BOQONNAA KUDHAN
Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera
1, 2. (a) Sabni Eliyaas miidhamanii kan turan akkamitti? (b) Tulluu Qarmelosirratti Eliyaasirra mormii akkamiitu gaʼe?
ELIYAAS namoonni hedduun fiixee Tulluu Qarmelositti tirachaa yommuu ol yaaʼan ilaale. Yeroonsaa ganama obboroo dimimmisa yoo taʼeyyuu namoonni sun hiyyummaafi beelaan akka miidhaman salphaatti hubachuun ni dandaʼama. Ongeen waggaa sadiifi walakkaadhaaf ture miidhaa guddaa akka isaanirra geessise qaamasaaniirraa ifatti ni mulʼata.
2 Raajonni Baʼaal 450 taʼan, warri of tuulaniifi raajii Yihowaa Eliyaasiin garmalee jibbanis namoota kanaa wajjin jiru. Iizaabel Mootittiin tajaajiltoota Yihowaa hedduu kan ajjeesiste taʼus, Eliyaas waaqeffannaa Baʼaal mormuusaa itti fufeera. Haataʼu malee Eliyaas yeroo hammamiitiif akkasitti itti fufuu dandaʼa? Tarii luboonni kun namni tokko kophaasaa namoota kana hunda mormee itti fufuu hin dandaʼu jedhanii yaadanii taʼuu hin oolu. (1 Mot. 18:4, 19, 20) Ahaab Mootichis konkolaataa moototaa isa fardeeniin harkifamuun garasaa dhufaa jira. Innis Eliyaasiin hin jaallatu.
3, 4. (a) Guyyaa murteessaa taʼe sanatti Eliyaas hamma tokko sodaatee taʼuu kan qabu maaliifi? (b) Gaaffiiwwan kamfaa qorra?
3 Raajii kophaasaa jiru kana, wanti akkasii jireenyasaa keessatti isa mudatee hin beeku. Eliyaas namoonni gara Tulluu Qarmelositti dhufaa jiran, Waaqayyoofi namoota hamoo keessaa humna guddaa kan qabu eenyu akka taʼe hubachuuf akka jiran beekee ture. Yommuu lafti bariʼu maaltu isatti dhagaʼameree? “Eliyaas nama akka keenyaa” waan taʼeef sodaatee akka ture beekamaadha. (Yaaqoob 5:17 dubbisi.) Eliyaas namoota amantii hin qabneen, mootiisaanii isa gantuu taʼeefi luboota nama ajjeesuu miʼeeffataniin marfamee waan tureef, kophummaan isatti dhagaʼamee ture.—1 Mot. 18:22.
4 Haataʼu malee, Israaʼeloonni rakkina kana keessa akka galan kan godhe maalidha? Seenaan kun jireenyakee wajjin walitti dhufeenya maalii qaba? Fakkeenya amantii Eliyaas qoruudhaan fakkeenyasaa akkamitti hordofuu akka dandeenyu haa ilaallu.
Qabsoon Yeroo Dheeraadhaaf Ture Raawwatamuuf Jedha
5, 6. (a) Israaʼeloonni maal gochaa turan? (b) Ahaab mootichi Yihowaa kan gaddisiise akkamitti?
5 Eliyaas yeroo dheeraadhaaf wanti biyyattiifi sabasaatiif adda taʼe, jechuunis waaqeffannaan Yihowaa yommuu dagatamuufi balaaleffatamu kan arge taʼus homaa gochuu hin dandeenye. Israaʼeloonni hedduun yeroo dheeraadhaaf waaqeffannaa dhugaa dhiisanii waaqeffannaa sobaa filachuudhaan, Yihowaa utuu hin taʼin waaqayyolii saboota naannoosaanii waaqeffachaa turaniiru. Bara Eliyaasittimmoo waaqeffannaan sobaa kun sadarkaa guddaarra gaʼee ture.
6 Ahaab Mootichi, baayʼee Yihowaa gaddisiiseera. Ahaab, Iizaabel intala mootii Sidoon kan fuudhe siʼa taʼu, isheenimmoo waaqeffannaa Yihowaa biyya Israaʼel keessaa balleessuudhaan waaqeffannaa Baʼaal babalʼisuuf kutattee turte. Ahaabis utuma baayʼee turin dhiibbaasheetiif moʼame. Baʼaaliif mana qulqullummaafi iddoo aarsaa tokko kan ijaare yommuu taʼu, waaqa tolfamaa kanaaf sagaduufis dursa fudhateera.—1 Mot. 16:30-33.
7. (a) Waaqeffannaan Baʼaal baayʼee ciiggaasisaa akka taʼu kan godhe maalidha? (b) Ongeen bara Eliyaasitti uumame yeroo hammamiitiif akka ture ilaalchisee, Macaafni Qulqulluun yaada wal faallessu akka hin qabne mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (Saanduqichas ilaali.)
7 Waaqeffannaan Baʼaal ciiggaasisaa akka taʼu kan godhe maalidha? Israaʼeloonni hedduun Waaqa dhugaarraa akka fagaatan godheera. Kana malees, amantii mancaʼaa taʼeefi hammeenya raawwachuu jajjabeessu ture. Waaqeffannaan kun, dhiirotaafi dubartoota mana qulqullummaa keessatti ejja raawwatan kan qabu siʼa taʼu, ifatti saalqunnamtii raawwachuufi daaʼimman aarsaa gochuu kan dabalatu ture. Kanaaf, Yihowaan Eliyaasiin gara Ahaabitti erguudhaan, hanga raajiin Waaqayyoo ongeen kun akka dhaabatu dubbatutti biyyattiin ongeedhaan akka rukutamtu beeksise. (1 Mot. 17:1) Eliyaas waggoota hedduu booda Ahaabitti of mulʼisuudhaan, Ahaab sabichaafi raajota Baʼaal Tulluu Qarmelositti akka walitti qabu itti hime.a
Yeroo harʼaatti wantoonni waaqeffannaa Baʼaal keessatti iddoo guddaa qaban hedduun raawwatamaa jiru
8. Seenaan waaʼee waaqeffannaa Baʼaal dubbatu yeroo harʼaa nuuf hiika maalii qaba?
8 Haataʼu malee, qabsoon kun yeroo harʼaatti nuuf hiika maalii qaba? Namoonni tokko tokko yeroo harʼaatti manni qulqullummaafi iddoon aarsaa Baʼaaliif qophaaʼe waan hin jirreef, seenaan waaʼee waaqeffannaa Baʼaal dubbatu yeroo keenyaaf hin hojjetu jedhanii yaadu. Taʼus, yaanni kun seenaa durii qofa miti. (Rom. 15:4) Jechi “Baʼaal” jedhu hiika “abbaa manaa” ykn “gooftaa” jedhu qaba. Yihowaan sabnisaa akka “baʼaal” ykn akka abbaa manaatti akka isa filatan itti himeera. (Isa. 54:5) Yeroo harʼaas namoonni Waaqa Isa Hundumaa Dandaʼu utuu hin taʼin, gooftolii garaagaraa tajaajilaa jiru. Namoonni Yihowaa waaqeffachuu mannaa, jireenyisaanii qarshii, hojii, bashannana, saalqunnamtii ykn waaqayyolii hedduu taʼan keessaa tokko tajaajiluurratti akka xiyyeeffatu yommuu godhan, gooftaa Yihowaarraa adda taʼe tokko tajaajilaa jiru jechuudha. (Mat. 6:24; Roomaa 6:16 dubbisi.) Kana jechuun yeroo harʼaatti wantoonni waaqeffannaa Baʼaal keessatti iddoo guddaa qaban hedduun raawwatamaa jiru jechuudha. Qabsoo bara duriitti Yihowaafi Baʼaal gidduutti godhame kanarratti xiinxaluun keenya, eenyuun akka tajaajillu filachuuf nu gargaaruu dandaʼa.
‘Yaada Walaallammii Kan Qabaatan’ Akkamitti?
9. (a) Tulluun Qarmelos waaqeffannaa Baʼaal saaxiluuf iddoo mijataa kan taʼe akkamitti? (Miiljalees ilaali.) (b) Eliyaas namoota sanaan maal jedhe?
9 Tulluu Qarmelos isa qilleensi itti baayʼaturra dhaabatanii, laga Qiisonii hanga Galaana Guddaatti (Galaan Mediteraaniyaatti), karaa kaabaammoo hanga tulluuwwan Libaanositti ilaaluun ni dandaʼama.b Biyyattiin haala gadhee keessatti akka argamtu hubachuun ni dandaʼama. Biyyi gaariin Yihowaan yeroo tokko Israaʼelootaaf kenne amma gadhee taʼaa waan jirtu fakkaatti. Gowwummaa sabni Waaqayyoo raawwataniin kan kaʼe aduu cimaadhaan waxalamaa jirti! Eliyaas yommuu namoonni kun walitti qabaman, “Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii taʼa? Gooftichi Israaʼel [“Yihowaan,” NW] Waaqayyoo dha yoo taʼe, isa duukaa buʼaa! Yookiis Baʼaaltu Waaqayyoo dha yoo taʼe, isa duukaa buʼaa” jedheen.—1 Mot. 18:21.
10. Sabni Eliyaas, ‘yaada walaallammii kan qabaatan’ akkamitti ture? Dhugaa buʼuuraa isa kam irraanfatanii turan?
10 Eliyaas “Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii taʼa?” yommuu jedhu maal jechuusaa ture? Namoonni sun waaqeffannaa Yihowaafi waaqeffannaa Baʼaal keessaa isa tokko filachuu akka qaban hin hubanne. Namoonni kun sirna amantii gadhee taʼe raawwachuudhaan Baʼaaliin gammachiisuu, akkasumas surraa Yihowaa argachuu akka dandaʼan yaadu turan. Tarii Baʼaal midhaaniifi horiisaanii akka isaaniif eebbisu, ‘Waaqayyo gooftaan maccaammoo’ waraanarratti akka isaan eegu yaadanii taʼuu dandaʼa. (1 Sam. 17:45) Dhugaa buʼuura taʼeefi namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun itti gowwoomfaman irraanfatanii turan. Yihowaan waaqeffannaasaa eenyuufiyyuu hin hiru. Yihowaan, inni qofaan akka waaqeffatamu barbaada, kunis kan isaaf maludha. Waaqeffannaa gara biraa wajjin walitti makanii isa waaqeffachuun fudhatama hin qabu, isa birattis jibbamaadha.—Baʼuu 20:5 dubbisi.
11. Yaanni Eliyaas Tulluu Qarmelosirratti dubbate wantoota dursa kennuufii qabnu akka hubannuufi waaqeffannaa keenya qoruuf akkamitti nu gargaara jettee yaadda?
11 Kanaaf Israaʼeloonni bara sana turan, akkuma nama yeroo tokkotti karaa addaddaa lamarra deemuuf yaaluu, “walaallammii” taʼanii turan. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduunis, “baʼaalota” gara biraa waaqeffachuufi Yihowaa waaqeffachuurraa fagaachuudhaan dogoggora wal fakkaatu raawwatu. Akeekkachiisa Eliyaas walaallammii taʼuurraa akka fagaannu kenne hordofuun keenya wantoota dursa kennuufii qabnu akka hubannuufi waaqeffannaa keenya akka qorru nu gargaaruu dandaʼa.
Waaqni Dhugaan Eenyu Akka Taʼe Mirkaneessuu
12, 13. (a) Eliyaas qormaata akkamii qopheesse? (b) Akkuma Eliyaas Yihowaatti akka amanamnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
12 Eliyaas ittaansuudhaan qormaata qopheesse. Qormaanni kun baayʼee salphaa ture. Luboonni Baʼaal iddoo aarsaa ijaaranii achirratti aarsaa erga dhiheessanii booda, waaqnisaanii ibidda ergee akka gubu akka kadhatan ajaje. Eliyaasis akkasuma godha. Eliyaas, “Waaqayyo inni ibidda erguu isaatiin deebii kennu inni dhuguma Waaqayyoo dha” jedhe. Eliyaas Waaqni dhugaan eenyu akka taʼe sirriitti beeka. Amantiinsaa cimaa waan tureef, mormitoonnisaa waan barbaadan hunda akka godhan carraa isaaniif kennuurraa dubbatti hin jenne. Eliyaas raajonni Baʼaal dursanii kana akka godhan isaaniif heyyame. Kanaaf tuntunoo aarsaadhaaf taʼu filatanii gara Baʼaal dhaqan.c—1 Mot. 18:24, 25.
13 Yeroo ammaatti dinqiin akkasii hin raawwatamu. Taʼus, Yihowaan hin geddaramne. Nutis akkuma Eliyaas isarratti amantaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyaaf namoonni wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu yommuu morman, dursanii wanta barbaadan akka dubbatan isaanii heyyamuuf sodaachuu hin qabnu. Nutis akkuma Eliyaas, dhimma kana akka sirreessu Waaqa dhugaatti amanamuu dandeenya. Ofitti utuu hin taʼin Dubbiisaa isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameefi “qajeelchuuf” gargaarutti amanamuudhaan kana gochuu dandeenya.—2 Xim. 3:16.
Eliyaas waaqeffannaan Baʼaal soba taʼuusaa hubatee ture, sabni Waaqayyoos kana akka hubatan barbaadee ture
14. Eliyaas raajota Baʼaalitti kan qoose akkamitti? Maaliifi?
14 Raajonni Baʼaal aarsaasaanii iddoo aarsaarratti erga dhiheessanii booda waaqasaanii waamuu jalqaban. Irra deddeebiʼuudhaan, “Yaa Baʼaal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyan. Saʼaatii hedduudhaaf akkasuma jedhanii iyyuusaanii itti fufan. Taʼus Macaafni Qulqulluun, “Sagaleen hin turre; kan isaaniif deebii kennes hin argamne” jedha. Yeroo saʼaatii jaʼa taʼutti Eliyaas, Baʼaal deebii isaanii kennu kan dide, hojiin waan itti baayʼateef, mana boolii waan jiruuf ykn rafaa waan jiruuf isa dammaqsuun akka isaan barbaachisu dubbachuudhaan isaanitti qoose. Eliyaas fakkeessitoota kanaan “Guddisaatii iyyaa!” jedhe. Yommuu akkas jedhu, waaqeffannaan Baʼaal soba akka taʼeefi sabni Waaqayyoo gowwoomsaa kana akka beekan barbaadee akka ture beekamaadha.—1 Mot. 18:26, 27.
15. Haalli luboota Baʼaal, gooftaa Yihowaarra adda taʼe kamiyyuu filachuun gowwummaa taʼuusaa kan argisiisu akkamitti?
15 Luboonni Baʼaalis caalaatti aaranii, “sagalee guddaadhaan iyyanii, akkuma amala isaanii dhiigni isaanii hamma lolaʼutti billaadhaa fi eeboodhaan of in murmuran.” Taʼus faayidaa tokkollee hin arganne. Seenaansaa, “Sagaleen kan biraa hin turre, kan isaaniif deebii kenne hin argamne, namni yaadaan isaan qabes hin turre” jedha. (1 Mot. 18:28, 29) Waaqni Baʼaal jedhamu hin jiru. Baʼaal wanta Seexanni namoota Yihowaarraa fageessuuf uume qofadha. Dhugumayyuu, Yihowaadhaan alatti gooftaa akkamiiyyuu filachuun abdii kutachuufi qaaniitti nama geessa.—Faarfannaa 25:3; 115:4-8 dubbisi.
Waaqni Dhugaan Deebii Kenne
16. (a) Iddoon aarsaa Eliyaas Tulluu Qarmelosirratti deebisee ijaare namoota sana maal yaadachiisee taʼuu dandaʼa? (b) Eliyaas Waaqasaarratti amantaa guddaa akka qabu kan argisiise akkamitti?
16 Waaree booda dabareen Eliyaas aarsaa itti dhiheessu ni gaʼe. Tarii iddoo aarsaa diinonni waaqeffannaa dhugaa diiganii taʼuu dandaʼu tokko deebisee ijaare. Kana gochuuf dhagaa 12tti kan fayyadame siʼa taʼu, kunis tarii namoonni gosoota Israaʼel 10 keessa jiran hedduun, ammayyuu Seericha isa gosoota 12aniif kenname jala akka jiran yaadachiisuuf taʼuu dandaʼa. Achiis wantoota aarsaasaa sanaaf taʼan qopheessuudhaan, bishaan Galaana Mediteraaniyaa isa isaanitti dhihoo jiru keessaa waraabamee taʼuu dandaʼu achirratti dhangalaase. Akkasumas iddoo aarsichaatti naannessee qotuudhaan bishaan itti guute. Eliyaas raajonni Baʼaal waan barbaadan akka godhan carraa kan isaaniif kenne siʼa taʼu, Yihowaadhaaf garuu carraa akkasii hin kennine; kunimmoo isarratti amantaa guddaa qabaachuusaa kan argisiisudha.—1 Mot. 18:30-35.
Eliyaas, Yihowaan ‘yaadasaanii garasaatti deebisuuf’ fedhii akka qabu ibsuudhaan sabasaatiif akka yaadu argisiiseera
17. Kadhannaan Eliyaas wantoota akkamiitiif dursa akka kennu kan argisiisu ture? Kadhannaa keenyarratti fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
17 Eliyaas waan hunda erga qopheessee booda kadhannaa dhiheesse. Kadhannaan garaa nama tuquufi karaa salphaa taʼeen dhihaate kun, Eliyaas wantoota akkamiitiif dursa akka kennu kan argisiisu ture. Hunda caalaa, ‘Waaqni Israaʼel’ Yihowaa malee Baʼaal akka hin taane beeksisuu barbaade. Lammaffaammoo, namoonni hundi Eliyaas tajaajilaa Yihowaa taʼuusaa akka beekan, akkasumas ulfinni Waaqayyoof kennamuu akka qabu barbaadee ture. Dhumarrattis, Yihowaan ‘yaadasaanii garasaatti deebisuuf’ fedhii akka qabu ibsuudhaan ammayyuu sabasaatiif akka yaadu argisiiseera. (1 Mot. 18:36, 37) Amantii dhabuudhaan rakkina guddaa keessa kan galan yoo taʼeyyuu, Eliyaas isaan jaallachuusaa itti fufeera. Nutis kadhannaa Waaqayyoof dhiheessinurratti, akka gad of deebisnu, maqaa Waaqayyootiif akka yaannuufi warra gargaarsa barbaadaniif akka gaddinu argisiisuu ni dandeenya.
18, 19. (a) Yihowaan kadhannaa Eliyaasiif deebii kan kenne akkamitti? (b) Eliyaas namoonni sun maal akka godhan ajaje? Luboonni Baʼaal dhiifama argachuu kan hin qabne maaliifi?
18 Eliyaas kadhannaa dhiheessuusaa dura, namoonni achitti walitti qabaman sun ‘Yihowaanis akkuma Baʼaal deebii kennuu hin dandaʼuu laata?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Kadhannaa sana booda garuu akkas jedhanii yaaduuf yeroo hin arganne. Seenaansaa, “Yommus ibiddi waaqa irraa buʼee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse” jedha. (1 Mot. 18:38) Dhugumayyuu deebii ajaaʼibsiisaa ture! Sana booda namoonni sun maal jedhan?
19 Hundisaanii sagalee guddaadhaan, “Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!” jedhan. (1 Mootota 18:39) Dhumarratti dhugaasaa hubatan. Haataʼu malee, ammayyuu amantii akka qaban hin argisiifne. Dhugaasaa dubbachuuf, namoonni kun Yihowaan kadhannaa Eliyaas dhagaʼee ibidda waaqarraa buusuusaa arganii Yihowaan Waaqa dhugaadha jechuunsaanii amantii akka qaban hin argisiisu. Kanaaf Eliyaas amantiisaanii karaa garabiraa akka argisiisan isaan gaafate. Wanta waggoota hedduu dura gochuu qaban, jechuunis Seera Yihowaatiif akka abboomaman isaan gaafate. Seerri Waaqayyoo, raajonni sobduuniifi warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan ajjeefamuu akka qaban dubbata. (Kes. 13:5-9) Luboonni Baʼaal kun taʼe jedhanii wanta kaayyoosaarraa faallaa taʼe waan raawwataniif diinota Yihowaa taʼaniiru. Maarree namoota kanaaf dhiifamni godhamuu qabaa? Luboonni Baʼaal ijoollee xixinnoo balleessaa hin qabne fayyaadhumatti gubanii Baʼaaliif yommuu aarsaa godhan ooʼa akka qaban argisiisanii turanii? (Fakkeenya 21:13 dubbisi; Er. 19:5) Kanaaf namoonni kun matumaa dhiifama argachuu hin qaban. Eliyaas namoonni kun akka ajjeefaman kan ajaje siʼa taʼu, isaanis ni ajjeefaman.—1 Mot. 18:40.
20. Yaanni namoonni Macaafa Qulqulluu ceephaʼan ajjeechaa Eliyaas raawwaterratti dhiheessan dogoggora kan taʼe maaliifi?
20 Namoonni Macaafa Qulqulluu ceephaʼan, qormaanni Tulluu Qarmelosirratti dhihaate sirrii hin turre jedhanii falmu. Namoonni tokko tokko, gochi kun namoonni amantii cimsan yakka akka raawwatan kakaasuu dandaʼa jedhanii sodaatu. Kan nama gaddisiisu, yeroo harʼaa amantii wajjin haala wal qabateen gochi gara jabinaa hedduun ni raawwatama. Haataʼu malee, Eliyaas nama amantii cimsu hin turre. Kanaa mannaa ajjeechaa kana kan raawwate Yihowaa bakka buʼuudhaan ture. Kana malees, Kiristiyaanonni dhugaan yeroo harʼaa jiran, fakkeenya Eliyaas hordofuudhaan hamootarratti billaa luqqifachuu akka hin dandeenye beeku. Kanaa mannaa seera buʼuuraa Yesus, “Billaa kee mannʼee isaatti deebisi; warri billaa luqqifatan hundinuu billaadhaan in badu” jechuudhaan Phexrositti dubbateefi duuka buutotasaa hundaaf hojjetu ni hordofu. (Mat. 26:52) Yihowaan gara fuulduraattis Ilmasaatti fayyadamuudhaan firdii qajeelaa ni kenna.
21. Fakkeenyi Eliyaas Kiristiyaanota yeroo harʼaa jiraniif baʼeessa kan taʼe maaliifi?
21 Kiristiyaanni tokko amantiisaa hojiidhaan argisiisuu qaba. (Yoh. 3:16) Karaa kana gochuun itti dandaʼamu keessaa tokko fakkeenya namoota amanamoo akka Eliyaas jiranii hordofuudha. Eliyaas Yihowaa qofa waaqeffateera; warri kaanis akkasuma akka godhan jajjabeesseera. Amantii sobaa Seexanni namoota Yihowaarraa fageessuuf itti fayyadamu ija jabinaan saaxileera. Akkasumas, wantoota tokko tokko sirreessuuf dandeettii ykn fedhasaatti utuu hin taʼin, Yihowaatti amanameera. Dhugumayyuu Eliyaas waaqeffannaa dhugaatiif falmeera. Kanaaf, hundi keenya fakkeenya amantiisaa haa hordofnu!
b Tulluun Qarmelos qilleensi jiidhaan galaanarraa kaʼu, bokkaafi fixeensa akka qabaatu waan isa godhuuf yeroo baayʼee lalisaadha. Bokkaa kan roobsu Baʼaal akka taʼe waan amanamuuf, tulluun kun iddoo waaqeffannaan Baʼaal itti raawwatamu akka taʼe haalasaarraa hubachuun ni dandaʼama. Kanaaf Tulluun Qarmelos yeroo kanatti lafa onaa taʼuunsaa soba waaqeffannaa Baʼaal saaxiluuf iddoo mijaaʼaa taʼedha.
c Eliyaas, aarsichatti ‘ibidda hin qabsiisinaa’ jechuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. Hayyoonni tokko tokko namoonni waaqayyolii tolfamoo waaqeffatan ibiddi dinqiidhaan akka buʼe fakkeessuuf yeroo tokko tokko iddoo aarsaa jalatti qaawwa akka godhan dubbataniiru.