Gaaffii Dubbistootaa
Sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittiidhaan kan boojiʼaman yoom ture?
Ilaalcha kanaan dura qabnu sirreessuun kan barbaachise maaliifi?
Ragaawwan hundi akka argisiisanitti, boojuun kun kan xumurame bara 1919tti, jechuunis yeroo Kiristiyaanonni dibamoon gumii iddoo isaatti deebiʼe keessatti walitti sassaabamanitti ture. Mee yaadi: Sabni Waaqayyoo kan qoramanii fi kan haareffaman, waggoota Mootummaan Waaqayyoo bara 1914tti samii keessatti erga hundeeffamee booda jiranitti dha.a (Mil. 3:1-4) Achiis, bara 1919tti, Yesus “yeroodhaan nyaata isaanii akka isaaniif kennuuf,” ‘hojjetaa amanamaa fi ogeessa’ saba Waaqayyoo qulqullaaʼan irratti muude. (Mat. 24:45-47) Yeroon kun waggaa sabni Waaqayyoo haala hafuuraa inni isaaniif qopheessetti deebiʼuu itti jalqaban ture. Akkasumas, yeroon kun yeroo isaan boojuu Baabilon Guddittii jalaa bilisa itti baʼan ture. (Mul. 18:4) Boojuun kun kan jalqabe garuu yoomi?
Waggoota hedduudhaaf, boojuun kun jalqabe bara 1918tti akka taʼee fi sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalatti boojiʼamanii kan turan yeroo gabaabaadhaaf akka taʼe ibsaa turreerra. Fakkeenyaaf, Masaraan Eegumsaa Bitootessa 15, 1992 akkana jedheera: “Taʼus, akkuma sabni Waaqayyoo durii yeroo muraasaaf boojuudhaan gara Baabilonitti fudhatamanii turan, tajaajiltoonni Yihowaas bara 1918tti yeroo muraasaaf garbummaa Baabilon guddittii jalatti kufanii turan.” Haa taʼu malee, qorannaa hedduun akka argisiisutti boojuun kun kan jalqabe bara 1918 dura dha.
Fakkeenyaaf, raajiiwwan waaʼee boojuu kanaa fi waaʼee bilisa baʼuu saba Waaqayyoo dubbatan keessaa tokko haa ilaallu. Raajiin kun, Hisqiʼel 37:1-14 irratti argama. Hisqiʼel mulʼata isaa irratti dachaa lafeedhaan guutame argee ture. Yihowaan lafeen kun “guutummaa mana Israaʼel” akka bakka buʼu Hisqiʼelitti himee ture. Raajiin iddootti deebiʼuu ilaalchisee dubbatame kun raawwii isaa isa guddaa kan argatu, “Israaʼel Waaqayyoo” irratti dha. (Gal. 6:16; HoE. 3:21) Achiis, Hisqiʼel lafeen sun jireenya yommuu argatuu fi macca guddaa yommuu taʼu arge. Kun, yeroo sabni Waaqayyoo bara 1919tti karaa hafuuraa duʼaa kaʼan akka gaariitti kan ibsu dha! Haa taʼu malee mulʼanni kun, boojuu jala kan turan yeroo hammamiitiif akka taʼe kan ibsu akkamitti?
Tokkoffaa, lafeewwan kun ‘goganii’ ykn “baayʼee goganii” akka turan ibsameera. (His. 37:2, 11) Kun, namoonni kun erga duʼanii yeroo dheeraan akka darbe argisiisa. Lammaffaa, iddootti deebiʼuun kun battalumatti utuu hin taʼin, suuta suuta akka raawwatamutti ibsame. Jalqaba irratti, sagalee sossokoksutu dhagaʼame; “lafeen sunis walitti hiiqee, lafeen lafee ofii isaatiitti in dhiʼaate.” Achiis, “ribuu” fi ‘foontu’ itti dabalame. Itti fufees, lafeewwan, ribuuwwanii fi foon sanatti gogaatu uwwifame. Suuta suuta, “hafuurris isaanitti in gale, isaanis jiraatoo taʼan.” Xumura irratti, Yihowaan saba bayyanate kana biyya isaatti galche. Kun hundi raawwatamuuf yeroo fudhata.—His. 37:7-10, 14.
Sabni Israaʼel durii boojuu jala kan turan yeroo dheeraadhaaf ture. Boojuun kun kan jalqabe Dh.K.D. bara 740tti mootummaa kaabaa gosoota Israaʼel kurnan of keessatti qabate keessaa hedduun isaanii yeroo kufanii fi boojiʼamanitti dha. Achiis, Dh.K.D. bara 607tti Yerusaalem ni balleeffamte; sabni mootummaa kibbaa Yihudaas boojuudhaan fudhataman. Boojuun kun kan xumurame, Dh.K.D. bara 537tti yeroo Yihudoonni warri hafan mana qulqullummaa deebisanii ijaaruuf biyya isaaniitti deebiʼanii fi waaqeffannaa qulqulluu hundeessanitti dha.
Ragaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan kana irraa akka hubannutti, sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittiidhaan boojiʼamanii kan turan bara 1918-1919tti qofa utuu hin taʼin, yeroo dheeraadhaaf ture. Boojuun kun yeroo inkirdaadni, “ilmaan mootummichaa” sanyiitti fakkeeffamanii wajjin wal faana itti guddatee wajjin tokko dha. (Mat. 13:36-43) Yeroon wal faana itti guddatan, yeroo itti baayʼinni gantootaa baayʼina Kiristiyaanota dhugaa irra caale kan argisiisu dha. Yeroo kanatti, gumiin Kiristiyaanaa Baabilon Guddittiidhaan boojiʼamee ture jechuun ni dandaʼama. Boojuun kun kan jalqabe jaarraa lammaffaatti siʼa taʼu, hamma manni qulqullummaan bara dhumaatti qulqulleeffametti itti fufeera.—HoE. 20:29, 30; 2 Tas. 2:3, 6; 1 Yoh. 2:18, 19.
Boojuu hafuuraa yeroo dheeraadhaaf ture sanatti, geggeessitoonni amantii fi namoonni siyaasaa hidhata isaanii taʼanii fi humna isaaniitti fayyadamuu barbaadan, namoonni aangoo isaanii jala jiran Dubbii Waaqayyoo akka hin arganne godhaniiru. Yeroo tokko tokko, Kitaaba Qulqulluu afaan balʼinaan dubbatamuun dubbisuun yakka ture. Namoonni akkana godhan tokko tokko illee fannifamanii gubamaniiru. Namni yaada geggeessitoonni amantii barsiisan irraa adda taʼe qabu ni adabama ture; kun immoo yaaliin dhugaa babalʼisuuf godhamu kam iyyuu akka ukkaamamu godheera.
Waaʼee iddootti deebiʼuu hoo maal jechuutu dandaʼama? Kun kan raawwatame yoomii fi akkamitti? Hojiin iddootti deebiʼuu kun kan raawwatame suuta suuta dha. Mulʼatichi, waaʼee ‘sagalee sossokoksuu’ caqaseera. Kun raawwatamuu kan jalqabe, jaarraawwan muraasa bara dhumaa dura turanitti dha. Barumsawwan amantii sobaa bakka baayʼeetti babalʼatanii kan turan taʼus, namoonni amanamoo taʼan tokko tokko hamma isaaniif dandaʼametti waaqeffannaa dhugaa cina dhaabataniiru. Isaan keessaa tokko tokko Kitaaba Qulqulluu afaan namoonni hedduun dubbatanitti hiikuuf carraaqqii guddaa godhaniiru. Warri kaan immoo dhugaawwan Dubbii Waaqayyoo irraa argatan labsaniiru.
Achiis, naannoo bara 1870tti Chaarlis Teez Raasilii fi michoonni isaa dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu iddootti deebisuuf hinaaffaadhaan hojjetaniiru. Yeroon kun, yeroo lafeewwan hafuuraa irratti foonii fi gogaan itti uwwifame ture jechuun ni dandaʼama. Masaraan Eegumsaa Xiyoonii fi barreeffamoonni kaan namoonni garaa qajeelaa qaban dhugaawwan hafuuraa akka hubatan gargaaraniiru. Yeroo booda immoo, meeshaaleen kan akka, “Footoo Diraamaa oov Kiriʼeeshin” bara 1914tti qophaaʼee fi kitaabni Za Finiishdi Mistirii jedhamuu fi bara 1917tti qophaaʼees amantii saba Waaqayyoo cimsaniiru. Xumura irratti, bara 1919tti, saba Waaqayyootiif jireenyi kennamee biyya hafuuraa isaaniitti deebiʼan. Yeroo booda, dibamtoonni hafan sun, namoota lafa irra jiraachuuf abdii qabanii wajjin taʼuudhaan “macca baayʼee guddaa” taʼan.—His. 37:10; Zak. 8:20-23.b
Ragaawwan kana irraa akka hubannutti, sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittiidhaan kan boojiʼame Dh.K.B. jaarraa lammaffaatti, yeroo gantummaan babalʼatetti ture. Akkuma Israaʼeloonni durii yeroo boojuu jala turan taʼe, yeroon kun yeroo dukkanaaʼaa ture. Sabni Waaqayyoo jaarraawwan hedduudhaaf karaa hafuuraa kan hacuucaman taʼus, yeroo ammaatti yeroo ‘warri ogummaa qaban itti ifan,’ akkasumas yeroo ‘namoonni baayʼeen qoramanii’ fi ‘calalamanitti’ jiraachuu keenyatti baayʼee gammadna!—Dan. 12:3, NW, 10.
Seexanni yommuu Yesusiin qore qaamaan gara mana qulqullummaatti isa geessee?
Yeroo tokko tokko, haalli kun lamaanuu barreeffamoota keenya irratti ni baʼu.
Jalqaba, wanta Kitaabni Qulqulluun jedhu haa ilaallu. Maatewos ergamaan, waaʼee seenaa kanaa hafuuraan geggeeffamee Wangeela isaa irratti akkana jedhee barreesseera: “Seexanni ammoo gara mandara qulqullaaʼaatti isa [Yesus] geessee, fittee (fiixee) guutuu [ykn iddoo ol kaʼaa] mana qulqullummaa irras dhaabachiise.” (Mat. 4:5) Luqaasis seenaa kana ilaalchisee akkana jedhee barreesseera: “Seexanichi ammoo Yerusaalemitti isa geessee, fittee guutuu mana qulqullummaa irra isa dhaabachiisee.”—Luq. 4:9.
Kanaan dura, barreeffamoonni keenya haalli kun kan uumame dhugumaan akka hin taanetti ibsaa turaniiru. Fakkeenyaaf, Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 1961 irratti akkana jedhamee ibsameera: “Qorumsawwan lafa onaa keessatti Yesusiin mudatan ilaalchisee wanti hundi kallattiidhaan akka raawwatametti fudhachuuf sababii gaʼaan hin jiru. Gaarri ‘mootummoota biyya lafaa hundumaa fi ulfina isaanii’ ilaaluuf nama dandeessisu iyyuu hin jiru. Kanaafuu, Seexanni Yesusiin ‘gara mandara qulqullaaʼaatti’ geessee ‘fittee guutuu mana qulqullummaa’ irra kan isa dhaabachiisee kallattiidhaan ykn qaamaan miti jechuu ni dandeenya. Qorumsichi ulfaataa akka taʼuuf dirqama kana gochuun barbaachisaa miti.” Haa taʼu malee, barruulee itti aananii baʼan irratti, Yesus wanta Seexanni isaan jedhe dhagaʼeera utuu taʼee, duʼuu akka dandaʼu ibsameera.
Namoonni tokko tokko, Yesus sanyii Leewwii waan hin taaneef iddoo ol kaʼaa mana qulqullummaa irra jirutti ol baʼuun isaaf hin heyyamamu jedhu. Kanaafuu, Yesus gara mana qulqullummaatti kan ‘ol baʼe’ mulʼataan taʼuu akka dandaʼu yaadama ture. Haalli kun, wanta jaarraawwan duraan turanitti Hisqiʼel raajicha mudatee wajjin kan wal fakkaatu dha.—His. 8:3, 7-10; 11:1, 24; 37:1, 2.
Haa taʼu malee, qorumsi kun kan mudate mulʼataan qofa yoo taʼe, gaaffiiwwan armaan gadiitu kaʼa:
Qorumsichi dhugaa dha moo wanta mulʼataan taʼe dha?
Qorumsawwan kaan, Yesus kallattiidhaan tarkaanfii akka fudhatu, jechuunis dhagaa gara buddeenaatti akka jijjiiru ykn jilbeenfatee Seexanaaf akka sagadu kan isa gaafatu taanaan, qorumsi inni kun hoo Yesus kallattiidhaan mana qulqullummaa irraa akka utaalu kan isa gaafatu taʼuu hin dandaʼu?
Gama biraatiin immoo, Yesus qaamaan fiixee mana qulqullummaa irra dhaabateera taanaan, gaaffiiwwan biraatu kaʼa:
Yesus fiixee mana qulqullummaa irra dhaabachuudhaan Seericha cabseera jechuu dhaa?
Yesus lafa onaatii kaʼee gara Yerusaalem kan dhaqe akkamitti?
Qorannaa dabalataa gochuun keenya, wantoota taʼuu dandaʼanii fi gaaffiiwwan xumuraa kana lamaaniif deebii nuuf argamsiisan hubachuuf nu gargaara.
Jalqaba, Piroofeesarri Doonaaldi Aartar Kaarsan jedhaman, jechi Afaan Giriikii hiiroon jedhuu fi seenaa lamaanuu irratti “mana qulqullummaa” jedhamee hiikame, “tarii mana qulqullummaa sana qofa utuu hin taʼin, guutummaa mooraa isaa” akka argisiisu barreessaniiru. Kanaafuu, Yesus manuma qulqullummaa sana irra dhaabate jechuu taʼuu dhiisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qarqara kibba baha mana qulqullummaa irra dhaabatee taʼuu dandaʼa. Iddoo kanaa kaʼee hamma Dachaa Qedroonitti meetira 137 gadi fagaata ture. Manni qulqullummaan kun karaa kibba bahaa baaxii diriiraa kan qabu siʼa taʼu, iddoowwan mana qulqullummaa kaan caalaa ol kaʼaa dha. Barreessaan seenaa Joseefas jedhamu akka barreessetti, namni tokko iddoo kana dhaabatee gadi yoo ilaale, gadi fageenya isaatiin kan kaʼe “lafti isaan maruu dandaʼa.” Yesus sanyii Leewwii taʼuu baatus, iddoo kana irra dhaabachuu ni dandaʼa ture; kana gochuu isaatiinis gaaffiin kaʼu hin jiraatu.
Haa taʼu malee, Yesus lafa onaa keessa utuu jiruu gara mana qulqullummaatti fudhatamuu kan dandaʼe akkamitti? Deebiin isaa, mirkanaaʼoo taʼuu hin dandeenyu kan jedhu dha. Ibsi gabaabaan qorumsawwan kana ilaalchisee kenname, qorumsi kun yeroo hammamii akka fudhate ykn Yesus lafa onaa keessaa iddoo kam akka ture hin dubbatu. Yesus, yeroo dheeraa itti fudhachuu kan dandaʼu taʼus, miillaan deemee gara Yerusaalemitti deebiʼee taʼuu dandaʼa. Seenaan kun, Yesus qorumsawwan kun hundi kan isa irra gaʼan, lafa onaa keessa utuu jiruu akka taʼe kallattiidhaan hin dubbatu. Kanaa mannaa, gara Yerusaalemitti akka geeffame qofa dubbata.
Waaʼee qorumsa Seexanni “mootummoota biyya lafaa hundumaa” Yesusitti argisiisuu isaa dubbatuu hoo maal jechuutu dandaʼama? Kallattiidhaan mootummoota biyya laafaa hunda akka hin argine ifa dha; sababni isaas gaarri irra dhaabatanii mootummoota kana hunda ilaaluu dandaʼan hin jiru. Kanaafuu Seexanni, akkuma pirojeektariin ykn iskiriiniin bakkawwan lafa irra jiran garaa garaa mulʼisuuf gargaaru, mootummoota kana mulʼataan itti argisiisee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Seexanni mulʼatatti fayyadamee taʼuu dandaʼus, Yesus ‘kan isaaf sagadu’ garuu yaadaan utuu hin taʼin, kallattiidhaan taʼa ture. (Mat. 4:8, 9) Qorumsi akka inni mana qulqullummaa irraa utaaluuf isaaf dhihaate dhugaa siʼa taʼu, balaan inni geessisus dhugaa taʼa ture jechuun ni dandaʼama; kun immoo, qorumsi kun isa mulʼataan taʼu caalaa cimaa akka taʼu godha ture.
Kanas taʼe sana, akkuma seensa irratti ibsame yaada tokkotti cichuu hin dandeenyu. Kanaafuu, Yesus dhuguma gara Yerusaalem deemee, akkasumas fiixee mana qulqullummaa irra dhaabatee taʼuu dandaʼa. Qorumsawwan kun Yesusiin kan mudatan dhugumaan akka taʼee fi innis Seexanaaf deebii quubsaa akka kenne garuu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya.
b Hisqiʼel 37:1-14 fi Mulʼanni 11:7-12 waaʼee karaa hafuuraa iddootti deebiʼuu bara 1919tti raawwatamee dubbatu. Haa taʼu malee, raajiin Hisqiʼel irratti argamu, sabni Waaqayyoo hundi yeroo dheeraadhaaf boojuu jala erga turanii booda karaa hafuuraa suuta suutaan iddootti akka deebiʼan dubbata. Gama biraatiin, raajiin Mulʼata irratti argamu, garee xinnoon obboloota dibamoo geggeessitoota turan of keessatti qabate, yeroo muraasaaf hojii isaa erga dhaabee booda karaa hafuuraa deebiʼee dhalachuu isaa argisiisa.