MATA DUREE QOʼANNAA 7
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Keerraa Caalaatti Fayyadami
“Akkamitti hubatta?”—LUQ. 10:26.
FAARFANNAA 97 Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa
QABIYYEEa
1. Yesuus Kitaabota Qulqulluudhaaf iddoo guddaa akka kennu kan argisiise akkamitti?
YESUUS yeroo barsiisu dhaggeeffachuun miira akkamii akka namatti uumu mee yaadi. Yesuus yeroo baayʼee caqasoota Kitaabota Qulqulluu sammuu isaatti qabate dubbata ture. Wanti cuuphamee utuu baayʼee hin turin dubbatee fi duʼuu isaa yeroo muraasa dura dubbate Kitaabota Qulqulluurraa kan fudhatamanidha.b (Kes. 8:3; Far. 31:5; Luq. 4:4; 23:46) Waggaa sadii fi walakkaa lafarratti tajaajilaa ture keessatti yeroo baayʼee namoota duratti Kitaabota Qulqulluurraa dubbisaa fi caqasaa, akkasumas wanta dubbisu ibsaa ture.—Mat. 5:17, 18, 21, 22, 27, 28; Luq. 4:16-20.
2. Yesuus xinnummaa isaatii kaasee Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beekuuf maaltu isa gargaare? (Fakkii qola isaarra jiru ilaali.)
2 Yesuus tajaajila isaa jalqabuu isaa yeroo dheeraa durayyuu, Dubbii Waaqayyoo irra deddeebiʼee dubbisaa fi dhagaʼaa ture. Mana keessatti Maariyaamii fi Yoseef haasaa isaanii keessatti Kitaabota Qulqulluurraa yeroo caqasan dhagaʼee akka ture hin shakkisiisu.c (Kes. 6:6, 7) Kana malees, torban torbaniin guyyaa Sanbataatti maatii isaa wajjin gara mana sagadaa akka dhaqu beekamaadha. (Luq. 4:16) Achitti Kitaabota Qulqulluurraa yeroo dubbifamu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatee taʼuu qaba. Boodammoo, Kitaabota Qulqulluu ofii isaatiin dubbisuu barateera. Kanaan kan kaʼes, Yesuus Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beekuu qofa utuu hin taʼin, jaallachuu fi gocha isaarratti dhiibbaa akka godhanis heyyamuu dandaʼeera. Fakkeenyaaf, wanta Yesuus yeroo umuriin isaa waggaa 12 turetti mana qulqullummaa keessatti uumame yaadadhu. Barsiisonni Seera Musee akka gaariitti beekan “hubannaa fi deebii [Yesuus] kennu baayʼee dinqisiifatu turan.”—Luq. 2:46, 47, 52.
3. Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
3 Nutis yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu kan dubbisnu yoo taʼe Dubbii Waaqayyoo beekuu fi jaallachuu dandeenya. Maarree, wanta dubbisnurraa caalaatti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti? Wanta Yesuus barreessitoota seeraa, Fariisotaa fi Saduuqota dabalatee namoota Seericha beekaniin jedherraa barumsa argachuu dandeenya. Geggeessitoonni amantaa kun yeroo baayʼee Kitaabota Qulqulluu kan dubbisan taʼus, wanta dubbisanirraa faayidaa hin arganne. Yesuus wantoota namoonni kun Kitaabota Qulqulluurraa fayyadamuuf gochuu qaban sadii caqaseera. Wanti Yesuus isaaniin jedhe dandeettii (1) wanta dubbisnu hubachuuf, (2) dhugaawwan gatii guddaa qaban argachuuf, akkasumas (3) Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuuf qabnu guddifachuuf nu gargaara.
HUBACHUUF DUBBISI
4. Luqaas 10:25-29 Dubbii Waaqayyoo dubbisuu ilaalchisee maal nu barsiisa?
4 Wanti Dubbii Waaqayyoorraa dubbisnu hiika akkamii akka qabu hubachuu barbaanna. Taʼuu baannaan, wanta dubbisnurraa faayidaa guutuu argachuu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, marii Yesuus “nama Seericha beeku tokko” wajjin godhe haa ilaallu. (Luqaas 10:25-29 dubbisi.) Namichi kun jireenya bara baraa argachuuf maal gochuu akka qabu yeroo isa gaafatu Yesuus deebii isaa Dubbii Waaqayyoorraa akka argatu isa gargaareera. Yesuus, “Seericha keessatti kan barreeffame maali dha? Ati hoo akkamitti hubatta?” jedhee isa gaafate. Namichis caqasa waaʼee Waaqayyoon jaallachuu fi nama jaallachuu ibsu caqasuudhaan deebii sirrii kennuu dandaʼeera. (Lew. 19:18; Kes. 6:5) Garuu namichi itti fufuudhaan, “Nama isa kam?” jechuu isaa yaadadhu. Karaa kanaan wanta dubbise sirriitti akka hin hubanne argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, namichi kun wanta Kitaabota Qulqulluurraa dubbisu karaa sirrii taʼeen akkamitti hojiirra akka oolchu hin beekne.
Wanta dubbisnu hubachuu ni dandeenya
5. Kadhannaanii fi suuta dubbisuun wanta dubbisnu caalaatti hubachuuf kan nu gargaaru akkamitti?
5 Barsiifata dubbisuu gaarii taʼe yoo qabaanne Dubbii Waaqayyoo caalaatti hubachuu dandeenya. Yaadawwan gama kanaan si gargaaran kanatti aansanii ibsamaniiru. Dubbisuu jalqabuu kee dura kadhadhu. Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsi Yihowaa waan nu barbaachisuuf, wanta dubbisaa jirrurratti xiyyeeffachuuf akka nu gargaaruuf hafuura isaa akka nuuf kennu isa kadhachuu dandeenya. Achiis suuta jedhii dubbisi. Akkas gochuun kee wanta dubbistu hubachuuf si gargaara. Sagalee kee ol kaastee dubbisuun ykn Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qophaaʼe dhaggeeffachaa faana dubbisuun si fayyaduu dandaʼa. Isa sagaleedhaan qophaaʼe dhaggeeffachaa dubbisuun kee Dubbii Waaqayyoo caalaatti hubachuuf, yaadachuu fi irraa barachuuf si gargaara. (Iya. 1:8) Dubbisa kee erga xumurtee boodammoo, Kitaaba Qulqulluu waan sii kenneef Yihowaa galateeffachuuf, akkasumas wanta dubbiste hojiirra oolchuuf akka si gargaaru gaafachuuf irra deebiʼii kadhadhu.
6. Yeroo dubbistu gaaffilee of gaafachuun kee fi yaadannoo gabaabaa qabachuun kee kan si fayyadu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
6 Yaadawwan lamaan kanatti aansuudhaan ibsamanis wanta Kitaaba Qulqulluurraa dubbistu caalaatti hubachuuf si gargaaru. Wanta dubbistu ilaalchisee gaaffii of gaafadhu. Seenaa tokko yeroo dubbistu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Waaʼee eenyuu dubbachaa jira? Dubbachaa kan jiru eenyu? Eenyutti dubbachaa jira? Maaliif? Yoomii fi eessatti?’ Gaaffileen akkasii qabxiilee ijoorratti yaaduu fi qabxiilee sana hordofuuf si gargaaru. Akkasumas, yeroo dubbistu yaadannoo gabaabaa qabadhu. Wanta dubbisaa jirtu yeroo barreessitu caalaatti irratti yaadda, kunimmoo wanta dubbistu hubachuuf si gargaara. Barreessuun kee wanta dubbiste yaadachuufis si gargaara. Tarii gaaffilee irratti yaadde, yaada yeroo qorannaa gootu argatte, qabxiilee ijoo, wanta dubbiste hojiirra oolchuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ykn miira sitti dhagaʼame barreessuu dandeessa. Yaadannoo akkasii qabachuun kee Dubbii Waaqayyoo akka ergaa dhuunfaatti siif ergametti ilaaluuf si gargaara.
7. Yeroo dubbisnutti amalli qabaachuun nu barbaachisu tokko maalidha? Maaliif? (Maatewos 24:15)
7 Yesuus amala yeroo Dubbii Waaqayyoo dubbisnutti qabaachuun nu barbaachisu tokko adda baasee ibseera; innis hubannaadha. (Maatewos 24:15 dubbisi.) Hubannaan maalidha? Hubannaan dandeettii yaanni tokko yaada kan biraa wajjin akkamitti akka wal qabatuu fi garaa garummaa akkamii akka qabu beekuuf, akkasumas yaada ifatti hin mulʼanne ilaaluuf nu gargaarudha. Kana malees, akkuma Yesuus dubbatetti taʼeewwan raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamu godhan adda baafachuuf hubannaa qabaachuun nu barbaachisa. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu wanta dubbisnurraa faayidaa guutuu argachuufis amala kana qabaachuun nu barbaachisa.
8. Hubannaadhaan dubbisuu kan dandeenyu akkamitti?
8 Yihowaan tajaajiltoota isaatiif hubannaa ni kenna. Kanaafuu, amala kana guddifachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. (Fak. 2:6) Garuu, tarkaanfii kadhannaa kee wajjin wal simu fudhachuu kan dandeessu akkamitti? Wanta dubbisturratti of eeggannoodhaan yaadi, akkasumas wantoota beektu kan biroo wajjin akkamitti akka wal qabatu hubachuuf yaali. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran kan akka Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe jedhamuu jiran fayyadamuun kee gama kanaan si gargaara. Barreeffamoonni kun hiika caqasni Kitaaba Qulqulluu tokko qabu hubachuu fi jireenya kee keessatti akkamitti hojiirra oolchuu akka dandeessu beekuuf si gargaaru. (Ibr. 5:14) Hubannaadhaan yeroo dubbistu Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee beekumsi qabdu ni guddata.
DHUGAAWWAN GATII GUDDAA QABAN ARGACHUUF DUBBISI
9. Dhugaa barbaachisaan Saduuqonni dagatan isa kami?
9 Saduuqonni kitaabota Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa jalqabaa shanan akka gaariitti beeku turan; taʼus, dhugaawwan barbaachisoo kitaabota kana keessatti argaman dagataniiru. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo Saduuqonni waaʼee duʼaa kaʼuu isa gaafatanitti deebii akkamii akka isaaniif kenne haa ilaallu. Yesuus, “Kitaaba Musee keessaa, seenaa waaʼee harangamaa bobaʼuu dubbatu irratti Waaqayyo, ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoobi’ akka isaan jedhe hin dubbisnee?” jedhee isaan gaafate. (Mar. 12:18, 26) Saduuqonni yaada kana yeroo baayʼee akka dubbisan hin shakkisiisu; taʼus, gaaffiin Yesuus isaan gaafate dhugaa Kitaabota Qulqulluu barbaachisaa taʼe tokko, jechuunis barumsa waaʼee duʼaa kaʼuu dubbatu akka dagatan saaxileera.—Mar. 12:27; Luq. 20:38.d
10. Yeroo dubbisnu wanta akkamiitiif xiyyeeffannaa kennuu qabna?
10 Nuti kanarraa maal baranna? Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu barumsa caqasa ykn seenaa tokkorraa argannuuf xiyyeeffannaa kennuu barbaanna. Barumsawwan buʼuuraa qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan gadi fageenya qabanii fi salphaatti hin argamnes hubachuu barbaanna.
11. Kitaaba Qulqulluu keessaa dhugaawwan gatii guddaa qaban argachuuf yaada 2 Ximotewos 3:16, 17 irratti argamu fayyadamuu kan dandeessu akkamitti?
11 Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbistu dhugaawwan gatii guddaa qaban adda baafachuu kan dandeessu akkamitti? Mee 2 Ximotewos 3:16, 17 maal akka jedhu haa ilaallu. (Dubbisi.) “Kitaabonni Qulqulluun hundi” (1) barsiisuuf, (2) balleessaa hubachiisuuf, (3) wanta hundumaa sirreessuuf, akkasumas (4) leenjisuuf akka fayyadan hubadhu. Kitaabota Kitaaba Qulqulluu yeroo baayʼee itti hin fayyadamnerraallee faayidaawwan arfan kana argachuu dandeessa. Seenaan dubbistu waaʼee Yihowaa, waaʼee kaayyoo isaa ykn waaʼee qajeelfamoota isaa maal akka si barsiisu irratti yaadi. Balleessaa hubachiisuuf kan gargaaru akkamitti akka taʼes yaadi. Caqasoonni dubbistu fedhii fi ilaalcha dogoggoraa adda baafachuu fi irraa fagaachuuf, akkasumas amanamummaa kee eegdee jiraachuuf kan si gargaaran akkamitti akka taʼe hubachuudhaan kana gochuu dandeessa. Ilaalcha dogoggoraa tajaajilarratti si mudatu sirreessuuf yaada dubbiste sanatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti akka taʼes qorannaa gochuu dandeessa. Caqasoonni sun ilaalcha Yihowaan qabu qabaachuuf kan si leenjisan akkamitti akka taʼes hubachuuf yaali. Faayidaawwan arfan kana yommuu sammuutti qabattu dhugaawwan gatii guddaa qabanii fi dubbisa Kitaaba Qulqulluu keerraa caalaatti fayyadamuuf si gargaaran argatta.
WANTI DUBBISTU JIREENYA KEERRATTI JIJJIIRAMA AKKA FIDU HEYYAMI
12. Yesuus, “Hin dubbisnee?” jedhee Fariisota kan gaafate maaliifi?
12 Yesuus ilaalcha dogoggoraa Fariisonni Kitaabota Qulqulluudhaaf qaban saaxiluufis, “Hin dubbisnee?” jedhee isaan gaafateera. (Mat. 12:1-7)e Yeroo sanatti Fariisonni barattoonni Yesuus seera Sanbataa akka cabsan dubbachaa turan. Yesuusis fakkeenyota Kitaaba Qulqulluu lamaa fi caqasa kitaaba Hosee keessatti argamu tokko caqasuudhaan Fariisonni seerri Sanbataa kan kenname maaliif akka taʼe akka hin hubannee fi kanaan kan kaʼes gara laafina utuu hin argisiisin akka hafan dubbateera. Namoonni kun wanti Dubbii Waaqayyoorraa dubbisan jireenya isaaniirratti jijjiirama kan hin fidne maaliifi? Sababiin isaas, kan dubbisan warra kaan ittiin qeequuf, akkasumas of tuulummaadhaan kakaʼaniiti. Ilaalchi isaanii kun wanta dubbisan akka hin hubanne gufuu isaanitti taʼeera.—Mat. 23:23; Yoh. 5:39, 40.
13. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu ilaalcha akkamii qabaachuu qabna? Maaliif?
13 Wanta Yesuus dubbate kanarraa yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnu ilaalcha sirrii qabaachuun akka nu barbaachisu baranna. Fariisotarraa haala adda taʼeen gad of qabuudhaan barachuuf fedhii qabaachuu qabna. ‘Dubbicha isa nu keessa dhaabame garraamummaadhaan fudhachuu’ qabna. (Yaq. 1:21) Garraamii yoo taane, Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya keessatti hidda akka fageeffatu ni heyyamna. Barumsi Kitaaba Qulqulluu waaʼee araaraa, gara laafinaa fi jaalalaa dubbatu jireenya keenyarratti jijjiirama fiduu kan dandaʼu warra kaan qeequu fi of tuuluurraa yoo fagaanne qofadha.
14. Kitaabni Qulqulluun jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu akka heyyamne beekuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
14 Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu yoo heyyamne akkaataa warra kaan itti qabnurratti ni mulʼata. Fariisonni Dubbiin Waaqayyoo garaa isaanii akka tuqu waan hin heyyamneef, ‘namoota balleessaa hin qabne ni balaaleffatu’ turan. (Mat. 12:7) Haaluma wal fakkaatuun, ilaalchi warra kaaniif qabnuu fi akkaataan itti isaan qabnu Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuu fi dhiisuu keenya argisiisa. Fakkeenyaaf, yeroo baayʼee waaʼee warra kaanii kan dubbannu wanta gaarii isaanirratti arginemoo dadhabina isaaniiti? Gara laafeyyii taʼuudhaan warra kaaniif dhiifama gochuuf qophaaʼoo taanamoo, warra kaan qeequu fi haaloo qabachuutu nutti salphata? Karaa kanaan of qoruun keenya wanti dubbisnu yaada, miiraa fi gocha keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuu fi dhiisuu keenya hubachuuf nu gargaara.—1 Xim. 4:12, 15; Ibr. 4:12.
KITAABA QULQULLUU DUBBISUUN GAMMACHUU ARGAMSIISA
15. Yesuus Kitaabota Qulqulluudhaaf miira akkamii qaba ture?
15 Yesuus Kitaabota Qulqulluudhaaf jaalala guddaa qaba, miirri isaa kunis Faarfannaa 40:8 irratti raajiidhaan ibsameera. Caqasichi akkana jedha: “Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa. Seerri kees garaa koo keessa jira.” Kanaan kan kaʼes, tajaajila Yihowaarratti gammachuu fi milkaaʼina argachuu dandaʼeera. Nutis Dubbiin Waaqayyoo garaa keenya akka tuqu gochuuf carraaqqii yoo goone gammachuu fi milkaaʼina argachuu dandeenya.—Far. 1:1-3.
16. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu keerraa caalaatti faayidaa argachuuf maal goota? (Saanduqa, “Wanti Yesuus Dubbate Wanta Dubbistu Hubachuuf Si Gargaara” jedhu ilaali.)
16 Wanta Yesuus dubbatee fi fakkeenya isaa hordofuudhaan dandeettii Kitaaba Qulqulluu dubbisuurratti qabnu haa fooyyeffannu. Kadhannaa dhiheessuudhaan, suuta jennee dubbisuudhaan, gaaffii of gaafachuudhaan, akkasumas yaadannoo gabaabaa qabachuudhaan ergaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti hubachuu dandeenya. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanitti gargaaramnee wanta dubbisnerratti of eeggannoodhaan yaaduudhaan dandeettii hubannaa keenyatti fayyadamuu dandeenya. Caqasoota baayʼee hin beekne dabalatee seenaawwan Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu dhugaawwan gatii guddaa qaban argachuuf yaaluudhaan dubbisa keenyarraa caalaatti fayyadamuu dandeenya. Kana malees, yeroo dubbisnu ilaalcha sirrii qabaachuudhaan Dubbiin Waaqayyoo jireenya keenyarratti jijjiirama akka fidu heyyamuu dandeenya. Wantoota kana gochuuf carraaqqii yoo goone dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyarraa caalaatti fayyadamuu fi caalaatti Yihowaatti dhihaachuu dandeenya.—Far. 119:17, 18; Yaq. 4:8.
FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira
a Tajaajiltoonni Yihowaa hundi Dubbii isaa guyyaa guyyaadhaan dubbisuuf carraaqqii godhu. Namoonni kan biroon hedduunis Kitaaba Qulqulluu ni dubbisu; taʼus, wanta dubbisan hubachuun isaanitti ulfaata. Bara Yesuusittis namoonni akkasii jiru turan. Wanta Yesuus namoota Dubbii Waaqayyoo dubbisaniin jedhe qoruudhaan barumsa dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenyarraa caalaatti fayyadamuuf nu gargaaru arganna.
b Haala isaarraa hubachuun akka dandaʼamutti Yesuus yeroo cuuphamettii fi hafuura qulqulluudhaan dibametti, jireenya isaa isa samii yaadachuu dandaʼeera.—Mat. 3:16.
c Maariyaam Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beekti turte, yeroo baayʼees irraa caqasteetti. (Luq. 1:46-55) Yoseefii fi Maariyaam garagalchiiwwan Kitaabota Qulqulluu bitachuu waan dandaʼan hin fakkaatu. Kanaafuu, mana sagadaa keessatti Dubbiin Waaqayyoo yeroo dubbifamu yeroo boodas yaadachuu akka dandaʼaniif xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffatanii taʼuu qaba.
d Masaraa Eegumsaa Ebla 1, 2013 irraa mata duree, “Waaqayyotti Dhihaadhu—‘Inni Waaqa Warra Jiraataati’” jedhu ilaali.
e Maatewos 19:4-6s ilaali; Yesuus achirratti Fariisota, “Hin dubbisnee?” jedhee gaafateera. Fariisonni sun seenaa waaʼee uumamaa ibsu kan dubbisan taʼus, barumsa seenaan kun ilaalcha Waaqayyo gaaʼelaaf qabu ilaalchisee barsiisu garuu dagataniiru.
f IBSA FAKKII: Galma Walgaʼii keessatti walgaʼiirratti obboloota kutaa sagalee keessatti hojjetan keessaa tokko dogoggora tokko tokko raawwachaa jira. Taʼus, walgaʼicha booda obboloonni dogoggora isaarratti xiyyeeffachuu mannaa, carraaqqii isaatiif isa galateeffachaa jiru.