Fakkeenya Amantaasaanii Hordofaa
Waaqeffannaa Dhugaatiif Falmeera
ELIYAAS namoonni hedduun gara Tulluu Qarmelositti yommuu tiratan arge. Ganamuma sanatti namoonni kun hiyyummaafi beelaan miidhamanii akka turan salphaatti hubachuun ni danda’ama ture. Ongeen waggaa sadiifi walakkaadhaaf ture rakkina guddaa isaanirraan geessisee darbeera.
Namoota kana keessaa raajonni Ba’aal 450 ta’an, karaa gadhee kan deeman, kooraan kan of bokoksaniifi raajii Yihowaa kan ta’e Eliyaasiif jibba guddaa kan qaban turan. Iizaabel Mootittiin tajaajiltoota Yihowaa hedduu kan ajjeesiste ta’us, namni kun waaqeffannaa Ba’aal mormuudhaan jabaatee dhaabateera. Garuu, yeroo hammamiitiif akkasitti itti fufa laata? Luboonni yeroo sanatti turan sun namni tokko kophaasaa nama kana hunda mormee itti fufuu hin danda’u jedhanii yaadanii ta’uu danda’a. (1 Mootota 18:3, 19, 20) Ahaab Mootichis konkolaataa moototaa isa fardeeniin harkifamurra taa’ee garasaa dhufe. Innis Eliyaasiin hin jaallatu ture.
Raajiin kophaasaa ture kun wanti haaraan isa mudachuuf jira. Eliyaas yommuu ilaalu, lolli ajaa’ibsiisaan gaariifi hamaa gidduutti godhamu, akkasumas biyyi lafaa arguuf jedhu raawwatamuuf jedha ture. Yommuu lafti bari’u maaltu isatti dhaga’ame? “Eliyaas nama akka keenyaa” waan ta’eef akkuma nama tokkoo sodaachuunsaa hin oolu. (Yaaqoob 5:17) Namoota amantaa hin qabnetti, mootiisaanii isa gantuufi luboota nama ajjeesuu mi’eeffataniin marfamee waan tureef, Eliyaas kophaa ta’uunsaa baay’ee itti dhaga’amee akka ture homaa hin shakkinu.—1 Mootota 18:22.
Haata’u malee, Israa’eloota haala akkasiirra kan geessise maalidha? Seenaa kanarraa barumsa akkamii argatta? Macaafni Qulqulluun tajaajiltoota Waaqayyoo warra isaaf of murteessan akka ilaalluufi ‘fakkeenya amantii isaanii fudhannee duukaa akka buunu’ nu jajjabeessa. (Ibroota 13:7) Mee amma fakkeenya Eliyaas haa’ilaallu.
Wal’aansoon Yeroo Dheeraadhaaf Godhame Sadarkaa Guddaarra Ga’e
Eliyaas yeroo dheeraadhaaf wanti biyyattiifi sabasaatiif adda ta’e, jechuunis waaqeffannaan Yihowaa yommuu dagatamuufi dhidhiitamu argus homaa gochuu hin dandeenye. Israa’el yeroo dheeraadhaaf lola waaqeffannaa dhugaafi sobaa, waaqeffannaa Yihowaafi waaqolii tolfamoo saboonni naannooshee turan hordofan gidduutti godhamaa tureen rakkachaa turteetti. Keessumaa bara Eliyaasitti wal’aansoon kun haala gadheerra ture.
Ahaab Mootichi, Iizaabel intala mootii Sidoon fuudhee ture. Iizaabel waaqeffannaa Yihowaa balleessuudhaan biyya Israa’elitti waaqeffannaa Ba’aal babal’isuuf kutattee turte. Ahaabis utuu baay’ee hin turin harkashee jala galee ture. Ba’aaliif mana qulqullummaafi bakka aarsaa kan ijaare yommuu ta’u, waaqa tolfamaa kanaaf sagaduuf dursa fudhateera. Kun Yihowaa garmalee aarseera.—1 Mootota 16:30-33.a
Waaqeffannaan Ba’aal ciiggaasisaa akka ta’u kan godhe maalidha? Israa’eloota karaarraa maqsuudhaan namoota hedduu Waaqa dhugaarraa fageessee ture. Amantaa manca’aafi garaa nama jabeessu ture. Waaqeffannaan kun, dhiirotaafi dubartoota mana qulqullummaatti ejja raawwatan, saalqunnamtii seeraan ala ta’eefi daa’imman aarsaa gochuullee kan dabalatu ture. Yihowaan Eliyaasiin gara Ahaabitti erguudhaan, hanga raajiin Waaqayyoo tokko dhufee barri beelaa kun ga’eera jedhutti gogiinsi biyyattii akka rukutu itti himuudhaan gocha kana akka jibbe ibseera. (1 Mootota 17:1) Eliyaas, gara Ahaabitti deebi’ee saba sanaafi raajota Ba’aal Tulluu Qarmelosirratti akka walitti qabu utuu itti hin himin waggoonni hedduun darbaniiru.
Haata’u malee, wal’aansoon kun nuuf barumsa maalii dabarsa? Namoonni tokko tokko yeroo ammaatti naannoo keenyatti manni qulqullummaafi bakki aarsaa Ba’aaliif qophaa’e waan hin jirreef, seenaan waa’ee Ba’aal dubbatu yeroo keenyaaf kan hojjetu miti jedhanii yaadu. Ta’uyyuu, yaanni kun seenaa durii qofa miti. (Roomaa 15:4) Jechi “Ba’aal” jedhu “abbaa qabeenyaa” ykn “gooftaa” jechuudha. Yihowaan sabnisaa akka “ba’aal” ykn akka abbaa qabeenyaatti akka isa filatan dubbateera. (Isaayaas 54:5) Yeroo ammaattis namoonni Yihowaa isa hundumaa danda’uu mannaa gooftolii garaagaraa tajaajilaa jiru yoo jedhame walii hin galtuu? Dhugumayyuu namoonni Yihowaa mannaa, qarshii, hojii, bashannana, saalqunnamtii seeraan ala ta’e ykn waaqayyolii hedduu yeroo ammaatti waaqeffataman keessaa tokko akka gooftaatti ilaalu. (Maatewos 6:24; Roomaa 6:16) Kanaaf, wantoonni gurguddaan akka waaqeffannaa Ba’aalitti ilaalaman hedduun yeroo ammaattis babal’ataniiru jechuudha. Lolli bara duriitti Yihowaafi Ba’aal gidduutti godhame, eenyuun akka tajaajillu ogummaadhaan filachuuf nu gargaaruu danda’a.
‘Yaada Walaallammii Qabaachuu’—Akkamitti?
Tulluu Qarmelos isa qilleensi itti baay’atu gubbaa yoo dhaabatan, dachaa Qishoonii gadii kaasee hanga Galaana Guddaa (Galaan Mediteraaniyaa) biraatti, kibbaanimmoo hanga tulluuwwan Libaanositti akka gaariitti Israa’eliin ilaaluun ni danda’ama.b Haata’u malee, guyyaa adda ta’e kanatti biyyattiin haala gadhee keessatti argamti turte. Lafti Yihowaan ijoollee Abrahaamiif kenneefi yeroo tokko lalistuu turte kun lalisuu dhiisteetti. Yeroo kanatti lafattiin gowwummaa sabni Waaqayyoo raawwataniin aduu cimaadhaan waadamtee turte! Yeroo sabni sun baay’atanii walitti qabamanitti Eliyaas isaanitti dhihaatee akkas isaaniin jedhe: “Hamma yoomiitti yaadni keessan walaallammii ta’a? [Yihowaan Waaqaa dhugaa, NW] yoo ta’e, isa duukaa bu’aa! Yookiis Ba’aaltu Waaqayyoo dha yoo ta’e, isa duukaa bu’aa!”—1 Mootota 18:21.
Eliyaas ‘yaada walaallammii qabaachuu’ yommuu jedhu maal jechuusaati? Namoonni sun waaqeffannaa Yihowaafi waaqeffannaa Ba’aal keessaa isa tokko filachuu akka qaban hin hubanne turan. Namoonni kun waaqeffannaa lamaanuu raawwachuu akka danda’an, jechuunis Ba’aaliif sirna amantii tokko tokko raawwachaa, surraa Yihowaa argachuufimmoo kadhachuu akka danda’an isaanitti dhaga’amee ture. Ba’aal midhaaniifi horiisaanii akka eebbisuufi “Waaqayyo gooftaan maccaammoo” waraanarratti akka isaan eegu yaadanii ta’uu danda’a. (1 Saamu’el 17:45) Wanta barbaachisaa namoonni hedduun har’as dagatan jechuunis Yihowaan waaqeffannaa isaaf dhihaatu eenyuufiyyuu akka hin hirre dagatanii turan. Inni akka isa qofaaf hojjennu kan nu abboome yommuu ta’u, kunis isaaf ni mala. Waaqeffannaa isaaf dhiheessinurratti waaqeffannaa garabiraa makuun keenya isa biratti fudhatama nu dhabsiisuu qofa utuu hin ta’in baay’ee isa aarsa.—Ba’uu 20:5.
Kanaaf Israa’eloonni bara sana turan, “walaallammii” ta’anii ykn akka nama yeroo tokkotti karaa addaddaa lama deemuuf yaaluu ta’anii turan. Yeroo ammaattis namoonni baay’een, “ba’aalonni” kan biraan suutuma suuta jireenyasaanii akka to’atan gochuufi waaqeffannaa Waaqayyoo dhiisuudhaan dogoggora akkasii hojjetu! Waamichi ariifachiisaan Eliyaas dhiheesse, “walaallammii” ta’uu dhiisnee wantoota dursa kenninuufis ta’e waaqeffannaa keenya akka gamaaggamnu nu gargaara.
Qormaata Murteessaa
Eliyaas ittaansuudhaan qorumsa qopheesse. Qorumsa baay’ee salphaa ture. Luboonni Ba’aal bakka aarsaa ijaaranii achirratti aarsaa dhiheessu; achiis waaqnisaanii akka ibidda ergu kadhatu. Eliyaasis akkasuma godha. Eliyaas: “Waaqayyo inni ibidda erguu isaatiin deebii kennu inni dhuguma Waaqayyoo dha” jedhe. Eliyaas Waaqni dhugaan eenyu akka ta’e sirriitti beeka ture. Amantaansaa cimaa waan tureef, jalqaba raajonni Ba’aal waaqnisaanii ibidda akka buusu akka kadhatan gochuuf duubatti hin jenne. Diinonnisaa tuntunoo aarsaa godhanii dhiheessan filatanii gara Ba’aalitti dura akka dhihaatan gochuudhaan carraa hunda isaanii kenneera.c—1 Mootota 18:24, 25.
Yeroon ammaa yeroo itti dinqiin hojjetamu miti. Haata’u malee Yihowaan hin geddaramne. Nutis akkuma Eliyaas isarratti amantaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyaaf yeroo warri kaan barumsa Macaafa Qulqulluu morman, sababii kana itti godhan akka dubbatan isaan gaafachuuf sodaachuu hin qabnu. Nutis akkuma Eliyaas, dhimma kana akka sirreessu Waaqa dhugaa abdanna. Kanas kan goonu ofitti utuu hin ta’in Dubbiisaa isa geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffameefi “qajeelchuuf” qophaa’etti amanamuudhaanidha.—2 Ximotewos 3:16.
Raajonni Ba’aal aarsaasaanii dhiheessuudhaan waaqasaanii kadhachuutti ka’an. Irra deddeebi’anii “Yaa Ba’aal deebii nuuf kenni!” jedhanii iyyan. Kana gochuuttis daqiiqaawwanirra darbee sa’aatii hedduudhaaf itti fufan. Ta’us Macaafni Qulqulluun “sagaleen hin turre; kan isaaniif deebii kennes hin argamne” jedha. Yeroo sa’aatii ja’a ta’u, Eliyaas, Ba’aal deebii isaanii kennuuf hojiin waan itti baay’ateef yaadaan akka qabame ykn waan rafaa jiruuf namni tokko isa dammaqsuu akka qabu dubbachuudhaan isaanitti ga’ise. Eliyaas warra sobduu sanaan “guddisaatii iyyaa!” jedhe. Waaqeffannaan Ba’aal soba akka ta’e waan hubateef, sabni Waaqayyoo gochi kun dhugumaan gowwoomsaa akka ta’e akka hubatan barbaada ture.—1 Mootota 18:26, 27.
Kana booda, luboonni Ba’aal baay’ee aaranii “sagalee guddaadhaan iyyanii, akkuma amala isaanii dhiigni isaanii hamma lola’utti billaadhaa fi eeboodhaan of in murmuran.” Kun hundi utuu faayidaa tokko hin argamsiisin hafe! “Sagaleen kan biraa hin turre, kan isaaniif deebii kenne hin argamne, namni yaadaan isaan qabes hin turre.” (1 Mootota 18:28, 29) Dhugumayyuu waaqni Ba’aal jedhamu hin turre. Kun mala Seexanni namoota Yihowaarraa fageessuuf uume qofadha. Akkuma bara durii yeroo ammaattis, Yihowaa malee gooftaa akkamiiyyuu filachuun abdii kutachuufi qaaniitti nama geessa.—Faarfannaa 25:3; 115:4-8.
Deebii Kenname
Gara galgalaa dabareen Eliyaas ni ga’e. Bakka aarsaa Yihowaa isa diinonni amantii dhugaa diigan ni haaresse. Dhagaa 12 kan fayyadame yommuu ta’u, kunis tarii gosawwan kurnan Israa’el ammayyuu seera gosawwan 12niif kenname jala akka jiran isaan yaadachiisuuf kan godhame ta’uu danda’a. Aarsaasaa hundumaas bishaaniin cuuphee kan dhiheesse yommuu ta’u, bishaanichas Galaana Mediteraaniyaa inni isatti dhihoo ture fudhachuu hin oolu. Aarsaa sanaatti naannessee boolla qotuudhaan bishaan itti guuteera. Akkuma raajota Ba’aaliif carraa hunda kenne, ofiisaatiifimmoo Waaqasaarratti amanannaa guutuu waan qabuuf haallisaa Yihowaadhaaf waan rakkisaa fakkaatu akka ta’u godheera.—1 Mootota 18:30-35.
Eliyaas waan hunda erga qopheessee booda kadhannaa dhiheesse. Kadhannaan inni haala garaa nama tuquufi karaa salphaa ta’een dhiheesse, Eliyaas wantoota akkamiitiif dursa kennaa akka ture argisiisa. Fedhiinsaa inni guddaan, ‘Waaqayyo inni kan Israa’el’ Yihowaa malee Ba’aal akka hin taane akka beekamu gochuudha. Lammaffaarrattimmoo, namoonni hundi inni tajaajiltuu Yihowaa akka ta’e akka beekaniifi Waaqayyoofis ulfina akka kennan gochuu barbaadee ture. Dhumarrattis, yeroo Yihowaan ‘yaadasaanii deebisu’ ilaaluuf hawwii akka qabu ibsuudhaan, sabasaatiif akka yaadu argisiiseera. (1 Mootota 18:36, 37) Amantaa dhabuudhaan rakkina guddaa kan ofitti fidan ta’uyyuu, Eliyaas isaan jaallachuusaa hin dhiisne ture. Nutis kadhannaa Waaqayyoof dhiheessinurratti, maqaa Waaqayyootiif akka yaannu, akka gad of qabnuufi warra gargaarsa barbaadaniif akka gaddinu ni argisiifnaa?
Eliyaas kadhannaa gochuusaa dura, sabni sun Yihowaanis akkuma Ba’aal deebii kennuu hin danda’u jedhanii shakkanii ta’uu danda’a. Kadhannaa booda garuu, yeroo akkas jedhanii itti shakkan hin qaban turan. Seenaansaa akkas jedha: “Yommus ibiddi waaqa irraa bu’ee qalmicha gubamu, qoraanicha, dhagaa fi biyyoo gubee, bishaan boollicha keessa tures arraabee in gogse.” (1 Mootota 18:38) Deebii ajaa’ibsiisaa mitii? Sana booda sabichi maal jedhe?
Hundisaanii sagalee guddaadhaan, “Gooftichi kun Waaqayyoo dha! Gooftichi kun Waaqayyoo dha!” jedhan. (1 Mootota 18:39) Dhumarratti dhugaasaa arganiiru. Haata’u malee, ammayyuu amantaa akka qaban hin argisiifne turan. Dhugaasaa dubbachuuf, namoonni kun Yihowaan kadhannaa Eliyaas dhaga’ee ibiddi waaqarraa yommuu bu’u arganii Yihowaan Waaqa dhugaadha jedhanii dubbachuunsaanii amantaa akka qaban kan argisiisu hin turre. Kanaan kan ka’es Eliyaas amantaasaanii karaa garabiraa akka argisiisan isaan gaafate. Wanta waggoota hedduu dura gochaa turan akka godhan, jechuunis Seera Yihowaatiif akka abboomaman isaan gaafate. Seerri Waaqayyoo, raajonni sobduun ykn warri waaqolii tolfamoo waaqeffatan oo’a tokko malee ajjeefamuu qabu jedha. (Keessa deebii 13:5-9) Luboonni Ba’aal kun diinota Yihowaa, ta’e jedhanii wanta kaayyoosaatiin faallaa ta’e hojjetanidha. Namoonni kun oo’a argachuun isaaniif ni ta’aa? Luboonni Ba’aal ijoollee xixinnoo balleessaa hin qabne fayyaadhumatti Ba’aaliif aarsaa yommuu godhan oo’a akka qaban argisiisanii turanii? (Fakkeenya 21:13; Ermiyaas 19:5) Namoonni kun matumaa araara argachuun isaaniif hin ta’u ture. Kanaaf, Eliyaas namoonni kun akka ajjeefaman waan ajajeef ajjeefamaniiru.—1 Mootota 18:40.
Mormitoonni yeroo ammaatti argaman tokko tokko, qorumsi Tulluu Qarmelositti godhame xumurrisaa sirrii hin turre jedhu. Namoonni tokko tokko, wanti raawwatame kun namoonni garmalee amantiisaaniitiif hinaafan gocha hammeenyaa akka raawwatan kakaasuu danda’a jedhanii sodaatu. Kan nama gaddisiisu, yeroo ammaatti cimsitoonni amantii gocha gara jabinaa raawwatan hedduun jiru. Haata’u malee, Eliyaas nama duuchaadhumatti waan tokkotti amanu hin turre. Yihowaa bakka bu’uudhaan ajjeechaa sirrii ta’e raawwateera. Yeroo ammaatti, Kiristiyaanonni dhugaan fakkeenya Eliyaas hordofuudhaan hamootarratti billaa akka hin luqqifanne beekamaadha. Erga Masiihichi mul’atee booda, seerri duuka buutota Yesus hundaaf ta’u ajaja Kiristos Phexrosiif akkas jechuudhaan kenne keessatti ibsameera: “Billaa kee mann’ee isaatti deebisi; warri billaa luqqifatan hundinuu billaadhaan in badu.” (Maatewos 26:52) Gara fuulduraatti Yihowaan Ilmasaatti fayyadamee daba ni balleessa.
Itti gaafatamummaan Kiristiyaana dhugaa tokkoo amantaadhaan jiraachuu qofadha. (Yohannis 3:16) Kana gochuuf karaan inni tokkommoo fakkeenya namoota amanamoo akka Eliyaas ta’an hordofuudha. Inni garaa guutuudhaan Yihowaa kan waaqeffate yommuu ta’u, warri kaanis akkasuma akka godhan gorseera. Amantiin Seexanni namoota Yihowaarraa jal’isuuf itti fayyadame soba ta’uusaa ija jabinaan saaxileera. Wantoota tokko tokko sirreessuuf dandeettii ykn fedhasaatti amanamuu mannaa Yihowaatti amanameera. Dhugumayyuu Eliyaas waaqeffannaa dhugaatiif dhaabateera. Hundi keenya fakkeenya amantaasaa kan hordofnu haataanu.
[Miiljaleewwan]
a Walitti dhufeenya Eliyaas isa dura Ahaabii wajjin qabu ilaalchisee odeeffannoo dabalataa argachuuf, Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 1992, (Amariffa) mataduree “Amantaa Akka Eliyaas Qabdaa?” jedhu ilaali.
b Qilleensi galaanicharraa gara tullichaatti jiidha fiduusaatiin kan ka’e roobaafi fixeensa waan argattuuf Qarmelos yeroo baay’ee lalistuufi magariisa turte. Bokkaa kan fidu Ba’aalidha jedhamee waan amanamuuf, tulluun kun bakka waaqeffannaa Ba’aal ta’uuf mijaa’aa akka turte haalasaarraa hubachuun ni danda’ama. Qarmelos gammoojjiifi gogduu ta’uunshee, Ba’aaliin waaqeffachuun sirrii akka hin taane kan argisiisu ture.
c Eliyaas: “Ibidda garuu itti [aarsichatti] hin qabsiisinaa!” akka isaaniin jedhe ni yaadatama. Hayyoonni tokko tokko, namoonni waaqolii tolfamoo waaqeffatan kun yeroo tokko tokko dhoksaatti bakka aarsaa jalaan holqa ibiddi itti naqamu qopheessuudhaan ibiddichi akka Waaqa biraa dhufe fakkeessuuf yaalii akka godhan dubbatu.
[Fakkii fuula 20rra jiru]
Yihowaa malee gooftaa garabiraa filachuun gaddatti nama geessa
[Fakkii fuula 21rra jiru]
‘Yihowaan Waaqa dhugaadha!’