Yihowaa Sodaachuudhaan Gammadaa
“Warri Waaqayyoon sodaatan homaa hin dhaban. Kanaaf isin warri isaaf qulqullooftan isa safeeffadhaa!” —FAARFANNAA 34:9.
1, 2. (a) Waaqayyoon sodaachuu ilaalchisee Saba Kiristiyaanaa gidduutti barumsa wal faallessu akkamiitu jira? (b) Mata-duree kana keessatti gaaffiiwwan akkamiitiif deebii arganna?
SABA KIRISTIYAANAA keessatti namoonni warri kaan Waaqayyoon akka sodaatan barsiisan, yeroo hundumaa Waaqayyo warra cubbamoota ibidda sii’olitti akka gubu ibsuudhaan barumsa Macaafa Qulqulluu wajjin wal faallessu barsiisu. Barumsi akkasii, barumsa Macaafni Qulqulluun Waaqayyo jaalala-qabeessa akka ta’eefi murtoo qajeelaa akka kennu barsiisuu wajjin wal hin simu. (Uumama 3:19; Keessa Deebii 32:4; Roomaa 6:23; 1 Yohannis 4:8) Warri kaanimmoo barumsa kanarraa faallaa ta’e kan barsiisan yommuu ta’u, matumaa Waaqayyoon sodaachuu akka qabnu hin dubbatan. Kanaa mannaa, Waaqayyo wanta hundaa akka heyyamuufi namni tokko akka barbaadetti yoo jiraate Waaqayyo akka isa simatu barsiisu. Kunis wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu miti.—Galaatiyaa 5:19-21.
2 Macaafni Qulqulluun Waaqayyoon akka sodaannu nu jajjabeessa. (Mul’ata 14:7) Dhugaan kunimmoo gaaffiiwwan tokko tokko akka ka’an godha. Waaqni jaalala-qabeessa ta’e akka isa sodaannu kan barbaadu maaliifi? Waaqayyo sodaa akkamii akka qabaannu barbaada? Waaqayyoon sodaachuun kan nu fayyadu akkamitti? Faarfannaa 34 qoruu keenya itti fufuudhaan gaaffiiwwan kanaaf deebii arganna.
Waaqayyoon Sodaachuu Kan Qabnu Maaliifi?
3. (a) Abboommii Waaqayyoon akka sodaannu nuu kennameef ilaalcha akkamii qabda? (b) Namoonni Yihowaa sodaatan gammadoo kan ta’an maaliifi?
3 Yihowaan Uumaa ta’uusaarrayyuu uumama cufarratti Olaantummaa kan qabu waan ta’eef sodaatamuu qaba. (1 Phexros 2:17) Haata’u malee, Waaqayyoon sodaachuu jechuun Waaqayyo gara-jabeessa akka ta’e yaaduudhaan sodaadhaan rom’uu jechuu miti. Kanaa mannaa, waa’ee eenyummaasaa yaaduu, ulfinaafi sodaa guddaa isaaf qabaachuu jechuudha. Kana malees isa gaddisiisuu sodaachuu jechuudha. Waaqayyoon sodaachuun bakki guddaan kennamuufii kan qabuufi jireenya keenyarratti dhiibbaa gaarii kan geessisu malee kan nama dhiphisu ykn kan nama rom’isiisu miti. “Waaqa gammadaa” kan ta’e Yihowaan ilmaan namootaa akka gammadan barbaada. (1 Ximotewos 1:11, NW) Gammadoo taanee jiraachuuf garuu ulaagaa inni baasee wajjin haala wal simuun jiraachuu qabna. Kana gochuufis namoonni baay’een akkaataa jireenyaasaanii jijjiiruu isaan barbaachiseera. Namoonni jijjiirama barbaachisaa ta’e hundaa godhan, jechi Faarfatichi akkas jechuudhaan dubbate dhugaa ta’uusaa ni hubatu: “Gaarummaan Waaqayyoo attam akka ta’e, isin miyeeffadhaa ilaalaa! Namni isatti kooluu gale haa gammadu! Warri Waaqayyoon sodaatan homaa hin dhaban. Kanaaf isin warri isaaf qulqullooftan isa safeeffadhaa!” (Faarfannaa 34:8, 9) Namoonni Yihowaa sodaatan hundi Isaa wajjin walitti dhufeenya gaarii waan qabaniif wanta bu’aa bara baraa isaaniif argamsiisu tokkollee hin dhaban.
4. Daawitis ta’e Yesus abdii akkamii kennaniiru?
4 Daawit namoota isaa wajjin turan ‘qulqulloota’ jedhee waamuudhaan akka isaan kabaje qalbeeffadhu. Namoonni kun saba Waaqayyoo warra qulqulluu turan. Kana malees, lubbuusaanii balaadhaaf saaxiluudhaan Daawit duukaa bu’aniiru. Saa’ol Mooticha jalaa baqachaa kan turan ta’anillee, Yihowaan wantoota isaan barbaachisu akka isaaniif guutu Daawit mirkanaa’aa ture. Akkas jechuudhaan barreesseera: “Leenci saafelli iyyuu in dhaba, in beela’as, warri Waaqayyoon barbaaddatan garuu waan gaarii tokko illee hin dhaban.” (Faarfannaa 34:10) Yesusis duuka buutotasaatiif abdii kanaa wajjin wal fakkaatu kennuudhaan Waaqayyo wanta isaan barbaachisu akka isaaniif guutu mirkaneesseera.—Maatewos 6:33.
5. (a) Duuka-buutota Yesus keessaa hedduunsaanii haala jireenyaa akkamii keessaa kan dhufan turan? (b) Yesus sodaa ilaalchisee gorsa akkamii kenne?
5 Namoota Yesusiin dhaggeeffachaa turan keessaa hedduunsaanii Yihudoota jireenya gad aanaa qabaniifi rakkatoo turan. Kanaan kan ka’es, Yesus “namoota akka hoolota tiksee hin qabneetti bututanii, gatamanii turan sana yommuu arge isaaniif oo’e.” (Maatewos 9:36) Namoonni harka qalleeyyii ta’an kun Yesus duukaa bu’uuf ija jabeeyyii ta’uu ni danda’uu? Kana gochuuf namoota utuu hin ta’in Yihowaa sodaachuu qabu. Yesus akkas jedhe: “Ani isinittan hima, isin ajjeesanii isa booddee isa irra kan hammaatu waan godhan warra hin qabne hin sodaatinaa. Sodaachuun kan isiniif ta’u isinittan mul’isa; erga ajjeesee booddee adaba bara baraatiif qililleetti darbachuudhaaf aboo isa qabu sodaadhaa; eyyee, isinittan hima isa sodaadhaa! Simbirroonni shan akka saantiima lamaatti in gurguramu mitii? Garuu isaan keessaa tokko iyyuu Waaqayyo duratti kan dagatamu hin jiru. Rifeensi mataa keessanii hundinuu iyyuu lakkaa’amaa dha; kanaafis hin sodaatinaa, isinoo simbirroota baay’ee irra guddaa in caaltu.”—Luqaas 12:4-7.
6. (a) Yesus jecha Kiristiyaanota jabeessu akkamii dubbateera? (b) Waaqayyoon sodaachuudhaan Yesusii wajjin kan wal gitu hin jiru kan jennu maaliifi?
6 Namoonni Yihowaa sodaatan diinonnisaanii Isa tajaajiluu akka dhaaban yommuu dhiibbaa isaanirraan ga’an gorsa Yesus isa akkas jedhu yaadachuu danda’u: “Eenyu illee namoota duratti eenyu akkan ta’e dhugaa ba’ee yoo mul’ise, anis ilmi namaa ergamoota Waaqayyoo duratti akkasuma dhugaa nan ba’aaf. Garuu namoota duratti kan na ganu, ergamoota Waaqayyoo duratti in ganama.” (Luqaas 12:8, 9) Jechoonni kun Kiristiyaanota, caalaadhumattimmoo Kiristiyaanota biyyoota waaqeffannaan dhugaa ittifame keessatti argaman ni jajjabeessu. Namoonni akkasii kun walga’iiwwaniifi tajaajilarratti of eeggannoodhaan Yihowaa jajuusaanii itti fufu. (Hojii Ergamootaa 5:29) Yesus Waaqayyoon ‘sodaachuudhaan’ fakkeenya gaarii nuu kaa’eera. (Ibroota 5:7, 1899) Raajiin waa’eesaa ilaalchisee dubbatame akkas jedha: “Hafuurri Waaqayyoo isa irra in buufata, innis . . . hafuura sodaa Waaqayyoo ti. Inni Waaqayyoon sodaachuutti in gammada.” (Isaayaas 11:2, 3) Kanaaf, faayidaa Waaqayyoon sodaachuun argamsiisu nu barsiisuuf Yesus caalaa ga’eessa kan ta’e hin jiru.
7. (a) Kiristiyaanonni afeerrii Daawit dhiheessee wajjin wal fakkaatuuf deebii kan kennan akkamitti? (b) Warri fakkeenya Daawit hordofuu kan danda’an akkamitti?
7 Namoonni fakkeenya Yesus hordofaniifi barumsasaatiif abboomaman hundi, afeerrii Daawit dhiheessee wajjin haala wal fakkaatuun waamicha akkas jedhu fudhachaa jiru jechuun ni danda’ama: “Kottaa, yaa ijoollee na dhaggeeffadhaa, ani immoo Waaqayyoon sodaachuu isin nan barsiisa.” (Faarfannaa 34:11) Namoonni isaa wajjin turan Daawitiin akka geggeessaasaaniitti waan ilaalaniif innimmoo “ijoolle” jedhee isaan waamuunsaa sirrii ture. Namoonni kun Yihowaa akka sodaatan kan gargaare yommuu ta’u, kunis tokkummaa akka qabaataniifi Waaqayyo biratti fudhatama akka argatan isaan gargaareera. Kun abbaafi haadha Kiristiyaanota ta’aniif fakkeenya gaarii mitii? Yihowaan ijoolleesaanii “adabaa fi barsiisa gooftaatiin” akka guddisan warraaf aboo kenneera. (Efesoon 6:4) Warri guyyaa guyyaan ijoolleesaanii wajjin wantoota hafuuraarratti mari’achuufi Macaafa Qulqulluu qayyabsiisuudhaan, ijoolleen Waaqayyoon sodaachuudhaan jireenya gammachiisaa akka jiraatan gargaaru.—Keessa Deebii 6:6, 7.
Waaqayyoon Akka Sodaannu Akkamitti Argisiisuu Dandeenya?
8, 9. (a) Waaqayyoon akka sodaannu argisiisuun keenya jireenya gammachuu qabu akka jiraannu kan nu gargaaru akkamitti? (b) Arraba ofii eeguun maal gochuu dabalata?
8 Akkuma dursee ibsame Yihowaa sodaachuun gammachuu nama hin dhabsiisu. Daawit akkas jechuudhaan gaafateera: “Nama nana, ati jireenya in hawwitaa? Waan gaariitti gammaduufis bara dheeraa jiraachuu in jaallattaa?” (Faarfannaa 34:12) Kanarraa hubachuun akka danda’amutti, jireenya dheeraa gammachuu qabu jiraachuufi wanta gaarii ta’e arguu yoo barbaanne Yihowaa sodaachuu qabna. “Waaqayyoon nan sodaadha” jedhanii dubbachuun salphaadha. Kana hojiidhaan argisiisuun garuu akka dubbatamu miti. Kanaaf, Daawit Waaqayyoon akka sodaannu akkamitti argisiisuu akka qabnu ibseera.
9 “Yoos arraba kee hamaattii, afaan kees sossoba dubbachuuttii eegi!” (Faarfannaa 34:13) Phexros Kiristiyaanonni jaalala obbolummaa akka walitti argisiisan erga gorsee booda, hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Faarfannaa 34rraa caqasuudhaan barreesseera. (1 Phexros 3:8-12) Arraba ofii waan hamaattii eeguu jechuun hama gadhee babal’isuurraa fagaachuu jechuudha. Kanaa mannaa yommuu warra kaanii wajjin haasofnu yeroo hundaa wanta nama jajjabeessu dubbachuuf yaalii goona. Kana malees ija jabeeyyii ta’uudhaan dhugaa dubbachuuf carraaqna.—Efesoon 4:25, 29, 31; Yaaqoob 5:16.
10. (a) Hamaarraa fagaachuu jechuun maal jechuu akka ta’e ibsi. (b) Wanta gaarii ta’e hojjechuun maalfaa dabalata?
10 “Wanta hamaattii fagaadhuu gaariis godhi! Nagaa barbaadii duukaas bu’i!” (Faarfannaa 34:14) Gochawwan Waaqayyo jibbu, jechuunis amala addaggummaa, fakkiiwwan saalqunnamtii argisiisan ilaaluurraa, hanna, hojii hafuura xuraa’aa, jal’ina, machiifi qoricha sammuu namaa hadoochurraa ni fagaanna. Bashannanawwan wantoota ciiggaasisoo ta’an argisiisan ilaaluurraa fagaanna. (Efesoon 5:10-12) Kanaa mannaa yeroo keenya wantoota gaarii ta’an hojjechuuf itti gargaaramna. Hojii gaariin hunda caalu waa’ee Mootummaa Waaqayyoo lallabuufi bartoota taasisuurratti yeroo hundaa hirmaachuudhaan namoonni fayyina akka argatan gargaaruudha. (Maatewos 24:14; 28:19, 20) Wanta gaarii ta’e hojjechuun, walga’iiwwan gumiitiif qophaa’uufi irratti argamuu, hojii addunyaa maratti hojjetamuuf buusii qarshii gochuu, Galma Mootummaa keenya qulqullinaan qabuufi Kiristiyaanota harka qalleeyyii ta’an gargaaruu dabalata.
11. (a) Daawit waa’ee nagaa ilaalchisee wanta dubbate hojiirra kan oolche akkamitti? (b) Gumii keessatti ‘nagaa barbaachuufi duukaa bu’uuf’ maal gochuu dandeessa?
11 Daawit nagaa duukaa bu’uudhaan fakkeenya gaarii ta’a. Saa’oliin ajjeesuuf al lama carraa argatee ture. Yeroo lamaanuu jal’inarraa kan fagaate yommuu ta’u, nagaa buusuuf jecha Saa’ol Mooticha karaa ulfina qabuun haasofsiiseera. (1 Saamu’el 24:8-11; 26:17-20) Yeroo har’aatti wanti nagaa gumii booressu yoo uumame maal gochuutu danda’ama? ‘Nagaa barbaachuufi duukaa bu’uudhaan hamaarraa fagaachuu’ qabna. Nagaan nama hidhata amantaa keenyaa ta’ee wajjin qabnu akka bade yoo hubanne gorsa Yesus: “Dhaqii obboleessa keetti dura araarami” jechuudhaan kenneef ni abboomamna. Kana booda bifa tajaajilaa waaqeffannaa dhugaa garabiraarratti hirmaachuu ni dandeenya.—Maatewos 5:23, 24; Efesoon 4:26.
Waaqayyoon Sodaachuun Eebba Guddaa Argamsiisa
12, 13. (a) Namoonni Waaqayyoon sodaatan yeroo ammaatti bu’aa akkamii argatu? (b) Waaqeffattoonni Yihowaa amanamoo ta’an yeroo dhihootti eebba akkamii argatu?
12 “Iji Waaqayyoo gara warra qajeelotaa in ilaala, gurri isaas gara iyya isaanii in dhaggeeffata.” (Faarfannaa 34:15) Seenaan wanta Waaqayyo Daawitiif godhe ibsu kun, jechoonni kun dhugaa ta’uusaanii mirkaneessa. Yeroo har’aatti Yihowaan akka nu ilaalu waan beeknuuf, gammachuu guddaafi nagaa qabna. Haalawwan nu dhiphisan keessatti kan argamnu taanullee, Yihowaan wantoota nu barbaachisan akka nuu guutu mirkanaa’oo ta’uu dandeenya. Akkuma raajiidhaan dursee dubbatame, Goog inni biyya Maagoog yeroo dhihootti Kiristiyaanota dhugaa hundaarratti waraana akka kaasuufi ‘guyyaan Yihowaa inni sodaachisaan’ akka dhihaate beekna. (Yo’el 2:11, 31; Hisqi’el 38:14-18, 21-23) Yeroo sanatti haalli akkamiiyyuu yoo nu mudate, jechoonni Daawit akkas jechuudhaan dubbate akka raawwataman mirkanaa’oo ta’uu dandeenya: “Yeroo warri qajeelonni gara isaatti iyyan, Waaqayyo in dhaga’a; inni rakkina isaanii hundumaa keessaas isaan in baasa.”—Faarfannaa 34:17.
13 Yeroo Yihowaan maqaasaa ol ol godhu arguun baay’ee kan nama gammachiisu mitii? Yeroo sanatti garaan keenya yeroo kamiyyuu caalaatti ulfinaafi sodaa guddaadhaan kan guutamu yommuu ta’u, mormitoota hundaarras salphinaafi badiisa guddaatu ga’a. “Warra hamaa hojjetan garuu seenaa isaanii lafa irraa balleessuudhaaf, Waaqayyo nyaara isaanitti in guura.” (Faarfannaa 34:16) Badiisa jalaa ooluudhaan addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufatetti galuun eebba guddaadha!
Abdiiwwan Jabaannee Akka Dhaabannu Nu Gargaaran
14. Rakkoowwan nurra ga’anillee, yaadawwan Caaffata Qulqullaa’oo jabaannee akka dhaabannu nu gargaaran kamfa’i?
14 Hanga yeroon sun ga’utti, biyya lafaa isa jibbaafi amala manca’aadhaan guutame keessa jiraachaa Yihowaadhaaf abboomamuu keenya itti fufuuf jabaannee dhaabachuu qabna. Waaqayyoon sodaachuun amala abboomamuu akka horannu nu gargaara. Kan jiraannu guyyoota gara dhumaa keessa waan ta’eef, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko rakkoowwan gammachuu isaan dhabsiisuufi abdii isaan kutachiisutu isaanirra ga’a. Haata’u malee, Yihowaatti yoo amanaman jabaatanii akka dhaabatan akka isaan gargaaru mirkanaa’oo ta’uu danda’u. Jechoonni Daawit akkas jechuudhaan ibse jajjabina dhugaa argamsiisu: “Waaqayyo warra garaan isaanii cabetti dhi’oo dha, warra yaadni isaanii caccabee bullaa’es in fayyisa.” (Faarfannaa 34:18) Itti fufuudhaanis yaada nama jajjabeessu kenneera: “Wanti hamaan nama qajeelaatti in baay’ata, Waaqayyo garuu kana hundumaa keessaa isa in baasa.” (Faarfannaa 34:19) Rakkoon akkamiiyyuu yoo nurra ga’e Yihowaan Waaqa jabaa waan ta’eef nu fura.
15, 16. (a) Daawit Faarfannaa 34 erga qindeessee booda wanta gaddisiisaa akkamii dhaga’e? (b) Yeroo rakkoon nurra ga’u jabaannee dhaabachuuf maaltu nu gargaaruu danda’a?
15 Daawit Faarfannaa 34 erga qindeessee yeroo muraasa booda, Saa’ol namoota mandara Nobiifi luboota hedduu akka ajjeese dhaga’e. Saa’ol aariidhaan tarkaanfii akkasii kan fudhate sababii inni gara mandara Nob dhaqeef akka ta’e yommuu yaadu Daawit baay’ee gaddeera! (1 Saamu’el 22:13, 18-21) Daawit gargaarsaaf kadhannaadhaan gara Yihowaatti akka dhihaateefi namoonni ‘qajeeloon’ gara fuulduraatti du’aa akka ka’an ilaalchisee abdiin kenname akka isa jajjabeesse homaa hin shakkisiisu.—Hojii Ergamootaa 24:15.
16 Har’as abdiin du’aa ka’uu nu jajjabeessa. Tarkaanfiin diinonni keenya nurratti fudhatan kamiyyuu miidhaa bara baraa nurraan ga’uu akka hin dandeenye beekna. (Maatewos 10:28) Daawit amantaa akkasii akka qabu jecha armaan gadiitiin ibseera: “Lafee dhagna isaa [nama qajeelaa] hundumaa inni in eega, isaan keessaas tokko illee hin cabu.” (Faarfannaa 34:20) Caqasni kun kallattiidhaan Yesusirratti raawwatameera. Yesus haala suukanneessaa ta’een ajjeefamus, lafeesaa keessaa tokkollee hin ‘cabsamne.’ (Yohannis 19:36) Karaa garabiraammoo Faarfannaan 34:20ni, Kiristiyaanonni dibamoonis ta’an ‘hoolonni kan biraa’ rakkoon akkamiiyyuu yoo isaanirra ga’e miidhaa bara baraa akka isaanirraan hin geenye nuu mirkaneessa. Jechi lafeensaanii hin cabu jedhu akka fakkeenyaatti kan dubbatamedha.—Yohannis 10:16.
17. Namoota qalbii hin geddaranneefi saba Yihowaa jibbuusaanii itti fufan maaltu eeggata?
17 Namoota hamoodhaaf garuu haallisaa kanarraa addadha. Yeroo dhihootti wanta hamaa facaasan haammatu. “Hamminni nama jal’aa in ajjeesa; warra nama qajeelaa jibbanittis yakki in murama.” (Faarfannaa 34:21) Namoonni saba Waaqayyoo mormuusaanii itti fufan hundi badiisatu isaanirra ga’a. Yommuu Yesus mul’atu “badiisa bara baraatiin in adabamu”—2 Tasaloniiqee 1:9.
18. ‘Tuutni sonaan baay’een’ yeroo ammatti furamaniiru jechuun kan danda’amu akkamitti? Gara fuulduraatti maal argatu?
18 Daawit faarfannaasaa akkas jechuudhaan xumureera: “Waaqayyo lubbuu hojjetoota isaa in fura, warra isatti kooluu galan keessaas tokkotti illee yakki hin muramu.” (Faarfannaa 34:22) Daawit Mootichi xumura bulchiinsasaa isa waggaa 40ffaatti, Waaqa “isa rakkina koo hundumaa keessaa na baase” jechuudhaan dubbateera. (1 Mootota 1:29) Namoonni akka Daawit Yihowaa sodaatan, yeroo dhihootti dogoggora sababii cubbuutiin raawwatanirraa akka furamaniifi rakkoowwan isaan mudatan hundaarraa akka oolan yommuu yaadatan ni gammadu. Yeroo ammaatti Kiristiyaanota dibamoo keessaa hedduunsaanii samiirratti badhaasasaanii argataniiru. ‘Tuutni sonaan baay’een’ gosa gara garaa keessaa walitti qabamanimmoo, obboloota Yesus warra hafanii wajjin ta’anii Waaqayyoon tajaajilaa kan jiran yommuu ta’u, dhiigni Yesus inni dhangala’e furii ta’uuf humna guddaa akka qabu waan amananiif Yihowaa duratti yaada garaa qullaa’aa qabu. Kunis kan ta’u aarsaan furii Yesus humna guddaa akka qabu waan amananiifidha. Namoonni kun Bulchiinsa Yesus isa Waggaa Kuma tokkoo yeroo dhihootti dhufu jalatti aarsaa furii Yesusirraa guutummaatti waan fayyadamaniif, sadarkaa gonkummaarra ga’u.—Mul’ata 7:9, 14, 17; 21:3-5.
19. Miseensonni “tuuta sonaan baay’ee” murtoo akkamii godhaniiru?
19 Waaqeffattoonni Yihowaa “tuuta sonaan baay’ee” ta’an eebba kana hundaa kan argatan maaliifi? Dinqisiifannaa guddaadhaan Yihowaa waan tajaajilaniif, ulfinaan isaaf ajajamuudhaan akka isa sodaatan argisiisuusaanii itti fufuuf waan murteessaniifidha. Dhugumayyuu, Waaqayyoon sodaachuun keenya yeroo ammaatti jireenya gammachuu qabu, addunyaa haaraa Waaqayyo fidu keessattimmoo “jireenya dhugaa,” jechuunis jireenya bara baraa akka argannu nu gargaara.—1 Ximotewos 6:12, 18, 19; Mul’ata 15:3, 4.
Ni Yaadattaa?
• Waaqayyoon sodaachuu kan qabnu maaliifi? Isa sodaachuu jechuun maal jechuudha?
• Waaqayyoon sodaachuun amala keenyarratti jijjiirama akkamii fiduu qaba?
• Waaqayyoon sodaachuun eebba akkamii argamsiisa?
• Jabaannee akka dhaabannu kan nu gargaaran abdiiwwan akkamiiti?