Barreeffamoota Qorannaa, Walgaʼii Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa—Hagayya 2020
HAGAYYA 3-9
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 13-14
“Jabaadhaa Dhaabadhaatii Gocha Waaqayyo Isin Fayyisuudhaaf Raawwatu Ilaalaa!”
(Baʼuu 14:13, 14 dubbisi.)
Musee Nama Amantii Cimaa Qabu
Museen Waaqayyo yeruma sana Galaana Diimaa gargar hiree karaa akka isaaniif banu hin beeku ture. Taʼus, Waaqayyo sabasaa eeguuf waan tokko akka godhu amanannaa qaba ture. Israaʼeloonni hidhatasaa taʼanis amanannaa akkasii akka qabaatan barbaadee ture. Macaafni Qulqulluun, “Museen immoo saba sanaan, ‘Hin sodaatinaa, jabaadhaa dhaabadhaatii har’a gocha Waaqayyo isin fayyisuudhaaf raawwatu ilaalaa!’” akka jedhe dubbata. (Baʼuu 14:13) Museen amantii Israaʼelootaa jabeessuu dandaʼeeraa? Eeyyee! Macaafni Qulqulluun, Musee qofa utuu hin taʼin, “Sabni Israaʼel amantiidhaan akka nama lafa gogaa irra adeemuutti galaana diimaa ceʼan” jedha. (Ibroota 11:29) Amantiin Musee isa qofa utuu hin taʼin, warra fakkeenyasaarraa baratan hunda fayyadeera.
(Baʼuu 14:21, 22 dubbisi.)
Hundumaa kan Dandaʼu Taʼus Namaaf Yaada
13 Baʼuu 14:19-22 dubbisi. Mee loltoota Faraʼoonii fi Galaana Diimaa gidduu jiraachuu keetiin kan kaʼe karaa itti baatu akka dhabde godhii yaadi. Achiis Waaqayyo tarkaanfii fudhate. Utubaan duumessaa gara duuba buufatichaatti naannaʼuudhaan, Gibxoota ittisee dukkana keessa akka taʼan isaan godhe. Buufanni balʼaan ati keessa jirtu garuu ifa argachaa jira! Boodas, Museen harka isaa galaanicha irratti yommuu diriirsu argite, achiis qilleensi bahaa cimaan dhufee karaa balʼaa gara gamaatti ceesisu bane. Ati, maatiin kee fi beelladoonni kee namoota kaanii wajjin karaa balʼaa baname sana irra deemuu jalqabdan. Yeruma sana wanta haaraa taʼe tokko argite. Karichi dhoqqee hin qabu ykn nama hin mucuceessu; gogaa fi jabaataa waan taʼeef irra deemuuf salphaa dha. Kanaan kan kaʼes, warri suuta jedhanii deeman illee nagaadhaan gara gamaatti ceʼaniiru.
(Baʼuu 14:26-28 dubbisi.)
Yihowaa Irraanfachuu Hin Qabdu
Gibxoonni konkolaattotasaanii cabanii wajjin utuu rakkatanii, Israaʼeloonni hundi baha galaanichaa qarqara gaʼan. Amma Museen harkasaa Galaana Diimaarratti diriirse. Yeroo kanatti Yihowaan, bishaan akka keenyanitti tuulame sun akka walitti deebiʼu godhe. Achiis bishaan toonii miliyoona hedduutti lakkaaʼamu Faraʼooniifi loltootasaarratti garagalee isaan liqimse. Diinota sana keessaa tokkollee hin hafne. Sabni Israaʼelis bilisa baʼe!—Bau. 14:26-28; Far. 136:13-15.
Saboonni naannoo sana jiran kana dhagaʼuunsaanii, yeroo dheeraadhaaf isaan sodaachisee ture. (Bau. 15:14-16) Waggaa afurtama booda Rahaab isheen Yerikoo, Israaʼeloota lamaan, “Nuyi isin in sodaanne . . . Yommuu isin biyya Gibxii baatan, akka Waaqayyo galaana diimaa fuula keessan duraa gogse, . . . dhageenyeerra” jettee turte. (Iya. 2:9, 10) Saboonni Yihudoota hin taanellee akka Yihowaan itti sabasaa oolche hin irraanfanne. Israaʼeloonnimmoo Yihowaa yaadachuuf sababii hedduu akka qaban beekamaadha.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 13:17 dubbisi.)
‘Jabaadhaa Dhaabadhaatii Gocha Yihowaan Isin Fayyisuudhaaf Raawwatu Ilaalaa!’
9 Israaʼeloonni gara biyya abdachiifamtetti galuuf karaan isaanitti dhihaatu, karaa Galaana Mediteraaniyaa gara Filiisxiyaa adeemuudha. Haata’u malee kun naannoo diinonnisaanii jiraatanidha. Yihowaan sabnisaa lola keessa akka hin galle gochuuf karaa Galaana Diimaa gara lafa onaatti isaan geesse. Namoonni godaanan kun miliyoonaan kan lakkaaʼaman taʼaniyyuu, haala qindaaʼaa taʼeen adeemu turan. Gabaasni Macaafa Qulqulluu: “Israaʼeloonni miʼa lolaa akkuma hidhatanitti [‘lolaaf qophaaʼanii,’ 1899] biyya Gibxii keessaa ol baʼan” jedha.—Baʼuu 13:17, 18.
(Baʼuu 14:2 dubbisi.)
it-1-E 782 key. 2-3
Baʼuu
Akka Israaʼeloonni qaxxaamuraniif Galaanni Diimaan kan gargar hirame iddoo kamitti?
Imala isaanii isa lammaffaa irratti “Eetaam isa qarqara lafa onaatti argamu” bira erga gaʼanii booda, Waaqayyo “duubatti deebiʼanii Phihaahiroot fuuldura,” jechuunis “galaanicha bira” akka buufatan Musee ajajee akka ture xiyyeeffannaan kennamuufii qaba. Haalli kun Faraʼoon, ‘Israaʼeloonni burjaajaʼanii jooraa jiru’ jedhee akka amanu isa godheera. (Bau 13:20; 14:1-3, NW) Hayyoonni gaaleen Afaan Ibrootaa “duubatti deebiʼanii” jedhamee hiikame, “garagaluu” ykn “goruu” qofa kan argisiisu akka hin taane, kanaa mannaa duubatti deebiʼuu ykn karaa jijjiiruu kan argisiisu akka taʼe yaaduudhaan karaa el Haaj akka deeman amanu. Israaʼeloonni kallattii kaabaatiin mataa Galoo Galaana Siwiiz bira yeroo gaʼan, karaa irra deemaa turan jijjiiranii naannaʼuudhaan gara baha Yaabel Ataaqaa, jechuunis gaarreen wal qabatoo kallattii dhihaatiin Galoo Galaanichaa daangessanii dhaqan. Israaʼeloonni warri lakkoofsi isaanii guddaa taʼe, kallattii kaabaatiin yoo ariʼataman, galaanichi waan isaan daangessuuf, karaan bakka sanaa dafanii baqachuu itti dandaʼan hin qaban turan.
Barreeffamni Yihudootaa Dh.K.B. jaarraa tokkoffaatti ture yaada akkasii kan qabate ture. (PHIHAAHIROOT [PIHAHIROTH] isa jedhu ilaali.) Garuu wanti iddoo guddaa kennamuufii qabu, haalli kun ilaalcha namoota hedduu biratti beekamuu fi hayyoonni qabanii wajjin kan wal hin simne taʼus, yaada Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin kan wal simu taʼuu isaa ti. (Bau 14:9-16) Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, bakki qaxxaamuran mataa Galoo Galaanichaa (ykn dhiha Galaana Diimaa) isa raayyaan Faraʼoon dhuma Galoo Galaanichaa marsee salphaatti Israaʼeloota bira gaʼuu hin dandeenye irraa kan fagaatu taʼuu qaba.—Bau 14:22, 23.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 13:1-20 dubbisi.)
HAGAYYA 10-16
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 15-16
“Faarfannaadhaan Yihowaa Jajadhaa”
(Baʼuu 15:1, 2 dubbisi.)
w95-AM 10/15 11 key. 11
Yeroo Harʼaatti Waaqa Dhugaa Sodaachuu kan Qabnu Maaliifi?
11 Yihowaan humnoota waraanaa Warra Gibxii balleessuun isaa waaqeffattoota isaa biratti ulfina akka argatuu fi maqaan isaa balʼinaan akka beekamu godheera. (Iyaasuu 2:9, 10; 4:23, 24) Eeyyee, maqaan isaa waaqolii sobaa Gibxii warra dadhaboo taʼanii fi waaqeffattoota isaanii oolchuu hin dandeenye caalaa ulfina guddaa argatee ture. Waaqolii isaaniitti, nama duʼuttii fi humna waraanaa isaaniitti amanamuun isaanii gadda guddaa isaanitti fideera. (Faarfannaa 146:3) Israaʼeloonni sodaa guddaa Waaqa jiraataa isa jabina guddaadhaan saba isaa oolcheef qabaniin kakaʼanii faarfannaadhaan isa jajachuun isaanii kan nama dinqisiisu miti!
(Baʼuu 15:11 dubbisi.)
(Baʼuu 15:18 dubbisi.)
w95-AM 10/15 11-12 key. 15-16
Yeroo Harʼaatti Waaqa Dhugaa Sodaachuu kan Qabnu Maaliifi?
15 Yeroo sanatti Musee wajjin achi dhaabbannee jirra utuu taʼee faarfannaa kana faarfachuuf akka kakaanu hin shakkisiisu: “Waaqayyolii keessaa kan akka kee eenyu? Yaa Waaqayyo, kan akka kee surraa qulqullummaa qabu eenyu? Kan akka kee hojii guddaa fi sodaachisaa hojjetu, wanta dinqisiisaas godhu eenyu?” (Baʼuu 15:11) Yeroo sanaa kaasee yaanni akkanaa jaarraawwan hedduudhaaf irra deddeebiʼamaa tureera. Kutaa Kitaaba Qulqulluu isa dhumaa irratti Yohaannis ergamaan, gareen dibamtoota amanamoo tokko, ‘faarfannaa Musee garbicha Waaqayyoo fi faarfannaa Hoolichaa faarfachaa akka turan’ ibseera. Faarfannaa guddaan kun maal kan jedhu ture? “Yaa Waaqa keenya Yihowaa isa Hundumaa Dandeessuu, hojiiwwan kee guguddaa fi dinqisiisoo dha. Yaa Mootii bara baraa karaawwan kee qajeeloo fi dhugaa dha. Yaa Yihowaa, ati qofaan amanamaa waan taateef, dhuguma kan si hin sodaannee fi maqaa keetiif ulfina kan hin kennine eenyu?”—Mulʼata 15:2-4.
16 Kanaafuu, yeroo harʼaattis waaqeffattoonni bilisa baʼanii fi uumamawwan hojii harka isaa taʼaniif qofa utuu hin taʼin labsiiwwan isaatiifis dinqisiifannaa qaban jiru. Namoonni saboota hundumaa keessaa baʼan labsiiwwan Waaqayyoo warra qajeeloo taʼan waan hubatanii fi waan hojii irra oolchaniif, karaa hafuuraa bilisummaa kan argatan taʼuu isaa irra iyyuu, addunyaa faalame kana irraa adda baʼaniiru. Waggaa waggaadhaan namoonni kuma dhibbaan lakkaaʼaman jaarmiyaa waaqeffattoota Yihowaa warra qulqulluu fi qajeeloo taʼan qabate keessa jiraachuuf addunyaa mancaʼaa taʼe kana keessaa baqachaa jiru. Yeroo dhihootti Waaqayyo amantii sobaa fi sirna hamaa kana kan balleessu yeroo taʼu, sana booda addunyaa haaraa qajeelummaan keessatti dagaage keessa bara baraaf jiraatu.
(Baʼuu 15:20, 21 dubbisi.)
it-2-E 454 key. 1
Muuziqaa
Israaʼel keessatti faarfannaan gareedhaan faarfatamu hedduun faarfannaa wal harkaa fuudhamee faarfatamu fakkaata; kunis faarfannaa gareen lama dabaree dabareedhaan wal harkaa fuudhanii faarfatan ykn faarfannaa namni tokko yeroo faarfatu gareen faarfattootaa isa jalaa qabanii faarfatan ture. Kitaaba Qulqulluu keessatti faarfannaan akkasii faarfannaa ‘wal harkaa fuudhamee’ faarfatamu jedhamee akka ibsame hubachuun ni dandaʼama. (Bau 15:21; 1Sa 18:6, 7) Malli faarfannaa kun akkaataa faarfannaawwan muraasa kanneen akka Faarfannaa 136 jiranii irratti mulʼateera. Ibsi garee faarfattootaa guguddaa bara Nahimiyaatti turan lamaanii fi gaʼee isaan eebba dallaa Yerusaalem irratti qaban ilaalchisee kenname, isaan haala akkasiitiin akka faarfatan argisiisa.—Nah 12:31, 38, 40-42; FAARFANNAA (SONG) isa jedhu ilaali.
it-2-E 698
Raajittii
Miiryaam Kitaaba Qulqulluu keessatti dubartii raajittii akka taate ibsamte ishii jalqabaa ti. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, Waaqayyo ergaa muraasa karaa ishii dabarseera; kanas kan godhe faarfannaa ishiin hafuura qulqulluudhaan kakaatee faarfatteen taʼuu dandaʼa. (Bau 15:20, 21) Ishiinii fi Aaron Museedhaan, “[Yihowaan] karaa keenya hoo hin dubbannee?” akka jedhan galmeeffameera. (Lak 12:2, NW) Yihowaan iyyuu yeroo Israaʼeloota biyya Gibxiitii baasetti akka isaan geggeessaniif ‘Musee, Aaronii fi Miiryaam’ akka erge karaa Miikiyaas raajichaa dubbateera. (Mik 6:4) Miiryaam ergaa Waaqayyoo dabarsuuf mirga kan argatte taʼus, walitti dhufeenyi ishiin gama kanaan Waaqayyoo wajjin qabdu kan obboleessa ishii Museetii gadi ture. Yeroo iddoo sirrii ishiidhaaf kenname irra darbitetti Waaqayyo adaba cimaa ishii adabeera.—Lak 12:1-15.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 16:13 dubbisi.)
w11-AM 9/1 14
Kana Beektaa?
Waaqayyo yeroo Israaʼeloonni lafa onaa keessa turanitti dimbiriqqee isaan sooruu kan filate maaliifi?
Israaʼeloonni biyya Gibxiitii erga baʼanii booda Waaqayyo siʼa lama foon dimbiriqqee (simbirroo) baayʼinaan akka argatan godheera.—Baʼuu 16:13; Lakkoofsa 11:31.
Dimbiriqqeen simbira xinnoo dheerina gara seenti meetira 18 fi ulfaatina gara giraamii 100 qabdu dha. Naannoowwan dhiha Eeshiyaa fi Awurooppaa hedduu keessatti wal horu. Simbirroota godaanan yeroo taʼan, waqtii gannaa Afriikaa Kaabaa fi Arabiyaa keessatti dabarsu. Waqtii godaansa isaanitti, simbirroonni hedduun kallattii bahaatiin qarqara Galaana Mediteraaniyaa qaxxaamuranii Peninsuulaa Siinaa keessa balaliʼu.
Akka kitaabni tokko (The New Westminster Dictionary of the Bible) ibsetti, dimbiriqqeen “saffiisaan, akkasumas akka gaaritti kan balaliʼan yeroo taʼu, kallattii qilleensaa hordofanii balaliʼu; haa taʼu malee, qilleensichi kallattii isaa yoo jijjiire ykn yeroo dheeraadhaaf balaliʼuu isaaniitiin kan kaʼe baayʼee yoo dadhaban, hundi isaanii iyyuu lafatti kukkufu; sochoʼuu dadhabaniis achuma turu.” Godaansa isaanii itti fufuu isaanii dura guyyaa tokko ykn lama lafuma irra turuun isaan barbaachisa; kunis warri isaan kiyyeessan salphaatti akka isaan qabatan godha. Jalqaba jaarraa 20ffaatti, Gibxiin waggaa waggaadhaan nyaataaf dimbiriqqeewwan gara miliyoona sadii taʼan gara biyya alaatti ergiti turte.
Yeroon Israaʼeloonni dimbiriqqee itti nyaatan lamaanuu waqtii arfaasaa ture. Waqtii sanatti yeroo baayʼee dimbiriqqeewwan naannoo Siinaa keessa kan balaliʼan taʼus, simbirroonni kun gara buufata Israaʼelitti akka dhufaniif ‘qilleensa kan erge’ Yihowaa dha.—Lakkoobsa 11:31.
(Baʼuu 16:32-34 dubbisi.)
w06-AM 1/15 31
Gaaffii Dubbistootaa
Israaʼeloonni garbummaa Gibxii jalaa baʼanii utuu baayʼee hin turin waaʼee nyaataa gungumuu jalqaban. Yihowaanis mannaa isaaniif kenne. (Baʼuu 12:17, 18; 16:1-5) Yeroo kanatti Museen Aaroniif qajeelfama, “Huuroo tokko fuudhii, maannaa omer tokko guutuu itti naqii, dhaloota dhufuuf akka taaʼutti fuula Waaqayyo dura kaa’i!” jedhu kenne. Gabaasni isaa, “Aaron akkuma Waaqayyo Musee abboometti, qodaan sun saanduqa kakuu [miʼa barreeffamni iddoo guddaa qabu keessa kaaʼamu] dura akka kaaʼamuuf eege” jedha. (Baʼuu 16:33, 34) Yeroo sanatti Aaron mannaa hubboo tokkotti kan naqe taʼus, hubboo sana saanduqa kakuu dura kaaʼuuf garuu hamma Museen Saanduqicha hojjetee gabateewwan sana keessa kaaʼutti eeguu qaba ture.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 16:1-18 dubbisi.)
HAGAYYA 17-23
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 17-18
“Dhiironni Humna Ofii Beekan Warra Kaan ni Leenjisu, Itti Gaafatamummaas Isaaniif ni Kennu”
(Baʼuu 18:17, 18 dubbisi.)
Musee Nama Jaalala Qabu
Museen Israaʼeloota hidhatasaa taʼan akka jaallatus argisiiseera. Yihowaan sabasaa geggeessuuf Museetti fayyadamaa akka jiru waan hubataniif, Israaʼeloonni rakkina garaagaraatiif furmaata argachuuf gara Musee dhaqu turan. Macaafni Qulqulluun, “Sabni immoo isa eeggachuudhaaf ganamaa hamma galgalaatti achi in dhaabate” jedha. (Baʼuu 18:13-16) Israaʼeloonni guyyaa guutuu rakkinasaanii isatti himachaa erga oolanii booda Museen hangam akka dadhabu yaadi! Taʼus, Museen sabicha waan jaallatuuf isaan gargaaruuf fedhii qaba ture.
(Baʼuu 18:21, 22 dubbisi.)
w03-AM 11/1 6 key. 1
Jireenya Gammachiisaa Jiraachuuf Warra Kaan Amanuun Barbaachisaa dha
Dhiironni kun itti gaafatamummaa amanamuu gaafatu fudhachuu isaanii dura amalawwan Waaqayyoo calaqqisiisaniiru. Waaqa akka sodaatan argisiisaniiru; Uumaa isaaniitiif ulfina guddaa kan qaban yeroo taʼu, akka isa hin gaddisiisne of eeggatu. Ulaagaawwan Waaqayyoo guutuuf wanta dandaʼan hunda akka godhan nama kamitti iyyuu ifatti mulʼata. Buʼaa sirrii hin taane jibbuun isaanii aangoo qabanitti karaa sirrii hin taaneen akka itti hin fayyadamne cimina isaaniif kenna. Faayidaa ofii isaanis taʼe firoota ykn michoota isaanii kan tuqu taʼu illee, amanamummaa isaanii hin hirʼisan.
(Baʼuu 18:24, 25 dubbisi.)
Gorsa Dhaga’i Adabas Fudhadhu!
7 Macaafni Qulqulluun seenaa namoota gorsa fudhachuudhaan fakkeenya gaarii taʼaniis qabateera. Nutis namoota kanarraa barumsa gaarii argachuu dandeenya. Mee amma seenaa Musee haa ilaallu. Hojii ulfaataa isaaf kenname akkamitti raawwachuu akka danda’u ilaalchisee abbiyyuunsaa gorsa kenneefii ture. Museenis gorsa kana dhaga’uudhaan yeruma sana hojiirra oolcheera. (Baʼuu 18:13-24) Museen aangoo guddaa utuu qabuu gorsa isaaf kenname kan fudhate maaliifi? Inni nama gad of deebisu waan tureefidha. “Museen garuu namoota biyya lafaa irra jiran hundumaa caalaa nama gara-laafessa [gad of deebisu, NW] ture.” (Lakkoobsa 12:3) Gad of deebisuun hangam barbaachisaadhaa? Sefaaniyaa 2:3 amalli kun badiisarraa akka nama oolchu ibsa.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 17:11-13 dubbisi.)
‘Harki Keessan Lawwaassaʼee kan Gad Rarraʼu hin Taʼin!’
14 Aaronii fi Huur yommuu waraanni gaggeeffametti harka Musee ol qabanii turan. Nutis, karaa warra kaan deggeruu fi gargaaruu itti dandeenyu barbaaduu qabna. Eenyufaa gargaaruu dandeenya? Warra dullumaa wajjin qabsoo godhan, haalli fayyaa isaanii isaan daangesse, maatii isaanii irraa mormiin isaan irra gaʼu, warra kophummaan isaanitti dhagaʼamu ykn nama jaallatan duʼaan dhaban gargaaruu dandeenya. Kana malees, dargaggoota gochawwan dogoggoraa irratti akka hirmaatan ykn sirna kana keessatti gama barumsaa, qarshii, hojii fi kan kana fakkaataniin wanta akka milkaaʼinaatti ilaalamu akka argatan dhiibbaan isaan irra gaʼu jajjabeessuu dandeenya. (1 Tas. 3:1-3; 5:11, 14) Galma Mootummaa keessatti, tajaajila irratti, yommuu nyaata waliin nyaattan ykn bilbilaan yommuu haasoftan, karaawwan namootaaf garaadhaa akka yaaddan itti argisiistan argachuuf carraaqaa.
(Baʼuu 17:14 dubbisi.)
it-1-E 406
Kitaabota Kitaaba Qulqulluu [Qanoonaa]
Yaada of keessatti qabatan irraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti, barreeffamoonni Museen barreesse Waaqa biraa kan maddan, geggeessaa hafuura isaatiin kan barreeffamanii fi waaqeffannaa qulqulluu wajjin haala wal qabateen qajeelfama amansiisaa kan qabatan akka taʼan hin shakkisiisu. Museen geggeessaa fi ajajaa Israaʼelootaa kan taʼe ofiin kakaʼee miti; jalqaba yeroo yaanni isaaf dhihaatetti fudhachuu didee ture. (Bau 3:10, 11; 4:10-14) Kanaa mannaa, Musee kan kaase Waaqayyo yeroo taʼu, dandeettii dinqiiwwan guguddaa raawwachuu isaaf kenneera; kanaan kan kaʼes, luboonni Faraʼoon warri falfala raawwatan illee wanti Museen godhe Waaqayyo biraa kan dhufe taʼuu isaa amanuuf dirqamaniiru. (Bau 4:1-9; 8:16-19) Kanaafuu, Museen akka gaariitti dubbachuu kan dandaʼee fi barreessaa kan taʼe fedhii isaatiin kakaʼee miti. Kanaa mannaa, Museen qajeelfama Waaqayyo isaaf kenneef ajajamuudhaan, akkasumas gaʼumsa gargaarsa hafuura qulqulluutiin argateen, jalqaba dubbachuuf, achii immoo barreessuuf kakaʼeera; wanti inni barreesses kutaa Kitaaba Qulqulluu [qanoonaa] ti.—Bau 17:14.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 17:1-16 dubbisi.)
HAGAYYA 24-30
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 19-20
“Ajajawwan Kurnan kan Isin Ilaallatan Akkamitti?”
(Baʼuu 20:3-7 dubbisi.)
w89-E 11/15 6 key. 1
Ajajawwan Kurnan Siif Hiika Akkamii Qabu?
Ajajawwan jalqabaa arfan Yihowaa wajjin haala wal qabateen itti gaafatamummaa qabnu addeessu. (Tokkoffaa) Inni Waaqa guutummaatti akka isaaf bullu barbaadu dha. (Maatewos 4:10) (Lammaffaa) Waaqeffattoota isaa keessaa eenyu iyyuu fakkiitti fayyadamuu hin qabu. (1 Yohaannis 5:21) (Sadaffaa) Akkaataan maqaa Waaqayyootti itti fayyadamnu sirrii fi ulfina qabeessa taʼuu qaba; karaa ulfina hin qabneen matumaa itti fayyadamuu hin qabnu. (Yohaannis 17:26; Roomaa 10:13) (Arfaffaa) Guutummaan jireenya keenyaa wantoota qulqulluu taʼan irratti kan xiyyeeffatu taʼuu qaba. Kunis dhimmoota dhuunfaa irraa boqochuuf ykn ‘boqonnaa sanbataa’ fudhachuuf nu dandeessisa.—Ibroota 4:9, 10.
(Baʼuu 20:8-11 dubbisi.)
(Baʼuu 20:12-17 dubbisi.)
w89-E 11/15 6 key. 2-3
Ajajawwan Kurnan Siif Hiika Akkamii Qabu?
(Shanaffaa) Ijoolleen warra isaaniitiif ajajamuun isaanii amma iyyuu tokkummaa maatiitiif baayʼee murteessaa dha; eebba Yihowaas ni argamsiisa. Ajajni kun ‘ajaja jalqabaa abdii’ dinqisiisaa argamsiisu dha. Abdiin kun, ‘gaarii akka nuuf taʼu’ qofa utuu hin taʼin, ‘umuriin keenya lafa irratti akka dheeratu godha.’ (Efesoon 6:1-3) Yeroo ammaatti “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa waan jirruuf, dargaggoonni karaa kanaan Waaqayyoof ajajamuun isaanii carraa utuu hin duʼin bara baraaf jiraachuu akka qabaatan gochuu dandaʼa.—2 Ximotewos 3:1; Yohaannis 11:26.
Jaalalli namootaaf qabnu wantoota miidhaa qaban kanneen akka (Jaʼaffaa) ajjeechaa, (Torbaffaa) ejja, (Saddeettaffaa) hanna, akkasumas (Saglaffaa) sobaan ragaa baʼuu jiran irraa akka fagaannu nu godha. (1 Yohaannis 3:10-12; Ibroota 13:4; Efesoon 4:28; Maatewos 5:37; Fakkeenya 6:16-19) Kakaʼumsa keenya ilaalchisee hoo seera akkamiitu jira? Ajajni (Kurnaffaa) hawwuu ilaalchisee kenname, Yihowaan kakaʼumsi keenya yeroo hundumaa gaarii akka taʼu akka barbaadu nu yaadachiisa.—Fakkeenya 21:2.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 19:5, 6, NW) Ammas isin of eeggannoodhaan sagalee kootiif yoo ajajamtanii fi kakuu koo yoo eegdan, guutummaan lafaa kan koo waan taateef, isin dhugumaan saboota hundumaa keessaa anaaf qabeenya addaa ni taatu. 6 Isin anaaf mootummaa lubootaa fi saba qulqulluu ni taatu.’ Wantoota kana Israaʼelotatti dubbadhu.”
“Mootummaa Lubootaa” Ni Taatu
5 Kakuun Seerichaa luboonni akka sabicha tajaajilaniif qophii kan godhe siʼa taʼu, kunimmoo qophii guddaa gara fuulduraatiif godhamuuf gaaddidduu kan taʼu ture. (Ibr. 7:11; 10:1) Kakuun kun, Israaʼelootaaf carraafi mirga addaa “mootummaa lubootaa” taʼuu kan argamsiise siʼa taʼu, kun kan taʼu seera Yihowaa yoo eegan qofadha. (Baʼuu 19:5, 6, NW dubbisi.) Israaʼeloonni garuu ulaagaa kana utuu hin guutin hafaniiru. Sabichi Masiihicha isa kutaa sanyii Abrahaam isa jalqabaa taʼe ulfinaan simachuu mannaa, isatti amanuu didaniiru. Kanarraan kan kaʼes Waaqayyo sabicha dhiiseera.
6 Israaʼeloonni mootummaa lubootaa argamsiisuuf mirga argatanii turan Yihowaadhaaf amanamoo utuu hin taʼin hafuunsaanii, Seerichi hin milkoofne jechuu miti. Kaayyoon Seerichaa sanyicha eeguufi namoonni Masiihicha akka beekan gochuu ture. Kiristos dhufee eenyummaansaa yeroo beekametti kaayyoon Seerichaa raawwatameera. Macaafni Qulqulluun, “Kristos . . . seericha iddoodhaan in gaʼa” jedha. (Rom. 10:4) Haataʼu malee gaaffiin, ‘Mootummaa lubootaa kan taʼu eenyuree?’ jedhu ni kaʼa. Yihowaan saba haaraa hundeessuudhaaf waliigaltee seera qabeessa kan biraa qopheesseera.
(Baʼuu 20:4, 5 dubbisi.)
Gaaffii Dubbistootaa
Israaʼeloonni seerawwan buʼuuraa Yihowaa ifatti cabsuudhaan maqaansaa saboota gidduutti akka arrabsamu yommuu godhan, Yihowaan Baabilonitti akka boojiʼaman gochuudhaan isaan adabuuf murteesse. Kunis sabicha dhuunfaattis taʼe akka tuutaatti adabuu kan dabalatu ture. (Er. 52:3-11, 27) Dhugumayyuu cubbuun Israaʼeloonni akka tuutaatti raawwatan baayʼee cimaa waan tureef, akkuma Baʼuu 20:5rratti ibsame dogoggora abbootiitiin, dhaloonni sadii, afur ykn isaa ol utuu hin tuqamiin akka hin hafne Macaafni Qulqulluun ni ibsa.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 19:1-19 dubbisi.)
HAGAYYA 31–FULBAANA 6
BEEKUMSA DUBBII WAAQAYYOO IRRAA ARGAMU | BAʼUU 21-22
“Ilaalcha Yihowaan Lubbuudhaaf Qabu Qabaadhaa”
(Baʼuu 21:20 dubbisi.)
it-1-E 271
Rukutuu
Namni Israaʼel garbicha (garbittii) qabu tokko, garbichi sun yoo ajajamuu baate ykn yoo isa irratti fincile akka isa rukutu isaaf heyyamama ture. Haa taʼu malee, garbichi sun rukuttaa sanaan yoo duʼe, gooftaan isaa ni adabama ture. Taʼus garbichi sun rukuttaa sana booda guyyaa tokkoof ykn lamaaf lubbuudhaan yoo ture, haalli kun gooftaan isaa isa ajjeesuuf yaadee akka hin turre kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Garbichi sun “horii isaa waan taʼeef” balleessaa raawwateef isa adabuuf mirga qaba ture. Namni tokko taʼe jedhee qabeenya faayidaa isaaf argamsiisu balleessuu akka hin barbaanne ifa dha. Kana malees, garbichi sun guyyaa tokko ykn guyyaa muraasa booda yoo duʼe, kan duʼe rukuttaa sanaan kan kaʼe ykn sababa biraatiin taʼuu isaa adda baafachuun rakkisaa taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, garbichi sun guyyaa tokkoof ykn lamaaf lubbuudhaan yoo jiraate gooftaan isaa hin adabamu.—Bau 21:20, 21.
(Baʼuu 21:22, 23 dubbisi.)
Jireenyaaf Bakka Guddaa ni Kennitaa?
16 Jireenyi nama hundaa Yihowaa biratti iddoo guddaa qaba. Mucaan gadameessa keessa jiru tokko illee isaaf gatii guddaa qaba. Seera Musee keessatti, namni tokko utuu hin beekin dubartii ulfa tokko irra miidhaa yoo geessisee fi ishiin ykn mucaan ishii yoo duʼan, Yihowaan namichi sun akka nama ajjeesetti ilaala. Kana jechuun, utuu hin beekin kan raawwatame yoo taʼe illee, namni tokko waan duʼeef, namni ajjeese sun ajjeefamuu qaba. (Baʼuu 21:22, 23 dubbisi.) Mucaan gadameessa keessa jiru tokko Waaqayyo biratti nama jireenya qabu dha. Kana irraa kaʼuudhaan, waaʼee ulfa baasuu Waaqayyotti maaltu dhagaʼama jettee yaadda? Waggaa waggaadhaan daaʼimman hin dhalannee fi miliyoonaan lakkaaʼaman yommuu ajjeefaman, Waaqayyotti maaltu waan dhagaʼamu sitti fakkaata?
(Baʼuu 21:28, 29 dubbisi.)
Yihowaan “Nagaa” Akka Taatu Barbaada
Ajajni Seericha keessatti kenname balaa horiin geessisuufis ni hojjeta ture. Qotiyyoon tokko nama waraanee yoo ajjeese, abbaan qotiyyichaa nageenya namoota kaanii eeguuf horii sana ajjeesuu qaba. Foonsaa nyaachuu ykn gurguruu waan hin dandeenyeef, horii sana ajjeesuun kasaaraa guddaadha. Haataʼu malee, namni tokko qotiyyoonsaa erga nama madeessee booda, utuu hin eegin hafe haa jennu. Isa booda maaltu taʼa? Qotiyyoon sun sana boodas, nama tokko yoo ajjeese, qotiyyoon suniifi abbaansaa ni ajjeefamu. Seerri kun horiisaa wajjin haala wal qabateen namni dantaa hin qabne kamiyyuu amalasaa qoruuf kan isa kakaasudha.—Bau. 21:28, 29.
Dubbii Waaqayyoo Gad Fageenyaan Qoruu
(Baʼuu 21:5, 6 dubbisi.)
Yihowaadhaaf Kan Of Murteessitu Maaliifi?
4 Waaqayyoof of murteessuun wanta akka laayyootti ilaalamu miti. Of murteessuun waadaa galuu caalaa waan dabalatu qaba. Haata’u malee, of murteessuun kan nu fayyadu akkamitti? Mee dhimma kana nama tokkoo wajjin waadaa galuun akkamitti akka nu fayyadu fakkeenya argisiisuu wajjin wal bira qabnee haa ilaallu. Michummaa akka fakkeenyaatti haa fudhannu. Nama tokko michuu godhachuudhaan faayidaa argachuudhaaf, itti gaafatamummaa michuu taʼuun fidu fudhachuu qabna. Kunimmoo, michuu keenyaaf yaaduuf dirqama akka qabnu nutti dhagaʼamuudhaan waadaa galuu dabalata. Michummaa hunda caaluufi Macaafa Qulqulluu keessatti caqasame keessaa tokko, michummaa Daawitiifi Yonaataan gidduu turedha. Namoonni kun, michoota walii taʼuuf walii kakatanii turan. (1 Saamuʼel 17:57; 18:1, 3 dubbisi.) Yeroo harʼaa namoonni michoota akkasaanii taʼuuf waadaa walii galan baayʼinaan hin jiran. Taʼus, hiriyoonni yommuu waadaa walii galan ykn inni tokko isa kaaniif hamma tokko itti gaafatamummaa akka qabu itti dhagaʼamu, michummaan gidduusaanii jiru ni jabaata.—Fak. 17:17; 18:24.
5 Seerri Waaqayyo Israaʼeliif kennes, namoonni waadaa walii galuudhaan faayidaa argachuu akka dandaʼan ibsa. Garbichi tokko hamma dhumaatti qabeenya gooftaasaa isa gaarii taʼuu yoo barbaade, waliigaltee dhaabbataa taʼeefi gooftaasaarraa adda akka hin baane isa dirqisiisu galuu danda’a ture. Seerichi akkas jedha: “Garbichichi garuu, ‘Ani gooftaa koo, haadha manaa koo, ijoollee koos nan jaalladha, birmadummaa argachuus matumaa hin barbaadu’ yoo jedhe, gooftaan isaa gara Waaqayyootti isa haa dhiʼeessu! Gara balbalaatti yookiis michichilaatti geessee mutaadhaan gurra isaa haa uru! Kana booddee guutummaa bara jireenya isaatti garbicha isaaf haa taʼu!”—Bau. 21:5, 6.
(Baʼuu 21:14 dubbisi.)
it-1-E 1143
Gaanfa
Yaanni Baʼuu 21:14 irra jiru lubni illee yoo nama ajjeese ajjeefamuu akka qabu ykn namni taʼe jedhee nama ajjeese tokko gaanfota iddoo aarsaa qabachuun isaa adabamuu irraa akka isa hin oolchine kan argisiisu taʼuu dandaʼa.—1Mo 2:28-34 wajjin wal bira qabii ilaali.
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu
(Baʼuu 21:1-21 dubbisi.)
Tajaajilaaf Of Qopheessi
w09-AM 4/1 31
Waaqayyotti Dhihaadhu
Abbaa Ijoollee Abbaa hin Qabnee
“WAAQNI inni iddoo jireenyaa isaa isa qulqulluu keessa jiru, Ijoollee abbaa hin qabneef abbaa dha.” (Faarfannaa 68:5, NW) Jechoonni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffaman kun waaʼee Waaqa keenya Yihowaa barumsa garaa namaa tuqu nu barsiisu; inni warra gargaarsi isaan barbaachisuuf baayʼee ni yaada. Seera Yihowaan Israaʼelootaaf kennee irraa inni ijoollee abbaa ykn haadha isaanii duʼaan dhabaniif hammam akka yaadu hubachuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu keessatti waaʼee ‘ijoollee abbaanii fi haati irra hin jirree’ yeroo jalqabaatiif kan caqasame Baʼuu 22:22-24 irratti dha; mee yaada kana haa qorru.
Waaqayyo, “Ijoollee abbaanii fi haati irra hin jirres gad qabdanii hin rakkisinaa!” jechuudhaan akeekkachiisa kenneera. (Lakkoofsa 22) Kun kadhannaa gargaarsa namummaa akka godhaniif dhihaate utuu hin taʼin, ajaja Waaqayyo biraa dhufe dha. Mucaan abbaa isaa dhabe tokko kan eegumsa isaaf godhuu fi kan isa kunuunsu waan hin jirreef, salphaatti miidhaan isa irra gaʼuu dandaʼa. Eenyu iyyuu mucaa akkasii karaa kamiin iyyuu ‘rakkisuu’ hin qabu. Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko jecha “hin rakkisinaa” jedhamee hiikame “hin cunqursinaa,” “hin miidhinaa,” akkasumas “buʼaa irraa hin buufatinaa” jedhanii hiikaniiru. Ijoollee abbaa hin qabne irratti wanta sirrii hin taane hojjechuun Waaqayyo duratti dhimma cimaa ture. Haalli kun hammam cimaa ture?
Seerichi itti fufuudhaan, “Ati yoo isa cunqursitee fi innis gara kootti yoo iyye, ani dhugumaan iyya isaa nan dhagaʼa” jedha. (Lakkoofsa 23, NW) Yaanni isaa lakkoofsa 22 irratti “isin” kan jedhu yeroo taʼu lakkoofsa 23 irratti immoo akka nama tokkoof taʼutti “ati” jedha. Kunis akka sabaattis taʼe dhuunfaatti seera Waaqa biraa dhufe kana eeguuf itti gaafatamummaa akka qaban kan argisiisu dha. Yihowaan wanta taʼaa ture ni arga ture; iyya ijoolleen abbaa hin qabne gargaarsa argachuuf dhageessisaniif xiyyeeffannaa kan kennu taʼuu isaa irra iyyuu inni isaan gargaaruuf qophaaʼaa dha.—Faarfannaa 10:14; Fakkeenya 23:10, 11.
Namni tokko mucaa abbaa hin qabne tokko yoo miidhee fi mucaan sun gara Waaqayyootti yoo iyye hoo? Yihowaan, “Dheekkamsi koo in boba’a, ani billaadhaan isin nan ajjeesa” jedheera. (Lakkoofsa 24) Barreeffamni Kitaaba Qulqulluu irratti ibsa kennu tokko, yaanni kun “kallattiidhaan hiika ‘funyaan koo ni hoʼa’ jedhu akka qabuu fi jechama dheekkamsa cimaa argisiisu akka taʼe” dubbata. Yihowaan seera kana raawwachiisuu abbootii murtii Israaʼeliif akka hin dhiisne hubadhaa. Waaqayyo nama mucaa eegumsa hin qabne miidhu kam irratti iyyuu ofuma isaatiin akka murteessu dubbateera.—Keessa Deebii 10:17, 18.
Harʼas Yihowaan hin jijjiiramne. (Miilkiyaas 3:6) Ijoollee warra hin qabneef baayʼee garaa laafa. (Yaaqoob 1:27) Abbaan ijoollee abbaa hin qabnee miidhaa ijoollee eegumsa ofiif gochuu hin dandeenye irra gaʼuun kan kaʼe akka dheekkamu gochuudhaan dogoggora cimaa raawwachuu irraa of eegaa. Namoonni ijoollee salphaatti miidhamanitti fayyadamuu barbaadan ‘dheekkamsa Waaqayyoo isa bobaʼaa’ jalaa hin oolan. (Sefaaniyaa 2:2) Namoonni hamoon akkasii “harka Waaqayyo jiraataa keessatti kufuun baayʼee sodaachisaa” akka taʼe ni argu.—Ibroota 10:31.