Isin Hojii Adeemsiftoota Amanamoodha!
“Isin kan ofii keessanii miti.”—1 QOR. 6:19.
MAAL JETTEE DEEBISTA?
Namoonni bara durii hojii adeemsiftoota taʼan gaʼee akkamii qabu turan?
Hojii adeemsiftoonni Waaqayyoo hundi itti gaafatamummaa akkamii qabu?
Itti gaafatamummaa hojii adeemsiftuu akka taanu nutti kennameef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
1. Biyyi lafaa garbummaadhaaf ilaalcha akkamii qaba?
GARA waggaa 2,500 dura, lammiin Giriikii diraamaa barreessu tokko, “Namni jaalalasaatiin waanjoo garbummaa baatu hin jiru” jedhee ture. Yeroo harʼaa namoonni baayʼeen yaada kanarratti walii galu. Namoonni garboota taʼan hacuuccaa jala kan jiran yommuu taʼu, hojiin isaan hojjetaniis taʼe aarsaan isaan kaffalan ofiisaaniitiif utuu hin taʼin, warra isaan bulchaniif faayidaa kan argamsiisudha.
2, 3. (a) Tajaajiltoonni ykn garboonni Yesus itti gaafatamummaa akkamii qabu? (b) Hojii adeemsiftuu amanamaa ilaalchisee gaaffiiwwan akkamii qorra?
2 Haataʼu malee, Yesus bartoonnisaa gad of deebisuudhaan tajaajiltoota ykn garboota taʼuu akka qaban dubbateera. Taʼus, garbummaan Kiristiyaanota dhugaa wajjin haala walqabateen caqasame kun, kan namaa gad nama godhu ykn kan nama hacuucu miti. Kiristiyaanonni garboota taʼan kun, itti gaafatamummaa guddaan amanamummaa gaafatu kan kennamuuf siʼa taʼu kabajas ni argatu. Fakkeenyaaf, wanta Yesus duʼuusaa yeroo muraasa dura “hojjetaa” tokko ilaalchisee dubbate hubadhaa. Kiristos ‘garbicha amanamaafi ogeessa,’ (hiika bara 1899) tokkoof itti gaafatamummaa akka kennu raajii dubbatee ture.—Mat. 24:45-47.
3 Kutaa Macaafa Qulqulluu garabiraa keessatti hojjetaan kun “hojii adeemsiftuu” jedhamuunsaa xiyyeeffannaa namaa kan harkisudha. (Luqaas 12:42-44 dubbisi.) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiran hedduun kutaa hojii adeemsiftuu amanamaa taʼe kanaa miti. Haataʼu malee, Macaafni Qulqulluun namoonni Waaqayyoon tajaajilan hundi hojii adeemsiftootasaa akka taʼan ibsa. Hojii adeemsiftuu taʼuun itti gaafatamummaa akkamii dabalata? Itti gaafatamummaa kana akkamitti ilaaluu qabna? Deebii gaaffiiwwan kanaa beekuuf hojii adeemsiftoonni bara durii gaʼee akkamii akka qaban haa ilaallu.
GAʼEE HOJII ADEEMSIFTOONNI QABAN
4, 5. Hojii adeemsiftuun bara durii tokko itti gaafatamummaa akkamii qaba? Fakkeenya kenni.
4 Bara durii, yeroo baayʼee namni hojii adeemsiftuu jedhamu tokko garba amanamaa, mana ykn hojii gooftaasaa akka toʼatuuf muudamu ture. Namoonni hojii adeemsiftoota taʼan, aboo guddaa kan qaban siʼa taʼu, mana, qarshiifi garboota garabiraa toʼachuuf itti gaafatamummaa qabu turan. Kun dhugaa taʼuusaa haala Eliiʼezaar isa qabeenya Abrahaam hedduu akka toʼatu hadaraan itti kennamerraa hubachuu dandeenya. Gara Mesophotaamiyaa dhaqee ilmasaa Yisihaqiif haadha manaa akka barbaadu Abrahaam kan ergee Eliiʼezaariin taʼuu hin oolu. Kun itti gaafatamummaa guddaadha!—Uma. 13:2; 15:2; 24:2-4.
5 Akaakilii Abrahaam kan taʼe Yoseef qabeenya Phoxiifaar akka bulchu itti gaafatamummaan kennameefii ture. (Uma. 39:1, 2) Yeroo boodas Yoseef, nama “hojii mana [isaa] adeemsisu” muudeera. Hojii adeemsiftuun kun, obboloota Yoseef kurnaan keessumsiisuuf qophii godhee ture. Namni kun ajaja Yoseefiin dhimma xoofoo “hatamee” wajjin walqabate qindeesseera. Kanarraa ifatti hubachuun akka dandaʼamutti hojii adeemsiftuun tokko itti gaafatamummaa amanamummaa guddaa gaafatu qaba.—Uma. 43:19-25; 44:1-12.
6. Jaarsoliin Kiristiyaanaa hojii adeemsiftuu taʼan itti gaafatamummaa garaagaraa akkamii qabu?
6 Jaarraa hedduu booda Phaawulos ergamaan, Kiristiyaanonni ilaaltota olaanaa taʼan ‘hojii Waaqayyoo akka adeemsisan’ barreessee ture. (Tit. 1:7) Jaarsoliin qajeelfama kennuufi gumii geggeessuudhaan “karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isaanitti kenne” akka eeganiif muudamaniiru. (1 Phe. 5:1, 2) Itti gaafatamummaan isaan qaban garaagara akka taʼe beekamaadha. Fakkeenyaaf, yeroo harʼaa jaarsoliin Kiristiyaanaa hedduun gumii tokko qofa tajaajilu. Daawwattoonni olaanaa gumii hedduu tajaajilu. Miseensonni Koree Waajjira Dameemmoo, gumiiwwan biyya tokko keessa jiran hunda tajaajilu. Hundisaanii ‘waan hojjetan Waaqayyotti himuuf’ waan jiraniif itti gaafatamummaasaanii amanamummaadhaan akka raawwatan isaanirraa eegama.—Ibr. 13:17.
7. Kiristiyaanonni hundi hojii adeemsiftoota jedhamuu akka dandaʼan akkamitti beekna?
7 Kiristiyaanonni amanamoon jaarsolii hin taane hedduunoo? Phexros ergamaan Kiristiyaanota hundaaf ergaa, “Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaa garaa hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waaʼee baasutti ittiin haa hojjetu” jedhu barreessee ture. (1 Phe. 1:1; 4:10) Waaqayyo hundi keenya namoota hidhata amantii keenyaa akka ittiin tajaajilluuf, kennaawwan kanneen akka qabeenyaafi dandeettii uumamaa nuu kenneera. Kanaaf namoonni Waaqayyoon tajaajilan hundi hojii adeemsiftoota siʼa taʼan, kunimmoo kabaja isaaniif argamsiisuu qofa utuu hin taʼin, itti gaafatamummaa amanamoo taʼuu gaafatus kan isaanitti fidudha.
NUYI KAN WAAQAYYOOTI
8. Seerri buʼuuraa barbaachisaa taʼeefi yaadachuu qabnu kamidha?
8 Kanatti aansuudhaan seera buʼuuraa hojii adeemsiftoota taʼuudhaan hordofuu qabnu sadii qorra. Tokkoffaa: Hundi keenya kan Waaqayyooti; isa durattis itti gaafatamummaa qabna. Phaawulos, “isin kan ofii keessanii miti. Waaqayyo gatiidhaan,” jechuunis dhiiga Kiristos isa aarsaa taʼeen “isin bitate” jedheera. (1 Qor. 6:19, 20) Nuyi kan Yihowaa waan taaneef, abboommiiwwansaa warra baʼaa ulfaatoo hin taane eeguuf dirqamni nurra jira. (Rom. 14:8; 1 Yoh. 5:3) Kana malees, garboota Kiristos taaneerra. Akkuma hojii adeemsiftoota bara durii mirga hedduu kan qabnu taʼus, mirgi keenya daangeffamaadha. Qajeelfama nuu kenname hordofuudhaan itti gaafatamummaa keenya raawwachuu qabna. Mirgi tajaajilaa qabnu maaliyyuu yoo taʼe, garboota Waaqayyoofi Kiristos taʼuu keenya yaadachuu qabna.
9. Yesus gooftaan tokko garbasaarraa maal akka barbaadu fakkeenyaan kan ibse akkamitti?
9 Yesus, gooftaan tokko garbasaarraa maal akka barbaadu akka hubannu nu gargaareera. Yeroo tokko waaʼee garba ykn hojjetaa guyyaa guutuu hojjechaa oolee gara manaatti gale tokkoo bartootasaatti himeera. Gooftaansaa, “As taaʼii nyaata nyaadhu” isaan jedhee turee? Lakki. Kanaa mannaa, “Nyaata qopheessii anaaf dhiʼeessi, hamma ani nyaadhee dhugutti wayyaa kee marxifadhuu anaaf ergami! Kana booddee atis in nyaatta in dhugda” isaan jedhe. Yesus fakkeenya kana bartootasaatiif kan ibse akkamitti? “Isinis immoo kan itti ajajamtan hundumaa yommuu raawwattan, ‘Hojjechuun kan nu irra jiru duwwaa waan hojjenneef, galateeffamuun nuuf hin taʼu’ jedhaa!” isaaniin jedheera.—Luq. 17:7-10.
10. Yihowaan carraaqqii nuti isa tajaajiluuf goonu akka dinqisiifatu kan argisiisu maalidha?
10 Dhugaadha, Yihowaan carraaqqii nuti isa tajaajiluuf goonu ni dinqisiifata. Macaafni Qulqulluun, “Waaqayyo hojii keessanii fi isa jaallachuu keessan . . . hin irraanfatu” jechuudhaan nuu mirkaneessa. (Ibr. 6:10) Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nurraa hin eegu. Kana malees, wanti inni akka raawwannu nu gaafatu faayidaa guddaa kan nuuf argamsiisuufi matumaa baʼaa ulfaataa kan nutti hin taanedha. Taʼus, akkuma fakkeenya Yesus dubbaterratti ibsame garbichi tokko fedhiisaa dursuudhaan of hin gammachiisu. Fakkeenyi kun, Waaqayyoof yommuu of murteessinu, jireenya keenya keessatti fedhiisaa dursuu akka filanne argisiisa. Atoo kanarratti walii hin galtuu?
YIHOWAAN HUNDA KEENYARRAA MAAL BARBAADA?
11, 12. Hojii adeemsiftoota waan taaneef amala akkamii qabachuu qabna? Amala akkamiirraammoo fagaachuu qabna?
11 Seera buʼuuraa lammaffaa: Hojii adeemsiftoota waan taaneef hundi keenya seera buʼuuraa walfakkaatuun geggeeffamna. Itti gaafatamummaan gumii keessa jiru tokko tokko namoota muraasaaf akka kennamu beekamaadha. Haataʼu malee, wanti Waaqayyo hunda keenyarraa eegu kan wal fakkaatudha. Fakkeenyaaf, bartoota Kiristosiifi Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef, akka wal jaallannu abboomamneerra. Yesus, jaalalli Kiristiyaanota dhugaa adda baasee akka beeksisu dubbatee ture. (Yoh. 13:35) Taʼus, jaalala kan argisiisnu obboloota keenya qofatti miti. Namoota hidhata amantii keenya hin taanettis jaalala argisiisuuf carraaqqii goona. Kun wanta hundi keenya gochuu dandeenyuufi gochuus qabnudha.
12 Amala gaarii qabaachuunis nurraa eegama. Amalaafi akkaataa jireenyaa Dubbiin Waaqayyoo dhowwurraa fagaachuu barbaanna. Phaawulos, “Warri halaleen, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri ejjan, warri gadhaaʼan, warri nama gadhoomsanis, warri hatan, warri sassatan, warri machaaʼan, warri maqaa namaa balleessan, warri nama saamanis matumaa mootummaa Waaqayyootti hin galan” jechuudhaan barreesseera. (1 Qor. 6:9, 10) Seera Waaqayyo qajeelummaadhaaf baasee wajjin walsimanii jiraachuun carraaqqii akka gaafatu beekamaadha. Taʼus carraaqqiin akkasii, karaa fayyaa keenyaaf faayidaa argamsiisuun jiraachuuf, warra kaanii wajjin hariiroo gaarii akka qabaannuufi Waaqayyo duratti fudhatama akka argannu gochuudhaan faayidaa hedduu waan nuu argamsiisuuf kan nama kiisudha.—Isaayaas 48:17, 18 dubbisi.
13, 14. Kiristiyaanota hundaaf itti gaafatamummaan akkamii kennameera? Itti gaafatamummaa kanahoo akkamitti ilaaluu qabna?
13 Hojii adeemsiftuun tokko wanta hojjetus akka qabu yaadadhaa. Nuyis wanti hojjechuu qabnu jira. Kennaa guddaa, jechuunis beekumsi dhugaan nuu kennameera. Waaqayyo beekumsa kana namoota kaanittis akka himnu nurraa eega. (Mat. 28:19, 20) Phaawulos, “Namoonni akka hojjetoota Kristositti, akka warra hojii dhoksaa Waaqayyoo adeemsisuun itti kennameetti, nu lakkaaʼuun in taʼa” jedhee barreesseera. (1 Qor. 4:1) Phaawulos hojii adeemsiftuu taʼuun “dhoksaa Waaqayyoo” akka gaariitti eeguufi ajaja Yesus Kiristos isa Gooftaa taʼee hordofuudhaan namoota kaanitti amanamummaadhaan himuu akka gaafatu hubatee ture.—1 Qor. 9:16.
14 Beekumsa dhugaa namootatti himuun hojii nama gammachiisudha. Kiristiyaanonni haallisaanii garaagara akka taʼe beekamaadha. Hundisaanii tajaajilarratti haala walfakkaatuun hirmaachuu hin dandaʼan. Yihowaanis kana beeka. Wanti barbaachisaa taʼe hamma humna keenyaa waan dandeenye hunda raawwachuudha. Akkas yoo goone Waaqayyottis taʼe namootatti jaalala ofittummaarraa walaba taʼe argisiisna.
AMANAMAA TAʼUUN BARBAACHISAADHA
15-17. (a) Hojii adeemsiftuun tokko amanamaa taʼuunsaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi? (b) Yesus miidhaa amanamaa taʼuu dhiisuun geessisu kan ibse akkamitti?
15 Seerri buʼuuraa sadaffaan warra olitti ibsaman lamaanii wajjin kan wal fakkaatu siʼa taʼu, amanamoo taʼuu akka qabnu kan ibsudha. Hojii adeemsiftuun tokko amalaafi dandeettii gaggaarii taʼan hedduu qabaachuu kan dandaʼu taʼus, gooftaasaatiif yoo amanamaa taʼuu baate amalliifi dandeettiinsaa kun gatii hin qaban. Hojii adeemsiftuu buʼa qabeessaafi milkaaʼina qabu taʼuu yoo barbaaddan, amanamaa taʼuun keessan barbaachisaadha. Phaawulos, “Warra hojii adeemsisan irraa immoo amanamummaatu barbaadama” jedhee barreessuusaa yaadadhaa!—1 Qor. 4:2.
16 Amanamummaa kan argisiisnu taanaan eebba akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yoo amanamoo taʼuu baanne garuu Waaqayyo duratti fudhatama hin argannu. Seerri buʼuuraa kun fakkeenya Yesus waaʼee meetii dubbate keessatti ibsameera. Hojjetaan meetii gooftaasaa amanamummaadhaan “ittiin bitee gurgure” galateeffameera; eebba guddaas argateera. Hojjetaan itti gaafatamummaa gooftaansaa meetii sana ilaalchisee isatti kenne utuu hin raawwatin hafe garuu, “hamaa,” “dhibaaʼaa” fi kan “waaʼee hin baafne” akka taʼetti ilaalameera. Meetiin isatti kenname kan irraa fudhatame siʼa taʼu, namichis gara alaatti darbatameera.—Maatewos 25:14-18, 23, 26, 28-30 dubbisi.
17 Yeroo garabiraattis Yesus amanamoo taʼuu dhiisuun miidhaa akkamii akka geessisu ibseera. Akkas jedhe: “Namni sooressi tokko, qabeenya mana isaa hundumaa irratti kan gaafatamuuf, hojii adeemsiftuu qaba ture; al tokko hojii adeemsiftuun isaa kun qabeenya isaa akka duraa bittimsaa jiru, namichatti in himame. Yommus namichi ofitti isa waamsisee, ‘Waaʼee keef kanan dhagaʼu kun maal inni? Caaffata hojii adeemsisuu keetii, anaaf dhiʼeessi! Siʼachi itti fuftee hojii koo adeemsisuu hin dandeessu’ ittiin jedhe.” (Luq. 16:1, 2) Hojii adeemsiftuun sun qabeenya gooftaasaa waan bittimseef, gooftichi hojiisaarraa isa ariʼe. Kanarraa barumsa guddaa arganna. Hamma nuu dandaʼame wanta Waaqayyo nurraa barbaadu raawwachuudhaan yeroo hunda amanamoo taʼuu barbaanna.
WARRA KAANII WAJJIN WALBIRA OF QABUUN SIRRIIDHAA?
18. Namoota kaanii wajjin walbira of qabuu kan hin qabne maaliifi?
18 Hundi keenya, ‘Hojii adeemsiftuu taʼuu ilaalchisee itti gaafatamummaa natti kennameef ilaalcha akkamiin qaba? ‘ jennee of gaafachuu dandeenya. Warra kaanii wajjin walbira kan of qabnu taanaan rakkinni uumamuu dandaʼa. Macaafni Qulqulluun, “Namni adduma addaan hojii ofii isaa qoree haa ilaalu! Yoos yaaduma ofii isaatii duwwaadhaan of jajuu isaa malee, namni biraa akka isa hin jajanne arguuf jira” jechuudhaan nu gorsa. (Gal. 6:4) Wanta hojjennu, wanta namoonni kaan raawwatanii wajjin walbira qabuu mannaa, wanta nuyi hojjechuu dandeenyurratti xiyyeeffachuu qabna. Kana gochuun keenya of gurguddisuurraa qofa utuu hin taʼin, abdii kutachuurraas nu eega. Haalli keenya jijjiiramuu akka dandaʼu beekuu qabna. Tarii fayyaa dhabuudhaan, dullumaan ykn itti gaafatamummaa garaagaraatiin kan kaʼe hamma kanaan duraa hojjechuu hin dandeenyu taʼa. Karaa garabiraammoo, waan amma raawwachaa jirru caalaa hojjechuu dandeenya taʼa. Taanaan, sochii dabalataa gochuuf yaaluu dandeenya.
19. Mirgawwan tokko tokko nuu kennamuu baataniyyuu abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi?
19 Kallattiin garabiraan qoruu qabnummoo, itti gaafatamummaa amma qabnu ykn fudhachuu barbaannudha. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko gumii keessatti jaarsa taʼuu ykn walgaʼii gurguddaarratti kutaa dhiheessuu barbaada taʼa. Ulaagaa mirga akkasii argachuuf barbaachisu guutuuf jabaatanii hojjechuun gaarii taʼus, yeroo argachuu barbaannetti yoo nuu kennamuu baate abdii kutachuu hin qabnu. Sababii nuti beekuu hin dandeenyeen kan kaʼe mirga tokko tokko utuu nuu hin kennamin yeroo nuyi eegne caalaa turuu dandaʼu. Museen Israaʼeloota biyya Gibxiitii baasuuf gaʼumsa kan qabu isatti fakkaatee kan ture taʼus, itti gaafatamummaa kana fudhachuuf waggaa 40 eeguun isa barbaachisee akka ture yaadadhaa. Yeroo hammanaa turuunsaa, amala namoota mata jabeeyyiifi hamoo taʼan geggeessuuf isa barbaachisu horachuuf yeroo gaʼaa akka argatu isa gargaareera.—HoE. 7:22-25, 30-34.
20. Muuxannoo Yonaataanirraa barumsa akkamii argachuu dandeenya?
20 Mirgi tokko tokkommoo matumaa nuu kennamuu dhiisuu dandaʼa. Yonaataan haalli akkasii isa mudatee ture. Ilma Saaʼol waan taʼeef, Israaʼelirratti mootii taʼuuf mirga qaba ture. Haataʼu malee, Waaqayyo Daawit isa dargaggeessa taʼe mootii gochuuf filate. Yonaataan yeroo kanatti maal godhe? Murtoo Waaqayyo godhe kana fudhachuudhaan hamma lubbuusaa balaadhaaf saaxiluttillee Daawitiin deggereera. Daawitiin, “Ati Israaʼel irratti in moota, ani immoo itti aanaa kee nan taʼa” jedheera. (1 Sam. 23:17) Fakkeenya kanarraa barumsa akkamii arganna? Yonaataan jijjiirama godhame kana amanee kan fudhate siʼa taʼu, haala abbaasaarraa adda taʼeen Daawititti hin hinaafne. Hundi keenya hojii warri kaan akka hojjetan isaanitti kennametti hinaafuu mannaa, itti gaafatamummaa nutti kenname raawwachuurratti xiyyeeffachuu qabna. Yihowaan addunyaa haaraa keessatti tajaajiltootasaatiif fedhiisaanii warra sirrii taʼan hunda akka guutu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.
21. Mirga hojii adeemsiftuu taʼuuf arganneef ilaalcha akkamii qabaachuu qabna?
21 Hojii adeemsiftoota amanamoo waan taaneef, akka namoota garba namaa taʼaniifi hacuucamaa, akkasumas imimmaan dhangalaasaa jiraatanii akka hin taane yaadachuu qabna. Haalli keenya kanarraa addadha. Guyyoota gara dhumaa sirna hamaa kana keessatti misiraachoo labsuudhaan hojii lammata hin hojjetamne kana akka hojjennu, hadaraadhaan waan nutti kennameef mirga guddaa arganneerra. Hojii kana yommuu hojjennu itti gaafatamummaa keenya akkamitti akka raawwannu murteessuuf mirga qabna. Kanaaf, hojii adeemsiftoota amanamoo haa taanu. Mirga Qaama uumama cufa keessatti olaanaa taʼe tajaajiluuf arganneefis iddoo guddaa haa laannu.
[Fakkii fuula 12rra jiru]
Hojii nutti kenname amanamummaadhaan haa raawwannu