BOQONNAA 2
‘Waaqayyo Kennaa Isaanii Fudhateera’
YAADA IJOO: Seenaa qophii Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe ibsu
1-3. (a) Gaaffiiwwan akkamii irratti mariʼanna? (b) Wantoota barbaachisoo waaqeffannaa qulqulluun fudhatama akka argatu godhan akkamii afur irratti mariʼanna? (Fakkii jalqaba irra jiru ilaali.)
ABEEL xiyyeeffannaadhaan hoolota isaa ilaalaa jira. Hoolonni kun erga dhalatanii jalqabee kunuunsee isaan guddiseera. Amma muraasa isaanii filatee erga qalee booda Waaqayyoof kennaa godhee dhiheesse. Haa taʼu malee, gochi waaqeffannaa namoota mudaa qabaniin dhihaatu akkanaa Yihowaa biratti fudhatama ni argataa?
2 Phaawulos ergamaan Abeeliin ilaalchisee geggeessaa hafuuraatiin ‘Waaqayyo kennaa isaa fudhateera’ jedhee barreesseera. Haa taʼu malee, Yihowaan kennaa Qaayin hin fudhanne. (Ibroota 11:4 dubbisi.) Kun immoo gaaffiiwwan irratti yaaduu qabnu kaasa. Waaqayyo waaqeffannaa Abeel kan fudhatee fi kan Qaayin immoo kan hin fudhanne maaliifi? Fakkeenya Qaayinii fi Abeel irraa, akkasumas namoota Ibroota boqonnaa 11 irratti ibsaman kaan irraa maal barachuu dandeenya? Deebiin gaaffiiwwan kanaa, waaqeffannaa qulqulluun maalfaa akka dabalatu ilaalchisee hubannaa qabnu nuu guddisa.
3 Taʼeewwan bara Abeelii jalqabee hamma bara Hisqiʼelitti raawwataman muraasa irratti yommuu mariʼannu, wantoonni barbaachisoon waaqeffannaan Waaqayyoof dhiheessinu fudhatama akka argatu godhan afur maal akka taʼan hubadhaa: Waaqeffannaan keenya Yihowaadhaaf dhihaachuu qaba, qulqullinni isaa hunda irra kan caalu taʼuu qaba, akkaataan itti dhihaatu Waaqayyo biratti fudhatama kan qabu taʼuu qaba, akkasumas kakaʼumsi nama waaqeffannaa dhiheessu sanaa qulqulluu taʼuu qaba.
Waaqeffannaan Qaayin Fudhatama kan Dhabe Maaliifi?
4, 5. Qaayin kennaan isaa dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf taʼuu isaa akka hubatu wanti isa gargaare maali dha?
4 Uumama 4:2-5 dubbisi. Qaayin kennaan isaa dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf akka taʼe beeka ture. Qaayin waaʼee Yihowaa barachuuf yeroo fi carraa hedduu qaba ture. Innii fi obboleessi isaa Abeel yommuu kennaa isaanii dhiheessan umuriin isaanii gara waggaa 100tti dhihaatee ture.a Ijoolleen kun lamaan waaʼee iddoo biqiltuu Eedan kan beekan yeroo taʼu, tarii iddoo biqiltuu gaarii taʼe kana fagoodhaa ilaalaa guddatanii taʼuu dandaʼa. Kiruubelonni balbala iddoo biqiltuu Eedan yommuu eeganis arganii akka turan beekamaa dha. (Uma. 3:24) Warri isaanii jireenya hundumaa kan uume Yihowaa akka taʼee fi kaayyoon inni ilmaan namootaatiif jalqaba baase wanta amma isaan irra gaʼaa jiru, jechuunis suutuma suuta gara duʼaatti deemuu irraa adda akka ture isaanitti himanii akka turan hin shakkisiisu. (Uma. 1:24-28) Qaayin wantoota kana beekuun isaa kennaa isaa Waaqayyoof dhiheessuu akka qabu hubachuuf isa gargaaree taʼuu dandaʼa.
5 Qaayin aarsaa isaa akka dhiheessu wanti isa kakaase kan biraan maal taʼuu dandaʼa? Yihowaan “sanyii” mataa ‘boficha’ isa Hewaan filannoo hamaa akka gootu ishii gowwoomse sanaa buruqsu tokko akka kaasu raajii dubbatee ture. (Uma. 3:4-6, 14, 15) Qaayin ilma angafaa waan taʼeef, ‘sanyichi’ abdachiifame isa akka taʼe yaadee taʼuu dandaʼa. (Uma. 4:1) Kana malees, Yihowaan namoota cubbamoo taʼanii wajjin dubbachuu isaa guutummaatti hin dhiisne; Addaam cubbuu erga hojjetee booda illee, Waaqayyo isatti dubbateera; kanas kan godhe karaa maleekaa tokkoo taʼuu hin oolu. (Uma. 3:8-10) Qaayinis aarsaa erga dhiheessee booda Yihowaan isaa wajjin dubbateera. (Uma. 4:6) Qaayin waaqeffannaan dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf taʼuu isaa akka beeku hin shakkisiisu.
6, 7. Qulqullinni ykn akkaataan Qaayin aarsaa isaa itti dhiheesse rakkina qaba turee? Ibsi.
6 Maarree Yihowaan aarsaa Qaayin dhiheesse gammachuudhaan kan hin ilaalle maaliifi? Aarsaan isaa qulqullina waan hin qabneefii? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Kanaa mannaa Qaayin “firii lafichaa” akka dhiheesse qofa dubbata. Yihowaan yeroo booda Seera Museedhaaf kenne keessatti aarsaan akkasii fudhatama akka qabu ibseera. (Lak. 15:8, 9) Haalawwan yeroo sana turanis hubadhaa. Yeroo sanatti ilmaan namootaa kuduraa fi muduraa qofa sooratu turan. (Uma. 1:29) Waaqayyo lafa Eedanii alatti argamu waan abaareef, Qaayin aarsaa dhiheessu argachuuf dhamaʼee hojjechuu qaba ture. (Uma. 3:17-19) Nyaata dhamaʼee argatee fi jireenyaaf barbaachisaa taʼe dhiheesseera! Taʼus, Yihowaan aarsaa Qaayin hin fudhanne.
7 Maarree akkaataa kennaan sun itti dhihaatetu dogoggora qabaa? Qaayin karaa fudhatama qabuun aarsaa sana utuu hin dhiheessin hafeetii? Akkas hin fakkaatu. Maaliif? Sababiin isaas Yihowaan aarsaa Qaayin yommuu fudhachuu didetti akkaataa aarsaan sun itti dhihaate hin balaaleffanne. Siruma iyyuu Qaayinis taʼe Abeel akkamitti aarsaa isaanii akka dhiheessan hin ibsamne. Maarree rakkinni isaa maal ture?
8, 9. (a) Yihowaan Qaayiniinis taʼe aarsaa isaa gammachuudhaan kan hin ilaalle maaliifi? (b) Qaayinii fi Abeeliin ilaalchisee Kitaaba Qulqulluu keessaa odeeffannoon xiyyeeffannaa kee harkisu isa kami?
8 Yaanni Phaawulos geggeessaa hafuuraatiin warra Ibrootaatiif barreesse, kakaʼumsi Qaayin aarsaa kana ittiin dhiheesse qulqulluu akka hin turre argisiisa. Qaayin amantiin itti hirʼata ture. (Ibr. 11:4; 1 Yoh. 3:11, 12) Yihowaan aarsaa isaa qofa utuu hin taʼin Qaayiniinis gammachuudhaan kan hin ilaalle kanaafi. (Uma. 4:5-8) Yihowaan Abbaa jaalala qabeessa waan taʼeef, ilma isaa kana sirreessuuf gaarummaadhaan yaalii godheera. Qaayin garuu gargaarsa Yihowaa fudhachuu dideera. Garaan Qaayin inni fakkeenyaan ibsame hojiiwwan fooniitiin, jechuunis ‘diinummaa, lolaa fi hinaaffaadhaan’ mancaʼee ture. (Gal. 5:19, 20) Garaa hamaan Qaayin qabu wantoonni gaggaariin inni waaqeffannaa isaa keessatti raawwate kaan gatii akka hin qabaanne godheera. Fakkeenyi isaa, waaqeffannaa qulqulluun Yihowaa waaqeffachuuf wanta alaan mulʼatu raawwachuu caalaa wanta dabalatu akka qabu nu barsiisa.
9 Kitaabni Qulqulluun waaʼee Qaayin wanta hedduu nutti hima; fakkeenyaaf, Yihowaan akka isatti dubbate, deebii Qaayin kenne, maqaa sanyii isaa fi wantoota isaan raawwatan tokko tokko nutti hima. (Uma. 4:17-24) Abeel garuu ijoollee qabaachuun isaas taʼe wanti inni dubbate Kitaaba Qulqulluu keessatti hin galmeeffamne. Haa taʼu malee, wanta inni godhe irraa harʼas barumsa argachuu dandeenya. Akkamitti?
Abeel Waaqeffannaa Qulqulluu Ilaalchisee Fakkeenya Taʼeera
10. Abeel waaqeffannaa qulqulluudhaaf fakkeenya kan taʼe akkamitti?
10 Abeel waaqeffannaan dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf qofa akka taʼe beekuudhaan aarsaa isaaf dhiheesseera. Abeel “bushaayee isaa keessaa warra jalqaba dhalatan muraasa” filatee waan dhiheesseef, qulqullinni kennaa isaa hunda irra kan caalu ture. Kitaabni Qulqulluun Abeel aarsaa isaa kan dhiheesse iddoo aarsaa irratti taʼuu fi dhiisuu isaa kan hin dubbanne taʼus, akkaataan inni aarsaa isaa itti dhiheesse fudhatama kan qabu akka ture beekamaa dha. Haa taʼu malee, kennaa Abeel ilaalchisee wanti bakka guddaa qabuu fi waggoota kuma jaʼa booda illee barumsa guddaa nuuf taʼu kakaʼumsa inni aarsaa kana ittiin dhiheesse dha. Abeel aarsaa kan dhiheesse amantii Waaqayyo irratti qabuu fi jaalala ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼaniif qabuun kakaʼee ti. Kana akkamitti beekna?
11. Yesuus Abeel qajeelaa akka taʼetti kan ibse maaliifi?
11 Jalqaba wanta Yesuus waaʼee Abeel dubbate ilaalaa; Yesuus akka gaariitti isa beeka ture. Yeroo Abeel lafa irra jiraachaa turetti Yesuus samii irra jiraata ture. Yesuus ilma Addaam kana ni jaallata ture. (Fak. 8:22, 30, 31; Yoh. 8:58; Qol. 1:15, 16) Kanaafuu, Yesuus Abeel nama qajeelaa akka taʼe yeroo dubbatetti ragaa ijaan arge dhiheessaa ture. (Mat. 23:35) Nama qajeelaa kan jedhamu, nama wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa baasuu kan qabu Yihowaa taʼuu isaa amanee fudhatu dha. Kana qofa utuu hin taʼin namni akkanaa ulaagaalee kanaa wajjin haala wal simuun akka jiraatu dubbii isaa fi gocha isaatiin ni argisiisa. (Luqaas 1:5, 6 wajjin wal bira qabii ilaali.) Maqaa nama qajeelaa jedhu argachuun yeroo gaafata. Kanaafuu, Abeel Waaqayyoof kennaa dhiheessuu isaa dura illee, nama ulaagaalee Yihowaa eegee jiraachuudhaan beekamu ture jechuu dha. Taʼus kana gochuun salphaa hin turre. Obboleessi isaa inni angafni garaan isaa hamaa waan taʼeef, isa irratti dhiibbaa gaarii waan godhe hin fakkaatu. (1 Yoh. 3:12) Haati isaa ajaja Waaqayyo kallattiidhaan kenne cabsiteetti; abbaan isaas wanta gaarii fi hamaa taʼe ofii isaatii murteeffachuu waan barbaadeef Yihowaa irratti fincileera. (Uma. 2:16, 17; 3:6) Abeel daandii warri isaa hordofuuf filatan irraa baayʼee adda taʼe filachuuf ija jabina guddaa argisiiseera!
12. Garaa garummaa guddaan Qaayinii fi Abeel gidduu ture maali dha?
12 Itti aansuudhaan, Phaawulos ergamaan amantii fi qajeelummaa akkamitti akka wal qabsiise hubadhaa. Phaawulos, “Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin caalaa gatii qabu Waaqayyoof dhiheesse; . . . karaa amantii sanaa qajeelaa akka taʼe ragaa isaaf baʼame” jechuudhaan barreesseera. (Ibr. 11:4) Wanti Phaawulos dubbate Abeel, Qaayin irraa haala adda taʼeen, jireenya isaa guutuu Yihowaa fi karaa inni wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii guddaa akka qabuu fi kun immoo aarsaa dhiheessuuf akka isa kakaase kan argisiisu dha.
13. Fakkeenyi Abeel maal nu barsiisa?
13 Fakkeenyi Abeel waaqeffannaa qulqulluun madduu kan dandaʼu garaa kakaʼumsa qulqulluu qabu, jechuunis garaa Yihowaa irratti amantii guutuu qabuu fi ulaagaalee isaa warra qajeeloo taʼanii wajjin guutummaatti wal simee jiraatu irraa qofa akka taʼe nu barsiisa. Kana malees, yeroo tokko qofa Yihowaadhaaf amanamaa taʼuun gaʼaa miti. Kanaa mannaa, umurii keenya guutuu karaa hundumaatiin Yihowaadhaaf amanamoo taʼuu qabna.
Abbootiin Amantii Fakkeenya Isaa Hordofaniiru
14. Yihowaan kennaa Noh, Abrahaamii fi Yaaqoob dhiheessan kan fudhate maaliifi?
14 Abeel nama mudaa qabuu fi yeroo jalqabaatiif Yihowaadhaaf waaqeffannaa qulqulluu dhiheesse taʼus, nama isa dhumaa garuu hin turre. Phaawulos ergamaan namoota akka Noh, Abrahaamii fi Yaaqoob warra karaa fudhatama qabuun Yihowaa waaqeffatan kaanis caqaseera. (Ibroota 11:7, 8, 17-21 dubbisi.) Abbootiin amantii kun jireenya isaanii keessatti yeroo taʼe tokkotti Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessaniiru; Waaqayyos kennaa isaanii fudhateera. Maaliif? Sababiin isaas namoonni kun hundi aarsaa dhiheessuu qofa utuu hin taʼin, ulaagaalee waaqeffannaa qulqulluudhaaf barbaachisan hundumaa guutaniiru. Mee fakkeenya isaanii haa ilaallu.
15, 16. Noh ulaagaalee guguddaa waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisan arfan kan guute akkamitti?
15 Noh kan dhalate Addaam erga duʼee waggaa 126 booda taʼus, kan guddate garuu addunyaa waaqeffannaan sobaa itti babalʼate keessatti ture.b (Uma. 6:11) Maatiiwwan Bishaan Badiisaa dura lafa irra jiraachaa turan hundumaa keessaa, karaa fudhatama qabuun Yihowaa kan tajaajilan Nohii fi maatii isaa qofa turan. (2 Phe. 2:5) Noh Bishaan Badiisaa irraa erga oolee booda iddoo aarsaa yeroo jalqabaatiif Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasame ijaaruu fi Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuuf kakaʼeera. Noh gocha garaadhaa madde kanaan waaqeffannaan dhihaachuu kan qabu Yihowaadhaaf qofa taʼuu isaa maatii isaatiifis taʼe sanyii ilmaan namootaa warra isa irraa argaman kaaniif ergaa ifa taʼe dabarseera. Noh “horiiwwan qulqulluu taʼan hundumaa keessaa fi uumamawwan barrisan warra qulqulluu taʼan hundumaa keessaa muraasa” filatee aarsaa godhee dhiheesseera. (Uma. 8:20) Yihowaan horiiwwan kun qulqulluu akka taʼan waan dubbateef qulqullinni aarsaawwan kanaa hunda irra kan caalu ture.—Uma. 7:2.
16 Noh aarsaawwan gubaman kana kan dhiheesse iddoo aarsaa ijaare irratti ture. Akkaataan waaqeffannaan kun itti dhihaate fudhatama kan qabu turee? Eeyyee. Seenaan isaa Yihowaan urgaa foolii aarsaa sanaatti akka gammadee fi Nohii fi ilmaan isaa akka eebbise ibsa. (Uma. 8:21; 9:1) Haa taʼu malee, Yihowaan adda durummaadhaan aarsaa sana kan fudhate kakaʼumsa Noh aarsaa sana ittiin dhiheesseen kan kaʼe dha. Aarsaawwan kun karaa dabalataa Noh Yihowaa fi akkaataa inni wantoota tokko tokko itti raawwatu irratti amantii cimaa akka qabu itti argisiise turan. Noh yeroo hunda Yihowaadhaaf waan ajajamuu fi ulaagaalee isaa waan eeguuf Kitaabni Qulqulluun inni “Waaqa dhugaa wajjin ni deeme” jedha. Kanaan kan kaʼes, Noh bara baraaf maqaa nama qajeelaa jedhu argateera.—Uma. 6:9; His. 14:14; Ibr. 11:7.
17, 18. Abrahaam ulaagaalee guguddaa waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisan arfan kan guute akkamitti?
17 Abrahaam nama waaqeffannaa sobaatiin marfamee jiraatu ture. Biyya Abrahaam kan taate magaalaan Uur mana qulqullummaa waaqa addeessaa Naanaa jedhamuuf ulfina kennuun kan guutamte turte.c Abbaan Abrahaam illee yeroo taʼe tokkotti waaqolii sobaa waaqeffachaa ture. (Iya. 24:2) Abrahaam garuu Yihowaa waaqeffachuuf filateera. Abrahaam Seem isa abaabilii isaa taʼee fi ilmaan Noh keessaa tokko taʼe irraa waaʼee Waaqa dhugaa baratee taʼuu hin oolu. Seemii fi Abrahaam yeroo wal fakkaatu keessa waggaa 150f jiraataniiru.
18 Abrahaam umurii isaa guutuu aarsaawwan hedduu dhiheesseera. Haa taʼu malee, gochawwan waaqeffannaa kun Yihowaa isa waaqeffannaan isaaf qofa maluuf kan dhihaatan turan. (Uma. 12:8; 13:18; 15:8-10) Abrahaam aarsaa qulqullina guddaa qabu Yihowaadhaaf dhiheessuuf qophaaʼee turee? Yeroo Abrahaam ilma isaa jaallatamaa kan taʼe Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf fedhii akka qabu argisiisetti gaaffiin kun shakkii tokko malee deebii argateera. Yeroo kanatti Yihowaan akkaataa Abrahaam aarsaa kana itti dhiheessuu qabu tokko tokkoon itti himeera. (Uma. 22:1, 2) Abrahaamis qajeelfama sana guutummaatti hordofuuf fedhii qaba ture. Abrahaam ilma isaa akka hin ajjeesne kan isa dhowwe Yihowaa ture. (Uma. 22:9-12) Abrahaam aarsaawwan kana kakaʼumsa qulqulluu taʼeen waan dhiheesseef, Yihowaan gochawwan waaqeffannaa inni raawwate fudhateera. Phaawulos, “Abrahaam Yihowaatti amane, kunis qajeelummaatti isaaf lakkaaʼame” jechuudhaan barreesseera.—Rom. 4:3.
19, 20. Yaaqoob ulaagaalee guguddaa waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisan arfan kan guute akkamitti?
19 Yaaqoob umurii isaa keessaa harka caalaa kan dabarse, biyya Yihowaan Abrahaamii fi sanyiiwwan isaatiif abdachiise, jechuunis Kanaʼaan keessatti ture. (Uma. 17:1, 8) Iddoon kun bakka namoonni waaqeffannaa jalʼaa taʼe irratti hirmaachuu isaaniitiin kan kaʼe Yihowaan biyyattiin ‘namoota ishii keessa jiraatan akka tuftu’ dubbate dha. (Lew. 18:24, 25) Yaaqoob yeroo umuriin isaa waggaa 77 taʼetti Kanaʼaan keessaa kan baʼee fi haadha manaa kan fuudhe yeroo taʼu, boodas maatii guddaa taʼee achitti deebiʼeera. (Uma. 28:1, 2; 33:18) Haa taʼu malee miseensonni maatii isaa tokko tokko waaqeffannaa sobaatiin dhiibbaan isaan irra gaʼee ture. Taʼus Yaaqoob gara Beetel deemee iddoo aarsaa tokko akka ijaaru yommuu Yihowaan isa gaafatetti kutannoodhaan tarkaanfii fudhateera. Jalqaba irratti maatii isaatiin, “Waaqolii ormaa isin gidduutti argaman of biraa fageessaa; of qulqulleessaa” jedheera. Achiis qajeelfama isaaf kenname amanamummaadhaan hordofeera.—Uma. 35:1-7.
20 Yaaqoob Biyyattii Abdachiifamte keessatti iddoowwan aarsaa hedduu kan ijaare taʼus, yeroo hunda waaqeffannaa isaa kan dhiheessu Yihowaadhaaf ture. (Uma. 35:14; 46:1) Qulqullinni aarsaawwan isaa, akkaataan inni Waaqayyoon itti waaqeffatee fi kakaʼumsi inni kana ittiin raawwate Kitaaba Qulqulluu keessatti Yaaqoob nama “balleessaa hin raawwanne” akka jedhamu godhaniiru; jechi kun immoo namoota Waaqayyo biratti fudhatama argatan argisiisuuf itti hojjetama. (Uma. 25:27) Yaaqoob guutummaa jireenya isaatiin saba Israaʼel warra isa irraa argamaniif fakkeenya guddaa taʼeera.—Uma. 35:9-12.
21. Fakkeenya abbootii amantii irraa waaʼee waaqeffannaa qulqulluu maal barachuu dandeenya?
21 Fakkeenya abbootii amantii irraa waaʼee waaqeffannaa qulqulluu maal barachuu dandeenya? Nutis akkuma isaanii namoota, tarii immoo miseensota maatii Yihowaa qofa akka hin waaqeffanne dhiibbaa nu irratti gochuu dandaʼaniin marfamnee jirra taʼa. Taanaan, dhiibbaa akkasii dandamachuuf, amantii Yihowaa irratti qabnu cimsachuu fi ulaagaaleen inni qajeelummaadhaaf baase hunda irra kan caalan taʼuu isaanii amanuu qabna. Yihowaadhaaf ajajamuudhaan, akkasumas yeroo keenya, humna keenyaa fi qabeenya keenya isa tajaajiluuf itti fayyadamuudhaan amantii akkasii akka qabnu argisiisuu dandeenya. (Mat. 22:37-40; 1 Qor. 10:31) Yihowaan hamma dandeenye, karaa inni barbaaduun, akkasumas kakaʼumsa qulqulluudhaan yommuu isa waaqeffannu akka qajeelotaatti kan nu ilaalu taʼuu isaa beekuun baayʼee nama hin jajjabeessuu?—Yaaqoob 2:18-24 dubbisi.
Saba Waaqeffannaa Qulqulluu Dhiheessuuf Of Murteesse
22-24. Seerichi Israaʼelonni aarsaa isaanii eenyuuf dhiheessuu akka qaban, akkasumas qulqullinni isaa fi akkaataan itti dhihaatu maal fakkaachuu akka qabu kan addeesse akkamitti?
22 Yihowaan sanyii Yaaqoobiif Seera kennuudhaan maal akka isaan irraa barbaadu sirriitti akka beekan godheera. Utuu isaaf ajajamaniiru taʼee Yihowaadhaaf “qabeenya addaa” fi “saba qulqulluu” taʼu turan. (Bau. 19:5, 6) Seerichi wantoota waaqeffannaa qulqulluudhaaf barbaachisoo taʼan arfan akkamitti akka ibse hubadhaa.
23 Yihowaan Israaʼelonni waaqeffannaa isaanii eenyuuf dhiheessuu akka qaban sirriitti ifa kan godhe yeroo taʼu, “Ana biratti waaqolii kan biroo akkamii iyyuu hin qabaatin” jedheera. (Bau. 20:3-5) Aarsaawwan isaan dhiheessan qulqullinni isaanii hunda irra kan caalu taʼuu qaba ture. Fakkeenyaaf horiiwwan aarsaa taʼanii dhihaatan fayyaa kan taʼanii fi mudaa kan hin qabne taʼuu qabu turan. (Lew. 1:3; Kes. 15:21; Miilkiyaas 1:6-8 wajjin wal bira qabii ilaali.) Leewwonni kennaa Yihowaadhaaf kennamu irraa kan fayyadaman taʼus, isaan iyyuu dhuunfaatti aarsaa ni dhiheessu. Kennaawwan isaanii, ‘kennaawwan isaaniif kennaman hundumaa keessaa warra hunda irra caalan’ irraa kan kennaman taʼuu qabu. (Lak. 18:29) Akkaataa isaan itti waaqeffatan ilaalchisee, aarsaan Yihowaadhaaf dhihaachuu qabu maal akka taʼe, akkasumas eessattii fi akkamitti dhihaachuu akka qabu Israaʼelotaaf qajeelfamni ifa taʼe kennamee ture. Amala argisiisuu qabanii fi wanta raawwachuu qaban ilaalchisee walumaa galatti seerawwan 600 ol taʼan isaaniif kennamaniiru. Kana malees, “Wanta Waaqni keessan Yihowaan isin ajaje of eeggannoodhaan raawwadhaa. Gara mirgaattis taʼe gara bitaatti hin gorinaa” jedhamanii turan.—Kes. 5:32.
24 Israaʼelonni eessatti iyyuu aarsaa isaanii yoo dhiheessan jijjiirama fidaa? Eeyyee. Yihowaan godoo qulqulluu akka ijaaran isaan ajajee ture; iddoon kunis wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu taʼeera. (Bau. 40:1-3, 29, 34) Yeroo sanatti Israaʼelonni aarsaan isaanii Waaqayyo biratti fudhatama akka argatu yoo barbaadan, aarsaa kana gara godoo qulqulluutti fiduu qabu turan.d—Kes. 12:17, 18.
25. Aarsaa dhiheessuu ilaalchisee wanti hunda caalaa bakki guddaan kennamuuf maali dha? Ibsi.
25 Haa taʼu malee wanti kana caalaa iddoo guddaa qabu, kakaʼumsa namni Israaʼel tokko aarsaa isaa ittiin dhiheessu ture. Jaalala guddaa Yihowaa fi ulaagaalee isaatiif qabuun kakaʼee kana gochuu qaba ture. (Keessa Deebii 6:4-6 dubbisi.) Yihowaan Israaʼelonni kana gochuu akka qaban waan isaanitti dhagaʼameef qofa yoo isa waaqeffatan, aarsaa isaanii hin fudhatu ture. (Isa. 1:10-13) Yihowaan karaa Isaayyaas raajichaa, ‘Sabni kun hidhii isaatiin ulfina naaf kenna, garaan isaa garuu ana irraa baayʼee fagoo dha’ jechuudhaan waaqeffannaa fakkeessaadhaan dhihaatuun akka hin gowwoomfamne ifa godheera.—Isa. 29:13.
Waaqeffannaa Mana Qulqullummaa Keessatti Dhihaatu
26. Jalqaba irratti manni qulqullummaa Solomoon ijaare waaqeffannaa qulqulluu keessatti gaʼee akkamii qaba ture?
26 Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti erga galanii jaarraa hedduu booda Solomoon Mootichi wiirtuu waaqeffannaa qulqulluu isa godoo qulqulluu irra baayʼee caalu ijaareera. (1 Mot. 7:51; 2 Sen. 3:1, 6, 7) Jalqaba irratti aarsaawwan mana qulqullummaa kana keessatti dhihaatan Yihowaadhaaf qofa dhihaatu turan. Solomoonii fi namoonni bulchiinsa isaa jala turan, akkaataa Seerri Waaqayyoo ajajuun aarsaawwan qulqullina guddaa qaban hedduu dhiheessanii turan. (1 Mot. 8:63) Haa taʼu malee, waaqeffannaan mana qulqullummaa sana keessatti dhihaatu Yihowaa biratti fudhatama akka qabaatu kan godhe, gatii gamoon sun ittiin ijaaramee fi baayʼina aarsaawwan sanaa hin turre. Wanti bakki guddaan kennamuuf kakaʼumsa namoonni kennaa sana dhiheessan qaban ture. Solomoon yeroo manni qulqullummaa eebbifametti, “Akkuma harʼa gootan, dambiiwwan isaatiin deemuu fi ajajawwan isaa eeguudhaan garaan keessan Waaqa keenya Yihowaa duratti guutuu haa taʼu” jechuudhaan yaada kana ifa godheera.—1 Mot. 8:57-61.
27. Mootonni Israaʼelii fi namoonni isaan jalatti bulan maal godhan? Yihowaan hoo maal godhe?
27 Kan nama gaddisiisu garuu Israaʼelonni gorsa gaarii mootichi kenne hordofuu isaanii itti hin fufne. Ulaagaalee guguddaa waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisan keessaa tokko ykn isaa ol taʼan utuu hin guutin hafaniiru. Mootonni Israaʼelii fi namoonni isaan jalatti bulaa turan garaan isaanii akka mancaʼu heyyamaniiru, amantii Yihowaa irratti qaban dhabaniiru, akkasumas ulaagaalee isaa warra qajeeloo taʼan eeguu dhiisaniiru. Yihowaan jaalalaan kakaʼee isaan sirreessuu fi gochi isaanii miidhaa akka isaanitti fidu isaan akeekkachiisuuf irra deddeebiʼee raajota gara isaaniitti ergeera. (Er. 7:13-15, 23-26) Raajota kana keessaa tokko Hisqiʼel isa nama amanamaa ture taʼuun isaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisu dha. Hisqiʼel seenaa waaqeffannaa qulqulluu keessatti nama yeroo murteessaa taʼe keessa jiraate dha.
Hisqiʼel Waaqeffannaa Qulqulluun Mancaʼuu Isaa Arge
28, 29. Hisqiʼeliin ilaalchisee wanti beeknu maali dha? (Saanduqa “Jireenya Hisqiʼelii fi Bara Inni Jiraate” jedhu ilaali.)
28 Hisqiʼel waaqeffannaa mana qulqullummaa Solomoon ijaare keessatti dhihaatu akka gaariitti beeka ture. Abbaan isaa luba waan taʼeef yommuu dabareen isaa gaʼu mana qulqullummaa keessatti tajaajila ture. (His. 1:3) Hisqiʼel ijoollummaa isaatti gammachuu kan qabu taʼuu hin oolu. Abbaan isaa waaʼee Yihowaa fi waaʼee Seerichaa akka isa barsiise beekamaa dha. Siruma iyyuu ‘kitaabni Seerichaa’ mana qulqullummaa keessaa kan argame Hisqiʼel dhalachuu isaa yeroo muraasa booda ture.e Yosiyaas Mootichi inni yeroo sanatti bulchaa ture wanti inni dhagaʼe garaa isaa baayʼee waan tuqeef carraaqqii waaqeffannaa qulqulluu babalʼisuuf godhu dabalee ture.—2 Mot. 22:8-13.
29 Hisqiʼel akkuma namoota amanamoo isa dura turaniitti ulaagaalee waaqeffannaa qulqulluutiif barbaachisan arfan guutee ture. Kitaaba Hisqiʼel yommuu qoʼannu, inni Yihowaa qofa tajaajiluu isaa, utuu wal irraa hin kutin wanta hunda irra caalu isaaf kennuu isaa, akkasumas wanta Yihowaan isa gaafate akkaataa inni barbaaduun raawwachuu isaa baranna. Hisqiʼel wantoota kana hunda kan raawwate amantii garaadhaa maddeen kakaʼee ti. Namoonni bara isaa turan hedduun garuu akkas hin goone. Hisqiʼel raajiiwwan Ermiyaas dubbate dhagaʼaa guddate; Ermiyaas Dh.K.D. bara 647tti hojii isaa kan jalqabe yeroo taʼu, murtii Yihowaa isa gara fuulduraatti dhufu ilaalchisee hinaaffaadhaan akeekkachiisaa ture.
30. (a) Raajiiwwan Hisqiʼel barreesse maal ibsu? (b) Raajii jechuun maal jechuu dha? Raajiiwwan Hisqiʼel dubbate akkamitti hubatamuu qabu? (Saanduqa “Raajiiwwan Hisqiʼel Hubachuu” jedhu ilaali.)
30 Wanti Hisqiʼel geggeessaa hafuuraatiin barreesse sabni Waaqayyoo isa tajaajiluu irraa hammam fagaatanii akka turan argisiisa. (Hisqiʼel 8:6 dubbisi.) Yeroo Yihowaan Yihudaa adabuu jalqabetti Hisqiʼel namoota boojuudhaan gara Baabilonitti geeffaman keessaa tokko ture. (2 Mot. 24:11-17) Boojiʼamee kan fudhatame garuu adabamuudhaaf hin turre. Yihowaan saba isaa warra boojiʼaman gidduutti hojii hojjetu isaaf kennee ture. Mulʼatawwanii fi raajiiwwan dinqisiisoon Hisqiʼel barreesse, waaqeffannaa qulqulluun akkamitti Yerusaalem keessatti deebiʼee akka hundeeffamu kan ibsan turan. Kana malees mulʼatawwanii fi raajiiwwan kun waaqeffannaa qulqulluun namoota Yihowaa jaallatan hundumaatiif yeroo booda guutummaatti deebiʼee kan hundeeffamu akkamitti akka taʼe nu hubachiisu.
31. Kitaabni kun maal gochuuf nu gargaara?
31 Kutaawwan kitaaba kanaa itti aanan keessatti, bakki Yihowaan jiraatu maal akka fakkaatu hamma tokko ni ilaalla, waaqeffannaa qulqulluun akkamitti guutummaatti akka mancaʼe hubanna, Yihowaan waaqeffannaa qulqulluu deebisee kan hundeesse akkamitti akka taʼee fi saba isaatiif akkamitti akka falmu baranna, akkasumas gara fuulduraatti yeroo namoonni hundi Yihowaa itti waaqeffatan haalli isaa maal akka fakkaatu ilaalla. Boqonnaa itti aanu keessatti mulʼata jalqabaa Hisqiʼel barreesse irratti mariʼanna. Mulʼanni kun Yihowaa fi kutaa jaarmiyaa isaa isa samii yaadaan ilaaluuf nu gargaara; kun immoo waaqeffannaa qulqulluun isaaf qofa dhihaachuu kan qabu maaliif akka taʼe nu hubachiisa.
a Hewaan Abeeliin kan ulfoofte Addaamii fi ishiin Eedan keessaa erga baafamanii yeroo muraasa booda ta’uu hin oolu. (Uma. 4:1, 2) Uumamni 4:25 Waaqayyo ‘bakka Abeel’ Seetiin akka muude dubbata. Abeel gara jabinaan erga ajjeefamee booda Addaam yommuu Seetiin dhalchetti umuriin isaa waggaa 130 ture. (Uma. 5:3) Kanaafuu, Abeel yommuu Qaayin isa ajjeesetti umuriin isaa gara waggaa 100 ta’uu hin oolu.
b Uumamni 4:26 bara Eenosh isa ilma ilma Addaam ta’etti, “Namoonni maqaa Yihowaa waamuu jalqaban” jedha. Haa ta’u malee, haala isaa irraa hubachuun akka danda’amutti kana kan godhan karaa ulfina hin qabneen, tarii immoo maqaa Yihowaa waaqolii tolfamoodhaaf kennuudhaan ta’uu hin oolu.
c Waaqni tolfamaan Naanaa jedhamu, maqaa Siin jedhamuunis ni waamama. Jiraattonni Uur waaqolii hedduu kan waaqeffatan ta’us, manneen qulqullummaa fi iddoowwan aarsaa magaalaa sana keessatti argaman adda durummaadhaan waaqa tolfamaa kana waaqeffachuuf kan oolan turan.
d Taabonni qulqulluun godoo qulqulluu keessaa erga baafamee booda, Yihowaan aarsaawwan godoo qulqulluudhaa alatti dhihaatanis kan fudhate fakkaata.—1 Sam. 4:3, 11; 7:7-9; 10:8; 11:14, 15; 16:4, 5; 1 Sen. 21:26-30.
e Hisqi’el Dh.K.D. bara 613tti yommuu raajii dubbachuu jalqabetti umuriin isaa waggaa 30 waan ture fakkaata. Kanaafuu kan dhalate Dh.K.D. naannoo bara 643tti ture jechuu dha. (His. 1:1) Yosiyaas bulchuu kan jalqabe Dh.K.D. bara 659tti yeroo ta’u, kitaabni Seerichaa tarii inni jalqabaa kan argame bara bulchiinsa isaa naannoo waggaa 18ffaatti, jechuunis Dh.K.D. naannoo bara 642-641tti ture.