaan ni kukkufan. 24 Akka xuraaʼummaa isaaniittii fi akka yakka isaaniitti isaaniif nan deebise; fuula koos isaan duraa nan dhokse.’
25 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Ani warra Yaaqoob keessaa boojiʼaman iddootti nan deebisa;+ guutummaa mana Israaʼelittis gara laafina nan argisiisa;+ qulqullina maqaa kootiif nan falma.*+ 26 Anaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuu isaaniitiin kan kaʼe erga salphatanii booda,+ eenyu iyyuu utuu isaan hin sodaachisin tasgabbiidhaan biyya isaanii keessa ni jiraatu.+ 27 Yommuun saboota keessaa deebisee isaan fiduttii fi biyyoota diinota isaanii keessaa walitti isaan qabutti+ saboota hedduu duratti isaan gidduutti of nan qulqulleessa.’+
28 “‘Boojuudhaan gara sabootaatti ergan isaan ergee booda, nama tokko illee utuu hin hambisin yommuun gara biyya isaaniitti deebisee walitti isaan qabutti, isaan ani Waaqa isaanii Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.+ 29 Ani hafuura koo mana Israaʼel irratti waanan dhangalaasuuf,+ kana booda fuula koo isaan duraa hin dhoksu’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.”